BOQONNAA TOKKO

Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 36

BOQONNAA TOKKO

Chapter One: Hiikaafi Yaad-rimee Nagaa akka oromootti


( Meaning and Concept of Peace in Oromo)
Mee osoo yaadrimee Oromoon nagaarraitti qabu ibsuun dura hiika jechichaa (dictionary
meaning) haa ilaallu.
Hiikni jecha nagaa, ‘peace’ jedhuu kitaaba, Webster ‘‘Third New International Dictionary’’
keessatti nagaan akka armaan gadiitti hiikameera. Peace is defined as: Peace is defined as:
 “Freedom from civil clamor and confusion” and positively as “a state of public quiet.”
This denotes negative and positive peace in their political or “outer” sense.
 “a state of security or order within a community provided for by law, custom, or public
opinion.”
 “Mental or spiritual condition marked by freedom from disquieting or oppressive
thoughts or emotions.” This is peace in its personal or “inner” sense, “peace of mind,” as well as
“calmness of mind and heart: serenity of spirit” (inner peace).
 “a tranquil state of freedom from outside disturbances and harassment.”
 “Harmony in human or personal relations: mutual concord and esteem.” This is what we
might call interpersonal or inter-subjective peace.
 “a state of mutual concord between governments: absence of hostilities or war.” This is
the conventional meaning of peace, as “negative” peace, caused by “the period of such freedom
from war.
 “Absence of activity and noise: deep stillness: quietness,” or what may be called positive
inner peace. And in its seventh and final lexicographical meaning, peace is personified as “one
that makes, gives, or maintains tranquillity.” This is what might be called divine or perpetual
peace, with God as the ultimate cause of peace on Earth.
Hiika nagaaf kenname armaan oliirraa wanti hubatamu, nagaan waan uummata jeequrraa bilisa
ta’uu, haala nageenyaa akka dambiifi qajeelfama seeraatti akkasumas naamusaafi safuutti
jiraachuu, haala qor-qalbiifi afuura namaa, waan alaa jeequmsa namatti ta’urraa bilisa ta’uu,
wacni dhibuufi kanneen kana fakkaataniin hiikuuf yaalameera.
Johan Galtung, hundeessaa dhimma qorannoo nagaafi qorannoo nagaa yoo ta’u nagaa karaa
lamaan ilaale yoo ta’u nagaa karaa poosatiiviifi negatiivii hubachuun danda’ama jedha.
Akkasiinis, “Positive” peace denotes the simultaneous presence of many desirable states of mind
and society, such as harmony, justice, equity, and so on. “Negative” peace has historically
denoted the “absence of war” and other forms of large-scale violent human conflict. Many
philosophical, religious, and cultural traditions have referred to peace in its positive sense.
Kunis nagaa gama poositiiviin, argama nagaa hunda galeessaafi itti fufiinsa qabu kanneen akka:
tasgabbii, haqa, walqixxummaafi kanneen biro yoo jiraatanfi gama negatiiviin ammoo dhabamuu
waraanaafi hammeenyiifi gooliin yoo kan hin jirre yoo ta’e jedha. Haa ta’u malee waraanniifi
gooliin dhibe jechuun nagaan jira nu hin jechisiisu. Kanaaf, gama qorannoowwan akka
anthrooppoloojiifi fooklooriin yaada positive peace jedhutu fudhatama qabaata.

1.1. Waldhabdee
Akka J.ASchellenberg (1996) kaa’eetti waldhabbiin namoota gidduutti raawwatamu bakka
gurguddoo lamatti kan qoodamuudha. Isaanis: Yaadxina durii fi yaadxina amalaati. Yaaxxinni
durii kan irratti xiyyeeffatu walitti dhufeenya gareewwanii kan ibsu ilaala. Gareewwan
kunneen ramaddii heddu sadarkaa addunyaatti hanga sadarkaa gadi aanaatti garee of keessatti
hammatuudha.Yaadxxinni durii haala waldhabbii ibsuu kan yaalu beekkumsa qabaachuun
yaaduu kan dandau, dhala namaa jedhee kaa’a. Namoonni balballoomsan heddu sababni
waldhbbii akkaataa hawaasni tokko itti yaadu irraa ka’eeti. Karaa biraatiin yaadxinni amaalaa
ammoo, xiyyeeffannoo nama dhunfaarratti ta’ee, sababa waldhabdiif ka’umsi amala akka
ta’e kaa’a.

1.2.MaalummaaWaldhabdee

Waldhabdeen kan uumamu haala garaa garaatin walitti dhufeenya dhuunfaafi namoota
sadarkaa garaa garaa keessatti kan yaadan waldhabaniidha. Akka addunyaatti waldhabdeen
sadarkaa keessatti amala walfakkaatuufi dhaabbataa qabuudha. Kun kan ibsu namoota lama
gidduutti ykn garee waldhaban lama gidduutti kan gaggeeffamuudha. Kunis namoonni osoo
hin jaalatin ykn fedhii isaanii malee haalli jireenyaa walitti buusuu danda’a. kunis, fedhii
keessa isaanii irraa kan ka’uufi duudhaa (safuu hawaasaa) waliin walqabachuu danda’a.
kana malees, namoonni fedhii isaanii guuttachuuf jecha. Waldhabdeen jidduu isaaniitti
uumamuu danda’a. Haaluma walfakkaatuun, waldhabbiin waan haaraa seenaa dhala namaa
keessatti raawwatamu miti.Waldhabbiin yeroo dheeraaf muuxannoo dhala namaa waliin
kan deemuufi namarraa adda bahee kan hin ilaalamneedha.

Waldhabbiin walitti dhufeenya namootaa keessatti taateewwan ittifamuu hin dandeenye dha.
Kunis, walsimachuu dhabuu kaayyoorraafi kaayyoo kanas galmaan ga’achuuf immoo wal
loluun niuumama. Lolli kunis, gara waldhabbii hamaatti deema. Lolli lubbuu namaafi
leeccalloo balleessa. Hayyuu Jeong (2006:167) akkas jechuun ibsa.”Once conflict turned into
violence bit needs commitment of all actors and those who have interest in the conflict to
resolve and manage conflicts in order to bring the situation in to the peaceful situation.” Yeroo
tokko lolli yoo uumame namoota fedhii hojii dhimma kanaa hiikuu qabaniifi to’achuuf haala
mijeessanii nagaaf dhaabbatan barbaachisa.jechuun ibsa.
Wadhabbiin tokko mul’atuun gara lolaatti yoo deeme yaaxinaaleen adda addaa ittiin
to’atan ni jiru. Isaan keessaa yaaxina hayyuu Zartman (1996) akkana jedha.”Tooftaan ittiin
waldhabbii too’atan jaarmiyaa tarsiimoo hojii gubbaa oolchuu danda’an adeemsa qaamolee
waldhabbiin gidduu seenee hariiroo uumuu, fedhii tarsiimoo jaarmiyaa isaanii fi taarsimoo
waldhabbii sanaa too’atu baafatanii sakatta’anii araarsuudha yaada jaarmiyaalee wal dhabanii
fedhii isaanii walitti qabuun adeemsa sababa waldhabbii jaarmiyaa sana mul’isu akka
kaa’atan gochuu fi furmaata laatuudha.

