0% found this document useful (0 votes)
41 views

power point

Reading materials

Uploaded by

Rejal
Copyright
© © All Rights Reserved
We take content rights seriously. If you suspect this is your content, claim it here.
Available Formats
Download as PDF, TXT or read online on Scribd
0% found this document useful (0 votes)
41 views

power point

Reading materials

Uploaded by

Rejal
Copyright
© © All Rights Reserved
We take content rights seriously. If you suspect this is your content, claim it here.
Available Formats
Download as PDF, TXT or read online on Scribd
You are on page 1/ 112

Balaa tiraafikaa waliin haa

ittisnu!!!

Dhabbata leenjii
konkolaachistoota riifti vaalii
Rift valley drivers training center
Barnoota Leenjii
Konkolachisumma
Qopheessaan:-Tulu. M
Qabiyyee barnoota

 Barnoota sirna amala (xin-sammuu)


 Amala konkolachisummaa
 Sirna amala konkolaachisummaa
 Dhimmoota sirna amala konkolaachisummaa
 Naamusa fi ogummaa
 Konkolaachisaa balaafama
 Seera fi dambiilee geejibaa
 Mallattoole daandii irraa
 Sarara daandii gidduu
 Ibsaa traafikaa
 Seeraa konkolaachisummaa
 Mallattoole harka poolisi
 Daangaa saffisaa
Itti fufa…
 Bu`uureffama konkolaataa fi Akkaataa isaan ittiin
Hojjetan
 Bu’uureffama konkolaataa
 Mootora ( Engine)
 Kutaalee humna dabarsan ( Power transmission)
 Shaansii (Chassis), marii, fireeni fi kkf
 Kutaalee Elekitirikaa ( Electrical system)
 Kutaalee Qaama konkolaataa (Body)
Ulaagallee eeyyamaa konkolaachisumma
 Motooraa fi konkolaata mana (automobile) argachuuf yoo
xiqqate kuta 4 fi isa ol, umurii waggaa 18 fi isa ol.
 Mil-sadee (bajaajii) argachuuf kuta 10 fi isa ol, umrii waggaa
20 fi isa ol
 Goggaa tokkoo fi ummaata tokkoo argachuuf kuta 10 fi isa ol,
umrii waggaa 22 fi isa ol.
 Gogga 2, U2 fi dhangala’aa tokkoo argachuuf kuta 10 fi isa ol,
umrii 24 fi isa ol akkasumas gosa leenjii walfakkatuun U1,G1
eeyyaama konkolachisumaan muxxannoo waggaa tokkoo
qabachuu qaba.
 G3,U3 fi dhangala’aa lama argachuuf kuta 10 fi isa ol umurii
waggaa 26 fi isa ol
 Oporetaaruummaaf argachuuf kuta 10 fi isa ol umrii waggaa
20 ol ta’uu qaba.
Sirna Amala Konkolaachisummaa

 Konkolaachistonni yeroo konkolaata ofaan amala dhunfaa


isanin akkamitti sirna amala konkolachisuumaf bitamuu
akka qaban kam ibsu baruumsa bu’uura taheedha.
 Sirna amala jechuun maal jechudha?
Yaadoota lamatu jira
1. Sirna amala jechuun amala namafi amala bineensoota
haala saayinsawwaa taheen kan qo’aatudha.
2. Sirna amala jechuun amala fi yaada sammuu karaa
saayinsawwaa taheen kan qo’aatudha.
Itti fufa…

 Amala;- jechuun bu’aa yaada , ilaalcha fi gocha namootati.


Kuni immo Kalaatiidha yookiin al kalaatiidhan beekamu ni
danda’aa.
Maddoota amalaa
 Dhaala naannoo fi maatii
 Amalaa dhaala nannoo kan jedhamaan;- afaan nannoo,
aadaa nannoo, amantaa nannoo fi kanneen kana fakkaatani
irraa dhaalamu jechuudha.
 Amalaa dhaala maatii jechuun hadhaa fi abbaa irraa karaa
sanyiin dhaalamu jechuudha.
Xiin-sammuu konkolaachisummaa

 xiin-sammuu konkolaachisummaa jechuun amalaa


konkolaachistooni yeroo konkolaata oofan agarsiisan kan
qo’atudha.
 Kayyoon barumsaa kan inni guddaan balaa hirisuudha. Kun
immoo kan tahu danda’uu amaloota hin barbachisne
hambisuudhaani.
Faayida sirna amala konkolachisuummaa
 Gadi of qabuu
 Kabajaa
 Gara –laafinaa
 Ilaalcha maatii qabachuu
 Miira tajaajilamoota daandii irraa kabajuu
 Akka lammiitii seera fi heera kabajuu
Dhimmoota sirna-amala konkolaachisummaa

Dhimmoota sirna amala konkolaachisummaa kanneen jedhamaan


1. Qophaa’ina
2. Kaka’umsa
3. Deemsa oddeeffannoo sassaabuu fi hiika itti kennuu
1) Qophaa’ina;- muuxaannoo fi leenjii irraa, sammuu bilchinaa irra,
barnootaa fi kaka’umsa irraa dhufuu danda’aa.
Qopha’ina konkolaachisaa kanneen jedhamaan
 Konkolaachisuun dura fayyummaa ofii mirkaneeffachuu
 Konkoolaataa keenya sakatta’uu
 Haala daandii dursaanii baruu
a.
Itti fufa…

Faayidaa qopha’inaa
 Konkolaachisaan bakka yaade yeroon akka ga’u
gargaara
 Imaltoon osoo hin gidiramiin bakka barbaadan akka
ga’an taasisa
 Konkolaataan ga’umsaan yeroo dheeraaf akka tajaajilu
taasisa
 Deemsaaf karoora baafachuuf gagaraa
2) Kaka’uumsa;- dadammaqina namoota keessaa jiru
ta’ee deemsaa galmaan gahuuf kan nama
daddaamaaksuudha.
 Kaka’uumsa fedhiin oli garu hin barbaachisu.
3) Deemsa oddeeffannoo sassaabuu fi hiika itti
kennuu
 Konkolaataa to’atanii konkolachisuuf akkasuumas
tarkaanfii ofii fudhaachuuf
oddeeffannoo sassaabuun ga’ee guddaa qaba.
 Ija :-deemsa oddeeffannoo sassaabuu keessaa iji keenya
80%-90% ga’ee qaba. Halkaan dandeetiin oddeeffanno
sassabuu konkolaachisaa dacha sadiin hira’ata.
 Gurra:-deemsa oddeeffannoo sassaabuu keessaatti ija
keenyaatti ansee gurri keenya sadarkaa lammaaffaa irratti
ga’ee qaba.
 Harkaa fi miila
 Fuunyaan
Itti fufa…

Deemsa oddeeffannoo sassaabuu waa sadii of kessaa qaba


A. Qalbeeffannoo c) Hubannoo
B. Xiyyeeffannoo
1) Qalbeeffannoo:- jechuun adeemsa oddeeffannoo naannoo
irraa qaama miira keenyaan saassaabuu, qindeessuu fi gara
sammuutti erguu qalbeeffannoo jedhaama.
2) Xiyyeeffannoo:- jechuun adeemsa oddeeffannoo gara
sammuutti ergame keessa isa caalaa fi barbaachisaa ta’e
fillaachuu xiyyeeffannoo jedhaama.
3) Hubannoo;- jechuun adeemsa oddeeffannoo yaada keenya
keessaatti qabane gadii fageenyaan addaan baafinee baruu,
filuu, qindeessuu fi hiika itti kennu hubannoo jedhaama.
Itti fufaa…

Sababa jijjiirama amalaa


 Jijjirama qaamaa
 Haala naannoo
 Leenjii
 Amala maatii irraa dhaalame
 Haala fayiina qaama
Sina Naamusa fi ogummaa konkolachisummaa
 Naamusa jechuun wanta garii fi badaa addaan basuun, badaa
dhisuun, wanta garii akka fudhaanu duudhaa nu tasisuudha.
 Ogummaa jechuun hojii haawasa keessatti kabajama ta’ee,
sadarkaa beekumsaa fi dandeettii irratti, bu’uura barnoota fi
leenjiin kan argamuudha.
 Naamusa ogummaa jechuun ogeessi tokko gita hojii itti
bobba’een bu’a qabeessaa ta’uuf seera fi dambiwwan inni
hordoofuu namuusa ogummaa jedhaama.
Itti fufa

