YUUNIVARSIITII-WPS Office - 100959
YUUNIVARSIITII-WPS Office - 100959
YUUNIVARSIITII-WPS Office - 100959
AMBOO OROMIYAA.
WARAQAA QORANNOO ULAAGAA DIGIRII JAKQABAA AFAAN OROMOOFI OG-BARRUUTIIN
GUUTUUF QOPHAA'EE YUNIVARSITII AMBOOTTI KOLLEEJJII SAAYISII HAWAASAAFI
NAMOOMAA MUUMMEE AFAAN OROMOOFI OG-BARRUUF KAN DHIYAATU
DAJANEE NIGUSEETIIN
BOQONNAA TOKKO:SEENSA
1 SEENDUUBEE QORANNICHAA
Og-barruun seenaa jireenya dhala namaa keessaatti seenaa yeroo dheeraa kan qabuu yoo tahu
dhalli namaa erga lafa kana irrattii uumamee kaasee yaada isaa karaa garagaraa ibsachaa kan
turaniidha. Kana malees og-barruun dabarsa aadaa uumataati, beekumsa muuxannoo sadarkaa
addaa addaa qabaniiti (Asaffaa, 2009). Og-barruun jaarraa 19ffaa keessaa eegalee haala gaariin
hojiirra ooluun fudhatama argachuun jireenya hawaasa ibsuu irratti faayidaa guddaa qaba
(malakneh, 1999) Og-barruun akkuma umrii dheeraa qabu suuraafi daawwiitii hawwaasaa
ta'uun wantoota gaggaari dhaloota dhalootaatti meeshaa ittiin dabarsan keessaa tokko.
Og-barruun iddoo gurguddoo lamatti qoodama isaan keessaa tokko kan ta'e og-barruu
barreeffamaati. Og-barruu barreeffamaa keessaa tokko kan ta'e asoosamni isa tokko asoosamni
iddoo gurguddoo saditti qoodama isaanis: asoosama gabaaba, asoosama dheeraa, asoosama
giddugaleessa jedhamu. Asoosamni tokko faayidaa adda addaa kan qabuudha. Kunneeniis:
beekumsa namaa cimsuuf, aadaafi safuu hawaasaa barsiisuuf , addunyaa dhugaa irraa akka
argaa yaadaatti deemnu gochuufi nama gammachiisuufi, ergaa darbuu qabu karaa al-kallattiin
dabarsuuf kan gargaaruudha. Faayidaa kana qabaachuuf caaccuulee asoosamaa kanneen
qabaachu qaba isaanis: seenaa, jaargocha, yoomeessa, namfakiilee, waldiddaafi kkf of keessaa
qabaachu qaba
Walumaa galatti og-barruun kuusaa odeeffannoo dhala namaa hedduuti kanaafuu anis og-
barruu barreeffamaa keessaa tokko kan ta'e caaccuulee asoosamaa/namfakkii asoosama
dheeraa ciniinsuu qaaccessuu irratti xiyyeeffachuun qorannoo gaggeessuufi
Tolosaafi hiriyoonni isaa qaacceessa waldiddaa asoosama dheeraa ciniinsuu irratti gaggeessanii
turan. Haata'u malee qorattoonni kunniin caaccuulee asoosamaa hunda isaaniifi
gadifageenyaan yeroo gahaa fudhachuun qorannoo hin gaggeesine. Ani immoo namfakiilee
asoosama dheeraa ciniinsuu hunda isaanii xinxaaluun akka addunyaa dhugaa bakka bu'an
ibsuufi. Qorannoon kiyya gaaffilee armaan gadii ni deebisa jedhamee yaadama
Namfakkiin asoosama ciniinsuu kaayyoolee gooree qorannoo kiyya keessatti Kan qabaniidha.
Isaanis: namfakiileen asoosama dheeraa ciniinsuu ciniinsuuf filataman ulaagaa barbaachisu
guutuu isaanii himuuf, ciminafi hanqinoota namfakiilee asoosamaa tarreessu. Akkasumas
namfakiileen kalaqaman hawaasa addunyaa dhugaa akka bakka bu'an himuufi asoosama
ciniinsuuf namfakiilee uumamaan tarreessuufi.
Bu'aan qorannoo kiyyaarraa argamu isaan kanneen jedhamee yaadama isaanis: namoota
namfakkii uumurrattii hubannoo bal'aa barbaadaniif , namoota qorannoo mata duree isaanii
kanaan hariiroo qabu hojjachuu barbaadaniif kanamalees asoosama barreessuufi namfakiileen
akkamitt akka kalaqaman barreessitoota asoosama yoo arganii dubbisan hubachiisuufi namoota
asoosama barreessuu barbaadaniif hubannoo dabaluu danda'a.
Og-barruun Oromoo bu'aa bahii adda addaa keessaa darbee dhaloota hedduu durii irraa dhufe
baay'eetu jira. Og-barruun akkuma maqaa guddaa qabu was hedduu of jalattii kan qabuudha.
