Moggaasa (Nomenclature)
Lubbu- qabeeyyiin iddoo garagaraatti, afaan adda addaatiin maqaa adda addaa qabu. Fakkeenyaaf, Maqaan namaa afaan Oromootiin Nama yommuu jedhamu, afaan Amaaraatiin “Sewu”, afaan ingilifaatiin immoo “Human” jedhama, afaan biroon biyya birootti immoo maqaa biroo qabaachuu danda’a. Kun immoo irratti waliigaluuf rakkisaadha. Maqaan orgaanizimiin tokko iddoo adda addaatti maqaa adda addaan waamamu maqaa naannoo jedhama. Kanaafuu, rakkoo kana hambisuuf addunyaa irratti orgaanizimiin tokko maqaa tokkoon akka waamamuuf maqaa saayinsaawaa moggaasuun barbaachisaadha. Fakkeenyaaf, maqaan saayinsaawaa namaa addunyaa irratti Hoomoo saappiyaansii (Homo sapiens) jedhamuun beekama. Maqaan saayinsaawaa jechoota lama ofkeessaa qaba. Isaanis, maqaa qaccee fi maqaa sanyii ti. Fakkeenyaaf, maqaan saayinsaawaa namaa addunyaa irratti “Hoomoo saappiyaansii” jedhamuun beekama. Maqaan inni jalqabaa maqaa qaccee orgaanizimiin sun keessatti argamu mul’isa. Maqaan inni lammaffaan immoo maqaa sanyii mul’isa. Moggaansi maqaa kun moggaasa maq-lamee (binomial nomenclature) jedhama. Namni yeroo jalqabaaf orgaanizimoota akkaataa walfakkeenyaafi garaagarummaa isaaniitiin ramaddii gaggeessuun moggaasa maq-lamee mogaase Kaarloos Liinas (1707 – 1778 ALA jiraate) jedhama. Innis kana irraa kan ka’e abbaa taaksonoomii jedhamee waamama. Addunyaa irratti orgaanizimii tokko maqaa tokkoon mogaasamuun akka waamamu Saayintistoonni addunyaa irratti waliigalaniiru.
Seerota mogaasa maqaa saayinsaawaa Maqaan saayinsaawaa orgaanizimootaa maqaa qacceefi maqaa sanyii ofkeessaa qaba. Qubeen jalqabaa maqaa qaccee, qubee guddaan yoo eegalu maqaan sanyii immoo qubee xiqqaan barreeffama. Fakkeenyaaf, Hoomoo saappiyaasii kan jedhu keessatti ‘Hoomoo’n qubee guddaan kan jalqabe yoo ta’u, ‘saappiyaansii’n immoo qubee xiqqaan barreeffama. Kompiitaraan yeroo barreeffamu imoo itaalikii (Hoomoo saappiyaansii) ta’a. Yommuu harkaan barreeffamu garuu kophaa kophaatti jala sararama (Hoomoo saappiyaansii).