 Konkolaachiftoonni naamusa ogummaa eeganii


konkolaachisan kannen armaan gadii rawwatu.
 Qoricha hojii isaanii irratti dhiibaa fidu hin fudhatan.
 Yoo dhugan hin konkolaachisan.
 Boqonnaa malee sa’a afuriii ol hin konkolaachisan.
 Boqonnaa guutuu ykn gahaa ta’e fudhatu.
 Deemsa isaanii tiif karoora baasu.
 Nageenyi konkolaataa kan eegamu nageenya isaaniif akka
ta’e ni hubatu
 Haala rakkisaa ta’e keessa hin konkolaachisan
Itti fufa

 Qaamota konkolaataa osoo hin socho’in dura ni


sakatta’u
 Karaa marfataa ta’e irratti of eeggannoo guddaa
taasisu
 Seeraan ala ibsaa dheeraaa (high beam) hin
gargaaraman
 Seeraa fi dambii daandii kabajani konkolaachisu.
 Ogummaa konkolachisuutiin dandeettii isaanii ol
guddisuu barbaadu.
Amaloota konkolaachisaa irra hin
eegamne
 Gidiramaa ta’uu,
 bayy’ee of jaallataa fi of jajaa ta’uu
 karaa cufuu,
 seera kabajuu dhiisuu walitti bu’iinsa akka salphaatti
ilaaluu,
 Alkoolii dhuganii konkolaachisuun
 Dandeetti ilaaluu, xiyyeefachuu, fi qalbeefachuu hir`isuu,
 Caatii qaama’uu
 Konkolaachisaan isa qofa akka taheeti of ilaalu
Dhiibba dhugaatiin amala konkolaachisaa
irratti fiduu
Konkolachisaan tokkoo dhugaatti dhuguu yoo
barbaadee,
1. Konkolaata deddebisaa ummaata faayadamu
2. Konkolaachisa dhugaati hin dhugiin akka
konkolaachisuu gochuu,
3. Iddoo dhugaan bulu,
4. Bibilluun konkolaachisa kan biraa waamu
5. Dhugaati dhuguun sirrii tahee yoo siti mula’ate matii
ykn hiriyoota waliin mana ofiiti dhugu.
Amaaloota Konkolaachisaa balaafamaa
(farrissaa)

 Muddamanii konkolaachisuu
 Araada adda addan qabamanii konkolaachisuu
 Sodaadhaan konkolaachisuu
 Aariin konkolaachisuu
 Na argaa na argaa jedhaa konkolaachisuu
 Itti gaafatamumaa ofii daagachuun konkolachisuu
konkolachisaan balaafama bakka sadiitii
qoodama.
a. Obsa dhabuu fi xiyyeeffannoo itti kennuu dhiisuu
b. Yaalii dhiibbaa geessisuu
c. Maal-dhibdee fi jeequmsa daandii irraa.
Itti fufa…

 Obsa dhabuu yommu jedhamu


 Ibsaa diimaa darbanii Konkolaachisuu

 humnaa ol saffisuu

 Mallattoo barbaachisaa ta’e ilaaluu dhiisuu

 Seeraan ala sarara jijjiiruu

 Fageenya konkolaataa biraa hordofuu eeguu dhiisuu.

 Dhiibaa uumuu jechuun


 Karaa cufuu
 Xurumbaa (faaggaa) seeran ala dhageessisuu
 Abaarsa, sodaachisuu fi itti dhiyaatanii konkolaachsuu.
 Haala haalootiin tasa fireenii qabuu dha.
 Karaa irra dhaabuun sodaachisuu
 Malattoo osoo hin agarsiisiin dursuu fi kan
fafakkaatanii dha
 Maal-dhibdee fi jeequmsa daandii irraa
 Dhuuganni konolaachisuu
 Aariitin konkolaachisuu
 Meeshaa waraana kokolaachisaa biraati dhukaasuu
 Dandii irraa konkolaata dhabbuun sodaachisuu fi
hookorraa kasuu
Konkolaachisaa balaafamaa akka hin taaneef
waantota rawwatamuu qaban
 Bakka yadaan ga’uuf yeroon ka’uu
 Hangaa danda’ametii sagantaa deemsaa yeroo hojii
seenanii fi bahan irra akka hin taane gochuu
 Muuziqaa bashannansiisaa bananii dhaggeeffachuu
 Wantii nu tursiisu yoo jiraate qaama dhimmi ilaallatutti
bilbilaan beeksisuu
 Sochii taasifamuu hundumaaf obsaa fi of eegannoon
konkolaachisuu
 Mijaa’ina konkolaata eeguu
 Konkolaachisaan balaafamaa yeroo nu muudatu badii inni
dalage haaloo ba’uu dhiisuu fi miira keenya to’achuu.
Damee amala konkolaachisummaa sadan

 Damee amala konkolaachisummaa sadan kannen


jedhaman.
1. Amala qalbeeffannoo….dalagaa sammuu waliin
walqabata
2. Amala miiraa….miiraa(qaama) giddu galessaa kan
goodhateedha.
3. Amala dandeettii addaa….qindoomona qaama fi
sammuuti
SEERAA FI DAMBII TIRAAFIKAA
(GEEJJIBAA)
 Tiraafikaa jechuun maal jechuudha?
 Tiraafikaa jechuun lafa irra, qilleensa irraa fi bishaan
irraa sochiin tasifaamuu kamiyyuu tiraafikaa jedhama.
 Sababboota balaa tiraafikaa bakka 3tti qoodna.
1. Amala konkolaachisaa.
2. Amala konkolaata
3. Haala nannoo fi lafa deemtoota jedhamu.
Amala konkolaachisaa
 Maal na dhibdeen konkolaachisuu
 Baala sammuu nama haadoochuu fayyadamanii oofu
 umurii
Amala konkolaata
 Gahuumsi teeknikaa konkolaata haala seera
qabbeessaan yoo hin eegamne balaa guddaa qaba.
Qamoolee konkolaata yoo midhamaan balaa nu irraa
qaqqabsisaan,
1. Kutaalee to’aana konkolaata
2. Kutaalee walqunaamtii
3. Mallatoolee dash boordii irraa
4. Kutaalee to’aannoo ilaalchaa
5. Miidhaa gahuumsa teekniika
1, Kutaalee to’aana konkolaata
 Marii
 Fireenii
 Kambiyoo
 Firiisiyoon
 Pedaalii boba’aa
 Furtuu
2, Kutaalee walqunaamtii
 Fireecha ibsa gabaate
 Ibsa dhaabii ibsa cinaa
 Faaggaa ibsa gababbaa fi dheeraa
 Ibsa marshii duuba
 Ibsa of eegaannoo
Itti fufa….
Fireecha
 Fireecha bita Fireecha mirga
 Bakka dhabbaatu ka.uuf ……….dhabbachuuf
 Gara bitaatti goruuf……………….gara bitaatti goruuf
 Dursuuf…………………………………dursa kennuuf
 Saraara mirga irra gara ………...saraara bita irra gara
bitaatti jijjiruuf mirgaati jijjiruuf
 Gara bitaatin nanna’ee
deebi’uuf
3, Mallatoolee dash boordii irraa

 Qaamnii wa’ee nageenya, sochii, saffisaa fi deemsaa


konkolaata konkkolaachisaaf ibsuu safartuu fi to’annoo
konkolaataa jedhama.
 Safartuu boba’aa (fuel gauge)
 Safartuu ho’aa (temperature gauge )
 Safartuu saffisaa (speed meter)
 Safartuu deemsa waliigalaa (odo meter)
 Safartuu deemsa tokkoo (trip meter)
 Takkoo metiirii (taco meter)
 Ibsa akeekkachiisaa batirii (battery charging lamp)
Itti fufa…

 Safartuu dhiibbaa zayitii (oil pressure gauge)


