Gabaasa Qorannoo Hasan
Gabaasa Qorannoo Hasan
Gabaasa Qorannoo Hasan
Akka Harmer (1991) ibsetti caasaa qooqa tokkoof jechoonni bu’uura waan
hundaati. Kana jechuun, namni tokko adeemsa walqunnamtii keessatti, hiika
jechootaa sirnaan haala sirrii ta’e keessatti yoo fayyadame malee ergaa
dabarfachuu barbaade dabarfachuu hindanda’u. Dabalataanis, jecha beekuun
qabxiiwwan armaan gadiitiin ibsama. Isaanis hiika jechaa, itti fayyadama jechaa,
ijaarsa jechootaafi seerlugaa fa’iidha, jedha.
Hiikni jechootaa haalaafi bakka adda addaa keessatti akka jijjiiramu beekuun
barbaachisaadha. Afaan yaada keenya dubbachuuf yookaan ibsachuuf kan nu
1
gargaaru yoo ta’u, inni bu’uuraa garuu hiika jechootaa beekuudha. Jechootaaf hiika
yeroo kenninu hiikni gosa adda addaa akka jiru beekuun barbaachisaadha. Isaanis
hiika faallaa, hiika heddee, hiika masoo, hiika walkeessoofi kan kana fakkaataniidha.
Hiikni faallaa jechoota hiika walmorkatan yookaan faallaa waliif ta’an lama
gidduutti kan uumamuudha. Hiikni heddeen uunkaa yookaan hiika tokkoo
olqabaniidha. Walkeessoon ammoo, hiika walkeessoo fayyadamuudha. Hiikni
masoo ammoo, fayyadama keessatti jechoota hiika wal fakkaataa qabaniidha.
Xiyyeeffannoon qorannoo kanaas, Qaaccessa jechoota hiika masoo qabanii kan
jedhu waan ta’eef, waa’ee jechoota hiika masoo qabanii bal’inaan ilaallameera.
Akka yaada Palmer kanatti, hiikni masoo hiika jechoota wal fakkaataniiti. Galmee
jechootaa irratti jechoonni hiika walfakkaatu qaban waliif hiika masoo ta’uu isaanii
hubanna. Jechi tokko hiika masoo waliif qaba yoo jennu, yoo xiqqaate jechoonni sun
hiika walfakkaatu qabaachuu qabu. Kana jechuun, hiikni waliin isaan qooddatan
jiraachuu qaba jechuudha.
Akka yaada Sebestain (2002) kaa’etti immoo, jechoonni hiika masoo ta’an
hiikni isaan waliin qaban walitti dhiyaatu qaba. Hiikni masoo akaakuu lama
qabaachuu danda’a. Isaanis masoo guutuu /total synonym/fi masoo gamisaa
/partial synonym/ jedhamu. Hiikni masoo guutuun tokko hiika wal fakkaatu
qabaachuu qaba. Kunis, hawaasa keessatti waan tokko kan ibsu ta’uu qaba. Jechoonni
hanga tokko hiika walitti dhiyaatu qaban immoo, masoo gamisaa waliif ta’u.
Jechoonni hiika masoo haala kanaan mul’atan Oromoo Arsii Lixaa birattis nijiru.
Kunis, haala fayyadamaa, loogaafi aadaan kan walqabataniidha. Hiikni jechoota
masoo kunis, amala hawaasummaa yookaan hawaasa itti fayyadamu sana kan ibsu
ta’uu qabu. Walumaagalatti, qorannoon kun haalli fayyadama Hiika Jechoota Masoo
Godina Arsii Lixaa Aanaa Wondoo qaaccessuuf qorannoo saganteeffamedha. Kunis
hiika jechoota masoo beekuun maaliif akka barbaachisu, faayidaan inni hawaasa
keessatti qabu maal akka fakkaatu kan ilaaluudha.
2
1.2. Ka’umsa Qorannichaa
Afaan yaada keenya ibsachuuf kan nu gargaaru yeroo ta’u, Hiika jechaa beeknee itti
hinfayyadamnu taanaan seera afaanii qofa beekuun bu’aa hinqabu.Yaada kana
cimsuun Cook (1976) faayidaa jechoota beekuu yoo ibsu, Osoo hamma fedhe
faayidaa isaa ibsuuf deemtee, osoo hamma fedhes caasaa seerlugaa fayyadamuu
yaaltee, hiika jechootaa yoo beekte malee faayidaa hinqabu, jedha. Sababiin isaas,
hiikni jechootaa afaan kamiyyuu keessatti wanta barreeffamu, dubbifamuufi ergaa
qulqullina qabu dabarsuuf murteessaadha. Akkasumas, dandeettii afaanii hojii
irra oolchuuf haala fayyadama hiika masoo beekuun isa dursaadha. Kunis hiika
masoo beekuun ergaa fudhachuufi ergaa dabarsuu keessatti gaheen inni qabu
daran olaanaadha. Hiika masoo ilaalchisee qorannoo bal’aan Afaan Oromootiin
akka Aanaa Wondootti gaggeeffame hanga hubannoo qorataa kanaatti hinjiru.
Qorannoon kanaan dura dalagames fayyadama afaanii malee haala fayyadama hiika
jechoota masoo kan agarsiise waan hintaaneef qorannoon kun gama kanaan
adeemsifamuun barbaachisaadha. Kanaaf, ka’umsi qorannoo kanaa rakkoo hawaasa
biratti faayidaafi fayyadama hiika jechoota masootiin walqabatan furuufidha.
Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa, jechoota Hiika Masoo Oromoo Arsii Aanaa
Wondoo qaaccessuudha.
3
1.4. Gaaffilee Qorannichaa
Jechoonni hiika masoo hawaasni Oromoo Arsii Aanaa Wondoo itti fayyadamu
kam fa’i?
Faayidaan hiikni jechoota masoo hawaasaa Oromoo Arsii Aanaa Wondootiif
qabu maali?
Haalli fayyadama hiika jechoota masoo hawaasa Oromoo Arsii Aanaa
Wondoo biratti maal fakkaata?
Gosootni hiika jechoota masoo kam fa’i?
Qaacceessa jechoota hiika masoo qabanii naannoo adda addaa irratti qorannoo
gaggeessuun barbaachisaa ta’uu nidanda’a. Kana malees, Godinaalee Oromiyaa
adda addaarraa ragaa funaanuun osoo qorannoon kun gaggeeffamee gaarii ta’uu
danda’a. Haata’u malee, ragaa kana hunda qindeessuun yeroo, qarshiifi humna namaa
hedduu waan gaafatuuf qorannoon kun Qaaccessaa Jechoota hiika Masoo Oromoo
Arsii Godina Arsii Lixaa Aanaa Wondoo jedhurratti daangeffamee kan hojjatamedha.
4
BOQONNAA LAMA: SAKATTA’A BARRUU
Jechi bakka bu’aa yaadaati. Dhalli namaas dhageettii isaa mara mallattoo
jechootaatiin bakka buusuun namoota biroo waliin walqunnamtii uuma.
Walqunnamtii gaarii ta’e uumuuf immoo jechoonni qindaa’an sun hiika qabaachuu
qabu. Akka hayyoonni afaanii adda addaa ibsanitti xiinhiikni saayinsii waa’ee
hiika jechootaa, gaaleewwaniifi himaa akkasumas, dubbii himaan duuba jiru
qoratudha. Jechi xiinhiika/’semantic’ jedhu jecha Giriik “semantikos” jedhurraa
kan madde yemmuu ta’u, “sema” fi “token” mallattoofi wantoota uumamaa
walitti dhufeenya qabu kan jedhu bakka bu’a.
Seead (2004) xiinhiika haala kanaan ibsa, “Xiinhiikni saayinsii qunnamtii hiikaa
karaa afaanii taasifamudha” jechuun ibsee jira. Haaluma walfakkaatuun
Yule(2006) maalummaa xiinhiikaa yoo ibsu, Jechoonni akka baattoo hiikaatti qofa
kan ilaalaman osoo hintaane, walii isaanii jidduutti hariiroo qabaachuu isaanii
addeessa. Kanaaf adeemsa hubannoo hiika jechaaf taasifamu keessatti hariiroo
jechoonni waliin qaban gadifageenyaan xiinxaluun barbaachisaadha.
Yaada hiika jechaa jedhu namoonni gara garaa haala adda addaatiin hiiku. Akka
hayyuun Ur. (1991:60) jettutti hiikni jechaa:
5
Yaada kanarraa akka hubachuun danda’amutti, hiikni jechaa tilmaamaan jechoota
afaan keessatti barsiifaman yookiin fayyadama jechoota afaan tokkooti jedhamee
hiikkamuu nidanda`a. Haata`u malee jecha tokkoo ol ta`uu ni mala. Fakkeenyaaf,
“ Mana poostaa”, “Abbaa seeraa‟, “Mana galmee‟, “harka wayaa jalaa‟ jedhan
kan ijaaraman jechoota lamaafi isaa ol irraa ta`us kan isaan ibsan yaada tokko.
Gama biraatiin galmee jechaa Longman Dictionary of Contemporary of English
akka ibsutti, “Vocabulary is the special set of words used in a particular kind of work,
business etc‟ jedha. Akkuma ibsa kanarraa hubatamu, Hiikni jechaa tarreeffama
addaa tuuta jechootaa ta`ee kan hojii murtaa`e tokko keessatti (hojiif, daldalaaf,
k.k.f) tajaajilanidha. Kanas ta`ee san jechaafi hiikni jechaa guutumaan guututti
tokko akka hin taaneefi wal bakka bu`uu akka hin dandeenye akkasumas sadarkaa
tokkorra akka hin jirre nu agarsiisa.
Akka hiikaawwan armaan olii irraa hubachuun danda’amutti, hiikni jechaa jechoota
afaan keessatti yookiin nama keessatti argaman ta’ee, kan dubbiifi barreeffamaaf
dhimma itti baanu ta’uu nu hubachiisa.
Jechoonni gosoota adda addaa qabu. Gosoota hiika jechootaa kana ilaalchisuun
Palmer (1981) akka ibsutti, jechoonni hiika faallaa, hiika walkeessoo, hiik-heddee,
hiika masoofi kan kana fakkaatan jedhamuun qoodamu.
6
2.2.1. Faallaa (Antonymy)
Faallaan walitti dhufeenya jechoota walmorkatan lama gidduu jirudha. Walitti
dhufeenya jechoota hiika faallaa waliif ta’anii karaa sadiin ilaaluun nidanda’ama.
Addunyaa (2014), Alamuu (1996), Atkinsfi kanneen biroo (1996).
dhiira →dhalaa
jiraa →du’aa
Xiqqaa-------guddaa
Bal’aa--------dhiphaa
Furdaa-------qal’aa
Dheeraa------gabaabaa
7
Akkuma fakkeenya armaan olii irraa hubachuun danda’amutti, jechoonni
cimdiin dhiyaatan “kamtu kamirra‟ jechuun kanneen ilaalamanidha. Kan tokko
waliin ilaalamee dheeraa ta’e kan biroo waliin yemmuu ilaalamuu immoo
gabaabaa ta’uu danda’a waan ta’eef gosti faallaa kun faallaa sadarkeessaa
jedhama.
Barsiisaa -barataa
Bituu-gurguruu
Haadha-abbaa
8
“dhahe‟ jedhu unkaa tokko qabaatuyyuu hiika garaagaraa qaba. Hiikaawwan adda
addaa jechi kun qabus hima keessatti jecha waliin hiriirsuun hubachuun
nidanda’ama. Mee fakkeenya armaan gadii keessatti jecha “dhahe‟ jedhu haa
ilaallu.
Dhahe
9
(4). kakaasa (Motivation) ta’uu danda’u. Ijaarsa kana keessatti kakaasni
xiggoowwan uumamani barbaachisummaa, caasaa, bakkaafi yeroon ta’uu kan
danda’uudha.
Akkuma fakkeenya 1ffaa kanarraa agarru, jechoonni (a-c) jechaa “dhugaa‟ jedhuuf
kan kennaman yemmuu ta’an jechoonni kunniin hiikaafi sagaleessuu isaanii
garaagara haata’an malee haalli isaan ittiin barreeffaman tokkodha.
10
2.2.6. Galumsa
Jechoonni yeroo baay’ee kan barsiifaman akkaataa galumsa barreeffama yookiin
dubbii keessattidha. Kunis akka barattoonni jecha sana muuxannoo yookiin
beekumsa duraan qaban waliin walbira qabanii ilaaluun hubatan isaan taasisa.
Yaada kana hayyoonni Atkinsfi kanneen biroo (1996) akka armaan gadii kanaan
deeggaru. “It is believed to be valuable to present and practice a new vocabulary
item in a clear oral and written context. This helps the students to relate the new item
to his/her prior knowledge in a memorable ways and thus helps to make its meaning
clear”. Jechoota haala galumsaan barsiisuu keessatti barsiisonni caasaa walxaxaafi
jecha haaraa dhabamsiisuu qabu. Sababni isaas jechoonni bakka galmaarratti
hundaa’uun hiika adda addaa kennuu waan danda’aniifi hiikni jecha tokko dhaabbitti
kana jedhanii murteessuun waan hindanda’amneef. Akka hayyoonni barnoota
afaanii ibsanitti tooftaan hiika jechootaa, galumsaa bu’uura godhachuun
barsiisuun daran bu’a qabeessa akka ta’edha. Sababni isaas barattoonni hiika
jechootaa haaraa kanaan dura arganii hinbeekne tokko ofii isaaniitiin akka
galumsa dubbisaa irraa tilmaamuun baratan isaan gargaara. Akkasumas, jechi tokko
galumsa adda addaa keessatti hiika garaa garaa qabaachuu akka danda’an tooftaa
hubachiisuudha.