1.1. Yaad-rimeefi Amantaa Oromoon Nagaarratti Qabu


Yaadaafi yaadrimeen Oromoon nagaarratti qabu bakkatti kan warra Lixaan garaagartummaa
qabutu jira. Akka Guyyo (2009) jedhutti, yaadni Oromoon nagaaf qabu hariiroo nagaafi
tasgabbiirratti naannoo keenya waliin qabnullee murteessaa ta’uu eera.
Peace in Oromo is entirely different from the concept of peace in modern democracy and
politics. In Oromo, it is beyond human wellbeing (Guyyo, 2009). This notion is embedded in in
the Oromo world view that peace is not complete unless a harmonious relationship with nature
is maintained. Peace in Gada is peaceful co-existence of Oromo with the neighbouring Oromo
and non-Oromo people (Tesema, 2016).
Oromo believe peace is achieved when they live with Waaqaa, nature and other fellow humans
in harmony. For a person to live in peace, she/he should have peaceful interaction with his
uumaa, and fellow humans. This is strongly believed in the Gadaa system that peace is the of
waaqaa, which humans are obliged to maintain as per the Gadaa system laws (Negasa, 2022).
Oromoon nagaa jaalata. Kun ammoo amantaa nagaa waaqatu kenna, namni waaqa waliin
hariiroo gaarii hin qabne waaqa, namaafi naannoosaa waliinis nagaa hin qabu jedhee waan
dhugeeffatuuf jechuudha.
Kanarraa ka’uun abbootii Gadaa yeroo eebbisan:
Ka olii olitti nuu hanqadhu
Ka gadii gaditti nuu hanqadhu
Kan midda lamaanii achumatti nuu hanqadhu jedhu.
Kun kan agarsiisu karaa kamiinuuu (kan gubbaa, gadiifi cinarraan) hamaa dhufu hunda irraa
eeguu kan danda’u waaqa ta’uudha. Garuu namni callisee nagaa waaqatu kenna jedhee waan
barbaade godh osoo hin taane, waan isarraa eegamu godheeti. Kana malee waa hunda dursa
nagaatu lallabama.
Oromoon yeroo hirribaa ka’u:
Waaqa nagaan nubulchite, nagaan nu oolchi jedhee
Galgalammoo, waaqa nagaan nu oolchite nagaan nu bulchi jedha.
Kun waaqni madda nagaa ta’uu agarsiisa.
Kana malee nagaa yeroo ibsan, bunaafi nagaa hin dhabiinaa jedhee eebbisa. Bunni guyyaatti al
sadii: ganama, guyyaafi galgala dhaabata. Kunis ooltee bultee kan irratti walgaafatani. Ollaan
nageenyasaa kan ittiin wal iyyaafatu keessaa buna walwaamuun isa olaanaadha.
Kanarraa wanti hubannu, bunni qofaatti hin dhugamu. Wal waamanii, waliin taphatanii,
gammadanii, haala jiru walgaafatanii deemu. Yoo ollaan rakkoo qabaates rakkoosaa dhagahanii,
ilaalanii waliin qooddachuuf waltajjii walitti isaan fidudha. Kana ta’uu baannaan ollaan waliin
nagaa kan hin qabne ta’uu agarsiisa. Yeroo dubartiin ciniinsifattu bunatu akaahama. Yeroo sa’I
foolattus akkasi. Buna waliin nagaan jira waan jedhamee amanamuuf. Kanaan walqabatee
Oromoon bunaafi nagaa hindhabiinaa jedha.
Yaadni nagaa jedhu jiraachuuf wantoonni akka dhugaa, safuu, namummaa fa’i tikfamuu
barbaachisa. Oromoon, “Dhugaan ilmoo Waaqaati” jedhee amanu, dhugaa dabsuun ammoo
dheekkamsa Waaqaa nutti fida jedha. Hawaasni Waaqa, namaafi uumama biroo waliin nagaan
jiraachuudhaaf dhugaa tiksuufi kunuunsuun, yeroo inni dabe ammoo qajeelchuun dirqamadha.
Oromoon bahaaf-gala, ooltiif-oofkaltii, oolteef-bultee, jiruuf-jireenya isaa hunda keessatti
dhugaan akka tikfamu kan barsiisa. Yeroo Waaqa kadhatu, wal eebbisu, nagaa wal gaafatuufi
jaarsummaa keessatti Oromoon dhugaan sadarkaa guddaa qabaachuu ibsa.
“Jaarsi otoo aararsuutti hin seeniin dura, ‘Yaa Waaq dhugaa nu dubbisi; dogongora nu oolchi;
dhugaan abbaa dhugaatiif haa galu’ jechuun kadhata” jedhu.
Jaarsummaa keessaattis erga dhugaa namaa arganii booda, “Kan dhugaa hin quufne, dhugee hin
quufu, jechuun waan hundaa’ol argamuun dhugaa quubsaa ta’uu akeeku. Iddoo dhugaan hin
jirre nagaan hin jiru; iddoo nagaan hin jirre ammoo jireenyuu hin jiru,” jechuun
barbaachisummaa dhugaa tiksuu ibsu. Kanarraa wanti hubannu, dhugaan yoo dabe
waldhabdeetu dhufa; nagaatu boora’a. Kanaaf nagaan dhugaa nama dhuunfaafi kan hawaasaa
tiksuu keessa jira jechuudha.
Kanaaf Oromoon bahaafi galasaatti, ooltiifi oofkaltii, ooltee bulteefi jiruufi jireenyasaa keessatti
dhugaan akka tikfamu karaa argateen barsiisa. Egaa Oromoon nagaan bu’uura guddinaa,
badhaadhummaa, waliin gurmaa’inaa, gammachuufi jiruufi jireenyaa ta’uu amana.
Haa ta’u malee gochiifi amalli jireenyaafi milkaa’ina namaatti gufuu ta’u faallaa nagaati.
Dhabiinsi nagaa waaqa dheekamsiisa. Kanaaf yeroo dhugaan badu Oromoon hamma dhugaa
argee abbaa dhugaaf galchutti hin boqotu. Tooftaalee garaagaraa fayyadamuun dhugaa
barbaadu. Yoo dhabamellee kaksiisanii abbaan dhugaa dhokse gosaafi qe’eesaatti murteessa
waan ta’eef, kana gochuun dura namuu itti yaadee dhugaa galcha.
Walumaagalatti jireenya tasgabbiifi naga-qabeessa jiraachuuf dhugaa tiksuun murteessaa akka
ta’etti hubatama.
Nagaan karaa 3 ilaalamuu danda’a (jechuun nagaan jira jechuuf nagaan yoo bakkeewwan
gurguddoo sadanittuu jiraate).
a. Nagaa ofii, keessoo/ xiinsammuu (Psychological peace, the comfort with in)
Namni ofii isaa nagaadha jechuuf, qaama waaqni kenne fayyaa ta’uufi qalbiin yoo nagaa
ta’edha. Kana qofa miti hariiroon ati naannookeen qabdu nagaa yoo ta’e.
b. Nagaa waliinii (Relational peace harmony among humanity)
Kun waan hedduu kan hammatu yoo ta’u namaafi nama, namaafi naannoo isaa (nama,
biqiloota, bineensota, kanneen biro waliin)
Waaqni waan hunda uume. Waan uume hundas sababa uumeefi akkatti itti dhihaatu akkasumas
ayyaana isa tiksu qaba. Waan uume kana hundas bakka mataasaa kenneefi. Egaa uumama kana
balleessuufi mancaasuun waldhabdee namaa uumaa gidduu dhala.
Namni yoo bineensa ajjeese, bineensi xiiqeffatu jira. akki jedhanii araarfatanis jira.
Mancaatiin naannoo jireenyaa ilmoo namaa balaawwan akka hongee, dhukkubaa, robe yeroo
malee fa’i fida.
c. Nagaa afuuraa (Spritual peace, which is between God and man)
Ilmoon namaa waaqaan uumaman, ayyaana isaan tiksuun waaqaan walitti dhufu. Waaqnis
seera ittiin bulmaataa ilma namaaf kenneera. Hariiroofi ittiin bulmaanni waaqni namaaf kenne
madda seera namaallee ta’eera. Kanaaf namni waaqa waliin nagaan jiraachuuf seerotaafi
qajeelfama waaqaa fudhachuufi tiksuu qaba. Yoo kana hin goone garuu walitti bu’iinsatu dhufa;
dheekkamsatu eegala. The relation between Oromo and God is maintained by his law (seera
waaqaa; Asafa Schaffer, 2013).
Hayyuun Ginty (2006) sababa waldhabbii lolaa too’achuu osoo hinseeniin dura tarsiimoo fi
firii isaa irratti xiyyeeffachuun fedhii waldhabdootaa gara lolaatti isaan geese sana addaan
baafachuudha jedhee sababa isaa kaa’a. Waldhabbiin jaarraa hedduuf sammuun hayyootaa
ciccimoo ta’aniin qo’atamaa tureera. Haata’u malee, bifa qo’annaa haqa qabuun kan