 Ibsaa ho’iftuu motora naafxaa(pre heat engine)
 Ibsaa akeekkachiftuu fireenii harkaa
 Ibsaa akeekkachisaa calaltuu
 Anti lock brake system
 Akeekkachisa balbalaa
 Belt sign
 Air bag sign
 Mallattoo ibsa dheeraa (long beam sign)
 Ibsa yeroo rakkina motora ifuu
4, Kutaalee to’aannoo ilaalchaa

 Dawwitii cinaachaa
 Baqsituu hurrii
 Ittiftuu balaqqee aduu
 Haxooftuu roobaa
 Ibsaa fuula duraa
 Daawwitii booda mul’isu
 Ibsaa kessaa fi kkkfn dha.
Miidhaa gahuumsa teekniika konkolaata

 Mariin seeran suphaamu dhiisuu


 Fireeniin haala amansiisa taheen qabu dhiisuu
 Ilkaan gommaa dhumu
 Haxooftuun roobaa seeraan dalguu dhisuu
 Akka fedha keeti socha’uu didduu dawwiiti cina fi
fulduura agarsiisan
 Mallatooleen daash boordii hojeechu dhabuu
 Motora duloome fi rakkoo gargaara qabu
Amala nannoo

 Irraan gade hamman bakka itti baaya’aatu


 Dandii marfaata itti baaya’atu
 Nannoo roobni itti baaya’atu
 Nannoo dandii bade
 Nannoo riqichii dhiiphan itti argamu
 Nannoo lafa mucuuccatan itti baaya’atu
 Tabbaa hamman iddoo itti argamu
 Nannoo hurii fi dumeessii itti baaya’atu
 Lafa dhukeen itti ka’uu
Malattoolee Qarqaraa Daandii Irraa Idil-
addunyaa
 Mallattooleen qarqaraa daandii Addunyaa waa’ee:-
 seeraa fi dambii geejjibaa ibsuuf ,
 haalaa fi kallattii daandii agarsisuuf,
 dhaabilee tajaajilaa kennan ibsuuf
 fageenya deemsaa Kanneen odeeffannoo fi ragaa kennuuf kan
tajaajiluu dha
 Mallatoolee qarqaraa daandii Idil-Addunyaa hiika kennaniin /ergaa
dabarsaniin/kutaawwan ijoo sadii (3)tti qoodamu. Isaanis:-
1. kan akeekkachiisan
2. kan too’atan fi
3. odeeffanoo kan dabarsan, jedhamanii kan qoodaman yammuu ta’u
haallu fi rogni isaan ittiin hojjattaman ergaa maal dabarsuu akka
barbaaddame kan ibsaniidha
Mallattolee Akeekkachisan

 Bocni isaanii rog-sadee


 Naannoon isaanii halluu diima
 Gidduun (gabate) halluu adii
 Ergaan kan itti dabrsaan halluu gurraachaadha

Daandii irratti riqicha dhiphaan waan siqunnamuuf of-eegganoon


konkolaachisi.

Hojjatoonni daandii suphan waan siquunamaniif saffisa


hir`isuun of-eeggannoon konkolaachisi.

Daandiin fuuldurakee gara bitaatti deemu waan si qunnamuf


of-eeggannoon konkolaachisi.
Itti fufa…

Daandiin fuuldurakee mirgaa fi bitaatti kan maqu malee fuula duratti kan hin deemsifne
waan ta`eef of-eeggannoon konkolaachisi.

Daandii manca’aan waan siqunnamuuf saffisa hir'isuun of-eeggannoon konkolaachisi.

Hadiida baaburaa cufa qabu kan daandii qaxxaamuru waan siqunnamuuf of-
eeggannoon konkolaachisi.

Hadiida baaburaa daandii qaxxaamuru fageenya gabaabaa kessatti


deddeebi'ee jiraachu isaa mallatoo akeekkachiisuu dha.
Abbaan sarara sadii meetira 250 irratti
Abbaan sarara lamaa meetira 170 irratti
Abbaan sarara tokkoo fageenya meetira 100 irrattii qaxxaamurri hadiida
baaburaa waan siqunnamuuf of-eeggannoon konkolaachisi.
Itti fufa…
Daandirra qaxxaamura hadiida baabura lama waan siqunnamuuf of-
eeggannoon konkolaachisi.

Dhumni daandii asfaaltii waan siqunnamuuf saffisa hir`isuun of-eeggannoon


konkolaachisi.

Daandii dhagaa darbatamaa (sigiiga) qabu waan siqunnamuuf saffisa


hir`isuun of-eeggannoon konkolaachisi.

Fuula duratti mallattoon dursa kenni jedhu waan siqunnamuufsaffisa


hirisuun of-eeggannoon konkolaachisi.

Daandii qarqara lagaatti geessu waan si quunnamuufsaffisa hir`isuun of-


eeggannoon konkolaachisi.

Qarqarri daandii hammaataa waan ta’eefsaffisa hir`isuun of-eeggannoon


konkolaachisi.
Mallattoolee Qarqaraa Daandii Idil-Addunya
kan To`atan
Mallattooleen kun bakka sadiitti qoodamu.
 Kan dhowwan (dhorkan)
 Kan dirqisiisanii fi
 Dursa kan kennisiisanii dha.
Kan dhorkan /kan Daangessan/:-
 Mallattoolee kun bocni isaanii geengoo halluu diimaan dibame yoo
tahu,
 Madabiin isaanii halluu adiin dibamee
 Ergaan isaan dabarsan ammoo halluu garraachaan fakkii /xiyyaa
ykn lakkofsaani.
Itti fufa…

Konkolaataan gosa kamiyyuu kan harkaan dhiibaman dabalatee


darbuun dhorkaadh

Kallattii mallattoon kun jiruun konkolaachisaa darbuun dhorkaadha.

Konkolaattota xixiqqaa miila lamaa olii bakka mallattoon kun


dhaabbate irraa kaasee hanga mallatto “isa dhuma”(END) jedhu bira
darbamutti dursuun dhorkaadha.
Daandii kana irraa Doqdoqee konkolaachisaa darbuun dhorkaa dha.

Konkolaataa fe’umsaa ulfaatinni waliigalaa(toonii) mallatto irratti


ibsameen ol ta'ef darbuun dhorkaadha.

Konkolaataan humna namaatiin socho’u daandii kanaan darbuun


dhorkaadha.
Itti fufa…
Daangaa magaallatti seenaa waan jirtuuf seera magaalaa keessatti
konkolaachisuuf tumaman(ka`aman) kabaji.
Sagalee akeekkachisaa /faaggaa/ kamiiyyuu dhageessisuun
dhorkaadha.

Konkolaattota waantota boba’an (dhohan) fe’anii deemaniif darbun


dhorkaa dha

Konkolaataa cabe harkisanii darbuun dhorkaadha.

Bakka mallatoon kun jiru irraa kaasee hanga daandii qaxxaamuraa


itti aanee jiru ykn mallattoo kana kessatti dhuma jedhu hanga
darbitutti yeroo gabaabaafis ta’ee yeroo dheeraadhaaf konkoolaataa
dhaabuun dhorkaadha.

Konkolaataa humna mootoraatiin socho'an kamiyyuu konkolaachisaa


darbuun dhorkaa dha.
Mallattoolee QarqaraDaandii kan Dirqisiisan
 Mallattoolen qarqara daandii madabini (gabateen) isaanii halluu
cuquliisaan kan dibame yoo tahu
 ergaan dabarsan xiyyaa adii ykn fakkii adiidhaan agarsiisu.
 Fakkiin (xiyyaan) halluu adiitiin hojjattame ergaa ykn ajaju
dabarsuudhaaf kan qophaa`ee dha

Karaa gara bitaa jiru qofaan darbi

Daandii biskileettii qofaaf heyyamame

Gara xiyyaan agarsiisutti mirgakee qofaatti konkolaachisi

Kallattii xiyyaan agarssisuun qofaatti konkolaachisi


Mallattolee Qarqara Daandii Dursa
KanKennisiisan
 Mallattoon kun bocni isaaniitii fi madabin(gabateen) isaanii addaa adda yoo ta’an
illee ergaan isaan dabarsan dursa kenni ykn dursa qabda kan jedhuu dha.
 Mallattoota kanneen, daandiwwan wal qaxxaamuranii fi daandiwwan walitti
dhufan irratti argamu.
Dhaabbadhu!Daandii qaxxaamura konkolaattota seenaniif dursa
kennii darbi.
Daandii dursa qabda kan agarsiisudha.