Jechoonni lama yookiin lamaa ol hiika walfakkaatu qabu taanaan jechoota masoo
jedhamu. Haata’u malee, jechoonni masoo waliif ta’an kun hima keessatti bakka
walii bu’uu kan danda’an yeroo hunda ta’uu dhiisuu danda’a. Kana jechuun,
jechoonni masoo ta’an akkaataa itti fayyadama keenyaa irratti garaagara ta’uu
danda’a. (Yule,2006). Jechoonni masoo jechoota haala adda addaatiin barreeffamanii
walitti dhufeenya hiikaa cimaa qabaniidha (Wallace,1981). Akka yaada oggeeyyii
armaan oliirraa hubachuun danda’amutti jechoonni masoo jechoota uunkaadhaan
osoo hintaane, hiikaan walfakkaataniidha.
11
moggummaan kunis walitti dhiyaata malee guutummaatti tokko ta’uu hindanda’u.
Yaada kanarraa kan hubannu hiikni masoo jechoota hiika walfakkaatu qabaniidha.
Jechoonni qabiyyee adda adda keessatti hiika yoo xiqqaate waliin qoodachuu qabu.
Xinqooqni baay’een kan amanu afaan hiikni masoo jecha yookaan gaalee
qabiyyee jiru yoo ta’u, garuu, masoon guutuun akka hinjirre yaada armaan olii irraa
hubachuun nidanda’ama. Stanojeric (2009:193-200) hiika masoo yoo ibsu,
Yaada hayyuu kanarrraa kan hubannu, hiika jechoota masoo jechuun jecha
yookaan gaalee afaan tokko keessatti hiika walfakkaatu yookaan walitti dhiyeenya
qabaniidha. Jechi hiika masoo (synonym) jedhu jecha Girikii durii “syn” (with)fi
“Onoma” (name) jedhu irraa dhufe. Kunis, maqaa waliin hiika qaban jechuun hima
tokko keessatti walii galanii dhaamsa dabarsuu danda’uu isaaniiti. Fakkeenyaaf,
waa’ee yeroo dheeraafi yeroo bal’aa yoo haasofnu jechi dheeraafi bal’aa haala
gaalumsaatiin waliif hiika ta’u. Hiikni masoo garee jechootaa kan akka maqaa, ibsa
maqaa, ibsa xumuraa, xumuraafi durduubee ta’uu danda’a. Akka yaada Saeed
(2003:64) irratti ibsutti hiikni masoo,
Yaada armaan olii kanarraa kan hubannu, hiikni masoo jechoota hiika walitti
dhiyaatu qabaniidha. Kunis, hiikni jechoota masoo looga adda addaa qabaachuu isaa
agarsiisa.
12
masoo faayidaa adda addaa hawaasa keessatti qabaachuu kan agarsiisudha
(Crystal,1997).
Krausfi Chiu (1993) ga’ee hiikni jechoota masoo hawaasa keessatti qabu haala
gaariin ibsu. Kanas, afaan handhuura yaa’a aadaafi karaa ittiin waan sammuu namaa
keessa jiru barruudha. Walitti dhufeenya namootaa keessatti haasaa waljijjiiruun
hawaasummaa kan itti raawwatudha. Mehal(2003) akka ibsutti, daandiin hawaasni
jechaan amansiisuuf, ofibsu odeeffannoo mataasaaf kennu, dhaggeeffattootaaf haala
keessa jiru calaqqisiisu bu’aa walii galteeti. Holmes (1992) akka ibsetti, hiikni
jechoota masoo walitti dhufeenya hawaasummaa keessatti faayidaa heddu qaba
jedha. Akka hawaasichi yaada ofii ibsatuun dhaggeettiifi dandeettii qaban
calaqqisiisuuf nigargaara jedha.
Finch (2003) faayidaa hiika masoo bakka lamatti qooduun lafa kaa’eera. Tokko
faayidaa gooree kan namni dhimma adda bahe tokkoof fayyadamu yeroo ta’u, inni
lammaffaa ammoo, faayidaa gooroo kan jedhamu kunis, faayidaa hiika
jechootni masoo hawaasaaf kallattii adda addaatiin kennudha. Itti fayyadamni hiika
jechoota masoo yaada adda addaa walqabsiisuuf fayyada. Afaanitti fayyadamuuf
yoo xiqqaate faayidaa hiika jechoota masoo beekuu qabna. Yeroo hunda itti
fayyadama hiika jechoota masoo ergaan dubbataan darbu dhaggeeffataa biratti
hiikni isaa hubatamuu qaba. Kana ta’uu baannaan itti fayyadamni afaanii gatii
dhabeessa ta’a. Yoomessi bu’uura fayyadama hiika jechoota masoo haasawa fuulaafi
fuulaan gaggeeffamudha. Fayyadamni hiika jechoota masoo yeroo baay’ee gocha
tokkoo ol ta’een kan itti adda bahan gosoota hirmaattotaa, yeroo, iddoofi gocha
raawwatamuunidha. Qo’annoon fayyadama hiika jechoota masoo saayinsii
beekumsa hawaasaati. Saayintistoonni beekumsa warra dubbataniifi
dhaggeeffatanii adda addaa qoratan.
Clark(1996) haala dhiyaannaa fayyadama hiikaa karaa lamaan akka ta’e ibsa.
Isaanis, dhiyaannaa bu’aafi dhiyaannaa gochaati. Dhiyaannaan bu’aa qorannoo
sagalee, jechaafi himaatti guddataa kan deemuudha. Hanqinni dhiyaannaa bu’aa
haala fayyadama hiika jechaa gara yaadaa dhiibuu isaati. Gama biraan,
dhiyaannaan gochaa kan burqe fedhiifi gocha hawaasaa irraati. Kunis, kan
xiyyeeffatu hawaasni afaaniin maal akka dubbatu irratti. Kanarraa ka’uun
dhiyaannaan gochaa itti fayyadama hiika jechaa keessatti irra caalaa
13
barbaachisaadha. Sababni isaa, dhiyaannaan kun fedhiifi gocha hawaasaa gadi
fageenyaan ibsuu waan danda’uufidha.
Fayyadama hiika jechoota masoo yeroo jennu, haala dubbii hawaasaa afaan irratti
kan xiyyeeffatu ta’ee , akkaataa afaan itti dubbatamuufi Haalli fayyadama isaa
fayyadama afaaniitiin walfakkeenya kan qabudha. Kunis, namoonni yeroo hiika
jechoota masoo dhimma itti bahan afaaniitti fayyadamuu kan agarsiisuudha.
Fayyadama ilaalchisuun hayyoonni garagaraa hiika kennanii jiru. Akka (Cooper
1976) ibsutti, xiyyeeffannoon xinqooqaa adda addummaa afaan tokko yookaan looga
tokko keessatti haala dubbiin, seerlugaan yookaan jecha uumamu yookaan adda
addummaa hiika jechoota masoo giddutti uumamuudha. Kana malees,
xiyyeeffannoon xinqooqaa fayyadama hiika jechoota masoo keessatti
garaagarummaa garee murtaa’aa tokko keessatti jiru kan ilaalu yookaan haala
fayyadama hiika jechoota masoo irratti adda addummaa hundarratti mul’atu kan
ilaaluudha.
Addunyaa ammayyaa keessatti haala fayyadama hiika jechoota masoo irratti kan
xiyyeeffatuudha. Fayyadamni afaanii rakkoo fayyadama hiika jechoota masoon
walqabataniif furmaata barbaaduun yaaxxina bu’uuraa lafa kaayuudha. Keessattuu
rakkoo afaan barnootaa yoo ta’e, afaan tokkoffaa, afaan lammaffaa yookaan adeemsa
walqunnamtii keessatti afaan alaa baruu keessatti rakkoo fayyadama afaanii
irratti mul’ataniif furmaata kan kaayu xinqooqa hujoodha. Gama rakkoo
jijjiirama afaanii keessatti mul’ataniifis furmaata kan barbaadu xinqooqa hujoodha.
Kana malees, caasaa afaan tokkoo qaaccessuun yookaan qorannoofi qo’annoo
taasisuun furmaata kan kaayuudha.
14
Fayyadamni afaanii fayyadama hiikaa ilaalchisee akka ibsutti xiinxalli fayyadama
afaanii afaan guddisuuf hubannaa kennuurratti gahee guddaa qaba. Gaheen
fayyadamni afaanii jireenya namaa keessatti taphatu xiinxaluu keessatti jiddu galli
isaa yaaxxina fayyadamaafi hojiirra oolmaa isaa kan qo’atuudha.
Jechoonni addunyaa kanarra jiran sababa adda addaatiin garaagarummaa akka qaban
beekamaadha. Garaagarummaan kun kan dhufuu danda’uuf, sababa garaagarummaa
seenaa, iddoo, siyaasaa, aadaafi kanaaf kan kana fakkatan irraa kan
uumameedha. Ashar (1994). Haaluma kanaan, akka ibsa kanarra hubannutti, haallan
fayyadama hiika jechoota masoo murteessan gurguddoon diinagdee, aadaa, amantii
moggaasa maqaafi kan kana fakkaataniidha.
2.6.1. Diinagdee
2.6.2. Aadaa
Wantoota haallan fayyadama hiika jechoota masoo murteessan keessaa aadaan isa
tokko ta’uun beekamaadha. Namoonni aadaafi dandeettii garagaraa qaban yeroo
jechoota hiika masoo aadaan wal qabatan fayyadaman haala duudhaa, safuu,
sadarkaafi hawaasummaa aadaa afaan sanaa eeguudhaan. Wallace (1984). ”People
from different cultural or linguistic background think differently and it even make
fairly good social scientific sense” jedha. Fayyadamaafi caasaa afaan namoota
15
bara duriifi kan bara qaroominaa yoo walbira qabnee ilaalle garaagarummaa
guddaa kan qabaniidha. Kunis, haaluma qaroominni dhufuun afaaniifi jechoonni
afaanichaas fayyadamni isaanii kan walcaaluudha ( Levy-brljia, Lucien 1965).
Haalli jiruufi jireenya ilma namaa aadaafi duudhaa isaarratti hundaa’a jechuudha.
Kunis, namoonni yeroo hiika jechoota masoo aadaa fayyadama keessatti
waliigalteef dhimma itti bahan akkaataa aadaa hawaasa keessatti itti tajaajilu
faanaa bu’uudhaani. Kanarraa kan hubannu, akkuma aadaan hawaasa tokkoo
jijjiramaa deemuun haalli fayyadama hiika jecha masoo walfaanaa jijjiramaa
deema jechuudha.
Yaaduma moggaasa maqaa kana dabalataan Hallowell (1995) yoo ibsu, maqaan
mallattoo ibsituu aadaa yookaan qabiyyee waan tokkooti akkasumas, maqaan
muuxannoo dhuunfaa ta’ee, kan waa’ee aadaa hawaasaa ibsu meeshaa jalqabaa
kaasee ilmi namaa waan tokko ittiin mallatteessee yookaan bakka buusee itti
gargaaramu jechuun ibsa. Moggaasni bakka bu’aa yaadrimee sammuu namaa keessa
jiruuti. Kunis, kan barreessuu, yaaduu, dubbachuufi waliigaltee keessatti fayyadamuu
dandeenyudha. Moggaasni jecha tokkoofi isaa oliin uumamuu danda’a. Haata’u
malee dirqama jecha qofarraa hin uumamu. Kanaaf, mallattooleen moggaasa ta’uu
danda’u (Schmitz,2006).
16
2.6.4. Amantii
Akka Clark (1996) irratti ibsutti, yoomessi itti fayyadama hiika jechoota masoo
bakkaafi yeroo afaan tokko tajaajiludha.Yoomessi tajaajila hiika jechoota masoo
dubbiifi barreeffamaan adda baasee kaa’a. Afaan dubbii bilisa ta’uun hirmaattonni
afaanichaa fuulaa fuulatti walarganii kan itti tajaajilaman yommuu ta’u, kan
barreeffamaa ammoo, bifa barreeffamaan (kitaaba, barruulee xixiqqaafi
gaggabaabaan kan dhiyaataniidha).
Qorannoo sirna itti fayyadama hiika jechoota masoo keessatti gaaffileen hayyoota
xinqooqa hawaasaan dhiyaatu deebisuuf akka hojjatamuu qabu ibsa. Gaaffileen
kunis, eenyutu, maal, eenyutti dubbata? Yoom, eessatti maaliif, haala akkamii
keessatti dubbata? Jedhu kaasa (Wolff, 2000).
Ummanni afaan tokko dubbatu baay’inarraa Kan ka’e bakka garagaraatti bobba’uu
nidanda’a. Bakka bobba’ee jiru sanatti afaanuma tokko keessatti adeemsa yeroo
keessa looga garagaraa uumuu nidanda’a. Akka Tamasgeen (1990) barruu
waaltina Afaan Oromoo wiirtuu irratti ibsetti, loogni sadarkaa sagalee, sadarkaa
dhamjechaafi sadarkaa jechaatti mul’achuu nidanda’a. Fakkeenyaaf, sadarkaa
sagaleetti, akka qorannoo barruu armaan olitti eerameetti jecha “dhufe / ufe/” jedhu
fudhannee ilaaluun nidanda’ama. Jecha kana keessatti ragaan inni jalqabaa
loogaawwan baay’ee keessatti /dh/ yoo ta’u looga tokko tokko keessatti ammoo /’/
ta’ee argina. Sadarkaa jechaatti ammoo, jechi farda jedhu yeroo danoomu bakka
17
garagaraatti dhamjechoota hirkatoo garagaraa kanneen akka –oo, -een
maxxanfachuu danda’a. Kana jechuun, bakka tokko tokkootti faradoo, bakka
birootti ammo fardeen jedhamuu danda’a jechuudha.