jalqabe jaarraa 20 ffaa keessa ture


(Schellenberg 1966). Dhufaatiin xiinmadda hawaasaa fi mul’achuu maxxansaa haqa siyaasaa
Afrikaa waliin (1940) hayyoota Forest fi Evans jedhamanii qo’annaan waldhabbii furuu
beekamaa ta’eera. Maalummaa waldhabbii hayyuu Fisher (1990) haala armaan gadiitiin
addeesseera.”Waldhabbiin wal madaaluu dhabuu yaada yookiin sona garee lamaafi achii ol
hariiroo isaan gidduu jiru too’achuudhaaf yaada walcimsaa deeman jedhaniirru. Hayyuun
Kriesberg (1998) waldhabbii yoo addeessu, waldhabbiin humna cimaa balleessaa fiduu
danda’uudha. Jacoby (2008) hiika waldhabbii kaa’eera. Wal dhabbiin walgitiinsa dhabuu
paartilee lamaafi lamaa oliiti. Paartileen kunniinis namoota dhuunfaa lama maatiiwwan,
hiriyyoota, garee, dhaabbilee siyaasaafi kkf ta’uu danda’a Dahrendorf (1959) wabeeffachuun
yaada kaa’eera. waldhabbiin hawaasa keessatti karaa tokkoon jijjiirama milkaa’inaa fi
tasgabbii qabu kan fidu yoo ta’u gama biraatiin immoo, hirmaachisummaa kan hinqabneef
miidhaa cimaa geessisuu kan danda’uudha.
1.3. Akaakuu /gosoota/ Waldhabdee
Gosoonni waldhabbii hedduudha. Kunis, ilmi namaa jireenya guyyuu taasisu keessatti waan
hedduutu isa mudata. Kun immoo akka namoonni jeeqaman gochuu danda’a. namni waan yaade
yoo argachuu dhabaate, jeeqamuu danda’a. jeeqamuun kun immoo akka ufirraa kaasee hanga
waaqaa isa uume wajjiinis waldhabuutu dhufa. Gosoonni waldhabdee kunis, waldhabdee
biyyaa fi biyyaa daangaa fi daangaa, namaa fi namaa, maatii,( haadhaa, abbaa, abbaa fi ijoollee,
haadhaaf ijoollee,)fi kkf niidha. Akkasumas, waldhabdee olla fi ollaa, soddaa fi gosaafi gosaa
fa’aadha. Kana malees, hayyoonni adda addaa akaakuu waldhabdee kaa’aniiru. Isaan keessaa,
Mamo (2006) kaa’ettii akaakuun wadhabdee kanneen armaan gadiiti. Iaanis: Waldhabbii
qabeenyaafi hawaasummaa, aadaafi duudhaa, akkasumas, waldhabbii daangaati jechuun
kaa’eera. Waldhabbii qabeenyaa kanneen diinagdeen walqabate, inni kun qabeenya lafaa,
daangaa, bishaan marga, meeshaalee walii kennamufi k.k.f. irraa kan ka’een waldhabbiin
uumama.
Waldhabbiin hawaasummaa, naannoo hawaasaa jiraatanii haala aadaafi duudhaa
hawaasaa fudhachuu dhiisuun waldhabbii uumamu. Waldhabbiin hawaasummaa karaa biratiin,
gochaalee hawaasni akka safuutti ilaalurratti hirmaatanii argamuudha.fkn hanna, buttaa,
amaantaa hawaasa sanaa hordofuu dhiisuu, dubartii arrabsuu, gudeeduu, namoota umriin isaan
caalu kabajuu dhiisuu faadha. Walumaagalatti gosoonni waldhabbii nama dhuunfaa irraa kaasee
hanga addunyaatti kan jiruudha.
1.4. Sababa/Ka’umsa Walitti Bu’iinsaa/ Waldhabdee (Causes Of Conflicts)
Namni dhuunfaa, gareen hawaasaafi biyyoonni sababotaa adda addaatiin kan walitti bu’an
yoota’u, hedduun isaanii garuu, bu’aawwan dhunfaa, garee, akkasuma rakkinoota adda
addaatiini. Karaa birootiin immoo yeroo namoonni fedhii isaanii guutachuuf yaadaafi qaamaan
walitti bu’an, hawaasni nagaa buusuuf kaatuudha. Kunis yeroo sabni namni tokko isa biroo
miidhu ykn miidhamu kan namoonni badii isaan gidduutti uumame ilaaluun, kan badii qabutti
murteessuun walitti araarsaniidha (Fishman1994:40).
Biyya keenya keessati walitti bu’iinsi sabootaa bara durirraa kaasee hanaga bara kanaatti
waanuma mul’atu. Keessattuu bara sirna Minllikirraa kaasee hanga bara mootummaa kanaatti

kan jiruudha. Kanneen akka waldhabbii Oromoofi Sidaamaa, Oromoofi Soomaalee, Oromoofi
Amaaraa, Oromoofi Gumuuzfi kkf Kaasuun nidanda’ama. Waldhabbiilee saboota gidduutti tasifaman
sababoota adda addaatiin ta’uu danda’a. waldhabbiilee daangaan walqabatan, waldhabbii saboota
qabeenya uumamaa xiqqaa qaban, gaafflee siyaasaa, shira mootummoonni saba tokko isa biraarratti
kaasuun umrii dheereffatuufi fedhiin sabootaa yeroodhaa yerootti dabalaa deemuun, rakkina uumaa
fakkeenyaaf, hoongeefi kkf Kaasuun nidanda’ama. Karaa biraatiin namoonni dhuunfaas akkuma yaada
armaan olii fedhiin isaa dabaalaa deemuun fedhii isaa kana guuttachuuf qaama biraatiin walitti bu’uun
isaa dirqama itti ta’a.
Akkasumas sababoonni akka isaan wal-dhaban godhe maal akka ta’e adda baasuun gara murtiitti
deeman.Yaada kana (Deutsch Karl 1966) akka kaa’etti, wal-dhabdeen kan uumamu fedhii
namoonni lama waan gara garaa irratti garaa wal hanqatan jechuudha. Kanamalees, Ka’umsa walitti
bu’iinsa kan jedhamu walitti bu’iinsi akka uumamuuf sababa bu’uuraa yommuu ta’u ramaddii
gurguddaan afuritti qoodnee ilaaluu ni dandeenye. Keessumattuu dhimma amantaa irratti namoota
itti gaafatamummaan hojjennuuf ka’umsi walitti bu’iinsaa kun bu’uurawaa ta’uu isaa irraan kan ka’e
wantoota sirriittihubachuun nurra jiraatuu dha.
a/ Ramaddii Tokkoffaa
Xiin-sammuu fi fedhiiwwan bu’uuraa yommuu ta’an Xiin-sammuufi fedhiiwwan
bu’uuraa kana keessatti hammatamuu danda’an fedhiiwwan guutamuu/guutamuu dhiisuu
dha.
Miira kankootii / belonging፡ Kan inni guutamuu danda’u jaalalaan/ waljaallachuudhaan,
waliif qooduu fi namoota waliin wal tumsuudhaan ykn walitti dhufeenya taasisuudhaan Namni
uumama isaatiin asiin nan argadhaa, abaluun kan kiyyaa, na jaallatu, nan jaalladha jechuu
barbaada. Kana irraas kan ka’e gadda haa ta’uu gammachuun, dhabuunis ta’e argachuun,
namoota kan kooti jedhu kana waliin qooddachuu, wal tumsuu ykn qooddachuu barbaada.
Yommuu dhimmoota kana dhabuu fi akka eegetti utuu hin deeminiif yommuu hafu walitti
bu’iinsa bifa adda addaa qabu keessa seenuu ni danda’a. Ani kan eenyuuti, jedhee gaaffii
keess a seenuu ni danda’a. warra kaan irraa kan qoodame/adda ba’e fakkaatee yommuu itti
dhaga’amu miira uumamuu danda’u dabalatee dha.
Humna/power: Kaninni guutuu milkeesuudhaan,raawwachuudhaan, beekamtii
argachuudhaan, kanneen biroo irraa kabajni yommuu argamu, yoo xiqqaate abdiin yoo namni
inni kun naaf milkaa’a, wagoota muraasa booda addana nanga’a, maallaqa nanqabaadha, humna
murteessuun nan argadha, ijoollee nanqabaadha, barumsa koo nan xumura jedhee uumama abdii
godhachaa jiraatuu dha. Kanneen kana fakkaatan sammuu isaaf nyaata kan ta’an abdii yommuu
dhabutti namni ofii isaa irraa eegalee kanneen biroo dabalatee yommuu walitti bu’iinsa keessa
seenutu mul’ata. Uumama nama jedhamuuf abdii godhachuu fi wantoota murtaa’oo ta’an irratti illee yoo
ta’e humna murteessuun argachuun isaa tasgabbii jireenya isaaf baay’ee faayida-qabeessa ta’uu qofa
utuu hin taane dabalataanis murteessaa dha.