Mallattoo ajaja dhuma daandii dursa qaba jedhuuti.

Konkolaataa fuulduraa dhufuuf dursa kenni

Daandii lafoo deemtotaa irratti dursa kennii darbi


Mallattoo Qarqara Daandii Kan Odeeffannoo
(Ragaa) Kennan
 Mallattoo qarqara daandii odeeffanno kennan bocni isaanii abba roga
afuri ta’e odeeffannoo kan kennanii fi kallatii kan agarsiisan jedhamanii
bakka lamatti qoodamu.
Bakka boba’aan itti waraabamu

Bakka Manni nyaataa (Restoraantin) itti argamu

Bakka bashannanaa ykn Kaafteriyaan itti argamu

Bakka suphaa konkolaataa (Garaajiin) itti argamu

Kallattii daandiin ykn imalaan deemuuf ragaa ykn odeeffannoo sirri


tahe kan kennanii dha.
Sararoota Daandii irraa Addunyaa guutuu
irratti beekaman
 Sararootni kun tajaajilli isaanii inni guddaan daandiwwan
kallattii tokkoo lamatti hiruuf yoo ta’u
 dabalataanis, mallattoo daandii cina(qarqara) dhaabuuf bakka
hin mijatnetti, mallattoo bakka bu’uudhaan – haala daandichaa
ibsuudhaan ajaja dabarsuuf tajaajilu.
Sararoontni daandii irratti saraaraman akka tajaajila isaaniti
bakka lamati qoodamuu,
 Tajaajila lafoo deemtotaaf fi
 Tajaajila konkolaataaf kan oolanii dha.
 Akka saraarama isaanitinis bakka lamati qoodamu
1. Dandii qaxxamuuran kan saraaraman
2. Kallatti dandiin kan saraaraman
Tajaajila lafa deemtotaaf kan oolan

 Sararootni gara qaxxaamura daandiitiin sararaman


ce’umsa lafoo deemtotaaf yoo ta’u, lafa deemtonni
fageenya gabaabaan akka daandii qaxxaamuraniif
tajaajila.
Sararoota tajaajila konkolaataatiif oolan

 Sararootni kun kan sararaman walqixa daandii ykn kallattii


daandii tiin kan sararamanii dha. Isaanis
 sararoota Duudaa (addaan hin ciccinne )
 sararoota addaan ciccitan
 sararoota addaan cicitanii fi addaan hin cicine wal-faana
Kan sararaman jechuu dhaan beekamu
Sararoota addaan ciccitan
Sararootni kun bakka tiraafikni itti hin baay`atnee fi bakka
naanna`uuf konkolaataa biraa fageenya irratti arguuf
mijatutti kan taasifamanii dha. Bakka sararri kun jirutti
 konkolaataa biraa ce`anii dursuun ni danda`ama
 of- irra naanna`anii deebi`uun ni danda`ama
 Gara bitaati nanna’uun ni danda’aama
Sararoota addaan hin ciccitne

 Sararootni kun kan itti taasifaman,bakka tiraafikni itti


baay`atutti ( konkolaataan itti baay`atutti) fkn. Magaalaa
keessatti, Bakka fageenya irrati arguuf hin mijannetti (
marafata irratti).
Bakka sararootni kun jiranitti:
 konkolaataa bira darbani dursuun dhorkaa dha.
 Of irra naanna`anii duubatti deebi`uun dhorkaa dha .
 Gara bitaati goruun dhorkaadha.
Sararri addaan hin ciccinnee fi addaan ciccite walfaana
yommuu sararaman
 Daandiin abbaa kallatti lamaa tokko yommuu sarara addaan hin ciccitnee
fi sarara addaan cicciteen bakka lamatti qoodamu, konkolaachisaan gara
sarara addaan hin ciccitneen konkolaachisu seera sararichi dhorku yoo
kabaju, inni gara sarara cicciteen konkolaachisu immoo, seera sararichi
heyamuufitti fayyadamuu danda`a.
Sarara hirtuu daandii
 Sararri kun daandii kallattii lamatti hiruuf tajaajila.
 Sarara hirtuu daandii irraa qaxxaamuranii marfachuun, boodatti
naanna’uun fi dursuun hin danda’amuu.
 Daandiin abbaa kallattii tokkoo tooraa tooraan yeroo
sararamuu
 Toora daandii kana keessa gara boodaatii deebi’uun dhorkaadha
 Toora ofii jijjiiruu fi dursuun ni danda’ama.
 Konkolaataan saffisa guddaan deemu toora bita irraa deemuu
qaba
 Konkolataan saffisa giddugaleessaan deemu toora gidduu
qabachuu qaba
 Konkolaataan saffisa xiqqaan deemu toora mirgaan irra deemu
qaba
 Bakka qaxxaamura daandii irra osoo hin gahiin dursinee kallattii
irra deemnu filachuu barbachisaa.
Ibsaa tiraafikaa
 Ibsaan tiraafikaa bakka qaxxaamura daandii irraatti dhaabamuun
sochii daandii irraa dabareen keessummeessuuf tajaajila.
 Bakka lamatti qoodamu. Isaanis
 Ibsaa tiraafika miilaa (lafoo).
 Ibsaa tiraafika konkolaataa jedhamu.
Ibsaa tiraafika miilaa (lafoo)
Ibsaan bakka qaxxaamura daandii irraatti dhaabamanii fi fakkii namaa of
keessaa qabaan ibsaa tiraafikaa miilaa jedhamu.
 Akkaataa taa’uumsa ibsaa tiraafika miilaa (lafoo) halluu isaa
1. Ibsaa diimaa
2. Ibsaa magariisa
Itti fufa…

 Ifaa diiman fakkii namaa qabu yommuu ifu lafoo deemtoni


daandii akka qaxxaamuran kan dhorku yoo tahu.

 Ifaan fakkiin namaa haalluu magarsa yommu ifu lafo deemtoni


mallattoo sararaa isanif qophaa’e qofa fayyadamuun
qaxxamuruu ni danda’u
Ibsaa tiraafikaa konkolaataa
 konkolaattoti kallattii adda addaa irraa gara daandii walqunamsiistutti
dhufaa jiran tartiibaan akka walbira darbuu danda’an ibsaa tajaajilu
dha.
 Akkaataa teesuma isaanin ibsaan tiraafikaa konkolaataa bakka 3ti
qoodamu,
 Ibsaa diimaa
 Ibsaa keelloo
 Ibsaa magarisa.
 Akkaata ifiinsa isaanin immoo bakka 4ti qoodamu
 Ibsaa diimaa
 Ibsaa diima fi keelloo (walfaanaa)
 Ibsaa magariisa
 Ibsaa keelloo
Itti fufa…
 Konkolaattonni gara qaxxaamura daandii dhufaa jiran
qaxxaamura daandii keessaa osoo hin seeniin dhaabachuuf
qophaa,uu qabu.
 Ibsaa diimaa….konkolaattonni gara qaxxaamuraa daandii osoo
hin seeniin dhabaachuu qabu.
 Ibsaa diimaaf keelloo…yeroo ifan konkolaattonni dhaabatanii
turan deemuuf qopha’uu.
 Ibsaa magarisaa….konkolaattoonnii gara daandii qaxxaamura
ga’anii darbuu ni danda’u.
 Ibsaa keelloo…ibsaa keelloon yeroo ifu konkolaattonnii
qaxxaamura daandii kessaa galan dafanii daandicha gadi
dhiisanii ba’uu qabu.
Itti fufa…
 Ibsaa keelloon yeroo dheeraaf ifee-badaa walitti aansee
yeroo ifu, konkolachisaan bakka qaxxaamura daandii ga’e
saffisa (ariitii) isaa xiqqeessuun bita fi mirgaa ilale darbuu
qaba.
 Ibsaa diimaa yeroo dheeraaf ifee-badaa walitti aansee
yeroo ifu, konkolaachisaan bakka qaxxaamura daandii ga’e
dhaabatee bita fi mirgaa ilaalee darbuu qaba.
 Ibsaan magarisaa ifee osoo jiruu konkolachisaan fageenya
irratti yoo arge, saffisa isa osoo hin dabaliin gara
qaxxaamura daandii ga’uu qaba.
Hiika fi gocha mallattoo harkaa poolisii tiraafikaa

 Mallattoon harka poolisii traafika kanaakonkolaachistoota fulduraan


dhufaa jiran ni dhaabsisa

 Mallattoon harkaa poolisii tiraafikaa kun konkolaattota karaa duubaa


dhufaa jiran ni dhaabsisa.