Wantoota og-barruu keessaatti hammataman keessaa tokko damee og-barruu barreeffamaa
kan ta'e asoosamni isa tokko. Gosoonnii asoosama dheeraa hedduutu Jira asoosamoota baay'ee
jiran kanneen immoo kallattii addaa addaan qorannoo irratti gaggeeffamuu kan danda'aniidha.
Kallattiiwwan asoosama qaacceessuufi /qorachuuf jiru keessaa tokko kan ta'e qaacceessa
caaccuulee asoosamaati. Asoosamni tokko ulaagaa guutuu qabu keessaa tokko caaccuuleen
isaan tokko caaccuuleen asoosama tokko keessaa jiran hedduudha haa tahuu malee ammaaf
caaccuulee asoosama keessaa tokko kan ta'e qaacceessa namfakkii asoosama irrattii hojjachuufi
filadheera bu'uuruma kanaan daangaan qorannoo kiyyaa qaacceessa namfakkii asoosama
dheeraa ciniinsuuti
Seenaa ilma namaa keessaatti og-barruun umrii dheeraa qaba. Haata'u malee Hiika waa'ee og-
barruu/maalummaa og-barruu hiika namoota hundaa walii galchu/ hiika dhaabbataa lafa
kaa'uun hin danda'amne (Asaffaa 2009).Sababa og-barruuf hiika dhaabbataa namoota hundaa
walii galchu danda'u kennuun hin danda'amneef keessaa og-barruun umrii dheeraa qabaachufi
hayyoonni akkaata dirree qorannoo isaaniitti hiika waan kennanifiidha. Og-barruun sadarkaa
hubannoo dhala namaa, ilaalchafi falaasama inni qabuu fedhiifi haallii siyaasaa jijjiiramaa
deemuu qabiyyeefi og-barruuti. (Misgaanuu, 2012).Akka yaada isaa irraa hubannutti og-
barruun adeemsa keessaa jijjiiramaa kan deemu ta'uu isaati. Hayyuun biraa og-barruuf hiika
kenne immoo (Geetachow,2005) akka inni jedhutti og-barruun hojii kalaqaa ta'ee fedhii fedhii,
gammachuufi gadda walitti qindeessee kan mulisuudha" jedha Akka yaada isaati og-barruun
hojii kalaqaa tahuu isaa ibsa. Kana malees akka hayyuun biraa og-barruuf hiika kenne
(Wasanee, 2008) akka inni jedhutti og-barruun ogummaa umrii dheeraa qabu waan ta'eef yeroo
adda addaatti hiikkaawwan baay'ee akka qabaatu kan og-barruu taasise umrii dheeraa
qabaachu isaa qofa osoo hin taane og-barruun mataa isaatiin waa'ee namoota /hawaasaa waan
ta'eef namoonni og-barruuf hiika kennani hayyuulee og-barruu qofa miti " jedha. Hiikaa hayyuu
kanaa irraa akka hubannutti og-barruun umrii dheeraa qabaachufi dhimma namarratti kan
xiyyeefatufi hiikaa adda addaa kan qabuu tahuu isaatii
2.2 MAALUMMAA ASOOSAMA
Asoosamni hojii kalaqaa sammuu dhala namaa ta'ee gocha hawaasaa irratti bu'uureffamee
wantoota ragaan hin mirkanoofne barreessan haala ergaa dabarsuuf danda'uun gochoota
hawaasa keessatti tahuu danda'u jedhee yaaduun argaa yaadaan kan barreesseessuudha
(Geetachow ,2005).Akka yaada isaati asoosamni gochoota hawaasa keessa jiru irraa ka'uun kan
barreessan hojii kalaqaa sammuu isaa fayyadamuun barreessu tahuu isaatii . Asoosamni suuraa
jireenyaati . (Persi Luubook).Asoosamni inni bu'uuraa suuraan jireeyaa inni mulisu qabatamaa
ta'uudha (Jooseef waareen)
Asoosamni akka hayyuuleen garagaraa jedhanitti bakka guguddoo saditti qoodamu, isaanis:
asoosama gabaabaa, asoosama dheeraafi asoosama giddugaleessa jedhamu
Asoosamni giddugaleessa asoosama gabaabaa kan caaluufi asoosama dheeraa gadi kan
ta'eedha. Kanaafuu seeneeffama asoosama gabaabaafi asoosama dheeraa gidduutti kan
argamuudha. Jechootaa 17500-40000 of keessatti Kan qabaniidha jedhu hayyoonni kana
maleesi walitti bu'iinsa muraasa asoosama dheeraa gadi asoosama gabaabaa ol kan qabaniidha
Asoosamni dheeraan gosa asoosama ta'ee kan dubbistoonnii addunyaa argaa yaadaan
uumamee keessaa galchuudhaan kan beekamuufi Asoosaan uumamee bifa hololootiin kan
dhiyaatuudha (Kaater leever). Asoosamni kun hojii kalaqaa ta'ee jiruufi jireenyaa dhala namaa
balinaan kan seeneessuudha. Kana malees namfakkiiwwaan namoota bara asoosamichi
barreeffame lubbuun turan ba'anii amala, yaadafi gochaalee hawwaasichi calaqqisiisan
hammachuun seeneeffama dheeraa duraa duubaan dhiyaatuudha. (Joorji).Fuula hedduu qaba
akkasumas waldiddaa hedduu kan qabuufi ergaa hedduu irratti xiyyeeffachuun suuta suuta gara
ergaa ijootti kan nama geessuudha
Hayyoonni adda addaa namfakkii asoosamarratti hiika garagaraa lafa kaa'aniiru. (Diyaan R
2002,2016) akka hayyuun kun yoo namfakkii ibsu, character is an imaginenary person that in
habit alitrary works "jechuun ibsa. Akka yaada isaati immoo namfakkiin namoota argaa
yaadaattin asoosama keessatti kalaqaman tahuu isaati. Namfakiileen addunyaa asoosama
keessatti foon uffatani, kan nyaatan, kan dhugan, kan jaalatanifi jibban kan gammadaniifi kan
gaddan namoota addunyaa asoosamaati ( Zarihuun, 2002) kana jechuun namfakkiin kan
Asoosaan namfakkii argaa yaadaan kalaqaman malee namfakkii addunyaa gubbaa jiranii miti.