Biliisummaa/freedom: Argamuu kan danda’u filannoo gochuu danda’uudhaanfi filannoon kan jiru
yoo ta’e qofaa dha. Dhalli namaa Naannoo jiraatu filachuu, hojii hojjetu filachuu, nama isa bulchu
filachuu, amantaa itti amanu filachuufi dhimmoota biliisummaa waliin wal qabatan kanneen biroo
filachuu arbaada. Walumaagalatti jireenyi dhala namaa filannoodhaan kan guuteedha.Wantoota dhalli
namaa akka fedhii ijootti ilaalu keessaa inni tokko biliisummaadhaan jiraachuu danda’uu dha. Yommuu
biliisummaan isaa itti bu’ame karaa biliisummaa sana deeffatu kamiin illee ni fayyadama walitti
bu’iinsas dabalatee jechuu dha.
Bashannanuu: Kan inni guutuu danda’u taphaan, kolfaan, kanneen biroo waliin walitti dhufeenya
uumuufi wantoota isa bashannansiisaniini dha. Bashannanuun sadarkaa umurii kamitti illee fedhii
dhala namaatiin barbaadamuudha. Ijoolleen fedhii bashannanuu isaanii guutuuf iddoo taphaa, yeroo
barumsa irraas ta’e hojii irraa walaba yommuu ta’aniifi hiriyaa isaanii waliin taphachuu barbaadu.
Beektonni ofii isaaniiti nu waliin wal sima jedhanii iddoo bashannanaa yaadan kanneen isaan fakkaata
waliin waliin argamuun bashannanuu ni barbaadu. Iddoo bashannanaa adda addaa dargaggeessaa hanga
nama ga’eessaatti, iddoowwan daawwannaaf (tuuristiif) filatamanitti namni yaa’uun saa tuuristoota
dabalatee fi mana keenyaa gatii(baasii) baafnee iddoo bashannanaa kan nuti deemnuuf fedhii bu’uuraa
namootaa guutuud
Ramaddii Lama
Hanqina diinagdee: Dinagdeen fedhii namummaa dhala namaa waliin wal qabatu keessa isa
tokkoodha. Hanqina qabeenyaa kan jennu kan lafaa, maallaqa, bishaan, qabeenyawwan kanneen biro
fa’aadha. Fedhii bu’uuraa kanneen jedhaman nyaataa, manaa, fayyaa, meeshaa, kan ittiin jiraatan,
madda galii, argachuufi fedhiiwwan kanneen biroo guutuuf yommuu qabeenyi hanqatutti gara walitti
bu’iinsaatti geessuu ni danda’a. Qabeenyi ga’aan yoo hin jiraanne gara dorgommiitti seenu, dorgommiin
hamma isaa irra darbe immoo gara walitti bu’iinsaatti geessuu ni danda’a.
Ramaddii sadaffaa:
Yommuu Garaagarummaan Jiraatuu: Garaagarummaa kan jennu nam-tolchee ykn
garaagarummaa uumamaa ta’uu ni danda’a. Garaagarummaa amantaa, sabummaa, ilaalcha siyaasaa,
aadaa, sonaa, bifaa, umurii ykn sirna koorniyaa fi kkf dha. Koorniyaa fi umurii ilaalchisee.
Amantaaleen, durumaan, aadaan, sonaafi qaajeelfamoonni adda addaa yommuu jiraatanitti Haalli
waliigalteef rakkisoo itti ta’an jiraachuu ni danda’u. Garaagarummaan kunneen ofii isaaniitiin
walitti bu’iinsa ta’uu baatanillee akkaataa rogummaa qabutti qabamuu dhabuu isaanii irraan kan ka’e
akka walitti bu’iinsi uumamuuf yeroo hedduu sababa ni ta’u. Ta’us, garaagarummaa adda addaa
qabna jechuun dirqama walitti buuna jechuu miti.
Ramaddii Afur
Hoji-maata/Gurmaa’insa (system): Caaseffamni dhaabbilee, dhaabbileen iftoomina dhabuu,
qaawwa dhalootaa, hojimaatni itti gaafatamummaa jiraachuu dhabuu, akkaataa rogummaa qabutti
siyaasa fayyadamuu dhabuu, bulchiinsi gaariin dhabamuu, haqni jallachuufi dhimmoonni
malaammaltummaa waliin wal qabatee wantoota hin mul’anne walitti bu’iinsaaf sababa ni ta’u.
Hojimaatni, caaseffamni, iftoominni dhibamuu, itti gaafatamummaan dhibamuu, bulchiisni gaariin
dhibamuu, malaammaltummaafi kanneen kana fakkaatan sadarkaa kamitti illee, dhaabbilee amantaafi
namoota dhuunfaa dabalatee kan muldhataniidha..

Walumaagalatti, sadarkaa naannoo/ qe’eetti yooilaalle sababoonni naga jeeqan/ waldhabdeee fidan
hedduutu jiru isaan keessaa, lafa/ daangaa/, dubartii fi ijoollee soba/ganuu/iddoo tikaa, bobbaa loonii,
marra/ marga/ kaloo/ obaa bishaanii, oolmaa loonii/ tika/ ulee fi kkf nijiru.
BOQONNAA LAMA
2.1. Nagaa Buusuu/ Walitti Bu’iinsa Ittisuu
Waldhabbii namoota dhunfaa kaasee hanga waldhabbii biiyyatti taasifame tokko
sadarkaa dura lolli ka’ee jirurraa miidhaa inni fiduu danda’u hirisaa deemuun gara
waldhabicha sana furuutti nama geessa. Haayyuun Imobighe (2003) yaada isaa yemmuu
kaa’u, “waldhabbii too’achuun xiyyeeffannoo isaa kaallatiifi mala waldhbbii too’achuun,
kaayyoo isaan irratti wadhaban iddoo gadi fageenyaan xiinxaluun furmaata yeroo dheeraa
kennuudha” Jedha. Haalli waldhabideen ittiin too’atamu hayyun Zartman (1996) akka itti
aanutti ibsee jira.”Haalli waldhabbiin itti too’atamuu dandau tarsiimoo fi dhaaba
waldhabbii hiikuuf dhaabate.”Jedha.
Adeemsa waldhabbii furuu keessatti namoonni rakkoo furuu adeeman sun muxannoofi
gahumsi isaan qaban waldhabbicha furuu keessatti murteessaadha. Waldhabbii furuu
keessatti hojiileen sirriitti hojjatamuu qaban tooftaalee hariiroo gaggaarii namoota gidduutti
horachiisuufi hawaasa muuxannoo horachiisudha.
Akkaataa hubaannaa namootaa cimsuun, waldhabbii addaan baafachuu horachuun meeshaa
dandeettii waldhabbii hawaasa keessatti hiikuuf qabaachuun barbaachisaadha. Kanaafuu,
adeemsii waldhabbii hiikuu bu’aan inni qabuu kan nama tokkoo qofa utuu hintaanee, kan
qaamoota hedduu waan ta’eef, caalaatti irratti kan hojjatamuu qabuudha.

Haalli waldhabbiin ittiin hiikamu kun kan uumame tasa utuu hintaane, adeemsa sirnaafi
duudhaa hawaasa Oromoo kan muuxannoo baroota dheeraa kuufateen akka ta’e
beekamaadha. Adeemsa waldhabbiin ittiin furamu keessatti waldhabbii sana bakka inni itti
uumameefii haalli inni itti uumamee duukaa bu’uun furmaata kan itti barbaadu
qaamotuma hawaasa san keessaa filatamee hojii kana hojjatuudha. Yaada kana hayyuun
Ronald J. (1990) “Hariiroon gareewwan gidduu jiru haalli waldhabbii kallattii isaa osoo
hingaafachiisin furmaata itti argatu.” Jedha. Adeemsa hubannoo waldhabbii hiikuu
madda waldhabbii beekuun bu’a qabeessummaa isaa caalaatti mirkaneessuun
barbaachisaadha.
Akka hayyuun Daniel (1965) jedhutti “ Waldhabbiin humna cimaa kan qabuufi saffisaan
sadarkaa walballeessuufi diinagdee hedduu akka manca’u kan taasisuufi garaagarummaa
dinagdeefi humnaan angoo qabachuu irraa kan maddudha.” Jedha.

10
2.2.Duudhaalee Nagaa
Duudhaaleewwan nagaa bu’uuraa kanneen kanatti aanan
qabatu:
A. Hawwaasni wal-dhabdee mariifi waliigalteedhaan akkasumas bifa jeequmsa irraa walaba
ta’een hiikuun akkuma dandaa’amu yoo yaadamere fi dambii miti-ta’aa fi sirnoota dhiisee
karaa nagaa yommuu hordofu.
B. qoqqoodamuun argamu hafee namoota dhuunfaa fi garee gidduutti tokkummaa fi walitti
hidhantiisi yommuu mul’atu.
C.Yaada walabummaadhaan ibsuun akka dambii fi sirnaatti yommuu madaqfamanii fi
idilawaadhaan hawwaasaan yommuu hojii irra oolfamuu fi fudhatamummaa yommuu qabaatan
D.Mirga namummaa kabajuun hojii baratame yommuu ta’u mootummaanis karaa seera-
qabeessa, dambii fi sirna uummatichaa bifa bu’uura godhateen aangoo isaa akka rogummaa
qabutti yommuu fayyadamu.
E. Sabaa fi sab-lammoota gidduutti wal kabajuun guddatee guddina biyyaaf, dhimmoota
misoomaa fi nageenyaaf waliin dhaabbachuun yeroo mara yommuu taasifamu.
F.Ol’aantummaan dhiirotaa hawwaasicha keessatti kan tumame hafee wal-qixxummaa sirna
koorniyaa hubannoo yommuu qabaatu.
G. Wal-amantaa, jaallatamuu fi wal-kabajuu gareewwanii fi namoota dhuunfaa fi kanneen
biroonis hawwaasa keessatti argamuun sonaalee aadaa nagaa agarsiisa. Ijaarsi aadaa nagaa
walitti bu’iinsa ittisuuf meeshaa furtuu dha!