 Mallattoon harkaa poolisii tiraafikaa kun konkolattota fuulduraa fi


duuban gara qaxxamura daandiitti dhufaa jiran ni dhaabsisa
Itti fufa…

 Mallattoon harkaa poolisii kanaa konkolattota fuul-duraan


dhaabbachaa turan gara fuul duraa fi mirgaatti akka deeman ni
hayyama.

 Mallattoon harkaa poolisii kanaa konkolattota fuul-duraan


dhaabbachaa turan gara fuul duraa fi mirgaatti akka deeman ni
hayyama.
Hiikaa fi Mallatto harka konkolaachisaa
 Bakka dhaabbatani yommuu sochii jalqaban
 Sarara baaqqe qabatanii deemaa turan yommu sarara biraatti jijjiran
 Konkolaataa isa fuuldura jiru yommuu dursan
 Gara bitaa ykn gara mirgaatti yommuu marfachuuf.

 Daawwitii cinaa guutumaa guututti gadi buusuu


 Qajeelchituu harka mirgaatiin sirriitti qabachuu
 Harka bitaa karaa fodda tiin gadi baasun degrii 45 ol dachaasu
Seeraa konkolaachisummaa
 Fe`umsa konkolaataa irra darbee jiru fuulduraan kan
heyyamamu meetira tokko (1) duubaan meetira lama
(2) yoo tahu kana agarsiisuuf guyyaa fuulduraan huccuu
adii duubaan huccuu diimaan itti hidhamuu qaba. Halkan
yoo tahe ammo duubaan ifaa diimaan fulduraan ammoo
ifaa adiin itti godhamuu qaba.konkolataan cabee yeroo wal
harkisuu bal’inni gidduu konkolaata jiru neetira 3 caaluu
hin qabu.
Hub. Yeroo tokkotti konkolaata tokkoo ol konkolachisuun hin
danda’aamu.
 Konkolaachisaan tokko boqonnaa malee sa`atii 4 ol
konkolaachisuun dhorkaa dha.
Itti fufa…

 Bo`oo lolaa ittiin seenan (Diichii) tti meetira 5 keessatti


konkolaataa dhaabuun dhorkaa dha.
 Daandii baaburaa meetira 6 keessatti maarshii jijjiiruun
dhorkaa dha.
 Konkolaachisaan tokko guyyaatti sa`atii 8 ol konkolaachisuun
dhorkaa dha
 Yommuu konkolaataan rakkoon irra ga`e tokko (cabe) daandii
irra dhaabbate mallattoo calaqqisu meetira 50 irratti duraa fi
duubaan kaa’uu qaba.
 Daandii guddaa kam iyyuu irratti konkolaataa dhaabuun
dhorkaadha. haa ta’u malee rakina konklaataatiin kan ka’e yoo
ta’e, naannoo magaalaa keesati sa’a 6 qofaaf, naannoo
magaalaatiin ala yoo ta’e immoo sa’a 48 qofaaf dhaabuun ni
danda’ama.
 Yommuu konkolaatton tajaajila balaa kan akka
Itti fufa…
 ambulaasii konkolaataa poolisii kan balaa ibiddaa fi kkf
tajaajila kennan fageenya meetira 100 gadiin hordofanii
konkolaachisuun dhorkaadha.
 Ce’uumsa hadiida baaburaatti erga dhiyaatanii booda,
naannoo meetira 20 keesatti dhaabuun, naannoo meetira
30 keesatti wal dursanii darbuun, naana’anii deebi’uun,
akkasumas meetira 6 keessatti maarshii tuttuquun
dhorkaa dha.
 Daandii qarqaratti konkolaataa dhaabuuf qarqara daandii
irraa fagaachuu kan qabnu sentimeetira 40 ta’uu qaba.
 Konkolaataan rakkina qabu tokko konkolaataa
biroon yommuu harkifamu jidduu isaanii fageenyi
meetira sadi jiraachuu qaba
Itti fufa…

 Yommuu konkolaatton wal hordofanii deeman ykn konkolaataan biro fuul-


duraan naannoo meetira 50 keessat dhufaa jiraate, ibsaa dheera (high-beam)
ibsuun dhorkaadha.
 Daandichi abbaa kallattii tokko yoo ta’e malee karaa kam irratti iyyuu gara
bitaatiin konkolaataa dhaabuun dhorkaadha.
 Balinni karaaa m.12 ol bakka hin taane irratti konkolaataa dhaabatee jiruun
fuullee isaatiin gara gamaatiin dhaabuun dhorkaadha.
 Karaa wal qaxaa murutti yommuu dhiyaataa dhuftu naannoo meetira 30
keessatti dursuuf ta’e kalattii jijiiruun dhorkaadha.
 Naannoo ce’uumsa lafa deemtotaati meetira 12 keessatti konkolaataa dhaabun
dhorkaadha.
 Naannoo tajaajila balaa ibiddaa, fi karaa seensa fi ba’uumsa hospitaalaatti ,
waajjiraalee mootummatti meetira 12 keessatti konkolaataa dhaabuun
Itti fufa…

 Konkolaata daandii cina dhaabbatu irratti dabalanii dhaabuun


dhorkaadha.
 Naannoo dhaabbii baasiitti (feermaataa) duraa fi duubaan naannoo
meetira 15 keessatti konkolaataa dhaabuun dhorkaadha.
 Bal’inni karaa meetira 12 yoo caaluu baate feermaataa baasitiin gara
gamaan naannoo meetira 30 keessatti konkolaataa dhaabuun dhorkaa
dha.
 Bakkee karan baaqqee ta’e irratti halluu addiin iddoo hirametti
konkolaataa dhaabuun dhorkaadha.
A. Bakka konkolaataa dhaabuun itti dhorkaamu.
1. Daandii kallaattii tokkoof qofa tajajiluu yoo ta’e malee daandii gama
bitaan konkolaataa dhaabuun dhorkakaadha.
Itti fufa…
2. Konkolataa biraa irratti maxa’ananiin dhaabuun dhorkaadha.
3. Bakka fagootti arguuf hin danda’amne irra konkolaataa
dhaabuun dhorkaadha.
4. Mallattoolee daandii haguuganii (da’atanii) konkolaataa
dhaabuun dhorkaadha.
5. Sarara daandii miilaa irra konkolaataa dhaabuun dhorkaadha.
6. Riqicha irra konkolaataa dhaabuun dhorkaadha.
7. Daandii huluuqaa (lafa jalaa) keessa konkolaata dhaabuum
dhorkaadha.
B. Bakka konkolaataa itti dursuun
dhorkamu
1) Dabalataan konkolaataa bira dursuun dhorkadha
2) Riqicha dhiphaa fi daandii hulluqaa qabu irratti
konkolaataa bira dursuun dhorkaadha.
3) Bakka fagooti arguuf hin danda’amnee irratti
konkolaata biraa dursuun dhorkaadha.
4) Bakka oddola (Addabaabayii) irratti konkolaataa
dursuun dhorkaadha.
5) Kara harkaa mirgaan konkolaata dursuun
dhorkaadha.
C. Bakka dursa kennisiisan

1. Konkolaataa irraan gadee bu’u konkolaataa irraan olee


ba’uuf dursa kennuu qaba. Haa ta’u malee kanneen kana
keessaa tokko yoo konkolaataa ummata ta’e kallatti
kaminiyyuu dursa qaba.
2. Konkolaattoonni lama kallatti adda addaa irraa bakka
walga’ii daandii irra walqixa yoo gahan konkolaataan gama
mirgaa jiru dursa qaba.
3. Konkolaataan daandii xiiqaa irraa dhufu konkolattota
daandii guddaa irra dhufaniif dursa kennuu qaba.
4. Konkolattonni tajaajila addaa kennan kan akka konkolaata
ittisa balaa ibiddaa fi ambulaansii kallatti kamiiyyuu dursa
qaba.
5. Konkolaattonni dursanii odola (addabaabayii ) keessa
seenan dursa qabu.
Daangaa Saffisaa (Ariitii).