18
barruulee qormaataa qopheessuun ijaaruun barbaachisaadha. Loogni haala kanaan
filatame barreessuurratti itti tajaajilama.
Ulaagaan itti aanu harbaqeessuudha. Kun looga filatame sana hunda kanneen akka
mana barumsaa, mana murtii, barreeffamoota og-barruufi kan kana fakkaatan
keessatti akka tajaajilu gochuudha. Inni arfaffaan, fudhatama qabaachisuudha. Afaan
waalta’e Saba afaan sana dubbatuun fudhatamuu qaba. Afaan biyyi ittiin walii galu
taanaan akka meeshaa cimaatti nama walitti fida; tokkumma fida; humna tokko
taasisa. Inni shanaffaan, karooraan hirmannaa hayyootaa keessumattuu hayyoota
afaanii murteessaadha. Seera afaanichaa ifa baasanii barumsaafi hojii adda addaaf
tolchuudha. Kanuma ilaalchisee mataduree, ‟Diglossia” jedhu jalatti kitaabni ‟The
linguistics Encyclopedia” (1995) jedhamu ,‟---Sabni haalli afaan waalta’e isa feesisu
yeroo dhalatu---yeroo kana afaan karoorsuun jalqabama. Kunis, unkaa tokko
dhiisanii kan biroo filachuu fida,‟ jedha. Kanarraa kaanee haala keessa darbine
yoo ilaalle, Afaan Oromoo harka caaluun rakkina kana keessa darbeera.
Walumaagalatti, loogni adda addummaa sagalee, dhamjechaa akkasumas jecha
haasaarratti dubbattoota afaan tokkoo gidduutti mul’atuudha.
19
mul’ata. Haaluma kanaan, Oromoo Arsii Lixaa Aanaa Wondoo keessatti hiikni
masoo fayyadamaa bal’inaan kan mul’atudha. Kunis, hawaasni
walqunnamtiikeessatti jecha tokkof maqaa adda addaatiin waliigaluu waan
danda’aniif.
---- gadhee
----- kajeeltuu
Akkuma Oromoota Godinoota biroo Ummanni Oromoo Arsii Lixaas aadaa, duudhaa,
safuu, seenaafi kan kana fakkaatan ummata eeggatuudha. Kunis, yeroo jechoota
wal fakkaatan waliigalteef jecha itti fayyadaman safuufi aadaa hawaasichaa
ni’eega. Oromoon Arsii Lixaa Aanaa Wondoo aadaa isaa nijaalata, nikabajas.
Waliigaltee keessatti jechoota masoo aadaan walqabatan yeroo safuu hawaasichaa
faana bu’uudhaan ittiin gargaarama. Ummanni Oromoo Arsii Lixaa aadaa hedduu
kan qabu yoo ta’u, aadaa kanas yeroo waliigaltee keessatti fayyadamu akkaataa
safuu hawaasa isaa eeguun kan raawwatudha.
20
Qorataan qorannoo kanaas qorannoowwan kanaan dura mata duree isaatiin walitti
dhiyaatu irratti hojjatame sakkatta’uun qorannoo isaa cimsachuuf fayyadameera.
Innis, qorannoo mata-dureen ‘Xiinxala Maqaalee Masoo Godina Arsii Aanaa Gadab
Hasaasaa’ jedhuun Seeyfaddiin Amaaniitiin qophaa’ee Yuunivarsiitii Haramaayaatiif
dhiyaate ilaalameera. Xiyyeeffannoon qorannoo isaas, sababoota moggasa maqaalee
masooti. Mata dureedhaan walitti dhiyeenya haaqabaatan malee, mata duree
‘Qaaccessa jechoota hiika masoo qabanii’ kanaan tokko akka hintaane hubatameera.
21
BOQONNAA SADII: MALA QORANNOO
Qorannoon kun qaaccessa hiika jechoota masoo irratti kan xiyyeeffatu yoo ta’u,
ragaawwan madda adda addaa irraa argaman qaaccessuuf mala qorannoo
akkamtaatti gargaaramera. Qorannoon akkamtaa qaaccesaa hiika jechoota masootiif
mijataadha. Saxaxa qorannoo ilaalchisee Adunyaan (2011:63) yommuu ibsu:
“Saxaxni qorannoo waliigala qorannichaa too’ata. Qaama qorannoo sana keessatti
argamu akkamitti akka dalagame illee nitoo’ata. Qorannichi maal akka fakkaatu
addaan baasa.” Jedha.
Qorataan qorannoo kanaa gosoota eddattoo lamaan jiran keessaa eddattoo miti-carraa
fayyadamuun eddattoo filateera. Panneerselvam (2004:36) yoo ibsu: “Non probability
sampling is a sampling in which the sampling units are on the advice or expertise or
by the influention of the researcher himself ” jedha. Yaada kanarraa kan hubannu
iddatteessuun miti-carraa mala iddatteessuu kan odeefkennitoonni namoota
beekaniin yookiin immoo qorataan filataman ta’uu isaati. Qorataan kunis
namoota hiika jechoota masoo irratti hubannoo qaban irraa eddattoo isaa
funaannachuun kan gargaaramu ta’a. Qorataan kun namoota mata duree qorannoo
kanarratti hubannoo gadifagoo qaban gandoota Aanaa Wondoo kudha-tokko(11)
keessaa gandoota afur (4) filachuun namoota digdamii saddeet (28) irraa odeeffannoo
funaannachuun qorannoosaa gaggeesseera. Gosa iddattoo keessaas qorataan
qorannoo kanaa mala akkayyootti (purposive sampling) fayyadamuun eddattoosaa
filateera. Sababni isaas malli kun qorataan tokko beekumsa dhimmicha irratti
qabu irraa ka’uun kan odeefkennitoota murteessu waan ta’eefi.
22
sanaaf odeeffannoo naaf kennu jedhee yaadu filachuun odeeffannoo isaa kan
funaannateera.
Haala qabatama qorannoo kanaatiin irra caalatti kan barbaachisu madda ragaa
tokkoffaa yommuu ta’u, maddi ragaa lammaffaatis itti fayyadamameera. Maddi
ragaa qorannoo kanaa hawaasa Oromoo Aanaa Wondoo kan waa’ee hiika jechoota
masoo irratti beekumsa qabaniidha. Sababa kanaan galma gahiinsa qorannoo kanaatiif
akka madda ragaa tokkoffaatti manguddootni Aanichaafi namoonni waajjira
aadaafi turiizimii Aanaa Wondoo keessa hojjatan nihirmaataniiru. Dabalataanis,
barreeffamoonni waajjira Aadaafi Turiizimii Aanaa Wondoo keessatti waa’ee
fayyadama jechootaa ilaalchisuun barreeffaman, kitaabileefi qorannoowwan mata
duree kanaan walfakkaataniifi walitti dhiyeenya qaban akka madda raga sadarkaa
lammaffaatti sakatta’amanii jiru.
3.4.1. Afgaaffii
23
3.4.2. Marii Garee
Malli ragaan ittiin qaacceeffamu tooftaa madda ragaan irraa funaanamuuf hiikni itti
kennamuudha. Qorannoo akkamtaa keessatti odeeffannoon argamu lakkoofsaan osoo
hin ta’in jechootaan ibsama. Kanaaf, ragaaleen qorannoo kana keessatti af-gaaffiifi
marii garee irraa argame mala qaaccessaa akkamtaa fayyadamuun jechootaan ibsi itti
kennameera. Malli qaaccessa qorannoo kanaatis, akka itti aanutti dhihaateera.
Kunis, jalqaba odeeffannoon madda ragaarraa walitti qabame haala walfakkaatuufi
walitti dhiyeenya qabuun qindaa’eera. Itti aansuun qaaccessi waliigalaa taasifamuun
hiikni ragaalee kennameera.
24
BOQONNAA AFUR: QAACCESSA RAGAALEE
Seensa
Jechoonni armaan olitti maqaan isaanii tuqaman jechoota hiika walfakkaataa bakka
bu’uun tajaajilan yoo ta’an, kanneen jalqabaa lamaan kanneen hawaasa Oromoo Arsii
Aanaa Wondootiin irra caalatti tajaajila irra oolanidha. Isaan lamman sunis, qaaquufi
dubbachuu yoo ta’an, akka hawaasa aanaa kanaatti qaaquun irra caalatti dhimma itti
bahama. Dubbachuunis hawaasicha biratti kan itti fayyadamamu yoo ta’u, hiikni
jechoota kanneenii walfakkaataadha. Haasawuu inni jedhus hiikaan qaaquufi
dubbachuun walfakkaataa ta’us, akka hawaasa aanaa kanaatti namoota barataniin irra-
jirreessaan kan itti tajaajilamuudha. Isaannan kanas himoota armaan gadii keessatti
ilaaluun ni danda’ama.
25
Himoota kanneen irraa hubachuun kan danda’amu, jechoonni qaaquu, dubbachuufi
haasawuu jedhan bakka walii bu’uun dhaamsa walfakkaataa dabarsuu isaaniiti.
Kanaafuu, jechoota kanaan jechoota hiika masoo / walfakkaataa waliif qaban jechuu
nidandeenya.
Jechoonni kunneen jechoota bakka walii bu’uun hawaasni ergaa ittiin darfachuuf itti
fayyadamuudha. Hiikni isaaniis kan walfakkaatu yoo ta’u, meeshaa ittiin fuula
yookiin qaama ofii ofumaan keessatti daawwatan / ilaalan/ kan ibsuudha. Isaan
kanneen keessaa uf argaafi iftee kan jedhan hawaasa Oromoo Arsii Godina Arsii lixaa
26
keessatti bal’inaan kan tajaajilan yoo ta’an, isaan keessaa Oromoonni Aanaa
Wondoofi naannawa ishee jiraatu ‘Uf argaa’ isa jedhutti dhimma bahu. Daawwitiifi of
ilaallee kanneen jedhan hawaasa aanaa kanaaf bu’aa barumsaati. Mee jechoota
kanneen hima keessa galchinee haa ilaallu;
A). Boonsituun rifeensaafi fuula ishee miidhagaa sana ittiin ilaallachuuf uf argaa bitatte.
B). Boonsituun rifeensaafi fuula ishee miidhagaa sana ittiin ilaallachuuf iftee bitatte.
C). Boonsituun rifeensaafi fuula ishee miidhagaa sana ittiin ilaallachuuf daawwitii bitatte.
D). Boonsituun rifeensaafi fuula ishee miidhagaa sana ittiin ilaallachuuf of ilaallee bitatte.
27
(5). Miicuu / Dhiquu
Jechoonni “miicuufi dhiquu” jedhaman kun fayyadama dubbii keessatti hiika masoo
waliif jechoota qabaniidha. Hawaasni jechoota kana itti fayyadama keessatti
haala tokkoon, yeroo tokko itti haafayyadamu malee jechoonni kun
garaagarummaa qabachuus nidanda’u. Kanaaf, miicuu yookaan dhiquu kan jedhu kun
wantoota adda addaa keessatti fayyaduu danada’a. “Miicuu” yeroo jedhamu waan
akka uffataa, meeshaa mana keessaafi kan kana fakkaatan kan agarsisuudha.
Hawaasni jecha kana yoo fayyadamu uffata miici, meeshaa mana keessaa miici
jechuun kan fayyadamanidha. Jechi “dhiquu” jedhu ammoo, wantoota akka mana
dhiqii, qaama dhiqadhu kan jedhaman ibsuuf gargaara. Garuu, bakka tokko
tokkotti uffata dhiquufi miicuu jechuun haalli itti fayyadaman nijira. Kun
fayyadama hunda ibsuu waan hindandeenyeef jechoonni kun lamaan yeroo
hunda waliif masoodha jechuun rakkisaadha. Kanaaf, jechoota kana hima addaa
keessatti galchinee yoo ilaalle walfakkeenya qabachuu dhiisuu danda’u. Miicuufi
dhiquun gosoota garee jechootaa keessaa gochima jalatti ramadamu.
Haaluma kanaan gosoota masoo keessaa masoo fayyadamaati. Oromoo Arsii aanaa
Wondoo biratti jechoonni lamaan kun faayidaa irra kan oolan haala walitti dhiheenya
qabu keessattidha. Kunis, tajaajilli jechoonni kun kennan kan walitti dhiyaatudha.
Yaaduma kana hirmaattonni yoo ibsan hiikni fakkii jecha miicuu jedhuu dhiquu
akka ta’e erga ibsan booda jechoota kana haala walfaakkata keessatti akka itti
fayyadaman ibsani jiru. Jechi miicuu jedhu waan lallaafaa, wanta dacha’u kan
oolu yoo ta’u, jechi dhiquu jedhu ammoo, wantoota jabaa ta’aniin kan
walqabatuudha. Fakkeenya kana keessatti miicuufi dhiquun waliif masoo ta’uu nu
hubachisa. Kun ammoo, akka hima kanaatti kan agarsisuu uffataaf, miicuu yookaan
dhiquu jedhuu nidandeenya. Garuu, irraa caalaatti afaan barreeffamafi namoota
baay’ee biratti fudhatama kan qabu jecha miicuu jedhudha. Sababni isaa, dhiquu
kan jedhu waan biratifiis itti fayyadamuu waan dandeenyuufidha. Kanaaf, hima
armaan olii kanaa Boonaan uffata miicuu laga bu’e kan jedhu kana yoo
fayyadamne gaariidha. Yaada kana sirritti hubaachuuf fakkeenya itti aanu ilaaluun
barbaachisaadha. Fakkeenya kana keessatti jecha masoo kana gargar yoo baafne
yaada armaan gadii arganna.