Hawaasa keenya gidduutti walitti bu’iinsis ta’e wal-dhabdee marii fi ragaadhaan hiikuuf
yaaluun aadaa gabbate akka hin taane yeroo mara ni dubbatama. Oolmaa keenya guyya
guyyaan akkuma hubachuu dandeenyu abbaa warraa fi haadha warraa, ijoollotaafi maatii
gidduutti sadarkaa aadaan marii fi wal dhaggeeffachuun kan gabbateedha
Egaa aadaan nagaa hawwaasa keessatti akka gabbatuuf ga’ee ofii isaanii ba’achuun qaamolee
irra jiraatu keessaa dhaabbilee amantaa ga’ee ol’aanaa fudhatu. Dhaabilee amantaa amantoota
isaanii biratti dhaga’ummaa waan qabaataniif akkuma salphaatti namummaa gabbisuuf carraa
ol’aanaa qabu.
Dhaabbilee akka dabalataatti nageenyaaf hojjatan

shoora bal’aa qabaatu: • Manneen barnootaa

11
• Midiyaalee uummataa
• Dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa
• Waldaalee siivikii fi qaamolee sadarkaa adda addaatiin jiran
2.2. Dhihaannaalee Ittisa Walitti Bu’iinsaa (Conflict prevention approaches)
Maatii keessatti mariin yommuu gabbatu kan mariitti amanu walitti bu’iinsaa fi wal-dhabdee
haasofsiisuudhaan karaa nagaa ta’een hawwaasa hiikutu uumama.
2.2.1. Hojiileewwan Gurguddoo Walitti Bu’iinsa Ittisuu
Walitti bu’iinsa hiikuun hojiilee gurguddoo kanatti aananii jiran of-keessatti hammata.

A. Tarkaanfiiwwan humnaa maqsuu (Avoiding violent conflict)

Kun walumaagalatti aadaa nagaa gabbisuu yommuu ta’u irra caalmaan bakka buusa ittisa
walitti bu’iinsaaf yaada ibsamuu dha. Inni guddaan hojii ittisa walitti bu’iinsaa yommuu ta’u
xiyyeeffannoon isaas walitti bu’iinsii fi wal-dhabdeen mariidhaan, waliigalteedhaan
dabalataanis karaa nagaa ta’een akka furamu gochuun barbaachisaadha.
B. Walitti bu’iinsonni dhoo’an akka hin babal’anneef dhaabsisuu

Hojiin kun hojii walitti bu’iinsa ittiin ittisan kan biraa yommuu ta’u, walitti bu’iinsi naannoo
tokkotti mudate daangaa isaa bal’ifatee gara naannoowaa nagaa biraa fi gara hawwaasa nagaa
akka hin geenyee fi naga kanneen biroos akka hin tamsaane taasisuun barbaachisaadha. kana
irra darbeeyyuu miidhaa qabeenyaa fi kanneen biroo sababa kanaan ka’uu danda’an daraan ni
xeqqeessa.
C. Walitti bu’iinsootni furmaata argatan akka hin hammaannee fi carraa irra deebi’ee
uumamuu irraa fageessuu
Inni kan biraan hojii walitti bu’iinsa ittisuu yommuu ta’u naannawan walitti bu’iinsi itti
mudatee ture kan biraanis sababa walitti dhufeenya nama ykn garee walitti bu’an
keessaa tokko deeggaruuf ammas deebi’ee gara walitti bu’iinsaatti akka hin deebineef
tattaaffii taasifamuu dha. Walitti bu’iinsi erga mudateen booda hojiin ijaarsa nagaa
rogummaa qabu yoo hin raawwatamne haalli walitti bu’iinsi mudachuu uumamuu ni
danda’a.
Walumaagalatti, walitti bu’iinsa ittisuu jechuun akka walitti bu’iinsi hin kaaneef aadaa nagaa
gabbisuu, karaa nagaa walitti bu’iinsa hiikuu, walitti bu’iinsi hiikaman ammas irra deebi’anii

12
akka hin hammaanne taasisuu akkasumas, walitti bu’iinsi mudatan akka hin babal’anne
taasisuu ofkeessatti hammachuu danda’a.

Gocha kamittillee bu’a-qabeessa ta’uuf kan nuti hordofnuufi tarkaanfiilee fudhannu kamiif
sababaa fi ka’umsa kanneen nuuf ta’an dhiheenya nuti naannoo sanatti qabnuudha. Hojii walitti
bu’iinsa ittisuutiin irra deddeebi’anii hojii irra oolfamaa kan mul’atan dhihaannaawwan lamaan
kanatti aananii dha.
A. Dhihaannaa ittisa walitti bu’iinsaa kallattii ta’e (Operational approach)

Bu’uuraa ilaalcha kanaatiin walitti bu’iinsa ittisuuf tarkaanfilee yeroo gabaabaa fudhachuun
hojii dursi kennamuufiidha. Wantoonni furmaata ariifachiisaa barbaadan xiyyeeffannoo akka
argataniif kan tattaaffii barbaadu yommuu, ta’u kanaanis walitti bu’iinsi akka hin uumamneef
ykn akka hin hammaanne taasisuun ni dandaa’ama. Ilaalchi walitii bu’iinsa ittisu kun kan adda
citu ta’uu hin qabu. Bu’uura ilaalcha ittisa walitti bu’iinsaa kanaan hojiiwwan kanatti aananii
jiran raawwachuun hojii ittisa walitti bu’iinsaa bu’a qabeessa ni taasisa. Jaarsoliin biyyaa akka
iddoo walitti bu’iinsichaa hin dhaqne taasisuu
Abbootiin amantaa gareewwan walitti bu’iinsa irratti hirmaannaa taasisan akka gorsan
taasisuu yoo ta’uu baates akka dheekkaman taasisuu. Qaamolee walitti bu’iinsicha irratti
hirmaannaa taasisan waliin mari’achuu, waliigaluu
Gareewwan walitti bu’iinsa keessa jiran akka gara waliigaltee ga’an gargaaruu/akka
waliigalan taasisuu
Wantoonni manca’an yoo jiraatan sirreessuu/deebisuu
B. Dhihaannaa ittisa walitti bu’iinsa bu’uurawaa (Structural prevention approach)
Ilaalchi ittisa walitti bu’iinsaa kun kan yeroo dheeraa jedhamuudhaan ni beekama. Ilaalchi kun
kan inni irratti taasifamu gaaffilee hawwaasaa bu’uuraa godhachuudhaan. Bu’uura ilaalcha
kanaan walitti bu’iinsa ittisuun hojii yeroo dheeraa kan gaafatu yommuu ta’u, xiyyeeffannoon
isaas rakkoo yeroo qabbaneessuu osoo hin taane, fulla’iinsaan kan inni hojjetamu hojii
furmaataa irrattidha. Walitti bu’iinsa ittisuuf hiyyummaa maqsuun, cunqursaan siyaasaa fi
dinagdee qoodiinsa qabeenyaa haqa hin taane hambisuu wal-qixxummaan amantaa fi aadaa
akka jiraatuu fi dhimmoonni kana fakkaatan murteessaa ta’uun isaanii akkaataa dhihaannaa
kanaan hojii irra ni oolfama. Bu’uuruma kanaanis dubartoonnifi dargaggoonni naannawaa
walitti bu’iinsa irratti hubannoo isaan qaban guddisuu irratti haqummaan hir’achuu isaa
hambisuu irratti xiyyeeffannoo ol’aanaan ni taasifama.