 Biyya keenyatti daangaan safisaa bakka lamatti qoodna.


Isaanis:
 Safisa naannoo magaalaa fi
 Safisa naannoo magaalaan alaa jedhamu
 Safisa naannoo magaalaan ala jiran immoo
sadarkaan sadittii qoodnee ilaalla.
Itti fufa…
 Daandii Sadarkaa 1ffaa – Biyyaa fi Biyya kan wal-qunnamsiisu (fkn :
Jibuutii fi Itoophiyaa)
 Daandii Sadarkaa 2ffaa – Naannoo fi Naannoo kan wal-
qunnamsiisu.(fkn: Oromiyaa fi Amaaraa).
 Daandii Sadarkaa 3ffaa – Godina, aanaa fi aanaa, gandaa fi ganda kan
wal-qunnamsiisuu dha.

lakk Gosa Naanoo Naannoo magaalaan alati


konkolaata magalaa
a keesati

Sad. 1ffaa Sad. 2ffaa Sad. 3ffaa


Sa’atitti Sa’atitti Sa’atitti
1 Hangga Sa’atiitti K.m 60
K.m 100 K.m70 K.m60
kiiloograamii
3500 tti
Sa’atiitti K.m 40 Sa’aan Sa’atitti Sa’atitti
2 K.g 3500-7500
K.m 80 K.m60 K.m50
Sa’atitti K.m 30 Sa’atitti Sa’atitti Sa’atitti
3 K.g 7500 Ol
K.m 70 K.m50 K.m40
Qoodama ibiddaa fi meeshaa ittin dhaamsamu
1. Ibidda kuta “A” (Sadarakaa 1)
Ibiddi kutaa kanaa kan irraa uumamu jajjaboo warra jedhaman kan akka
mukaa, waraqaa, huccuu, fi kkf dha.
Messhaan ittin dhamsamu….bishaanidha.
2. Ibiddaa kuta “B’’ (sadarkaa 2)
Ibiddi kutaa kanaa kan irraa uumamu dhangala’aa warra jedhaman
kanneen akka naafxaa, beenila keerosinii fi dibata fi kk f dha.
Meeshaan ittin dhaamsamuu….C2O , Foomii fi bishaan faca’aa humna qabu
3. Ibidda kuta “C” (sadarkaa 3 )
Ibiddi kutaa kanaa kan irraa uumamu eleektiriikii fi gaazii warra
jedhaman kanneen akka intaanolii, buuteenii, propeenii fi
eleektiriikiidha.
Meeshaan ittin dhaamsamuu…. C2O fi dry powder
Itti fufa…
 4. Ibidda kuta “D” (sadarkaa 4)
 Ibiddi kutaa kanaa kan irraa uumamu sibiila warra jedhaman kan
akka kalisiyeemii, mangaanizemii, potaasiyeemii fi keemikaalaa.
 Meeshaan ittin dhaabsamu….dry powder
Hub. Ibidda kuta “C” fi kuta “D” irratti foomii fi bishaan fayyadamuun
ibidda uumamee itti caalsisa.
Tooftaalee balaa ibiddaa ittiin dhaamsan
 Tooftaaleen balaa ibiddaa dhaamsuu bakka sadiiti (3) qoodamu
1. Ukkaamsu…..jechuun qilleensa (oksijiini ) dhabamsiisuu.
2. Beelessuu…..jechuun boba’aa ( wanta gubatu) dhabamsiisu.
3. Qabbaneessuu……jechuun ho’a yookiin rigata dhabamsiisuu.
Bu`uureffama konkolaataa fi Akkaataa isaan
ittiin Hojjetan
 Bu’uureffama konkolaataa
 Mootora ( Engine)
 Kutaalee humna dabarsan ( Power transmission)
 Shaansii (Chassis), marii, fireeni fi kkf
 Kutaalee Elekitirikaa ( Electrical system)
 Qaama konkolaataa (Body)
Motoraa
 Mootorri bakka qilleensii fi boba`aan keessatti
ukkaamfamee, gubatee : annisa ho`aa gara annisa
makaanikaalaatti(sochiitti) jijjiiruudha.
 Annisi ho`aa kun kan qillensaa fi boba`aa walitti
makamee erga siliindarii keessatti gubatee booda
annisa (humna) uummamu dha. Humni ( Annisi)
ho`aa kun ammo piistanii yeroo gadi darbatu (
dhiibu) gara annisa makaanikaalaatti (sochiitti)
jijjiirama.
Mootora walumaagalatti akkaataa armaan
gadiitti qooduu dandeenya.
Itti fufa…
A. Gosa boba`aa fayyadamaniin;
1. Mootora beenzinaan hojjetan fi motora naafxaan
hojjetan ,
2. Tooftaa ittiin motora qorrisiisan (qabbanaa`aniin)
irratti hundaa’uun: motaroonni bakka lamatti
qoodamu.
Isaanis: kanneen bishaaniin qabbana`an (qorran) fi
kan qilleensaan qorran jedhamu.
3. Akkataa haleellaa (rukuttaa) piistenii
 Abbaa rukuttaa piistenii afurii fi
 Abbaa rukuttaa piistenii lama
Itti fufa…

4. Haala taa’umsa siliindaraa irratti hundaa’uun:-


 Taa’umsa teartiiba tokkoo (in line)
 Taa’umsa fakkii “V” (“V” Shape)
 Taa’umsa faalla (opposite side)
Itti fufa…

 Jechoota hubanno
1. Rukuttaa tokkoo (stroke)
2. Seensaa (intake)
3. Ukkaamsuu (compression )
4. Humna (expansion/ power)
5. Baasuu ( exhaust )
6. Vaalvii baastuu fi cuftuu
7. Abbaa rukuttaa lama fi
8. Abbaa rukuttaa afurii
Itti fufa
1. Qaama motoraa (engine components)

 Motori konkolaata qaama gurguddoo sadii (3)


irraa ijaaarame
1. Siliinder hedii (testaata);- Kutaan mootoraa kun qaama
silinder bilookkii irra hidhamuun haalli gubiinsa
qilleensaa fi boba`aa akka jiraatuu kan taasiisuu dha.
2. Siliinder blookii (cylinder block):- hunde motora
jedhamun beekama fi bakka qilleensii fi boba`aan
keessatti gubatee gara sochiitti jijjiiramuudha
3. Baatu zaayitii (sotokoppa) crankcase;- qaamni kun
silinder bilookii jalatti kan argamu yoo tahu bakka
zayitiin motoraaf barbaachisan itti kuufamu dha.
Qaamoota Siliinder hedii (testaata)

 Valvoota
 Kaandellaa (spark plug)
 Kaandelliitti (glow plug)
 Noziiloota (injector nozzles)
 Gaaskettii (gasket)
Qaamoota siliimdar bilookii
 Siliinderii
 Piistenii
 Qubeela piistenii
 Piisten piinii
 Ulee walqabsiiftuu
Itti fufa…
 Kiraank shaaftii (koolloo)…lafee dugdaa motorati
 Beeringii (biroonziina)
 Filaayii wiilii (voolaanoo)
 Kaamshaafti (albirookaamii)
 Vaalvii lifterii
 Puushi roodii
 Rokeer armii
 Valvii
 Valve ispiriingii……
 Baattuu zayitii
Design and layout of engine
Qaama gargartuu motoraa

 Sirna boba`aa (Fuel system)


 Sirna mootora qabbaneessan(Cooling System)
 Sirna mootora lalaaffisan (Lubrication system)
 Sirna Mootora kaasan (Starting system)
 Sirna Ibidda uuman (Ignition system)
 Sirna baatirii chaarjessan (Charging system)
1. Sirna boba`aa (Fuel system)

 Kutaaleen kun mootoraaf boba`aa akkattaa


barbaachisummaa isaatiin qaama dhiyeessuu
dha.
 Kutaan kana bakka gurguddoo lamatti qoodna.
Isaanis:
1. Sirna boba`aa beenzilaa fi
2. sirna boba`aa naafxaa.
Qaama dabarsituu boba’aa beenilaa
1. Kuusaa boba’aa (fuel tank)
2. Sarara boba’aa (fuel line)
3. Paampii boba’aa (fuel pump)
Itti fufa….