Namfakkiin bakka bu'aa namoota addunyaa dhugaa kana irraa dhugaan jiraatan osoo hin taane
kan Asoosaan tokko addunyaa mataa isaa uumee addunyaa sana keessaatti isaan jiraachisuuti
(Jaarrawu Wfi Wasanee Bashaa,2008) Namfakkiin asoosamni tokko akka lubbuu horachuun
akka itti fufan kan taasisaniidha.Walumaa galatti namfakkiin namoota addunyaa dhugaa
kanarraa bakka bu'aniifi haala jiru jireenya isaanii keessatti Kan nama tokko yookiin biyya tokko
bakka bu'uudhaan ilaalcha aadaa,yaada jirufi jireenya kan agarsiisuu ta'uu isaati
Hayyuuleen og-barruu akkaata namfakkiin ittiin argamu / mulachuufi gahee isaanii. Asoosama
keessaatti qaban gocha isaan raawwatan amala isaan qaban irratti hundaa'uun namfakiilee
iddoo adda addaati qoodamu ( Zarihuun, 1992)
Namfakkii xiqqaan asoosama tokko keessatti yeroo tokko mul'atanii kan badaniidha (Fedhasaa)
yaadni kun kan ibsu namfakkii xiqqoo gahee muraasa qofa qabu
Namfakkiin kunneen jireenya isaanii kallattii garagaraatiin kan kalaqamee miti. Jalqaba seenaa
irratti hirmaachuu eegalaniin maalummaafi eenyummaan isaanii barama, seenaan isaanii haala
salphaa ta'een yaadatama, amala murtaa'aa irra deddeebi'uun mul'atu tokko qabu. Haala /
ta'iinsa adda addaa keessaa yoo seenaniis hin jijjiiraman. Jireenyii isaanii walxaxaa kan hin
taaneedha akkasumas maalummaafi eenyummaan isaanii hima tokkoon ibsamuu kan
danda'aniidha, gochaalee walfakkaataa yeroo baay'ee waan agarsiisaniif dubbistootaan kan
jaalatamani miti
Amala walxaxaa ta'e kan qabaniidha ( Zarihuun, 1992).kan jireenyii isaanii kallattii garagaraatiin
kalaqamee ta'ee amala walxaxaa qabaniidha. Bu'aa ba'ii jireenya walxaxaa ta'een kan
takkalamanii kaayyoo isaanii galmaan gahuuf yogguu tattaafatan rakkinni hedduun isaan
muudatuudha. Akkasumas waa'ee ilma namaafi waa'ee jireenyaa isaaniifi uumamaa xinxaaluun
kan raagan ta''anii bifa jireenyaa adda addaa wajjiin walquunnamtii kan qabaniidha. Haala
salphaa ta'een eenyummaafi maalummaa isaanii baruun kan hin danda'amneedha,
boqonnaalee hedduu keessaatti kan mul'ataniidh
Seenaa asoosama keessatti boqonnaa hedduu keessaatti kan mul'ataniidh ( Malakneh 2006)
Jalqaba seenaa asoosama irraa kaasee hanga xumura seenaa asoosamaa keessatti Kan
mula'ataniidha. Namfakkii ol'aanaan kaayyoofi amalaan kan jijjiiramuu ta'e namfakkii masaanuu
waliin waldiddaa guddaa kan uumaniidha
Namfakkiin kan uumamani asoosaan. Asoosaan yeroo namfakkii uumuu haala isaan ibsuu
danda'uufi gahee isaanii kenname bahuu danda'an akkasumas haala dalagaa jireenyaa dhugaa
hawaasa ibsuu danda'anitti kalaqamanii kan tajaajilaniidha.
Akkuma qabatamaa dhugaa lafarraa jiruttii akkuma namni kophaa hin jiraanettii namfakkoonni
asoosama keessatti walitti dhufeenya hawaasummaa qabu walitti dhufeenyi isaanii kun immoo
haala hawaasummaan kan ilaalamaniidha.