13
2.3.Tooftaalee Baratamoo Walitti Bu’iinsi Ittiin Hiikamu

Hawaasa keessatti yommuu walitti bu’iinsi uumamutti namoonni walitti bu’iinsa kanneen
hiikuuf tooftaalee adda addaa ni fayyadamu. Akka haala, wal-xaxxummaa fi gosa rakkinoota
sanaatti amantaan, aadaan ykn sirnoota ammayyawaadhaan walitti bu’iinsi ni furama.
Tokkoon tokkoon tooftaalee walitti bu’iinsi ittiin hiikamu yommuu ta’an, kanneen biroon
immoo tooftaalee walitti bu’iinsa hiikuuf akka filannootti fudhataman jedhamuun adda
ba’aniiru. Tooftaalee walitti bu’iinsi ittiin hiikaman kanneen walitti bu’iinsa hiikuu
amantawaa, jaarsummaa, waliigaluu, abbaa seerummaa, araaraa, mana murtii yommuu
ta’an kanatti aansinee tarreedhaan ni ilaalla.
2.3.1. Bu’uura Amantaan Walitti Bu’iinsa furuu

Sababa amantaa waliin wal qabatuun walitti bu’iinsi hedduun yommuu ka’anitti yoo hubatame
illee; amantaan sababa walitti bu’iinsaa ta’anii miidhaawwan ga’uuf ka’umsa taatee/mudannoo
isaan ittiin ka’an yoo jiraatellee amantoota hundaaf nagaan bu’uura/ hundee isaaniiti yoo
jedhamee kan dhugaa irraa fagaate hin ta’u. Hordofaan amantaa kamiituu nagaan siif haata’u
yookaan Assalaamuu-aleeykum kan hin jenne hin jiru.
Amantoonni hundi nagaa barsiisu, lallabu, kadhannaa kan taasisanii fi sirnoota rogummaa
qabu jedhan kanneen biroo ni raawwatu. Walitti bu’iinsi akka ibidda gammoojjii akka tasaa
ka’ee namoota hedduu miidhuu ni danda’a. Nagaan garuu akkas miti. Nagaan kan facaafamu,
itti soqamu, kan eegamu, kan guddatuu fi akkasumas kan ija godhatu ykn ijji isaa kan
mul’atuu dha.
Nageenyi akka tasaatti argamu hin jiru. Akka nagaan dhufuuf yeroo, hojii, eegumsa kan
barbaachisu waan ta’eefuu dhaabbileen amantaa gama kanaan hojii hedduutu isaan irra jira
jechuudha. Hojjechuuttis jiru. Kanaafuu, yeroo walitti bu’iinsi uumamuttis ta’e uumamuu
isaatiin dura dhaabbileen amantaa karaa walitti bu’iinsa ittiin ilaalanii fi ittiin hiikan ni qabu.
Hagam tokko haallli amantaan tokkokan biroo irraa adda ittiin ta’u jiraatullee
bu’uurummaadhaan hundinuu naga lallabuu irratti walfakkaatu.
Amalli amantaan naga buusuu qaamolee afur giddu-galeessa kan taasiseedha;
isaanis፡ Uumaa, abbootii amantaa, hawwaasaafi gareewwan walitti bu’iinsa keessa
jiraniidha. Ga’een uumaa abbaan balleessaa qabu akka amanu taasisuu dha; dhiifama jechuu fi
akka waaqummaa isaatti adabbii kennuu (firdii kennuu ta’a). akka amantaatti uumaa jalaa

14
wanti dhokatu hin jiru jedhamee ni amanama. Kanaafuu, kan miidhaa qaqqabsiise akka hin

sobneef uumaa/waaqa duraatti ni gaafatama. Kanaafuu, kan maqaa uumaa balleesse badii isaa
akka amanu ykn cubbuu isaa himatu ni taasisa jechuu dha. Yeroo hedduus maqaa uumaatiin
ykn akkaataa deemsa amantiin isaa eyyamuun ni kakata.
Dhaabbileen amantaa walitti bu’iinsa hiikuuf karaawwan kanatti aananii jiran ni
fayyadamu:

1. Kadhannaa (du’ayii) taasisuu፡ Fedhiin gareewwan hunda uumaa fuul-duratti dhiheessee


dhiifama kadhachiisuu jechuu ta’uu ni danda’a.

2.Gareewwan walitti bu’iinsa keessa jiran walitti dhiheessuu:

Shooraabbummaa taphachuudhaan kan miidhame, kan miidhee fi gosa miidhamichaa adda


baasuun jechu •Miidhamicha beekuu/adda baasuun
•Sababoota isaa hubachuu
3. Fedhii garee hunda guutuuf carraaquu፡ Kanneen walitti bu’iinsa keessa jiran hundinuu
fedhii ofii isaanii ni qabaata jedhamee amanama. Kanaafuu, fedhii hunda tarreeffamaan adda
baasuun, kaa’uu.
4. Waliigaluu፡ Maqaa uumaatiin, bu’uura sirna amantichaatiin waliigaluu
walitti dhufeenya gara iddoo isaatti akka deebi’u taasisuu ykn araarsuu

5. Beenyaa rogummaa qabu darbee darbees adabbii kennuu:

6. Barsiisuu፡ Amantoota keessatti walitti bu’iinsa sababa godhachuudhaan barsiisaafis haata’u


miidhaa inni hordofsiisu hir’isuuf barumsi ni kennama.
2.3.2. Jaarsummaa
Adeemsi jaarsoonni namoota waldhaban walitti araarsan jaarsummaa jedhama. Jaarsonni aadaa
Oromoo keessatti kabaja guddaa qabu. Hawaasni jaarsootaaf iddoo guddaa kennu. Gorsi isaanis
ni dhagayama. Jaarsa jechuun namoota umriidhaan waggaa 50ol ta’aniidha garuu jaarsummaa
dubbachuuf dirqama umriin kun barbaachisaadha jedhuu miti. Hawaasa Oromoo keessatti
namoota waldhaban kan araarsu jaarsota. Jaarsonni Oromoo naannoo isaaniitti waldhabbiin
yoo uumamu osoo hinturin dafanii araarsuudhaan furmaata barbaadamu kennu.
2.3.2.1.Raawwii Jaarsummaa
Uumanni Oromoo nagaa buusuf ykn namoota wal ajjeesan kan waldhabe araarsuuf adeemsaafi

15
sirna mataa isaanii qabu. Innis, kan uummanni Oromoo itti amanee/sodaatee waliif garaa
laafuu/quuqama isaan keessa jiru hammeenya tokko malee akka walitti araaraman kan
taasisan seera bulmaata mataa isaanii kan qabaniidha. Kunis, akka armaan gadiitti ibsamuun
kaa’ama.
Raawwiin araaraa haaluma ciminaafi laafiinsa namoota waldhabaniirratti kan hundaa’uufi
baay’inni jaarsotaa haaluma kanaan murtaa’a. Waldhabbiilee lubbuu namaatiin (Gumaa)
qabdu sadarkaa abbaa gadaatti kan dhumuudha. Abbaan gadaa akkaa hawaasa Oromoo
naannoo sanaatti waldhabbiilee cimaa, ulfaatinsa qaban kanneen jaarsoleen utaa waayyuu,
shanachaafi manaa dadhaban kan furmaata itti kennuufi itti gaafatamummaan warra gadaa
hedduu cimaa kan ta’eedha.
Waldhabbiileen lubbuu namaatiin (gumaa)n wal hin qabannee ammoo kan furmaata argatan,
jaarsolee gosaatiin. Yeroo tokko tokko waldhabbiilee gumaa hinqabnes ta’ee kanneen
jaarsoleen gosaa dadhaban abbootii Gadaatiin furmaanni barbaadama. Waldhabbiin salphaan
sadarkaa balbalaattii jaarsummaan isaa kan ilaallatu shanachaan. Balbala kan jedhamu
miseensa gosaa ta’ee, hortee gosa sanaati. Waldhabbiin balbala tokko keessa yoo ta’e, furmaata
kan barbaadu jaarsa shanachaati. Balbala biraa wajjiin yoota’e immoo, jaarsummaa kan taa’u,
jaarsota gosaati. Sadarkaan waldhabdeen inni dhumaa (xiqqaa)n kan ilaallamu jaarsota
manaatiin. Jaarsota manaa jechuun firoota akka: abbaa, akaakayyuu, wasiilaafi hortee qe’ee
sanaa hunda kan ta’eedha.
2.3.2.2. Murtii Yaad-rimee Jaarsummaa

Jaarsummaan namoonni dhuunfaan ykn gareewwan akka walitti bu’iinsa isaanii hiikaniif
gargaaruuf gargaarsa adeemsa garee sadaffaatiin kan taasifamuudha. Jaarsoliinykn gareewwan
sadaffaan namoota ogummaa jaarsummaa qabaniin yommuu ta’u, namoota lamaan ykn isaa ol
ta’aniin haalicha hiikuuf gidduu ni seenu. Kun akkas yommuu ta’u, namoonni ykn qaamoleen
walitti bu’iinsa keesa jiran aangoo aadaaykn uumamaa kan hamilees ta’ee hawwaasaa
kabajuuf dirqamatu isaan irra jira. Jaarsummaan addunyaa hundatti gosa isaafi falaasama
isaatiin adda.
Biyyoota tokko tokko keessatti jaarsi kan hin loogne, aangoo/barumsa kan qabuu fi murtii
kennuuf nama humna hin qabnee dha. Garuu hawwaasa kanneen biroo keessatti abbootii
dhimmoota lamaaniin kan beekame, hamma tokkos ta’u humna murteessuun kan qabuufi kan