4. Calaltu boba’aa (fuel filter)


5. Kaarbuureetarii (carburater)
Itti fufa…

 Qaama karibiratorii kessaatti argamaan,


1. Venchurii (venture)
2. Chook vaalvii (choke valve )
3. Tirootil vaalvii (throttle valve)
Qaama dabarsituu boba’aa naafxaa
1. Kuusaa boba’aa
2. Fiid paampii (poompaa)low pressure
3. Sarara boba’aa (fuel line )
4. Calaltu boba’aa (fuel filter)
5. Injekshiini paampii ..poompaa guddaa (injection
pump)high pressure
6. Injeecter noozzili (injection nozzle )
Itti fufa…
2. Sirna (kutaalee) mootora
qabbaneessan (Cooling System)
1. Raadiyaaterii
2. Termostaatii:
3. Waater Jaakkettii,,golga bishaani (water jacket):
4. Ujummoo bishaani….oli fi gadi ( upper and lower
hose)
5. Paampii bishaanii
6. Ekispaanshin taankerii:
7. Qadaada Raadiyaateraa
a) Pireejer valvii
b) Vaakiyuum valvii
7 Faanii
Itti fufa…
3. Sirna(kutaalee ) mootora lalaaffisan
(Lubrication system
 zayitiin mootora keessa naanna`ee fayidaalee
armaan gadii kennuu dha.
1. Rigata hir`isuun mootorri akka wal hin ciniinne
(walitti hin qabanne) taasisa
2. Pistaniin olii fi gadi yeroo silinderii keessa socho`u
qabbaneessuuf (ho`a hir`isuuf) tajaajila
3. Sagalee hin barbaachifne ukkaamsee hambisuuf ni
tajaajila
4. Xuriiwwan mootora keessaa ofitti fudhachuun
qulqulleessuuf tajaajila
Kutaaleen lalaaffisoo qaamolee armaan gadii
of keessatti qabata
 Sotokoppaa: Zayita mootoraaf barbaachisu kan
keessatti kuufamuu dha
 Paampii zayitii: Zayita motora keessatti akka faca`uuf
tajaajila. Zayitiin mootora keessa haala lamaan gaha.
Isaanis Pampii zayitii fi koolloodhaan facaasuutiin
 Filtiroo Zayitii: zayita mootora keessa naanna`u
qulqullessuuf tajaajila.
 Diippistikii(leveelloo zayitii): Hanga zayiti mootora
keessa jiru kan ittiin ilaalluudha.
 Prejer reguleter valvii: geejii dhiibbaa zayitii mootora
keessa jiru dash boordii irraa kan ittiin to`annuu dha.
4. Qaama qabsiftuu ibiddaa
 Qileensi fi boba’aan ukkaamame akka salphaati akka
gubbatuuf qaama qaanqee uumuuf tajajilu qaama
qabsiftuu ibiddaa jedhama.
 Baatirii
 Bobbiinaa (ignition coil)
 Abaansii (distributor ): kutaan kun vooltejii guddaa
bobbiinaa irraa fudhate gara kaandeellaa silinderii irratti
argamuuf akkaataa tartiiba (firing order) isaaniitiin kan
raabsuu dha.
 Puntinaa (Contact breaker point): sarkiyutiin jalqabaa
(primary circuit) banamuu fi cufamuun humni elekitirikaa
akka shiboo isa lammaffaaf (secondary winding) akka
humna guddaa uummuf tajaajila.
 Kaandellaa: ibidda ykn qaanqee qilleensaa fi boba`aa
ukkaamfame irratti uumuuf tajaajila.
Itti fufa…
5. Qaama annisa baatirii guutu (charging
system)
 Kutaan kun humna baatiriin motora kaasuuf baase ykn
dhabe guutufii akkasumas erga motorri ka’ee booda
immoo baatirii bakka bu’uun kutaa elektirika
baarbaadan hundaf humna elektirikaa kennuun kan
tajaajiluudha.
 kutaalee armaan gadii irraa kan ijaarameedha.
1. Baatirii
2. Dinaamoo ( Generator) Annisa makaanikaalaa motora irraa
fudhatee gara annisa elekitirikaalaatti jijjiiruun baatirii
chaarjessuuf (guutuuf) gargaara.
3. Reguleetorii (Regulator) humni saffisa mootora irraa dhufu yoo ol
ka`e akka baatiriitti darbee baatirii humnaa ol hin chaarjessineef
to`achuuf gargaara.
Itti fufa…
6. Kutaa motora kaasu /Starting System/

 Motariinoon humna elektirikaa baatirii irraa argatu


gara makaanikaaliitti jijjiiruun kolloo filaaywiiliin
qabee naannesuun akka motorri ka’u kan taasisu
sirna motora kaasu jedhama
 .kutaan kun qamoole arman gadi qaba
 Baatirii
 kuwaadiroo (ignition switch);sarara elektrikaa gara
mootoraa deemuu kan banuu fi cufuuf gargaara.
 Motorinoo (Starter motor): annisa elektirikaa baatiri
irraa argate gara annisa sochiitti jijjiruun volaanoo fi
koolloon akka naanna`u taasisa.
Itti fufa…
2. Kutaalee Humna Dabarsan (Power
Transmission)

 Kutaaleen kun humna mootora keessatti uumame gara


gommaa qaqqabsiisuun akka konkolaataan keenya
socho’u kan taasisan qaamota murteessoo dha.
 Kutaaleen kun qaamoole armaan gadii of kessaa qaba.
 Firisiyonii (Clutch)
 Kaambiyoo (Gear box)
 Tiransimiisiyoonii (Propeller shaft )
 Diferenshaalii (Differential)
 Shimiyaazii (Axle)
Itti fufa
Firiisiyoonii (Clutch)

 Faaydaa Firiisiyoonii
 Yeroo maarshii jijjiiruu barbaadne:- Saffisa hir’isuu fi
dabaluuf humna mootoraa kaambiyoo irraa addaan
kutuuf akka salphaatti maarshii jijjiirruu tajaajila.
 Mootora kaasuuf:- Akka tasaa yoo maarshiin galee
jiraate konkolaataan akka utaalee balaa hin
dhaqqabsiifneef ni tajaajila.
 Tabba irratti ( Baalaansii gochuuf):- bakka tiraafikiin itti
baay’atutti baalaansii gochuuf
 Konkolaaticha bakka dhaabbatee osoo hin utaalin akka
suuta jedhee waraaqu (socho`u) gochuuf ni tajaajila.
Itti fufa…
Tiraansmiishiinii /kaambiyoo (Gearbox)

 Tiraansmiishiinii firiisiyoonitti aanee kan argamu yoo


ta’u, shaafti fi ilkaan (gear) adda addaa kan of keessatti
qabate oggaa ta’u annisa motoora firiisiyooni irradhufu
gara transmisiiyonittii dabbarsuuf gargaara.
 Kaamboyoon faayida armaan gadii qaba:
 Humna mootoraa (torque) jijjiruuf
 Humna firiisiyoonii irraa fudhate gara qaama humna
dabarsu biraatti /tiraansmiisiyooniitti/ dabarsuuf (
saffisa dabaluuf)
 Kallattii jijjiruuf fi saffisa jijjiruuf
 Mootorri otoo hojjetuu konkolaataan akka dhaabatuuf .
Itti fufa…
Itti fufa
 Tiraansmiishinii bakka gurgurddoo lamatti qodama
 Tiraansmishinii Maanuwaalii:-Marshi yommuu galchinu
fi baasnu peedalii firisiyona irra ejechudhaan kallatii ulee
marshii iratti agarsifameen harkaan fulduraafi bodatti
sochosuudhaan kaambiyoo hojjetu dha.
 Tiraansmishinii awutomaatikii:- Gosti kaambiyoo kun
firiisiyona kan hin qabne fi annisaan motoraa gara
tiraansmishinii kan gahu bifa annisaa haydrolikaatiin
(torque convertor).
 Malattoleen ulee maarshirra jiran P,R,D,N,2 fi L yommuu
ta’an konkolachisaan fulduratti deemuuf D,2 fi L
filachuu danda’a; akkasumas gara dubaatti deemuuf R
filata. Konkolataan dhaabatee turu uleen maarshi P irra
ta’a.
Redoottaa (Transfer case)

 Redoottaan kan argamu kaambiyootti aanee yommu


ta’uu miila (gomaa) konkolaataa hundi akka humna
argatu ( sochin motoraa akka mila hunda gahu ) kan
taasisuu dha. Annisaa kaambiyoo irraa dhufe ariitii
hir’isuudhaf humna dabaluun konkolaataa dhoqqee,
tabba (gaara) akkasumas daandii mijahaa hin taane irra
konkolachisuuf kan fayyaduu dha.
Itti fufa…

 Mallatooleen ulee redootta irra jiran 4H, 4L, 2H fi N dha.