28
b. Boonaan qaama dhiqachuu laga bu’e.
Jechoonni asiin gubbatti ibsaman kunniin hiika wal fakkaatan waan qabaniif waliif
jechoota masoo ta’u. Akka Oromoota Arsii Aanaa Wondootti, hiyyuufi deega akka
safuutti ilaaluun irra qabanii “Ebalu harka-qal’eessa namaati” jechuun ibsu. Dhabaa
kan jedhus hiikuma walfakkaataa kan qabu ta’ee, dabalataan nama ilmoo
hingodhannes ibsuuf nigargaara.
Jechoota A-D jiran keessaa kanneen gurraacheffaman wal bakka bu’uun akka himichi
dhugoomu taasisanii jiru. Isaan kunis jechoota waliif hiika masoo ta’aniidha.
Jechoonni armaan olitti maqaan isaanii tuqaman kanneen bakka walii bu’uun yaada
walfakkaataa dabarsuuf oolaniidha. Isaan keessaa ‘deeme’ kan jedhuufi ‘lixe’ inni
jedhu hawaasa Oromoo Arsii Aanaa Wondoo biratti baay’inaan kan tajaajilan yoo
29
ta’an, isaanis gocha iddoo tokkorraa gara birootti socho’uu kan ibsaniidha. Kanaaf
garee jechootaa keessaa gochima (xumura) jalatti ramadamu. Isaan ‘kute’ fi ‘sokke’
jedhanis looga Oromoota godinoota gara garaa keessa jiraataniin dhimma kan itti
bahamu yoo ta’u, isaanis yaaduma walfakkaataa ibsuuf gargaaru. Hawaasni Oromoo
Aanaa Wondoos barnoota irraa argachuun jechoota kana beekuufi yeroo ammaa ittis
fayyadamaa jiraachuu ragaan odeefkennitootarraa sassaabamuun qaacceffame
nimirkaneessa. Jechoota kanas hima keessa galchinee yoo ilaalle;
Jechoonni fakkeenya armaan oliirra jiran hunduu himoota keessan jiran kana keessatti
ergaa walitti dhiyaatu ibsuuf tajaajilanii jiru. Jechoonni himoota a fi b keessatti
gurraacheffaman lamaanuu Hawaasa Oromoo Aanaa Wondoo biratti baay’inaan kan
itti fayyadamamu yoo ta’u, kanneen himoota c fi d keessatti gurraacheffamanis hiika
walfakkaataa ibsuuf kan tajaajilan ta’us Oromoota Aanaa kanaa biratti kan tajaajilarra
hin oolle ta’uu odeefkennitootarraa hubachuun danda’ameera. Isaan himoota c fi d
keessa jiran kun galumsa hima keessa jiraniirratti hundaa’uun ‘deeme’ hiika jedhu haa
argatan malee, akka hawaasa aanichaa biratti beekamuun hiika ‘bade’, ‘mure’ jedhan
qabaatu.
Masoon jecha gaarii jedhuu mishaa / dansaa kan jedhudha. Hawaasni jechoota
kana fayyadama keessatti bakka tokko haala tokko keessatti bifa walfakkaatuun
kan itti fayyadamaniidha. Haaluma kanaan, gaarii yookaan mishaa yookaan
dansaa jechuun afaan dubbii keessatti itti dhimma kan bahaniidha. Fakkeenya,
jireenyi bara kanaa gaarii/mishaa/dansaadha. Hima kana keessatti gaarii, mishaa,
dansaa jechoota hiika masoo loogaa waliif kan qabaniidha. Sababni isaas, hiika
walitti dhiyaatu qabachuufi himicha keessatti adda addummaa hiikaa kan hin
agarsiifneedha. Hima armaan olii keessatti jechoota masoo kana yoo gargar baasne
hima itti aanu kana arganna.
30
A. Falmataan nama amala gaarii qabudha.
kan jedhu, fayyadama dubbii keessatti namoota hedduu biratti fudhatama qaba.
Falmataan nama amala mishaa qabudha himni jedhus haaluma walfakkaatuun irra
caalaa Oromoo Arsii Wondoo biratti afaan dubbiitiin waliigaltee keessatti kan itti
fayyadamaniidha. Falmataan nama amala dansaa qabudha kan jedhu ammoo, hanga
tokko fayyadama keessatti yeroo tokko tokko kan mul’atuudha. Osoo jireenyi maal
fakkaataa? Gaaffii jedhu gaafannee deebiin argannu, gaariidha yookaan mishaadha
yookaan dansaadha kan jedhu ta’a jechuudha. Kanaaf, hiika masoo gaarii
/mishaa / dansaa jedhu Oromoo Arsii Aanaa Wondoo biratti haala kanaan
tajaajilarra kan ooludha. Faayidaan jechoonni kun hawaasa keessatti qabanis, afaan
dubbii keessatti walfakkeenya qabaatanillee, yeroo hunda hima hunda, nama
hunda biratti walfakkaachuu waan hindandeenyeef adda addummaa qabaachuu
danda’u. Gareen jechoota kanas maqibsii jedhama.
Jechootni Shiimoo / boora /keelloo jedhu hawaasni yeroo itti fayyadamu galumsa
adda addaa keessatti hiika adda addaatiif itti fayyadama. Jechoota kanneen keessaa
hawaasni Oromoo Arsii Aanaa Wondoo jecha ‘shiimoo’ jedhu kanatti jecha ‘keelloo’
jedhu ibsuuf baay’inaan itti fayyadamu. Jechootni “booraa” fi “keelloo” jedhu kun
gosa halluu ta’uun walfakkeenya haaqabaatan malee fayyadama dubbii afaaniifi
barreeffamaa keessatti adda addummaa jechoota qabanidha. Adda addummaan kunis,
tajaajila isaan hawaasa keessatti qabanirratti hunda’a. Jechi “boora” jedhu wanta bifa
boora qabu yoo agarsiisu, “keelloo” kan jedhu halluu bifa keelloo qabu
agarsiisa. Jechoonni kun yeroo tokko tokko fayyadama dubbii keessatti waliin
deemuu dhiisuu danda’u. Yaada kana hubachuuf hima armaan gadii ilaaluun
barbaachisaadha.
31
A. Caalaan uffata bifa shiimoo bite
Himoonni armaan olii haala fayyadamaatiin kan ilaallu yoo ta’e, ‘uffata bifa
shiimoo’ ,‘farda boora’, ‘uffata bifa keelloo’ gaaleewwan jedhan hawaasa biratti
fayyadamni isaanii fudhatama kan qabuudha. Kunis, jechi “boora” jedhu maqaa farda
jedhu wajjiin, kanneen ‘shiimoofi keelloo’ jedhan immoo bifa uffataa wajjiin kan
deemanidha. Garuu, farda keelloo yoo jenne, keelloofi fardi waliin deemuu
hindanda’an. Kanaaf, farda boora malee keelloo ittiin jechuu hindandeenyu.
Sadarkaan jechoonni kun jechuunis boorafi keelloon hawaasa keessatti faayidaa
irra ittiin oolan kan walcaaludha. Kunis, fayyadamni jechoota kanaa hawaasa
keessatti seera mataasaa qabaachuu kan agarsiisudha. Hima “b” irratti caalaan
uffata bifa keelloo bite kan jedhu haalli fayyadama isaa hawaasa biratti
fudhatama kan qabudha. Kunis, jechi keelloo jedhu maqaa uffata jedhu waliin kan
deemuufi hawaasni fayyadama keessatti haaluma kanaan kan itti gargaramuudha.
Akka waliigaalatti, jechi boorafi keelloo jedhu bifa walitti dhihaatu qabaatullee,
galumsa adda addaa keessatti hiika adda addaa akka qabu kan hubatamuudha.
32
Himoota “a” fi “b” irraa akka hubannutti jechi hojii / dalagaa jedhu fayyadama dubbii
keessatti sadarkaan isaanii walcaala. Hawaasni jechoota kana yoo fayyadamu
Hujii / hojii ofii kabajuun namaan nama qixxeessa yookaan Dalagaa ofii kabajuun
namaan nama qixxeessa jechuun haala kanaan itti haafayyadamu malee, hiikni isaa
adda addummaa qabaachuu danda’a. “Hojii” kan jedhu wantoota baay’ee bakka
tokkotti kan ofkeessatti qabatu yoo ta’u “dalagaa” kan jedhu kun ammoo, wanta
muraasa of keessatti kan qabatudha. Oromoon Arsii Wondoo jecha hojii jedhu kana
fayyadama dubbii keessatti hujii jechuun itti fayyadama. Kunis, kan agarsiisu
masoon kun loogaan walqabachuu kan mul’isuudha.
Masoo gaddaan walqabatu kun jechoota gadda agarsiisan kan ilaallatu ta’ee,
jechoonni sun saalaan, umriifi sadarkaan namootaa namootatti adda addummaa
qabaachuu kan danda’aniidha.
33
B.Tolaan bara darbe boqate.
C. Fardi du’e.
Himoonni armaan olii garaagarummaa hiikaa qabu. Hima “a” irratti Tolaan bara
darbe du’e kan jedhu keessatti jechi “du’e” jedhu haala fayyadama hawaasaa keessatti
yoo ilaalle sirriidha. Kunis, nama hunda biratti fudhatama kan qabudha. Bakka
baay’eefi hawaasa guutuu biratti aadaan walqabsiisuun ilma namaatiif “du’e”
kan jedhu kana faayidaa irra kan ooludha. Fakkeenya “b” irratti hima Tolaan bara
darbe boqate kan jedhu haalli fayyadama isaa afaan dubbii qofa irrattidha. Jecha
boqate jedhu kun haala hima kanaatiin galumsi isaa sirrii ta’ullee akka jecha du’e
jedhuu sana qaama hundaaf hinfayyadu. Kanaaf, jecha boqate jedhurra du’e kan jedhu
kun faayidaadhaan nicaala. Fayyadama dubbii keessatti jechoonni kun osoo
walfakkaatan ta’ee bakka walii bu’uu kan tajaajilan ture. Garuu, odeeffannoo
qorannoo kanaa irraa akka hubatamutti, jechoonni kun adda addummaa kan
qabaniidha.
Kunis fayyadama dubbii keessatti waliin deeman, bakka walii kan bu’anfi haala
walfakkaatu keessatti tajaajiluu kan hindandeenye waan ta’aniif. Kanaafuu,
boqateefi du’een tokko miti. Hima “c” irratti fardi du’e kan jedhu fayyadama
hawaasa biratti hiikni sirriidha. Akka odeeffannoo afgaaffiifi marii garee irraa
argameetti akkuma afaan seera qabu jechoonni masoos seera mataasaa qabu. Fardi
du’e kan jedhu fayyadama fudhatama qabu ta’uusaa ragaa odeeffannoon argameedha.
Fardi boqate kan jedhu afaan dubbiifi barreeffamaa keessatti hinjiru. Kunis, kan
agarsiisu osoo dhugumaan jechoonni du’eefi boqate jedhu hiika walfakkaatu
qabaatanii fardi boqate kan jedhu kun nitajaajila ture, kun kan hubachiisu jechoonni
kun adda addummaa qabaachuu isaaniiti.Yaada kanarraa wanti hubatamu jechoonni
hiika masoo qaban waliin kan deeman ta’uu qaba. Gama biraatiin, akka aadaatti
daa’imman lubbuun dhabamtu, du’e yookaan boqate hinjedhamu. Sababni isaa,
hawaasni keenya aadaa, safuufi duudhaa mataasaa qabaachuu agarsiisa. Kunis,
nama guddaafi daa’imman gidduu haala kanaan garaagarummaan jiraachuu
agarsiisaa. Jechoonni akka ‘jalaa deebite’, ‘harkaa baatee’ jedhamaan fayyadama
dubbii keessatti hawaasni itti gargaarama. Oromoon aadaa qabu safuu isaa
eeguun itti yoo fayyadamu haala naannoo isaa giddu galeessa godhachuunidha.
Kanarraa kan hubannu, garaagarummaan fayyadama dubbiirratti jiraachuu isaati.
34
Walumaagalatti, jechoonni masoo gaddaan walqabatan kun fayyadama dubbii afaanii
keessatti akkuma walfakkeenya qaban garaagarummaas qabaachuu kan danda’anidha.
Du’e kan jedhu namaafi horiif nifayyadaa. Garuu, boqate kan jedhu ilma namaa
qofaaf kan fayyaduufi kabaja of keessaa kan qabudha.
Jechoonni lamaan kun fayyadama keessatti hiika walitti dhiyaatu qabu. “Dhaluu”
yookaan “dahuu” kan jedhu gochaan isaanii walfakkaata malee, garaagarummaa kan
qabanidha. Akka aadaa Oromoo Arsiitti jechi “dhaluu” jedhu kan tajaajilu horii
kanneen akka hoolaa, re’ee, fardaafi kan kana fakkaataniifidha. Kunis, kan agarsiisu
jechi dhaluu jedhu kun tajaajila horii qofaaf kan kennuudha. Kanarraa ka’uun,
hawaasni jecha kana aadaa eeguun horii qofaaf itti fayyadama. Jechi “dahuu” jedhu
garuu, ilma namaatiif fayyada. Kunis, aadaan walqabachuun seera hawaasa keessatti
namni dahe jedhamee hawaasa keessatti waan beekamuuf bakka hundatti
fudhatamummaa kan qabudha. Walfakkeenyi jechoota kanaa gama hiikaatiin gocha
walfakkaatu agarsiisuudha. Gochi kunis, ilmi dhalachuu dha.