16
amanamu ta’uun isaa irra caalmaan barbaachisaa dha. Itiyoophiyaattis ta’e biyyoota Afirikaa
hedduun kana irraa adda kan ta’e miti. Iddoo hedduutti qu’annoodhaan mirkaneessuuf akkuma
yaalame jaarsoliin gareewwan walitti bu’iinsa qaban biratti fudhatama ol’aanaa argachuun
isaanii, murtii gaarii irra ga’uu danda’uun isaaniifi aadaa isaa beekuun isaanii hiika adda ta’e
kennaaf.
Ummata Oromoo biratti immoo jaarsummaan bakka guddaa qaba. Karaa ittiin dhugaan
nama miidhamee qotamee bahuudha. Kanaafuu, yeroo ammaantanaa mootummaanis, manneen
murtii aadaa jechuun eddoo hundatti hundeessuu eegale. Kun nuuf fakkeenya
guddaadha. Jaarsi keessumattuu hirmaattotaaf hooggansa amala bu’uurawaa ta’e kennuudhaan
namoonni fedhii isaaniitiin gara waliigaltee waloo akka ga’aniif gargaaruutu irraa eegama.
Bu’aan isaas yeroo hedduu fedhii hunda kan guutuu dha jedhamee eegama dirqamas.
2.3.2.3. Akkaataa Jaarsummaa Koottu-Dhufeen Waldhabbiin furamu
Jaarsummaan sirna araaraa waldhabbii namootaa furuuf jaarsotaan taasifamuudha. Koottu
dhufeen Oromoo Arsii biratti baldhinaan kan beekamuudha. Gaaleen koottu-dhufee jedhu
kunis jechoota lama koottuu fi dhufeera jedhu irraa kan dhufe yoo ta’u, hiikni isaa immoo,
eessa jirtaafi kunoo asiin jira/ gareen tokko yemmuu waamu inni kuun jalaa awwaachuu
bakka bu’a. adeemsa kanaan jaarsoliin sirna araaraatti osoo hinseeniin dubbii qaamota
lamaanirraa fudhatanii guyyaa beellamaa, sa’aatiifi bakka itti walargan qabatanii
addaanbahu. Guyyaa beellaamaa sanaas, walgahuudhaan “Dubbii haafudhannuu” jedhanii
koottu dhufeen walwaamu. Isaan waldhabanis, “waldhabbii keenna isinitti kenninee jirraa
nuuf ilaalaa” Jedhu. Sana booda jaarsoleen olka’anii waaqa kadhatu,” yaarabbi ati galtee
tana nuuf fixi! Yeroo kana qaamoonni wadhaban lamaanuu “Aamiin” jechuudhaan jalaa
qabu. kadhannaan kun akka aadaatti waan hundaahu waaqa kadhachuudhaan kan eegalu
ta’uufi namoonni waldhabanis, garaa laafuudhaan akkuma salphaatti akka araaramaniifis,
gahee guddaa qaba. Jechi olitti galtee jedhu, rakkoo uumame jechuu bakka bu’a.
2.3.2.4. Kaayyoofi Yoomeessa Sirna Araaraa Koottu-Dhufee
kaayyoon araaraa sadarkaa dhuunfaa irraa jalqabee hanga hawaasa bal’aatti kan jiru ta’uun
isaa beekamaadha. Sababni isaas, waldhabbiin ni jira taanaan araarri akka jiru beekkamaa waan
ta’eef. kunis qaama miidhame rakkoo isaa ilaalee fayyisuufi akka duraatti akka deebi’u
gochuudha. Waldhabbii xiqqaa irraa kaasee hanga ajjeechaatti deemu ittisuuf, araara buusuun,
itti gaafatamummaa fudhachiisuu, dhugaa baasuufi deebisanii ijaaruudha.Yoomessa

17
sirnaaraaraa koottu-dhufee. waldhabbii hiikkamu giddu galeessa godhachuudhaan
yoomessa isaa manguddoota dubbiitu guyyaafi bakka dubbiin itti dubbatamu filata. Yeroo
baay’ee bakka wacaa, sagalee bay’inaan argamuufi bakka qilleensii hamaan jiru
manguddootan hin filatamu. Sababni isaas haasaa waliin sirnaan jeequmsa tokko malee
waldhaggeeffachuuf bakkaafi eddo mijaawaafi tasgabbii qabu ilaalanii filatu.Yeroo
beellamaas haala sa’aatii hojii isaanii hintuqnee fi akkaataa fedhii qaamota hundaa giddu-
galeessa godhateen beellama qabatu.

2.3.2.3.1 Qora
Qora jechuun jaarsolee araara waldhabddee namootaa abbaa ta’anii gamaa gamana taa’anii
qalbii guutuun adeemsa sirna koottu-dhufee keessatti,“Koottu-dhufee” jedhanii walwaamuun
waldhabbii namootaa gadi fageenyaan hoogganuun sirna araaraa adeemsisaniidha. Moggaasni
isaan ittiin walwaamanis yoo ijoollee kan qabaatu ta’e abbaa ebaluu jechuun wal waamanu,
ijoollee yoo kan hinqabne ta’e immoo, maquma kabajaatiin wal waamu. Qorti bakka
gurguddoo lamatti qoodamti. Isaanis, Qora mataafi qora miilaati. Qorti mataa kan jalqaba
dubbii himatame sanaaf xiyyeeffannoo kennuudhaan “Koottu” jedhee waamuufi abbaa
dubbii himataa sanaa bakka bu‟uudha. Qorti miilaa immoo, yoo qorti mataa “koottu” jedhee
waamu, “dufe”jedhee kan jalaa awwaatuudha. Qoroonni miilaafi mataa waldhabbiiwwan gara
garaa kanneen gara isaanii dhufan addaan baasuun, too’achuu fi murtii warra itti kennaniidha.
Haalli teessuma isaaniis kallattii gara garaati. Gamaa gamana fuulaan walitti garagalanii fuula
keessa ijaan wal ilaalaa qoratu. Kun kan ta’eef dubbii dubbatamu san qaamota waldhabanis
ta’ee, kanniin hordofaniif iftoomina qabaachuufi. Gaheen qoraa dubbii sana keessa taa’anii
too’achuun, akkasumas, murtii waldhabdee sanaa fi yaada araaraatii fi murtichaaf kennuudha.
Qorti yaada abbaa murtii taa’anii, gaaffiin, dachaasuun, gumgumuun, hidda dubbii baasanii
walii galchuun, karaa qajeelaa deeggaruuniifi dubbii ofirra teessisuun kallattii dubbiin karaa
nagaatiin ittiin dhumattu kaa’uudha.
Abbaa Murtii
Akka aadaa saba Oromootti murtichi sammuu qoraa badhaasa waaqaa kan qabuufi dandeetti
dubbii murteen eessaa kaatee eessatti akka buutu kan beekuudha. Murtichi dubbii himataafi
himatamaan lafa kaa’an dhageeffatee tartiibaansammuutti guuratee, qalabeeffatee, addeemsa
qorti qortu gadifageenyaan hubatee, yaada dhiyaate qoraan walfudhachiisee, murtii dubbii
dabdee qajeelcha gumgumaa ofirratti eeggachaa rakkoolee waldhabbii calalee baasee

18
qortootaaf karaa agarsiisuun nama muuxannoo qabuudha. Gumguma jechuun, namoota
jaarsumaa kana hirmaatan/ mana keessaa waan garaa hanqate irratti kan yaada kennatuudha.
Yeroo kanas, akkas jechuun eegala. Gungumee, ka guungumee roobu waaqaa jechuun gara
yaada isaatti seena.

Abbaan Murtichaa immoo murtii akkana jechuun eegala:


Caalaan dhugaa qabaa muramte!
Murtiin ka caalaati muramte!
Lafa deebisi muramte!
Miidhamaa soori muramte!
Harka walqabtee muramte!
Seera gahee muramte!
Asii kaatee walhin ilaalini
muramte! Waliin hinoodini
muramte!
Kan tuqe yakkaa muramte!
Jechuudhaan namoota waldhaban lamaan walitti araarsan.
Amaloota bu’uuraa adeemsa jaarsummaa
A. Sirriitti Dhaggeeffachuu

Fedhii dhala namootaa baay’ee gadi fagoo ta’an keessaa inni tokko kanneen biroon ana
hubataniiru jedhanii yommuu yaadani i fi kanneen biroo biratti fudhatamummaaargadheera
jedhanii yommuu yaadanii dha. Nama kan biraatiin hubatamuuf ofii of dabarsanii kennuu
haala cimaadhaan humna warra kanneen biroo gonfachuudha. Humna kanneen biroo
gonfachuuf dubbachuudhaan osoo hin taane ijoota keenyaan, sochiiwwan Qaamaa
keenyaanifi akkaataa baahiinsa sagalee keenyaatiin addunyaa isaan arguu barbaadan nus
gama isaaniitiin ilaaluu akka barbaannu ifa gochuu danda’uu qabna. Walitti dhufeenya
kanneen biroo waliin qabnu, yoo gadi seenee fi fedhiiwwan firdii kennisiisaa irraa kan
madde ta’uu qaba. Namoonni rakkoo isaanii dhugumaan hubachuuf yaalaa kan jiru ta’uu akka
ta’e yommuu beekan rakkoo isaanii fi namoota waliin bifa ijaaruun walitti dhufeenya
taasisuuf ni yaalu. Dandeetii dhaggeeffachuu gaariin walitti bu’iinsa kamiin illee haala
ijaaruun hiikuuf adeemsa taasifamu keessatti hojii irra ni oola. Tarii dhaggeeffataan gaarii

19
ta’uun abbootii dhimmaa walitti bu’anii jiran gargaaruuf daran guddaa kan ta’e dandeettii
jaarsolii ykn mariisisaati. Sirriitti dhaggeeffachuun jaarsoliifi mariisiftootaaf walitti
dhufeenya (haasawaa) gaariin akka jiraatuuf dandeettii itti fayyadamanii dha. Kunis kan inni
ta’u abbootiin dhimmaa (qaamoleen) kunneen akka erga ifa ta’e dabarsan taasisuufi ergaa
isaaniis sirriitti akka dhagaa’amu taasisuudha.
B. Kaayyoowwan Sirriitti Dhaggeeffachuu

Ergaan nama dubbatu sanaa akka dhagaa’amu argisiisuuf.