Haalli xinsammuu haala keessaa namfakkoota baay'ee beeknuuf kan gargaaraniidha. Fedhii
namfakkiiwwan adda addaa abdiiiwwan, jaalala, jibba , bifa, amala isaanii sammuu keessatti
xinxaaluun itti yaaduun kan uumamaniidha (Martin, 1996)
Qorannoo kana geggeessuuf saxaxa qorannoo addeessaa filachuun mala qorannoo akkamtaa
fayyadamuun qorannoo gaggeessuufi
Madda ragaa qorannoo kiyyaa kan naaf ta'an keessaa isaan ijoon asoosama dheeraa ciniinsuu,
barruu qorannoo qorannoo kiyyaan firoomina qabaniifi Kitaabilee og-barruu asoosamaati
Adeemsa qorannoo kanaa gaggeessu keessatti adeemsi iddattoo filachuu kiyyaa kan ta'e mala
iddatteessuu alcarraati. Sababni isaa maddii odeeffannoo qorannoo kiyyaa sakatta'a
dookimantii waan ta'eef tooftaa kanatti gargaarame.
Qorannoon yeroo gaggeeffamuu yeroo kenname keessatti qoqqoodame hojiirra oola. Haaluma
kanaan qorannoo kana geggeessuuf karoora bifa armaan gadiin taa'ee Jira
4 BOQONNAA AFUR
Moosisaan abba isaa obbo Ebbisaa Siintolaafi Haadha isaa aadde Oromiyaa Guutaa irraa dhalate yoo
tahu Jaalanneen immabbaa ishee obbo Tolaa waaqafi Haadha ishee aadde Ayyaantuu irra dhalatte.
Moosisaafi Jaalanneen Godina shawaa kaabaatt i dhalatanii waliin guddatan deemsa keessa jaalala
hiriyummaa wal jaalatan umriin isaani akkuma gaheen walkaadhimatanii osoo jiranuu,Moosisaan carraa
barnoota Yuunivarsiiti argatee yunivarsiitii Madda walaabuu tti barnoota isaa hordofaa ture.
Jaallanneenis jaalala hiriyyummaa dhugaa waan jaalattuf obsaan eeggachaafi xalayaa
barreessufiidhaanYaadaafi jaalala isaaf qabdu ibsachaa turte .Akkasumas yaaddoo, dhiphina qabdu gadi
fageenyaan xalayaa sanarratti ibsiteefi garaa isaa raafte. Moosisaanis xalaya sana akkuma dubbiseen
sammuun isaa duraan barnoota sirriitti hordofaa ture hanga tokko boora’e ,fuullisaas walitti
guduunfamee yaaddoo ishee kanaan Moosisaan cinqiifi yaaddoo garaagaraatin yunivarsitii Madda
walaabuuttii barnoota isaa otuma hordofuu boqonnaaf gara qe’ee isaatti galee Jaalanneen wal argan
tahus fuulduraaf bultii waliin ijaarachuuf hawwii waan qabaniif addunyaa jaalalaa yeroof seenuuf of hin
amansiisne .Haa tahu malee deemsa keessa jaalalli qaamasaa mara booji’ee jaalala addunyaa dhugaa
waliin dhandhamachaa jaalalaanis hawwiin ishee yeroo dheeraa galma ga’etti jaalala waliif qaban
mirkaneefatan.
Boqonnaa kana keessatti ragaalee kitaabichaa keessatti argaman sirriiti dubbisuun qaacceesun hiikni itti
kan itti kennamaniidha. Akkaataa itti qaacceeffamaniifi hiikni itti kennaman nam-fakkoota asoosamichaa
barreessaan kalaqee uume irratti hundaa’eetti .Haaluma kanaan asoosama kana keessatti haalli
namfakkoonni itti kalaqaman kallatti xiyyeeffannoo isaani haala dhaabbii qaama ,haala hawaasummaa,
haalaa raawwii addunyaa dhugaa bara sanaafi barbaachisummaa namfakkoota asoosamichaa irratti
xiyyeeffatuudha.
Namfakkiin seenaa asoosamaa tokko keessatti boqonnaalee hedduu keessatti argaman namfakki
guddaa /muummichaa jedhamanii beekkamu. Malakneh[2006:41] yoo ibsu namfakkiin muummichaa
kan namafakkii masaanuun walitti bu’uudha Jedha. Asoosama kana keessatti namfakkii muummichaa
amalaan ,gochaan, haala dhaabbata qaamaa Qaamaa isaatiin haala hawaasummaafi haala xiinsammuu
akkasumas haala nama addunyaa dhugaan maal akka fakkaatu sirriitti ibsamanii jiru.
Asoosamni kun namfakki muummichaattii aanee kan jiru namfakkii diriiratti . Namfakkiin kun haala
salphaa ta’een yaadatamuu fi amala irraa deddeebi’ee mulatu tokko qaba
Jaalanneen durba simboo qabeettii dheertuu, diimtuu konkona kan shurrubbaan dugdarra ciisu ija
gurguddaa gara mo,oo baayee, kan bal’attuudha.haala qaama ishii kana yoo ilaalle midhaagni namfakkii
diriiraa kan namatti toluuf ofitti nama hawatu ta’uu isaati. Kana males funyaan ishee qajeelaa ijji ishee
guddaan simboo qabeetti ta’uu ishee ni beeksisa. Kanaafuu namfakkii diriiraan asoosama kanaa
addunyaa dhugaa kana keessa fakkaattii ishee kan qabduu ta’uu isheeti kun immoo dubbisaa asoosam
kanaa suuraa bareedaa sammuu namaa keessatti waan uumu ta’uu hubatamee jira
JAALANNEE
Asoosama kana keessatti namfakkiin Diriiraan Kun haala hawaasummatiion Baay’ee hin Mul’atu haa
ta’uu malee gochii isheen raawwattee baa’innaan hawaasa keessatti kan mul’atudha.