35
Fakkeenyaaf, oduun durii/sheekkoon/ durduriin sammuu namaa cimsa. Hima kana
keessatti jechoonni waliif masoo ta’an kun hiika hariiroo waliin qabu malee
tokko jechuu hindandeenyu. Kunis, odeeffannoon hawaasa irraa argame akka
ibsutti fayyadama dubbii keessatti haala kanaan fayyadamuun nidanda’ama garuu,
jechoonni kun haala walfakkaatuun namoota hunda biratti waan hin beekamneef,
irra caalaa hawaasni jecha “oduu durii” jedhu kan fayyadamudha. Sababni isaa
afaan keessatti hawaasni keenya jecha kana dhimma itti bahu yeroo baay’ee waan
ta’eefidha.
Hima “a” irratti jechi “muddame” jedhu haalli fayyadama isaa hawaasa biratti jecha
jarjare jedhuun walitti dhiyeenya qaba. Kunis, hawaasni jecha kanaaf hiika dafee
dafee jedhu kennuun itti fayyadamu. Jecha kana ilaalchisee hubannoon hawaasa bira
36
jiru fayyadamni isaa afaan dubbiidhaan walii galuu keessatti namoonni kan dhimma
itti bahan malee akkaataa seera fayyadama afaaniitiin yookaan afaan bareeffamaa
keessatti haala kanaaan hindhihaatu jechuudha.
Hima “b” irratti jechi “ariifate” jedhu haala fayyadamaatiin namoota hedduu
biratti fudhatama qaba. Kunis, ariifate kan jedhu looga hunda biratti haala
kanaan bakka hundatti kan itti muddamefi sardame jedhu caalaa akka
fayyadama keessatti itti gargaaramanidha. Yaada kanarraa wanti hubatamu,
jechoonni masoo walfakkeenya qaban jennu hima keessa yoo seenaan
garaagarummaan isaanii kan mul’atudha. Kanaaf, jechi “ariifate” jedhu osoo
fayyadamanii yaadni jedhu gaariidha.
Hima “c” irratti jechi “jarjare” jedhu kan fayyaduuf waan akka deemsaa, hojii,
barreeffamaa ibsu keessatti itti fayyadamna. Jarjare hiikni kun wantoota kana
wajjiin kan deemu waan ta’eef, hawaasnis jechoota akkanaa kana keessatti itti
fayyadama. Odeeffannoon afgaaffiifi marii garee waa’ee fayyadama jecha kana
ilaalchiisu akka ibsutti, jechi kun irraa caalaa deemsa wajjiin kan walqabatuudha
jedhu.
Hima “d” irratti jechi “sardame” jedhu kan ibsu hiikni isaa akkaataa hubannoo
hawaasaatiin jecha daddaffii jedhuun walitti dhiyeenya qaba. Kunis, haala hubannoo
hawaasaatiin sardame kan jedhu waan ariifachiisaa yeroo gabaabaa gaafatu akka
ta’edha, kanaaf, hawaasa biratti jechi kun fayyadama afaan bareeffamaa keessatti
nama baay’ee biratti fudhatamni qabu gadaanaadha. Yaada kanarraa kan hubannu,
afaan dubbiifi afaan barreeffama fayyadama namoota gidduutti garaagarummaa akka
qabudha. Walumaagalatti, jechoonni sardame, muddame, ariifatefi jarjare
jedhaman dubbiirratti walfakkaatu garuu, fayyadama adda addaa keessatti
garaagarummaa guddaa kan qabanidha.
Fayyadamni jechoota hiika masoo aangoo / taayitaa jedhu kun galumsa adda
addaa keessatti adda addummaa qaba. Kunis, aangoo (power) taayitaa (position)
kan jedhudha. Hawaasni jecha kana hiika yoo kennan irra gubbaa walfakkeenya
qabaatanillee garaagarummaan akka gidduu jechoota kanaa jiru kan beekamuudha.
Garaagarummaan kunis, fayyadama dubbiirrattidha. “Aangoo” yero jedhamu nama
37
sadarkaa gaarii irra jiru, nama bakka gaarii jiru, nama sadarka barumsaa gaarii
qabuufi kan kana fakkaatan ibsuuf kan itti fayyadamanidha. Jechi “taayitaa” jedhu
iddoo gaarii irra nama jiru, hojiilee olaanoo irra nama jirufi kan kana fakkaatan
kan ibsudha. Jechoonni kun lamaan wanti walfakkeessu fayyadama dubbii afaanii
qofadha. Fayyadamni dubbii qofti afaan barreeffamaa bakka waan hinbuuneef
irra caalaa kan mul’atu garaagarummaa isaan qabanidha. Garaagarummaan kunis,
kan mul’atu tajaajila hawaasa biratti qabaniin. Oddeeffannoon hirmaattota
qorannichaa irraa argame akka ibsutti, jechoonni kun masoo fayyadama dubbii
akka ta’aniifi gareen jechoota kanaas maqaa akka ta’edha. Walumaagalatti,
jechoonni kun lamaan walitti dhiyeenya qabu malee guutuun guututti tokko
jechuun itti fayyadamuu hindandeenyu jechuudha.
Maqaan “waraabessa” jedhu bakka adda addaatti hiika adda addaa kan
qabudha. Kana jechuun namoonni yeroo maqaa kana itti fayyadaman waraabessa
yookaan hobolaa jechuu waan danda’aniifidha. Haaluma fayyadama irraa
hubachuun danda’amutti waraabessaafi hobolaa kan jedhu kun fayyadama
keessatti garaagarummaa qabaachuu nidanda’a. Kunis, warabeessa kan jedhu isa
boolla keessa galu, kan nama nyaatu kan bakka bu’uudha. Garuu, hobolaa yeroo
jennu hiika biraas qabaachuu danda’a. Akka ummanni naannoo qorannoon
adeemsifamee kun jedhanitti jechi “hobolaa” jedhu nama nyaatee hin quufne bakka
bu’a. Jechoonni waraabessaafi hobolaa jedhanis Oromoota Arsii Aanaa Wondoo
biratti bifuma walfakkaataan waljala butanii itti fayyadamu. Akka waliigalaatti,
hiikni waraabessa yookaan hobolaa jedhu gosoota masoo keessaa masoo
loogaatiin kan walqabatudha. Sababni isaas, bakka adda addaatti maqaa adda addaa
qabaachuu ta’uusaa kan hubannuudha.
Fakkeenya kana keessatti jechoonni kun haalli isaan ittin tajaajila kennan irra caalaa
mana barumsa keessatti faayidaa irra kan oolaniidha. Kunis, haalli walfakkii jechoota
kana guutumaan guututti tokko ta’uu yoo baatanillee, haala fayyadamaa keessatti
walitti dhufeenya guddaa kan qabaniidha. Fakkeenyaaf, Tolaan daree /kutaa /gola
shanaffaa barata. Hima kana keessatti haalli jechoonni daree / kutaa /gola
jedhan kun itti tajaajilan walfakkeenya qaba. Kanaafuu, Tolaan daree shanaffa
38
barata, Tolaan kutaa shanaffaa barata yookaan Tolaan gola shanaffaa barata jechuun
afaan dubbii keessatti haala kanaan itti fayyadamuun nidanda’ama. Garuu, akka hima
kanatti walfakkeenya qabaatanillee jechoonni kun guutuun guututti tokko jechuu
hindandeenyu. Sababni isaas, hawaasni keenya hiika isaanii kallattii birootiin itti
fayyadamuu waan danda’uufidha. Irra caalaa namoota baay’ee biratti fudhatama
kan qabu jecha kutaa jedhudha. Hawaasni garuu afaan dubbii keessatti altokko
hima tokko keessatti fayyadamuun kun jechoota kan waan walfakkeessuu miti.
Oddeeffannoon argame akka ibsutti, jechi daree jedhu kan fayyadamnu mana
barnoonni keessatti gaggeeffamu sana yoo ta’u, kutaa kan jedhu ammoo, lakkofsaan
wanta baratu sana, fakkeenya 4,5 jechuu dandeenya. Gola kan jedhu ammoo, mana
keessaa isa gara olii yookaan iddoo dhoksaa mana keessa jirudha. Walumaagalatti,
jechoonni daree, kutaafi gola jedhaman garee jecha maqaa jalatti kan ramadamuufi
masoo fayyadamaa keessaa isaan tokkodha.
Maalalee, ajaa’ibaafi dinqiin waan tokko raajeffachuuf hima tokko keessa galuun
tajaajila kennuu nidanda’u. Kanaaf, hima hojiin bara kanaa nama maalalchiisa
//ajaa’iba / dinqa jedhu keessatti jechoonni maalalchiisa, ajaa’ibaafi dinqii
jedhaman kun waliif fayyadama dubbii irratti hiika masoo yookaan hiika walfakkii
qabu. Garuu, guutuun guututti jechoonni kun tokkos jechuun danda’amuu baatus
bakka walii bu’uun ergaa walfakkaataa dabarsu. Hawaasni jechi ajaa’iba jedhuuf
hiika raajii jedhus kennuun itti fayyadama. Kanarraa kan ka’e, maalaleen,
ajaa’ibaafi dinqiin galumsa adda addaa keessatti hiika masoo waliin ta’uusaa
kan hubachiisudha. Walumaagalatti, jechootni maalalee, ajaa’ibaafi dinqii jedhaman
jechoota hiika masoo waliif ta’aniidha.
39
Jechoonni Kijiba, dharaafi soba jedhan dubbii afaaniitiin walfakkaatu. Garuu,
fayyadamaan garaagara. Walitti dhufeenyaafi garaagarummaa jechoota kanaa
hubachuuf himoota armaan gadii ilaaluun barbaachisaadha.
Hima ”a” irratti jechi “kijiba” jedhu hawaasa biratti fudhatama qaba. Kunis,
dubbii keessatti akkaataa fayyadama hima kanaatiin jechi kun himicha ibsuu waan
danda’uuf jechoota hunda yookaan dharafi soba caalaa hawaasichi sirritti itti
fayyadamuu kan hubachiisuudha. Odeeffannoo ragaa irraa argame akka ibsutti,
jechi kun kan fayyaduuf wantoota faallaa haqaa ta’an ibsuuf kan tajaajiludha.
Kanaaf, hubannoon jecha kanarraa argame masoo fayyadamaatiin walqabatee
gareen jecha isaa maqaa akka ta’eedha. Hima “b” irratti jechi “dhara” jedhu
waan sirrii hintaane ibsuuf hiika tajaajiludha. Kanaaf, hawaasni jecha kana jecha
kijiba jedhuun walbira yoo qabu haalli fayyadama isaa kan kijiba jedhu gadi ta’uu
agarsiisa. Gareen jecha dhara jedhu maqaafi masoon isaa fayyadama ta’a jechudha.
Hima “c” irratti jechi “soba” jedhu akkuma jechoota kijibaafi dharaa hiika
mataasaa qaba. Sobni faallaa jecha dhugaa jedhuuti. Kunis, hiika kana wanti adda
isa taasisu afaan mana barumsaa keessatti hojii irra kan oolu ta’uu isaati. Kanaafuu,
jechi akka oddeeffannoon afgaaffii ibsutti dirree mana barumsaa keessatti dhimma
itti ba’amuu isaati. Walumaagalatti, ragaa oddeeffannoon argame bu’uura
godhachuun akka hubachuun danda’amutti, jechoonni kun dubbii irratti hariiroo
wajjiin kan qaban yoo ta’u, fayyadama hima adda addaa keessatti garuu,
garaagarummaa kan qabanidha.
Awwaarri, Daaraafi dhukkeen fayyadama keessatti haalli waliif masoo itti ta’anii
tajaajila hawaasa keessatti kennanirrattidha. Hawaasni jecha “awwaara”, “daaraa”fi
“dhukkee” jedhu kana yeroo fayyadamu haala adda addaatiin ta’uu danda’a. Kunis,
akkuma walfakkeenya qaban garaagarummaa qabaachuu danda’u. walfakkeenyi
40
isaanii fayyadama dubbii afaanirratti yoo ta’u, garaagarummaan ammoo, ergaa
isaan dabarsan irrattidha. Daaraa yeroo jennu, kan lafaa ka’u, kan cilee gubate
manaa baasaanii gatan fa’a bakka bu’a. Dhukkee yeroo jennu, haaluma kanaan
yoo karaa deeman lafarraa namatti ka’u sana kan ibsudha. Kanaaf, hawaasni
jechoota kan garaagarummaa isaanii hubachuun galumsa barbaachisu keessatti
kan itti fayyadamanidha. Odeeffannoon qorannoo kanarra argame akka ibsutti,
jechoonni kun fayyadama afaan dubbii qofa irratti walfakkeenya qabaatanillee irra
caalaa garaagarummaan isaanii kan caaludha. Kunis, kan hubachiisu hiikni masoo kun
hawaasa biratti haalli fudhatama isaa akkuma armaan olitti ibsame garaagarummaa
kan qabudha. Walumaagalatti, jechoonni kun gosoota masoo keessaa fayyadama
jalatti kan ramadamanidha.