 Konkolataan daandii dheeraa fi dandii walqixaa irra
deemu 2H irra gochuun konkolachisuu qaba . Haa ta’uu
malee miilli hundi annisa motoraan sochosuuf
(konkolaachisuuf) 4L yoo filatamee konkolaatichi
humna guddaa fi ariitii xiqaadhaan konkolaata,
 Akkasumas 4H yoo filatame miilli konkoloticha hundi
human guddaa fi ariitii guddaadhaan konkolaata. Uleen
redoottaa N irra yoo ta’ee maarshiin yoo galeyyuu
annisaan motoraa gara miila kamitiyuu hin darbu.
Piropeelarshaaftii /tiraansmiisiyoonii/
 Fayidaan isaas humna motoraa kaambiyoo keessa darbee
dhufe simachuun gara difirenshaalitti dabarsuu dha.
Qaamni kun dheeraa ta’ee konkolaataa jalaan haala
mul’achuu danda’utti kan naanna’u yoo ta’u qaamni
korocharaa(universal joint) jedhamus fulduraa fi duuban
qaama kana irratti hidhamuudhan humna kaambiyoo
irra gara difaraanshiyaalitti dabarsuuf gargaara.
Itti fufa…

 Universal joint….kaambiyoo fi propelaar shaaftii


gidduuti argama. Akkasumas proopelaar akka hin jallane
ittisuuf gargaara.
 Slip joint…. Piroopelaar shaaftii fi difirenshaalii
gidduutti argama. Akkasumas dheerina propelaar
shaaftii dabaluu fi gabaabsuuf gargaara.
 Difirenshaalii…
Itti fufa…

 Difirenshaaliin fayidaa armaan gadii qaba:


 Humna walqixa tahe gommaa lamanuuf dabarsuuf.
 Kurbaa ykn marfata irratti safisa adda addaa gommaa
lamaanuuf ni dabarsa (Konkolaataan akka marii faana
naanna`u ni taasisa. Kana jechuunis gommaawwan
isaan gara alaatiin jiran akka saffisaan naanna’an
taasisuun fageenya irra caalaa akka deemanif gargaara.
 Sochii motora gara sochii gommaati jijjira.
 Shiimayaasii (axle)… gommaa fi difirenshaalii gidduuti
argama akasumas human difirenshaalii irra gara
gommaatti dabarsuuf gargaraa.
Kutaa Ibsaawwan konkolaataa (Lighting
System

 bakka lamatti qoodamu. Isaanis:


 ibsaawan keessaa fi ibsaawan alaa jedhamu.
 Ibsaawan keessaa warra jedhaman keessaa: ibsaawan
daash-boordii irratti argaman, ibsaa fireechaa, ibsaa
yommuu balballi banamu ifu, imaltoota buusuuf ibsaa
galgala galgala ifu, haazaardii fi mallattoo waantota
addaa addaa agarsiisuuf ifan caqasuun ni danda’ama.
 Ibsaawan alaa isaan jedhaman keessaa immoo: ibsaa
fuul-duraa, ibsaa fireechaa, ibsaa fireenii, ibsaa
yommuu maarshiin duubaa galu ifu fi kkf caqasuun ni
danda’ama.
Meeshaa waqunnamtii konolaataa

 Fireechaa …….bakka lamatti qoodama


 Ibsaa cinaachaa
 Ibsaa fireenii
 Ibsaa yeroo dhabbannaa
 Ibsaa yeroo balaa
 Ibsaa fuula duraa…. bakka lamatti qoodama
 Ibsaa boodaa
 Faaggaa
 Ibsaa gabate
Meeshaa to’annoo konkolaataa

 Fireenii
1. Fireenii harkaa…wadaroo(kaaboo) fi qillensaan
2. Fireenii miilaa…zayiitaan, wadaroo fi qilleensaan
3. Fireenaa motorii…wadaroo, electrikaa fi qilleensaan
4. Fireenii Retaardarii..proprller shaftiin fallaa kambiyoo akka
sochacho’uu godhuun konkoolata dhaabbuuf fayaada.
Qaamollee fireenii zayitiin hojjetu
1. Pedalii fireenii
2. Buusteerii
3. Maaster siliindarii
4. Wiil sileendarii
5. Shaara fireenii
Itti fufa…
 Maarshii
 Peedalii boba’aa
 Clutch
 furtuu
 Marii (qajeelchistuu)…kallattii deemsa konkolaata to’aachuuf
gargaraa.
 Gosa marii lamaatu jira. Isaanis,
a) Maakanikaala
b) Zayiitan hojeetu
Kutaalee baattuu konkolaataa (suspension
system)
 Kutaan kun gommaa fi qaama konkolataa ykn shaansii
(vehicle body/frame) gidduutti yommuu argaman
faayidaa armaan gadii qaba;
 Urgufamni(secca`insi) daandii irraa akka gara qaama
konkolaataa fi nama ykn feeumsatti hin dabarre taasisa
 Qaama konkolaataa guutummaa guutuutti utubuuf
gargaara
 Gommaan akka sirriitti lafa qabatuuf gargaara
 Cheerkee (wheel) haala sirriin dhaabatuuf gargaara.
 Haala qajeelchituu konkolaataaf mijeesaa (Accurate
steering)
 Ulfaatina konkolaataa utubee qabuuf gargaara.
Qamoonni knokolaataa baatan kutaalee
armaan gadii ofi keessaaqabu;
 Ispriingii (Spring): sirna konkolaataa utubuu keessatti
ispringiin, humna daandii irraa akka gufutti uumamu
ofitti fudhachuun gara konkolaataatti akka hin dabarre
taasisa. Bakka lammatti qoodna.
 Coil spring fi leaf spring (balestera)
 Amorzaatorii/shock -absorber/: Amorzaatoriin kutaa
battuu konkolaataa isaa murtessaa kan ta’ee dha. Yeroo
konkolaataan daandii bu’aa ba’ii irraa deemu sochii
gommaa gara qaama konkolaataa biratti akka hin dabarre
tasiisa. Akkasumas oliif gadii dedeebi’u koo’il ispiriingii
tasgabeessuuf tajaajila.
Gommaa

 Qaamni konkolaata lafa qabsisuun konkoolataan akka


socha’uu godhuu gommaa jedhaama.
 Qaama konkolaata hundaa kan baatudha.
Dhiibbaa qillensii gommaa irratti qabu
 Qilleensi gommaa sirriitti yoo guutame, gommaan
walqixa dhuma
 Qilleensi goommaa human ol yoo guutame, gidduu
gommaa qofaatu dhuma.
 Qilleensi gommaa yeroo xiqqaatu gommaan cinaadhan
qofa dhuma.
Seera uumama hojii konkolaachisummaa
irratti dhiibbaa geessisan
 Humna harkisa lafaa (gravity)
 Ineershiya (inertia)
 Rigata (friction )
 Annisaa sochii (kinetic energy)
 Annisaa kuufamaa (potential energy)
 Humna sentirifugaalii (centrifugal force)
 Moomentemii (momentum)

You might also like

pFad - Phonifier reborn

Pfad - The Proxy pFad of © 2024 Garber Painting. All rights reserved.

Note: This service is not intended for secure transactions such as banking, social media, email, or purchasing. Use at your own risk. We assume no liability whatsoever for broken pages.


Alternative Proxies:

Alternative Proxy

pFad Proxy

pFad v3 Proxy

pFad v4 Proxy