Jaalanneen jaalalaaf fedhii ishee haala garagaraan Moosisaaf mul’isuuf yaalteerti. Isaaf garuu dubbiin
dafee hubatamuuf didee ciniinsuu itti ta’e. Isheen isa dabarsitee kennuu fi isa irra fagaachuu hin
barbaadduu ,ofii ishees nama kan biraatti kenuu hin barbaaddu (F 10)
Haala ishee kanarraa kan hubannu namfakkii diriiraan Asoosama kana keessatti Namfakkii
Muummichaa malee hawaasummaa qaama biroo walii baay’ee kan hin qabne ta’uu ibsamee jira.
Kanaafuu namfakkii diriiraan amala Qabatama nama addunyaa dhugaa bakka ni bu’a jechuudha.
JAALANNEE
Jaalanneen jaalala moosisaatiin qabamtee osoo dhiphattuu moosisaan gara mana warra ishee yoo
deemu kaayyoon isaa maal akka ta’e ibseef. Gaaffii heddus gaaffate(F 114-117) Yaada Asoosama kanaa
hubannutti namfakkiin diriiraan tun yaadaan dhiphattee yaaddoo guddaan qabamtee imimmaan ija
ishee diimessee rakkoo guddaaa keessa jiraachuu agarsiisa. Kanaafuu fakkaattiin namfakkii diriiraa
tanaa kan rakkoon yaaddoon jalalaa sammuu isaanii dhiphisu addunyaa dhugaa kana keessa jiraachuuu
ibsa. Kunis namfakkii asoosama kanaatti fakkeeffamee kan namootni jaalalaaf addunyaa dhugaa
keessatti aarsaa kaffalan irra gahu ni hubachiisa.
4.1.11 HAALA KALAQA NAMFAKKII MARSAA
Asoosam kanaa kana keessatti bal\innaan jiraachuu baatanis hangi Tokkoo mul’atanii jiru . kana immoo
kan itti beeku danda’e akka hayyuu Zarihuun(1992:172) Namfakkii marsaa kan jedhaman kanneen
seenaa asoosama tokkoo keessattii amala walxaxaa qabaniidha jedha waan ta’eef
HAWWII
Moosisaan barataa cimaadha carra hedduutu isa eeggata .Hawwiin tooftaa ittiin isa argattu yaalaa oolti
xalayaa isaaf barreessitee isa malee akka hin jiraanne gorbaa jaalala tahuu akka dandeessu murteessu
ishee itti himti [f16].Akka yaada kana irraa hubannutti namfakkii marsaan amala walxaxaa kan qaban
waan tahaniif takkaa dhiiffama gaaffachaa takka moo jaalala isaaf qabdu ibsachaa yaada isheefi kan isaa
booji’uuf yaalti
Gocha namfakki kanaa hawaasa addunyaa dhugaa waliin wal bira qabnee yoo ilaallu namoonni hedduun
waan fedhii ofii galmaan gahuuf dubbii walmakaa uumuun namoota wallolchiisuun fedhii ofii
guuttachuuf kan yaalan waan taheef barreessaan asoosama kanaa namfakkii kanaa akkaata inni
hawaasa addunyaa dhugaa bakka bu;uun kalaqee kan barreessee tahuu hubanna
HAWWII
Hawwiin guyyaa gaafa moosisaa argiteeti ijji ishee isarra hi miliqne yeroo hundaa waa’ee isaa yaaddii ni
inaafti .yaadni ishiin yeroo maraa buustee baastu kan moosisaa qofa .yaada kana irraa wanti hubannu
namfakkii marsaan ilaalcha dhiphaan kan yaadan tahuu nu hubachiisa ,sababni isaa namfakkiin kun
yaadni kiyya qofti tahuu qaba jechuun ilaalcha ofittummaan ibsamee jira. Gocha namfakkii kanaa kan
hawaasa dhugaa waliin wal bira qabnee yoo ilaallame inaaffaan gaarii akka hin taaneefi qaamoota wal
jaalatan addaan diiguu kan danda’u tahuu hubanna
TIYYAA OLAANAA
Baruumsa tokkotu naa galuu didee xiqqooshee na qo’achiisuu dandeessa? Naan jettee harkashee
gurmuu koorra keessee tolee mee yaa tahu jedheen barumsichia ibsuufii eegale [f.81]akka yaada
kanaatti namfakkiin masaanuun kan namfakkii muumichaa ibsuufi hawwii haalli inni itti hojicha hojjatu
seeraa fi seera qofarratti kan hundaa’ee waan taheef namoota baayyee biratti fudhatamni isaa gadi
aanaadha .Sababni isaa immoo shamarran qo’annoof isa bira dhufan dhimma barnootaarratti malee
waan biraa haasa’uuf carraa waan hin arganneefiidha .Akka barreessa kanaatti namfakkii masaanu kana
kan fakkaatu namoonni addunyaa dhugaa keessatti hojii dhugaa fi seeraa irratti hundaa’uun hojjetan
namoota biratti akka waan gowwaa wayiitti kan lakkaa’an tahuu nu hubachiisa
TIYYAA OLAANAA
Tiyyaanis “moosisaa’ namoonni hedduun bar na gaaffatanii turan “ jette [ f. 81] Akka yaada armaan
oliitti wanti nuti hubannu namoonni na gaaffatan jechuun ishee jaalala isaatiin qabamuu akka ta’e
hubanna. Haallii barreessaan asoosama kanaa namfakkii kana itti kalaqe namoota addunyaa dhugaa
waliin walbira qabnee yoo ilaallee namni tokko waan tokko yeroo barbaade karaa adda addan yaada
Saa yeroo ibsatu agarra kuni immoo qabatamaa addunyaa dhugaan walisaan fakkeessa .