Hiikni walfakkii kun hanga tokko fayyadama keessatti hariiroo waliin jechoota
qabaniidha. Kunis, galumsa walfakkaatu keessatti haalli jechoota kana hiika wal
fakkaatuun yeroon itti fayyadaman nijira. Kanaaf, hima “Bara kana nageenyi /
tasgabbiin dhabameera, jedhu keessatti jechoonni nageenyaafi tasgabbii jedhaman
hima kana keessatti bakka walii bu’uun hiika walfakkaatu dabarsuu kan
danda’aniidha. Kanaaf, nageenyiifi tasgabbiin hiika walitti dhiyaatu jechoota
qabanidha. Nageenya yeroo jennu, rakkoon hinjiru hiika jedhu ofkeessaa qaba.
Tasgabbii kan jennu immooo, dhimma yeroo irratti haalli gaariin jiraachuu kan
agarsiisudha. Hima armaan olii keessattis jechoonni nageenyaafi tasgabbii jedhu
akkuma hariiroo waliin qaban garaagarummaas niqabu. Garaagarummaan kunis,
hiika adda isaan godhu qabaachuu isaati. Fakkeenyaaf, namni tokko osoo rakkoon
tokko irra gahee, namni isa gorsu tasgabbaa’i jedhaan, malee nageenya godhu
hinjedhuun. Kanarraa wanti hubatamu jechoonni kun fayyadama dubbii keessatti
garaagarummaa qabaachuu kan agarsiisudha. Walumaagalatti, jechoonni nageenyaafi
tasgabbii jedhaman garee jechootaa maqaafi hiika masoo fayyadamaa jalatti
ramadamu.
Jechi “barbaaduu”fi “soquu” jedhu kun irra caalaa Oromoo Arsii keessatti kan
beekamuudha. Kunis, namoonni fayyadama dubbii keessatti jechoota kana haalli
bakka waljijjiiruun osoo adda addummaa hiikaa hinfidne itti fayyadamuu kan
41
danda’aniidha. Fakkeenyaaf, maal barbaaduu / soquu dhuftee? Hima jedhu keessatti
jechoonni kun lamaan fayyadamni isaan hawaasa keessatti qaban walfakkeenya
guddaa kan qabudha. Jechoota kana haala kanaan yoo fayyadamne maal
barbaaduu dhuftee? Yookaan maal soquu dhuftee? Jechuun fayyadamuun
nidanda’ama. Jechi “soquu” jedhu kun maddisaa Afaan oromoo ta’ee baay’inaan
Arsii keessatti kan dubbatamuudha. Kanaafuu, jechoonni kun lamaan haalli isaan
hawaasa keessatti itti tajaajilan akka odeeffannoon argameetti hiikni isaanii
walfakkeenya qaba. Garuu, fayyadama dubbii keessattiifi hiika gama fayyadama
barreeffamaatiin jiruun yoo ilaalle jechoonni kun garaagarummaa kan qabaniidha.
Garaagarummaan kunis, barbaaduufi soquu kan jedhu waliin deemuu dhabuudha.
Jechi soquu jedhu kun akka Ormoo arsiitti hiika barbaaduu jedhu qabaatuyyuu,
godinoota Oromiyaa lixaa keessatti hiika bocuu ykn soofuun bakka bu’amee itti
tajaajilama. Walumaagalatti, jechoonni kun walitti dhiheenya akkuma qaban
garaagarummaas jechoota qabanidha.
Jechoonni kun faayidaa adda addaa qabu. Faayidaan kunis, fayyadamaan walqabatee
dhimma adda addaatiif oola. Hawaasni keenya fayyadama keessatti jechoota
kana bakka tokkotti fayyadamuu nidanda’a. Hima subii / barraaqa koottu, jedhu
keessatti jechoonni waliif masoo ta’an kun hiika walfakkaatu walitti dhiyaatu kan
qabanidha. Kunis, haalli fayyadama jechoota kanaa hima kana keessatti
walfakkeenya guddaa kan qabuudha. Garuu, wanti hubatamuu qabu jechoonni
masoo guutuun guututti walfakkaatan jechuun rakkisaadha. Sababni isaa, hima
adda addaa keessa yoo galchinu hiika adda addaa kennuu waan danda’aniifidha.
“Subii” jechi jedhuufi “barraaqa” jechi jedhu wanti isaan walfakkeessu yeroo gara
ganamaatti dhihaatu ibsuu yookaan agarsiisuu isaaniiti. Garaagarummaan isaanii
ammoo, afaan barreeffamaa keessatti haala tajaajila irra itti oolaniidha.
Odeeffannoon argame akka ibsutti, fayyadamni jechoota kanaa irra caalaa
walfakkeenya akka qaban kan hubachiisuudha.
42
akka waan walfakkeenya qabaniitti itti kan fayyadamaniidha. Haalli fayyadama
jechoota kanaa hawaasa keessatti deemsa yookaan imala jechuun iddoo jiranii gara
iddoo birootti sochii taasisuu jechuudha. Hima Boonaan deemsa /imala waggaa
lamaatiin booda Ameerikaa gahe, jedhu keessatti jechoonni deemsaafi imala
jedhaman waliin kan deemaniidha. Kanaafuu, akka hima kanaatti jechoonni kun
walfakkeenya qabu jechuudha. Walumaagalatti, haalli fayyadama jechoota kanaa
walfakkeenya qabaachuu isaa oddeeffannoo argame irraa kan hubatamuudha.
Jechoota kana Godina Arsii Lixaa aanaa Wondootti hawaasni yommuu itti
fayyadaman akkaataa garagaraatiin. “Dawaa” jechuun wanta dhibee adda addaaf
oolu yoo ta’u, yeroo baay’ee hubannaan hawaasaa akka qoricha aadaa godhanii kan
itti fayyadamaniidha. Namoonni dawaa kennanis yeroo baay’ee bakka murtaa’aa
kan jiraataniifi kan kennamus, kan akka hidda biqiltootaafi kan kana
fakkaataniidha. “Qorichi” akaakuu dawaa ta’ee bifa ammayyaatiin namoota barataniin
kan kennamu yoo ta’u, akkaataan itti fayyadama isaas qajeelfama barreeffamaa
waliin kan kennamudha. Yaada kana hubachuuf hima armaan gadii haa ilaallu.
Himoota kana keessatti jechi “dawaa” jedhu beeyilada wajjiin hindeemu kanaaf,
fayyadama keessatti mana dawaa beeyiladaa hinjedhamu. Hima “b” irratti mana
“qoricha” beeyiladaa kan jedhu haalli fayyadama isaa hawaasa keessatti
sirriidha. Kanaaf, fayyadama dubbiifi barreeffamaa keessatti mana qorichaa
jechuun kan itti fayyadamaniidha. Akka waliigaalatti, fakkeenya kanarraa wanti
hubachuu dandeenyu jechi dawaa jedhuufi qoricha jedhu fayyadama keessatti
hiika adda addaa qabaachuudha. Kanaafuu, jecha kana fakkaatu yoo fayyadamnu
seera afaaniis eegaa deemuun barbaachisaadha
(27). Dhaamsa/Ergaa
43
Dhaamsi yookaan ergaan qabiyyee walfakkaatu keessatti faayidaa irra ooluu kan
danda’aniidha. Kunis, fayyadama afaanii kan ilaalu ta’ee jechoonni dhaamsa yookaan
ergaa jedhaman hawaasa biratti hiika walfakkii jechoota qabaniidha. Walfakkiin
kunis kan hiikaati malee kan kan uunkaatii miti. Kanaaf, jechoota kanaan hima
keessatti yaada walfakkaatu dabarsuun nidanda’ama.
Himoota kana lamman keessatti hiikni dhaamsaafi ergaa jedhu walitti dhufeenya
qaba. Kanaafuu, hiikni jechaa dhaamsa jedhuufi hiikni jechaa ergaa jedhu akka
hima armaan olii kanatti walitti dhiheenya guddaa qaba. Walumaagalatti,
dhaamsiifi ergaan waliif masoo kan ta’aniifi tajaajila adda addaa jechoota
kennaniidha.
Jechoonni kun fayyadama hawaasaa biratti walitti dhufeenya guddaa kan qabanidha.
Kunis, hiikni isaa hariiroo qabaachuu agarsiisuudha. Hiikni isaan waliin qaban
kun fayyadama jechoonni kun hawaasa keessatti qabanirratti kan hundaa’udha.
Yeroo jecha gargaarsa yookaan deeggaarsa jedhu fayyadamnu walitti dhufeenya
isaanii hubachuun barbaachisaadha. Hima Gargaarsi / deeggaarsi / tumsi
mootummaan mana barumsaatiif godhu gaariidha, jedhu keessatti jechoonni
walfakkii kun kan ibsan gargaarsi / deeggaarsiifi tumsi walitti dhufeenya hiika
qabaachuu himicharraa hubachuun nidanda’ama. Fayyadamni isaan hawaasa
biratti qabanis, akka hubannoo hawaasa bira jirutti, akkuma walfakkeenya qaban
garaagarummaas kan qabanidha. Garaagarummaan isaanii hima biroo keessa osoo
galchinee hiika walfakkeenya hin qabne kennuu danda’uu isaaniiti. Kanaafuu,
fayyadama dubbiirratti jechoonni kun garee maqaa jalatti kan ramadamaniifi
masoo fayyadamaa ta’u jechuudha.
(29) Mamii/Shakkii
44
Fayyadama dubbii keessatti hawaasni keenya yeroo jechoota kana hiika
walfakkii keessatti fayyadaman nimul’ata. Kunis, “shakkii‟ yookaan “mamii”
namni waan tokko irratti qabu ibsuuf kan tajaajilaniidha. Hima Bara kana
roobni gahaan dhabamuun jireenyi lubbu-qabeeyyii mamii /shakkii keessa galeera,
jedhu keessatti jechoonni kun lamaan haala hima kanaatiin hiika walitti dhiyaatu
kan qabaniidha. Kunis, jechi mamiifi shakkii jedhu walitti dhufeenyi isaanii hiika
fayyadama dubbiirrattidha. Odeeffannoon waa’ee fayyadama jechoota kanaa akka
ibsutti, hariiroon jechoonni kun waliin qaban hiika walfakkii yookiin walitti
dhiyaatu ta’uu isaati. Yaada kana hubachuuf hima armaan gadii ilaaluun
barbaachisaadha.
A. Caaltuun gaaffilee qormaata kaleessaa keessaa tokko dhabuu irratti mamii qabdi.
B. Caaltuun gaaffilee qormaata kaleessaa keessaa tokko dhabuu irratti shakkii qabdi.
Hima “a” irratti jechi mamii jedhu akkaataa galumsa himaatiin ijaarsi isaa sirrii yoo
ta’eyyuu hawaasa aanaa qorannichi irratti gaggeeffamee biratti ‘shakkii’ kan jedhutu
irra caalatti dhimma itti bahama. hiikni isaaniis ofitti amanuu dhabuu hiika jedhu
ofkeessaa qaba. Hima “b” irratti, jechi ‘shakkii’ jedhu haalli fayyadama inni hawaasa
keessatti qabuun yoo ilaallu irraa caalaa hawaasni kan itti fayyadamudha. Sababni
isaa, bakka baay’etti akka qorannoon kun ibsutti, mamii jechuurra shakkii kan
jedhu kun fudhatama qabaachuu isaati.
(30) Carraaqqii/Tattaaffii
Hiikni masoo jecha carraaqqii jedhu tattaaffii kan jedhu ta’a. Kunis jechoonni
kun fayyadama keessatti haalli isaan bakka waljijjiruun ergaa tokko dabarsuu
danda’an waan ta’eefidha. Kanaaf, altokko carraaqqii jechuun yeroo biraa
ammoo, tattaaffii jechuun itti fayyadamuun kan danda’amuudha.
45
fayyadamuun kan danda’amudha. Kanaaf jechoonni kun fayyadama dubbii
keessatti hawaasni haala tokkoon kan itti fayyadamuu danda’aniidha.
Hawaasni jechoota kana yoo itti fayyadamu galumsa walfakkaatu keessatti hiika
walfakkii qabu kennuudhaan; hiikni fakkii yookaan masoo mala jedhuu tooftaa kan
jedhu ta’a. Malaafi tooftaan hima tokko keessa waliin galanii hiika walfakkaatu
haalli ittin argatan nijira.
46
B. Murteessaan nama tooftaa jireenyaa beekuudha.
Himoota armaan olii keessatti malaafi tooftaa kan jedhu galumsa kana keessatti
waliif hiika ta’u; hiikni kunis, fayyadama dubbii keessatti namoonni haala hima
armaan olitti kanname kanaan itti fayyadamuu kan danda’aniidha. Hiikni kun guutuun
guututti tokko ta’uu yoo baates fayyadama keessatti walitti dhufeenya guddaa
kan qabudha. Jechoonni Afaan Oromoo keessa jiran fayyadama dubbii irratti
hedduun isaanii walfakkaatoodha. Sababni isaa lammii Oromoo afaan tokko
dubbataniin kan argamaniidha. Fakkeenyaaf hima ‘Tolaan malaan bishaan wadda’
jedhuufi ‘Tolaan tooftaa nama amansiisuun qaba’ jedhu fudhannee yoo ilaalle
hiikni isaan galumsa kana keessatti kennan garaagarummaa qaba. Hima duraa irratti
malaan kan jedhu hiikni isaa osoo hin mufatin, osoo hin aariin kan hojii isaatti
gammadu jechuudha.