Haala raawwii addunyaa dhugaa bara sanaatiin asoosama kana walbira qabnee yoo ilaallu ta’iinsoota
bara kana keessatti ta’aniin kan walqabatuudha .
]Qe’ee abbaa keetii dabalatee dalagaa jiraachu qabda malee hin barattu warren baratanis eessa gahan
ittiin jennaan moosisaan barruulee fudhatee biraa deeme. [fuula 5]
Haallii asoosaan namfakkii masaanuu kana ittiin kalaqe yeroo ilaallu namfakkiin masaanuun nam fakkii
muummichaa yookiin Moosisaa loluun akka inni barnoota addaan kutee tiksee loonii tahuuf of
eeggannoon itti kenname hubanna kuni immoo waan qabatamaa namoonni dhugaa lafa kana irra
jiraatan dalaganiin dalagaan isaa walfakkaata.Guutumatti gochaaleen namfakkii masaanuun
dalagamani qabatamaa gochaalee dhugaa dhala namaa bakka kan bu’uudha
Nam-fakkii xixiqqaa kan jedhaman asoosama tokko keessatti yeruma tokko mul’atanii kan badaniidha.
[ Fedhasaa ,2013 ]asoosama kana keessatti namfakkoonni xixiqqaan kan si’a tokko qofa mulatanii
badaniifi hawaasaa addunyaa dhugaa bakka bu’uu dandaniidha.Kunneenis haala armaan gadiitiin
xiinxaalamani jiru.
BILISEE
Biliseen barattuudha ,Yuunivarsiiti Madda walaabuu deemaa osoo jirtuu, Moosisaan walbaran otuma
wal qoratan fira waliif tahan kunis Biliseen durbii moosisaa taatee argamte [ fuu.79 ] yaada kana irraa
wanti hubannu namfakkiin kalaqaman hawaasa dhugaa waliin gochi isaanii walfakkaata. Sababni isaa
namoonni fira ta’an sababoota garaagaraatin walarguu dhabuurra kan ka’efi walbeekuun walitti dhufuu
dhabuurraan wal wollaalanii jiraatan kan jiran ta’uu isaati kanaafuu haalli asoosaan namfakkii kana itti
kalaqe hawaasa adduyaa dhugaa kanaa karaa hawaasummaan kan jiruufi bakka bu’uudha
4.1.20 HAALA KALAQA NAMFAKKII XIQQAA KALLATTI XIINSAMUUTIIN
BILISEE
“Silaa nama dhugaan argitee aarii qabattetu jirmoo? Jechuun ,Moosisaan gaaffate,yaadasaa baruu
barbaade [ fuula,76] yaada kanarra wanti hubannu namoonni walbaruuf jecha yeroo wal gaggaafatan
miirrii adda adda kan keessatti mul’atu jiraachu hubanna kanaafuu haallii asoosaan namfakkii xixiqqoo
kana itti kalaqe gocha hawaasa addunyaa kana kan calaqqisiisu ta’uu isaati.
Seneessaan seenaa asoosama dheeraa ciniinsuu ija nama tokkoffaadha. Kunis jalqabarra ka’ee hanga
dhumaati eenyummaasaa beeksisuurra ka’ee hanga namfakkiilee kaan waliin walbarutti ,akkasumas
seenaan isaafi walitti dhufeenyi inni namfakkiilee kaan waliin qabu namoota addunyaa keessa jiran
waliin wal fakkaata .
Addunyaa lafa kanaarratti jiruufi jireenyi kan miidhaguu fi mi’aawu namni qofaasa taa’ee osoo hin
taanee kanneen biro waliinis waa hedduu qoodachuu dhaan waliisaaf kennuu danda’us yoo jiraate
kanneen guddaan jaalalafi dhugaa qofa adha [ fuula 12] kanarra wanti hubannuu immoo dhugaan
addunyaa biyya lafaa kanarratti fudatama kan qabuufi jaalalli hidhaa waan hundumaa kan namoota
walitti fidu ta’uusaa hubbanna kunis namfakkiileen kalaqaman addunyaa dhugaa barasanaan kan
walfakkaatu ta’uu ibsa ,kana malees moosisaan miira hiriyoota isaa :Hawwii,Jaalannee,Tiyyaa,Bilisee
hubatee waliin dhiphachaa jaalala isaanitiin gidirfamaa ture. Hawwiiniis uffatte yaaddoo guutuu
lapheetti qabatte alaa olseentee akka rifachuu taa’te gaadaa lixxe [ fuula 216] yaada kanarra akka
hubannutti miira saalfii Hawwii keessa kan jiru ta’uu isaati haalli kunis namoota lafa kanarra jiran waliin
wal fakkaata . Kanaafuu barreessan namfakkii kana yeroo kalaqu haala addunyaa hawaasaan wal isaan
fakkeesse uumee barreesse.yaada kanarra wanti hubatamu miirrii saalfii Hawwii keessa kan jiru ta’uu
isaati . Haalli kunis namoota dhugaan lafa kanarra jiran waliin kan walfakkaatuudha . Kanaafuu
barreessaan namfakkii kana yeroo uumu haala qabatamaa namoonni dhugaa lafa kanaa raawwataniin
walfakkeesse kan uumeedha . Walumaa galatti haalli asoosaan ,seeneessa asoosama dheeraa Ciniinsuu
itti kalaqe kan namoonni dhugaa lafa kana irraa jiraataniin kan walfakkaatuudh.Kana
maleesseeneessaan miira namfakkiilee biros sirriitt kan beekuudha .Jalqabaa kaasee hanga dhumaattiis
kan qooda fudhate ija nama tokkoffaadh.
Barreessaan asoosama tokko namfakkiilee bocee yeroo itti fayyadamu waliin dubbiin,hirmaannaafi
ilaalchi isaanii maal akka ta’e kalaqeefi nama dhugaan walfakkee barreessa kun immoo ciminaa fi
hanqina qabaach danda’a.bu’uuruma kanaan ciminaa fi hanqina namfakkiilee bifa armaan gadiin
qaacceeffamanii jiru.
Namfakkiileen kalaqaman akkaatan waliin dubbii isaanii baayee kan nama hawatuudha “Moosisaa
dhiifama sin jeeqe mitii ?”jette hidhii ishii xuuxessaa “ lakki homaa hin jeeqne garuu qormaannii gahaa
waan jira waan ta’eef yaada keenya sassaabbannee qalbiin yaa qo’annu “jedheen [fuula 82] yaada
kanarraa wanti hubannu Moosisaafi Biliseen yeroo waliin dubbatan jechoota fudhatamoofi miira namaa
hawwatan fayyadamu isaanittii .kun immoo yaadaan walamansiisuudhaan gocha barbaachisu akka
raawwatan walamansiisuuf yaaluudha kanaafuu akkaataan barreessan namfakkiilee kana itti uume
gaariidha. Itti fayyadamni dubbii qolaa asoosama kana keessatti baayinaan argamanii jiru. Jireenyi bara
Atsee Minilik bara amantiin humnaa qawweefi hiree ilmaan bofaafi jawween kaabaatiin namatti fe’amu
san [fuula 1]yaada kanarra wanti hubannu Moosisaan maqaan isaa kan moggaafameef bara cinqaafi
yaaddoo ta’uu hubanna kanaafuu miidhama namarra jiru tokko dubbiilee qolaatiin dubbachuun yaada
ofii dabarsuun akka danda’amu hubanna.
Ciniinsuu jechi jedhuuyyu kan inni agarsiisu ergaa ifaafi dhokataa kan qabuudha kunis seeneessan jecha
kana yeroo fayyadamu yaada keessa isaa jiru ittiin ibsatee jira. Kun immoo yeroo sanattii dararaa cimaan
akka tureefi rakkinni ofii baasanii dubbachuun rakkisaa akka ta’e ibsee jira [fuula 131] yaadni kunis
dhaamsa keessa namaatti dhaga’ame tokko icciitiin ibsachuun akka jiru ibsachuun akka jiru ibsachuu
isaati kanaafuu kanneen akka cimina namfakkiilee kanaatti kaasuun ni danda’ama.
Namfakkiileen bocaman akkuma cimina qaban hanqinallee qabu hanqinni namfakkiilee kunis walitti
dhufeenyii nam fakkiilee gidduu isaanii jiruu addaan kan ciccite ta’uudha. Moosisaa fi Bilisaan jaalala
hoo’aa osoo wal jaalatanii maal irra akka gahan ibsamuu dhabuun akka hanqinaatti ilaalama.