Hima itti aanu irratti tooftaan kan jedhu hiikni isaa humnaan osoo hin taane,
beekumsa isaatti fayyadamee kan amansiisu jechuudha. Kanaafuu, jechoonni
hedduun gubbaa isaa yeroo ilaallu tokko fakkaatu garuu, lafee / dhuka isaa beekuun
baay’ee barbaachiisaadha. Haaluma kanaan himoota ‘Abbaan ilma ofii malaan itti
fayyadama’ jedhuufi ‘Abdiin jaalallee isaa tooftaadhaan amansiise’ jedhu
keessatti jechoonni malaafi tooftaa jedhaman fayyadama irratti garaagarummaa
qabu. Hima Abbaan ilma ofii malan itti fayyadama kan jedhu keessatti malaan
kan jedhu hiikni isaa humnaan osoo hintaane, jaalalaan kabajaan wanta isaa
barbaachisu guutuudhaan, itti gaafatamummaa qabu hunda yoo bahe ilma ajajuu
akka danda’u kan agarsiisuudha. Hima “Abdiin jaalallee isaa tooftaadhaan
amansiise” jedhu keessatti Abdiin akkamitti jaalallee ofii akka amansiise nutti
kan himuudha. Kanaaf, hiikni isaa afaan tolee, sobee, wanta hin qabne niqaba
jedheenii arraba mi’eeffateefi kan kana fakkaatan jechuun nidanda’ama. Jechoota
hiika masoo waliif ta’an ijaan ilaaluun murteessuun kan hin danda’amnedha. Sababni
isaas, akkuma walfakkaatan garaagaras ta’uu kan danda’an waan ta’aniifi.
Kanaaf, jechoonni walfakkaatoon lama hima keessatti garaagarummaa qabaachuu
nidanda’u.
47
tokko qabanitti haalli itti fayyadaman nijira. Kunis bakka yookaan iddoo kan
jedhu faayidaa walfakkaatuuf yeroo walfakkaatu keessatti kan tajaajiluudha.
Hima “Naafyaad bakka / iddoo hojii deeme”, jedhu keessatti bakkaafi iddoon
hima kana keessatti bakka hojii deeme yookaan iddoo hojii deeme jechuun
fayyadamuun nidanda’ama. Kanaafuu jechootni kun waliif hiika masoo ta’u
jechuudha.
48
Haalli fayyadama jechoota kanaa hawaasa keessatti hiika walfakkaatu bakka
bu’uun bakka garagaraatti kan tajaajilaniidha. Kana jechuun, namoonni jecha
huccuu /uffata /wayyaa yoo fayyadaman haala walfakkaatuufi yeroo
walfakkaatu keessatti tajaajia irra kan oolaniidha. Yaada kana hubachuuf hima
armaan gadii haa ilaallu.
Himoota armaan olii keessatti jechoonni masoo A-C irra jiran hariiroo cimaa waliin
kan qabaniidha. Kunis, huccuun / uffanni / wayyaan Caaltuu baay’ee bareedaadha
jechuunis nidanda’ama. Kanaafuu, jechoonni masoo kun osoo garaagarummaa
hiika hinagarsifne bakka walii bu’uun tajaajiluu kan danda’aniidha. Kana
jechuun, jecha tokko iddoo tokkotti yoo fayyadamne yeroo baay’ee hawaasa biratti
iddoo sanatti kan baratame jechicha sana waan ta’eef, salphaatti hubachuun kan
danda’amudha. Jecha hiika fakkii isaa yoo iddoo sanatti fayyadamne illee hawaasa
keenya biratti rakkoo kan hinqabneedha. Garuu, Hawaasa Oromoo Arsii Aanaa
Wondoo keessatti irra caalatti fudhatama kan qabu jecha ‘uffata’ jedhu ta’uu ragaa
hirmattoonni qorannichaa dhiyeessan irraa hubachuun kan danda’amudha.
A. Ani ganama nyaata osoo hin nyaatin waan manaa baheef, amma shoomee jira.
B. Ani ganama nyaata osoo hin nyaatin waan manaa baheef, amma beela’ee jira.
Himoota kanneen ergaan isaan dabarsuu barbaadaniin yoo ilaallu, lamaanuu garaan
namtichaa nyaata kan barbaadu ta’uutu mul’ata. Akkaataa garagaraatiin
49
dubbatamanis, ergaan / dhaamsi isaan dabarsan walfakkaataa waan ta’aniif jechoonni
kunniin lamaan jechoota hiika masoo waliif qaban jechuu dandeenya.
Jechoonni kun hiika walfakkaataa kan qaban yoo ta’u, hawaasni fayyadama
keessatti lukkuu yookaan Indaaqqoo jechuun itti gargaaramuu danda’a. Kana
jechuun hiika walfakkii kana keessatti jechoonni kun walitti dhufeenya guddaa
kan qabaniifi bakka walii bu’uun ergaa walfakkaataa dabarsuu kan danda’aniidha.
Kanaafuu, jechoota hiika masoo lukkuu yookaan Indaaqqoo jedhu kana fayyadama
dubbii keessatti lukkuus, indaaqqoos yoo jennee fayyadamne garaagarummaa
hiikaa fiduu akka hindandeenye kan hubannuudha. Yaada kan caalmaatti hubachuuf
himoota armaan gadii lamman ilaaluun barbaachisaadha.
Jechoonni maqaan isaanii fakkeenya (37) kana irratti kaa’aman kunniin lamaanuu
jechoota Afaan Oromoo hiika kallattii waliif ta’aniidha. Akka ragaan odeefkennitoota
iddattoon filamanii odeeffannoon irraa funaanamee qaacceffame agarsiisutti jechi
‘qabattoo’ jedhu kun guutumaa guututti hawaasa aanichaan hojiirra kan oolu yoo ta’u,
‘saqqii’n garuu hawaasicha biratti kan hinbeekamneefi warroota barataniin yeroo
tokko tokko nidubbatama. Namoonni jecha ‘qabattoo’ jedhu kana fayyadamanis,
jechicha akka waan Afaan Amaaraa irraa ergifatameetti fudhatu. Hundeen jecha
qabattoo jedhuu Afaan Oromoo ta’uu shakkiin tokkos jiraachuu hinqabu. Qabattoo
jechuun kan waa qabatu jechuu akka ta’e odeefkennitoonni ragaan qorannichaa irraa
funaaname ni ibsu. Jechoota kanas hima keessa galchinee yeroo ilaallus;
50
A. Tulluun kofoo bal’aa bitatee qabattoodhaan qabate.
B. Tulluun kofoo bal’aa bitatee saqqiidhaan qabate.
Haalliifi akkaataan waliif hiika masooti. Haala yookaan akkaataa jechi jedhu
hiikni isaa waan walfakkaatu, kan bakka walii bu’uun tajaajilu jechuudha.
Fayyadamni jechoota kanaa hawaasa biratti wal fakkeenya guddaa kan qabudha.
Akkuma beekamu afaan dubbiifi afaan barreeffamaa adda addummaa
qabaachuun isaa ifaadha. Kanaaf, jechoota hiika walfakkii qaban kana dubbii
hawaasaa keessatti isaan qabanirratti hundaa’uun walfakkii isaanii hubachuun
kan danda’amudha. Haaluma kanaan jechoota fakkeenya 38 hawaasa keenya
biratti hiikni isaan qaban fayyadama dubbii irratti walfakkeenya qaba. Hima,
haalli / akkaataan qilleensa bara kanaa ulfaataadha hima kana keessatti haalaafi
akkaataan garaagarummaa hiika kan hinqabneedha. Garuu, fayyadama irratti
sadarkaan isaanii kan walcaaludha. Kunis, irra caalaa Oromoo Arsii Aanaa Wondoo
biratti jecha akkaataa jedhu kana akka fayyadaman ragaa argame irraa
hubachuun nidanda’ama jechudha.
Jechootni armaan olitti tuqaman hunduu hiika walitti dhiyaatu kan qaban yoo ta’u,
looga Oromoota iddoo garagaraa jiraataniitiin kan itti fayyadamaniidha. Akka
Oromoota Arsii Aanaa Wondootti, qaroofi haxxee inni jedhu hojiirra kan oolu yoo
ta’u, hiikni isaas, beekaa/beektuu, kan / tan tooftaa/ mala gara garaa beeku/beektu kan
jedhuun bakka bu’a. Jechoonni abshaalaafi gamna jedhanis hiikuma qaroofi haxxeen
qaban kana kan qaban yoo ta’an, Oromoota Maccaafi Tuulamaa biratti haalaan itti
kan fayyadamamuudha. Sababa barnootaan argatanii jechoota kana Oromoonni Arsii
naannoo kanatti argamanis bifa waalta’een itti fayyadamuu jalqabaniiru. Jechoota
kanneen akkaataa armaan gadiitiin hima keessa galchinee yoo illaallu;
A). Qaroon namaa waan darberraa ka’uun kan fulduraaf mala baasa.
51
B). Abshaalli namaa waan namaa waan darberraa ka’uun kan fulduraaf mala baasa.
C). Haxxeen namaa waan darberraa ka’uun kan fulduraaf mala baasa.
D). Gamni namaa waan darberraa ka’uun kan fulduraaf mala baasa.
Akkuma himoota armaan olitti a-d jiran irraa hubachuun danda’amutti, jechootni
jalqaba himaa irratti bakka walii bu’uun tajaajilan hundi jechoota waliif masooti.
Isaanis bakka wal bu’uun dhaamsuma tokko dabarsuuf oolanii jiru.
Jechi “bokkaa”fi “rooba” jedhu hiikni isaanii walitti dhiheenya guddaa qaba.
Walitti dhiyeenyi kunis, hiika isaan kennan irratti hundaa’uun tajaajila irra kan
ooluudha. Yeroo tokko bokkaa, yeroo biroo ammoo, rooba jechuun hawaasa keessatti
faayidaa irra jechoota oolaniidha. Hawaasni fayyadama keessatti jechoota kanaaf
hiika bakka walii bu’uu kennuun jechuunis, hiikni bokkaa, rooba jedha. Jechoota
kana bakkaa bakkaatti haala walfakkaatuun kan itti fayyadamaniidha. Haaluma
fayyadama kanaatiin walitti dhufeenya jecha bokkaafi rooba jedhuu caalmaatti
hubachuuf hima armaan gadii ilaaluun barbaachisaadha.
52
Fayyadamni jechoota qarshii, birriifi maallaqa jedhan hiika walfakkii jechoota
qabaniidha. Walfakkiin kunis, kan beekamu tajaajila isaan hawaasa keessatti
qaban irratti hundaa’uudhaan. Qarshii, birrii yookaan maallaqa jennee haala
walfakkaatu keessatti fayyadamuun kan danda’amuudha. Hima qarshii / birrii /
maallaqa qabdaa? Jedhu keessatti jechoonni kun waliif masoo ta’uun
tajaajilaniiru. Garuu, irra caalaa hawaasni aanaa Wondoo kan fayyadamu jecha
birrii yookiin qarshii jedhu ta’uusaa odeeffannoo argame irraa hubachuun
danda’ameera. Maallaqa inni jedhus hawaasa baratan biratti kan tajaajilan ta’uun isaas
beekameera. Kanaafuu, jechi qarshii, birriifi maallaqa jedhan hiikni isaanii
fayyadama dubbii keessatti walfakkaata jechuudha.
Hiikni jecha “kutannoo” jedhutti dhihaatu “murannoo” kan jedhudha. Jechoonni kun
hiika waliif ta’uu kan danda’anis tajaajila hawaasa keessatti kennan irratti
hundaa’uudhaan. Kanaafuu, fayyadama dubbii keessatti hawaasni kutannoofi
murannoo hiika walitti dhihaatu akka qabanitti kan itti fayyadamudha. Fayyadamni
kunis, adda addummaa hiika afaan dubbii irratti yeroo tokko kutannoo, yeroo
biroo ammoo, murannoo jechuun itti fayyadamuu kan danda’uudha. Dabalataanis,
kutannoofi murannoon hima walfakkaatu keessa galanii hiika walitti dhihaatu
qabaachuun hawaasa keessatti tajaajiluu kan danda’aniidha.
53
Jechoonni “kabajaa”fi “ulfina” jedhaman hawaasa keessatti haalli fayyadamaa
walfakkeenya guddaa kan qabudha. Kunis, tajaajila jechoonni kun hawaasa
biratti qabanirratti hundaa’uun faayidaa irra kan ooludha. Hariiroon jechoonni
kun waliin qabanis, akkaataa tajaajila isaaniiitiin walitti dhufeenya kan qabudha.
Kanaaf, kabajafi ulfina kan jedhu kun hariiroon isaanii kan beekamu afaanii
dubbirratti garuu, afaan barreeffamaafi hima keessatti garaagarummaa akka
qaban odeeffannoo argame irraa hubachuun nidanda’ama.
Akkuma beekamu Afaan Oromoo keessa jechoonni fayyadama dubbii keessatti hiika
walfakkaatoo qaban hedduudha. Jechoonni boolla, qileefi hallayyaa jedhaman
akkaataa fayyadama dubbii hawaasa keessatti qabaniin walfakkaatu. Garuu, haala
hawaasni naannoo tokko tokko itti fayyadamuutti yoo ilaalle haalli isaan hiika
garagaraa itti qaban nijira.
Himoota sadan armaan olii keessatti haala galumsa isaaniitiin yoo kan ilaallu
ta’e, jechoonni hallayyaafi qilee jedhaman hiika garagaraa qabachuu danda’u.