5 BOQONNAA SHAN
Nam-fakkiin miseensota asoosamaa keessaa isa tokkoodha. Asoosama tokko asoosama kan jechisiisu
ijaarsaa fi tokkummaa miseensonniasoosamaa qabaniidha. Tokkummaa fi ijaarri kun kan argamu
asoosaan sun dandeettii ittiin waan tokko uumu qabuun qabxiin ijoon sun yoo dhiyaateedha. Nam-
fakkiin muudatan, hawaasa keessa jiraatu keessatti muudannoowwan mul’atan ilaalee kan ofii isaas itti
kan isaan waliin wal fakkaatan itti fakkeessee kan uumuudha. Kanaafuu kanneen asoosama kana
keessaa kan namoota dhugaan jiraatan kan isaan fakkaatan addunyaa dhugaa kana irraa qabu. Kana
malees nam-fakkoonni namoota hojii og-barruu kalaqamanii namoota dhugaa lafa kanaa bakka bu’anii
argamaniidha. Nam-fakkoonni addunyaa asoosamaa keessatti foon uffatanii amala gonfatanii waan ittiin
waaman kennameefii bakki jireenyaa qophaa’eefii kan dubbatan kan nyaatanii fi dhugan namoota
addunyaa asoosamaati.
Qorannoon kun kan inni irratti xiyyeeffate nam-fakkoota asoosama dheeraa ciniinsuu qaaccessuu irratti
yoo ta’u nam-fakkoonni haala kamiin asoosama keessatti uumaman ilaalamaniiru. Nam-fakkoonni
asoosama dheeraa ciniinsuu wantoota sadirratti xiyyeeffachuun xiinxalamaniiru. Kunneenis haala
xiinsammuu, haala hawaasummaa, haala dhaabbii qaamaa fi haala qabatamaa bara sanaa akka bakka
bu’u nam-fakkooni maqaa fi hojiin isaanii akka wal fakkaatuu fi hawaasa dhugaa keessa jiru ifaatti kan
baasee fa’a haala kamiin dubbistootaaf nam-fakkootatti fayyadamuun dhiyeesse kan jedhu
xiinxalamaniiru.
5.1.2 ARGANNOO
Qorannoon kiyya adeemsa dheeraa booda xumura armaan gadii irra gahee jira.
Nam-fakkin haala adddunyaa dhugaa waliin wal fakkaachuun walitti dhufeenyi isaan jidduu jiru sababa
quubsaa irratti kan hundaa’eedha.
Nam-fakkiileen asoosama kana keessatti kalaqaman namoota dhugaa addunyaa keessa jiraniin kan wal
fakkaataniidha /hawaasa dhugaa kan bakka bu’u ta’uu adda baafameera.
Barreessichi nam- fakkoota muudannoo ofii isaa fi kan hawaasa keessa jiraatuu akkasumas wantoota yeroo
ammaa kana kallattii jireenya hawaasummaan mul’atan nam-fakkiilee achi keessatti argaman irraa akka
hubatamu godhee kalaquun isaa hubatameera.
Maqaan asoosama kanaaf kennameef ergaa baay’ee fi dubbii qolaa of keessaa kan qabu ta’uu beekkameera.
Nam-fakkoonni asoosama dheeraa ciniinsuu jedhuu ulaagaa nam- fakkiin guutuuqaban guutaniiru.
Nam-fakkoonni asoosama kanaa raawwii dhimmoota addunyaa dhugaa kanaa hammam bakka bu’uun
dhiyaataniiru kan jedhu addaan baafamee beekameera.
Haallii Asoosamni itti kalaqame haala yeroo Sanaa waliin kan deemuudha
5.1.3 YAADA FURMAATAA
Asoosamni guddina og barruu afaan tokkoo keessatti gahee inni qabu guddaadha. Barreessitoonni yeroo
asoosama barreessan waan hawaasa tokko keessatti hubatan kalaqa mataa ofii fayyadamuun wanta itti
dhaga’ameefi argan ibsuun ni danda’ama yeroo asoosamni kalaqamu wantoonnii of eeguun barbaachisu
hedduudha. Haalli kalaqa namfakkiilee ulaagaalee namfakkiilee namfakkii guutuu qabu guutanii nama
dhugaan lafa jiru bakka bu’uu qabu. Namfakkiileen ergaa asoosama tokkoof ijoo waan ta’aniif of
eeggannoon kalaquun barbaachisaadha. Barreessitoonni namfakkiileef gochaafi amala isaaniif haala
yeroo saniin akka wal fakkaatuutti bocuun barbaachisaadha . Haalli kalaqa namfakkiilee ulaagaalee
namfakkiin guutuu qabu guutanii argamuu qabu . Guddina ogbarruu oromootiif qorannoon haala ittii
fufiinsa qabuun dhimoota obarruu oromoo adda addaarratii gaggeeffamuun barbaachisaadha.
Qorannoo gadi fageenya qabu asoosamoota afaan oromoo irratti osoo gaggeeffamee barreessitoota
asoosamaaf fakkeenya ta’uun guddina ogbarruuf oromootiif bu’a qabeessa ta’a.
KITAABILEE WABII
Asaffaa Tafarraa [2009] eelaa seenaa ogummaa oromoo Finfinnee ; far east Trading PLC
Fedhasa Taadasaa [2013] subii bu’uuraalee ogbarruu oromoo, finfinnee subi priting press
Gethachow Rabbirraa [2008] furtuu ,seerluga Afaan oromoo Finfinnee ;kurraz intarnational
Martin Alex. [1996] modern Novels . introduction to modern English literature s for student of Nework