Kanaafuu, hima jalqabaa keessatti qilee kan jedhu yoo ilaalee sa’attiin kufuu
yookaan qileetti du’uu kan agarsiisuudha. Hima sa’attiin hallayyaa dhaqxe jedhu
keessatti immoo jecha hallayyaa jedhu kun sa’attiin hallayyaa keessa bu’uun yookaan
seenuu isa jedhu agarsiisa. Kanaafuu, haala itti fayyadama ummata naannoo
garagaraa irratti hunda’uun jechoonni hallayyaafi qilee jedhamaan guutumaan
guututti hiika walfakkatuu qaban jennee murteessuun rakkisaadha. Kanaaf,
naannoo tokko tokkotti hiika walfakkaatuu qabaachuu kan danda’an yoo ta’u,
naannoo birootti immoo,walfakkaachuu dhiisuu danda’u, kun looga hawaasaa irratti
hunda’a jechuudha.
54
Jechoonni kallee, buuphaafi hanqaaquu jedhaman kun fayyadama dubbii
keessatti hiika waliif masoo ta’an yeroo qaban kan mul’atuudha. Haalli isaan hawaasa
keessatti tajaajila itti kennan walfakkeenya guddaa kan qabuudha. Kanaaf, hawaasni
jechoota kana galumsa walfakkaatu keessatti hiika walfakkaatuuf yeroon itti
tajaajilaman kan mul’atuudha. Kun ammoo, kan agarsiisu jechoonni kallee,
buuphaafi hanqaaquu jedhaman hima keessatti hiikni isaanii walitti dhufeenya kan
qabu ta’uusaati.
Afaan waliigaltee keessatti jechoonni hiika masoo qaban faayidaa hedduu qabu.
Dubbattoonni afaan tokkotti dhimma bahan looga garagaraa irraa walitti dhufuu
danda’u. Yeroo kana dubbiin inni kuun dubbatu, isa kaaniif haaraa ta’uu danda’a.
Yoo inni lammaffaa sun hiika jechicha wallaalamee, jecha walfakkaataa biroon bakka
buusee dubbate isa kaaniifis ifa ta’uu danda’a. Haala kanaan jechoonni masoo
namoota waliigalchuuf nitajaajilu jechuudha.
55
Fakkeenyaaf namni looga Oromoo Arsii keessatti dhalatee guddate tokko, nama
Oromoo Wallaggaa keessatti dhalatee guddate tokkoon “Ani nama waan badaa qaaqu
hinjaaladhu”, jechuun yoo itti dubbate namichi sun hiika jechoota ‘badaa’fi ‘qaaquu’
jedhanii wallaaluu yookiin hiika biroo itti kennuu danda’a. Hiikni inni kennuufii
danda’us, ‘Badaa’ kan jedhuuf ‘baay’ee’ yookiin ‘guddaa’ kan jedhutti hiikkachuu
danda’a. Yeroo kana dhaamsi namtichaan darbuu barbaade osoo galmaan hin gahin
karaatti hafa jechuudha. Osoo namtichi Arsii sun yeroo dubbatu jechoota hiika masoo
qaban fayyadamuun ‘badaa / gadhee / fokkisaa’ , ‘qaaquu / dubbachuu / haasawuu’
jechuun dubbateera ta’ee, namticha kaaniifis salphaatti hubatama; ergaan dubbii
sanaas galmaan gaha ture.
Kanaaf, jechoonni hiika masoo waliif ta’an haasaa dubbataan tokko dhiyeessu,
dhaggeeffataan akka salphaatti hubatuuf tajaajila olaanaa kenna jechuun nidanda’ama.
Jechoonni hiika masoo waliif qaban haala yookiin akkaataa garagaraatiin tajaajilarra
oolu. Akkaataan isaan faayidaarra oolaniinis; safuu ibsuuf, da’umsa ibsuuf. gadda
ibsuufi kan kana fakkaatan keessatti nitajaajilu.
Safuu ibsuuf yeroo jennu, akkaataa Oromoonni waan dubbatamuu qabuufi hinqabne,
yoomiifi eessatti dubbatamuu akka qabuufi hinqabne kan ilaallatudha. Akka ragaa
odeefkennitootaa irraa hubatamutti, hawaasni Oromoo Arsii Aanaa Wondoo wantoota
dubbachuun dhoorgaa ta’e akkaataa itti dubbatuufi dubbachuu dhiisu kan qabuudha.
Fakkeenyaaf, Ilmi maqaa soddaatii isaa, akkasumas intaltis maqaa soddaafi soddaatii
ishee waamuu hindandeessu. Maqaa haaraa itti baasuun waamu. Yoo maqaan soddaa
isaa/ ishee ‘Bariisoo’ ta’e ‘Soommiiso’ , yoo maqaan isaanii ‘Bunaa’ ta’e’ ‘Kumaa’
jedhanii waamu malee maqaa hindhahan. Kun safuun hawaasaa akka hincabneef kan
itti fayyadamamudha.
56
gubate, manni gubate hin jedhamu ‘bishaantu jala yaa’e’ jedhama. Fardi yoo du’e
immoo ‘fardi ni jaare’ jedhama. Sababiin namoonni haala kanaan fayyadamaniif
miirri gaddaa nama keessatti akka hin uumamneefidha. Kanaafuu, jechoonni hiika
masoo qaban akkaataa garagaraan tajaajilarra oolu jechuudha.
Jechoonni hiika masoo waliif qaban gosoota adda addaa jalatti ramadamuu danda’u.
Isaan keessaa hiika masoo loogaa, hiika masoo fayyadamaafi hiika masoo dhokataa
ta’u.
Hiikni jechoota masoo loogaa akkaataa dubbii namoota saba tokkoo ta’anii bakka
garagaraa jiraatanii yaada tokko ibsuuf jechoota adda addaa fayyadaman kan
ilaallatuudha. Fakkeenyaaf, handarii, gugee, bullaallaa, saphaliisa, makoodii
jechoonni jedhan kunniin hunduu allaattii gosa tokkoo ibsuuf kan hawaasni Oromoo
godinaalee garagaraa keessa jiraatu itti fayyadamuudha. Jechoota hiika masoo loogaa
qaban kanneen jedhaman isaan akkanaa kanadha.
Jechoota hiika masoo fayyadamaa jedhamuun kan beekaman immoo kan uumamu
yeroo yaadrimee tokko itti fayyadama keessatti hiika garaagaraan ibsamanidha.
Fakkeenyaaf: Dhahuu / rukutuu / tumuu
Jechoonni armaan olitti mul’atan hiika walfakkaataa kan bakka bu’an yoo ta’anis,
dubbiifi barreeffama irratti garaagara. Jechoota kanniin itti fayyadama isaaniitu
walfakkaata jechuudha.
Hiikni dhokataa Karaa hiikni jechaa kallattii yookiin masoo ittiin argamu keessaa
isa tokko ta’ee yaadrimeen tokko hiika irra keessaaf osoo hintaane hiika
keessoo ykn dhokataa mul’isuuf gargaarudha.
Fakkeenya: Leenca ; Bineensa bosonaa, goota , Kan foon malee hin nyaanne, cimaa
kan bakka bu’uudha. Kanaaf jechoonni kunniin hiika gubbaa isaa osoo hintaane, hiika
keessaatu akkanatti akka hiika kenninuuf nugargaare jechuudha.
57
BOQONNAA SHAN: CUUNFAA, ARGANNOOFI YABOO
5.1. Cuunfaa
Kaayyoon waliigalaa qorannoo kanaa inni guddaan jechoota hiika masoo qaban
Godina Arsii Lixaa Aanaa Wondoo gadi fageenyaan qaaccessuudha. Ka’umsi
qorannoo kanaas faayidaafi haala fayyadama jechoota hiika masoo qabanii
hawaasicha keessaa funaanuun addaan baasuudha. Barbaachisummaan qorannoo
kanaa fayyadama afaanii, hiika jechootaa, duudhaa falaasama, ilaalcha,
eenyummaa, jiruufi jireenyaafi kan kana fakkaatan qorachuu barbaadaniif karaa
bana. Daangaan qorannichaas, qaaccessa jechoota hiika masoo qabanii Godina
Arsii Lixaa Aanaa Wondoo kan jedhudha. Haaluma kanaan, ragaan hayyoonni
kennan adda addaa qorannoo kana keessatti fayyadameera. Kana gochuufis,
malleen qorannoo gaggeessuu keessatti gargaaran keessaa mala qorannoo
akamtaatiin dhimma ba’amuun qo’annoon gaggeeffameera. Kana malees, dhimma
qo’atamu galmaan gahuu kanarratti ragaaleefi odeeffannoo funaanachuudhaaf
meeshaalee funaansa ragaalee keessaa af-gaaffiifi marii garee fayyadameera.
Qoratichi qorannoo kana gaggeessuuf iddattoo namoota digdamii saddeet irraa
fudhachuun qorannoosaa adeemsiseera. Gama biraatiin, ragaaleefi odeeffannoo
garagaraa funaanaman kunis, jalqaba ragaan af-gaaffiinfi marii gareetiin argame
qaacceffamuun hiikni itti kennameera. Dhumarrattis, odeeffannoon qorannoo kanaa
malleen akkamtaan ibsamee, sana booda ragaalee funaanaman qaaccessuuf
qabxiilee armaan gadii irratti xiyyeeffannoon godhameera.
. Haala hawaasni Aanaa Wondoo jechoota hiika masoo qaban itti fayyadamu
58
5.2. Argannoo Qorannichaa
Jechoota hiika masoo qabanii Godina Arsii Lixaa Aanaa Wondoo qaacceessuuf
afgaaffiifi marii garee gaggeeffame bu’uura godhachuun argannowwan qorannichaa
akka armaan gadiitti dhiyaatanii jiru.
Hiikni masoo garee jechoota Afaan Oromoo kan akka maqaa, maqibsii,
mul’atu miti.
walfakkaatanidha.
Gosoota hiika masoo keessaa hiikni masoo fayyadamaafi loogaa hawaasni kan
Fayyadamni hiika masoo irra caalaatti kan mul’atu afaan barreeffamaa osoo
59
5.3. Yaboo Qorannichaa
Waajjirri aadaafi tuurizimii aanichaa jechoota hiika masoo ta’an osoo qabuun
koree waaltina jechootaatiif beeksisee;
Namoonni waaltina jechootaa irratti hojjetan osoo jechoota hiika masoo waliif
ta’an kana bifa hawaasni hundi hubatee itti fayyadamuun hojii waaltessuu osoo
gaggeessee;
Hawaasni fayyadama dubbii yeroo gaggeessuu osoo looga nama hunda biratti
giddu galeessaa filatee;
Jechoota hiika masoo yeroo fayyadaman amma danda’ametti hojii moggaasa koree
60
Wabiilee
Atkins, J.et Al, (1996). Skills Development Methodology: Part II. Addis
61
Gairns,R. and S. Redman(1986). Working With Words: A Guide to teaching and
Longman
barbar.
UniversityPress.
62
Sebastain,L.(2002). Understanding semantics. Oxford university press: Inc
Newyork.
Jildii 5ffaa.
Press.
Ltd
63
Dabalee A
bubbee = hobomboleettii
Hinaaftuu = Waanyoo
Guungumuu = Gururi’uu
Yaasuu = bobbaasuu
dhugoomsuu = mirkaneessuu
jalqabuu = eegaluu
Dargaggeessa = dardara
64
faallaa = masaanuu
Eeguu = tiksuu
qottoo = gasoo
morkii = dorgommii
Qorsoo = akaayyii
maandhaa = quxisuu
dhaggeeffachuu = caqasuu
65
Dabalee B
Maqaa________Saala_____Umurii____Ganda_____Gahee hojii_____________
1. Jechoonni hiika masoo hawaasni Oromoo Arsii isin biratti itti fayyadamtan
kam fa’i?
2. Faayidaan hiikni jechoota masoo hawaasaa Oromoo Arsii isiniif qabu maali
jettanii yaaddu?
3. Haalli fayyadama hiika jechoota masoo hawaasa Oromoo Arsii Aanaa
Wondoo biratti maal fakkaata?
4. Gosootni hiika jechoota masoo hawaasa kana biratti irra caalatti itti
fayyadamamu kam fa’i?
5. Hawaasni Oromoo Aanaa kanaa jechoota hiika masoo qaban kanneen haala
kam kam keessatti fayyadamtu?
66
Dabalee C
Maqaa________Saala_____Umurii____Ganda_____Gahee hojii_____________
1. Jechoonni hiika masoo Oromoo Arsii isin itti fayyadamtan kam fa’i?
2. Faayidaan hiikni jechoota masoo hawaasaa Oromoo Arsii isiniif qabu maal
akka ta’e waliin mari’adhaatii naaf ibsaa.
3. Haalli fayyadama hiika jechoota masoo hawaasa Oromoo Arsii Aanaa
Wondoo biratti maal akka fakkaatu erga waliin marii taasiftanii booda naaf
ibsaa.
4. Gosootni hiika jechoota masoo hawaasa kana biratti irra caalatti itti
fayyadamamu kam fa’i?
5. Hawaasni Oromoo Aanaa kanaa jechoota hiika masoo qaban kanneen haala
kam kam keessatti fayyadaman waliin marii taasisaatii naaf ibsaa.
67
Dabalee D
68
Q/Bulaa
19 Obbo Guutaa Waarituu Goobanaa Dhi 73 G/Q/B Booraraa
Q/Bulaa
20 Obbo Habiib Suleeyman Bochee Dhi 44 G/Q/B Maddoo
69