Dhaggeeffataan miira Qabiyyee isaafi ergaa isaatiin hubachuu akka danda’uuf gargaaruu.
Namni dubbatu sun waa’ee haalichaa hubannoo qabaniifi Miira isaanii gadi fageenyaan
akka ibsataniifi akka balballoomsaniif jajjabeessuu.
Miira ibsuun fudhatama kan qabuufi gadi-fageenya fedhii isaanii hubachuuf
barbaachisaa akka ta’e itti himuu,
Namni dubbatu sun miira isaa dubbachuuf bilisa akka ta’ee fi dubbachuufis
naannawaa rakkoon irra hin jirre uumuuf dha.
Hayyuun Itiyoophiyaa Pirofeesar Hisqiyaas jaarsummaa keessattidhaggeeffachuusadarkaa
afuritti qoodu Qalbiin (Sammuun) dhaggeefachuu dhugaawwanfi gosoota odeeffannoo
kanneen biroo adda baasanii dhaga’uu, hubachuu fi beeku yommuu ta’an sababa
qabeessa ta’uu akka dandeenyu ni taasisa.
Onneedhaan Dhaggeeffachuu Fedhii gareewwan walitti bu’iinsa keessa jiraniif
dhaggeeffachuu dhaga’uu danda’uudha. Walitti bu’iinsi yeroo hedduu aarii, sodaa, abdii
kutachuu, gaddaafi kkf waliin kan wal qabateedha. Miironni cimoon mariin madaallii isaa
eeggate akka hin jiraanneef yeroo hedduu waan dhowwuuf gara dhimma ijootti osoo hin
fuuleffatiniin dura ilaaluufi sirreessuu nu barbaachisa.
Garaadhaan Dhaggeeffachuu Fedhii bu’uurawaa dhala namaa dhaggeeffachuu jechuu dha.
Sadarkaalee jaarsummaa

Adeemsonni jaarsummaa ykn walitti dhufeenya garee sadaffaa keessa jiran sadarkaalee
afuritti hiramanii ilaalamuu nidanda’u. Sadarkaalee kana adda baasanii beekuun jaarsummaaf
dhimmoota murteessoo dha.
Sadarkaa 1:seensa Abbootiin dhimmaa gara jaarsummaa kan yommuu ta’u, sadarkaa kanatti
wantoota bu’uuraa jaarsoliin hubachuu qaban፡

20
Gareewwan walitti bu’iinsa keessa jiran kan ariifataniifi kan siqiqan ta’uu isaanii.
Kaayyoo garee biraa kan shakkan ta’uu isaanii.
Akka hin gowwomfamne ykn namni kan isaanitti fayyadamu ta’uu (miidhamoo)
akka hin taane kanneen sodaatan.
Adeemsa jaarsummichaa keessatti maal akka uumamuufi bu’aa isaa eeguun ifa
isaaniif hin taanefi.
Wantoonni to’annoon ala akka hin taane kanneen sodaatanii
dha.

Barbaachisummaan sadarkaa seensaa sodaawwan kanneen mo’achuuf, hir’isuufi namoonni


adeemsicha irratti hirmaannaa taasisuufi adeemsichas akka amanan taasisuufiidha.
Simboo, jabinaa fi adeemsa isaa murtiin gaggeessuun kan jaarsoliiti.
Sadarkaa 2: Ibsa
Kaayyoon isaa yeroo ibsa walitti bu’iinsaatti yaada garee lamaanii dhaggeeffachuuf sadarkaa
carraa uumuufii dha. Wantoota hiikamuu qabaniifi gara fuulduraatti akkamittiin itti fufuun
akka irra jiraatu yeroo sammuu isaa keessatti kalaqamuu dha. Kana irra caalmaan immoo
abbootiin dhimmaa kunneen walitti dhufeenya dandeettii taasisuu isaatiin: fkn gama dandeettii
dhaggeeffachuu jaarsoliitiin abbootiin dhimmaa akka gaariitti akka dhaggeeffatamanitti
itti muldhata. tariis sadarkaa jalqabaa irratti abootiin dhimmaa akka waliin haasa’aniif
gargaara.
Adeemsa Ibsaa

1. Qaamni inni kan biraan osoo dhaggeeffatuu tokkoon tokkoon qaamolee gama
mataa isaanitiin haalicha ni hubachiisu
2. Tokkoon tokkoon hirmaattotaa dhugaa, miirawwan, faayidaawwaniifi fedhiiwwan
isaa calaqqisiisee yoo xumuru jaarsoliin yaada gabaabinaa fi ofeeggannoodhaan gudunfaa
yaadichaa ni kennu.
3. Yaadawwan adda addaa ifa akka taasisaniif jaarsoliin gaaffii gaafachuu ykn gareen
biraa gaaffii akka gaafatuuf afeeruu ni danda’u.
4. Jaarsoliin dhimmicha adda baasanii ni
tarreessu.
Sadarkaa3: Rakkoo Hiikuu/Furuu/Faluu

21
Rakkoo hiikuun tattaaffii guddaan jalqabaa kan itti taasifamu waan ta’eef rakkoo hiikuun
adeemsa araaraa keessaa sadarkaa daran rakkisaadha. Yaadawwan tartiiba isaanii
eeggatanii raawwatamuu qabu jedhaman dhiheessuun asirrattiidha. Sadarkaan rakkoo
hiikuu too’achuuf furtuuwwan ijoon፡
Dandeettii namootaa gabbisuu፡.

Dandeetti adeemsa too’achuu:


Dandeettii Rakkoo
Hiikummaa: Tartiiba
Hordofamuu Qabu
1. Abbootiin dhimmaa akka ilaalaniif rakkoowwan tarreessanii dhaggeeffachiisuu
2. Qabxiilee ofii keessisuu
Abdii kutachuu waloo, kennamuu waliinii, qofummaa ykn.
Qabxiilee waloo gaarii ta’an wanta guddiftee caqastu barbaadi garuu amanammaata’uutu irra
jiraatan.
3. Rakkicha hiikuuf yaadawwan maddisiisuu.
Tokkoon tokko rakkoof unka ibsa walitti bu’iinsaa fayyadamuu. Ogummoota rakkoo hiikuu
fayyadamuu.
A. Fayidaalee/fedhiiwwan irratti xiyyeeffachuu
B. Rakkicha hiikuuf yaada gaafachuu
C. Yaadawwan kanneen madaaluu
D. Hojimaaticha filachuu fi karoorsuu

4. Wantoota kanatti aanan hundaatti tajaajila dandeettii (ogummaa) namootaa fayyadamuu


Sirriitti Dhaggeeffachuu
Yaadawwan waloofi gaarii guddisuu
Miirawwan fudhachuu (hubachuu)
yaadota marii fi ibsawwan kallattii ilaaluu
Jijjiirama fidan dhaadhessuu/jajuu

Sadarkaa 4: Waliigaltee
Kaayyoon waliigaltee sadarkaa rakkoo hiikuu irratti wantoota argaman qabatamaan kaa’uu

22
dha; Kanaafuu waliigalteen irra gaa’ame kamillee ifatti, adda ba’ee kan beekamu, hojii irra
ooluu kan danda’uu fi qajeelaa ta’uu isaa mirkaneessuu barbaachisa. Sadarkaan kun
adeemsota araaraa daran murteessoo ta’a keessaati. Bu’aan isaas yoo milkaa’inaan
hiikame guyyoota ykn torbanoota booda garaagarummaa hiika waliigaltee fi walitti bu’iinsa
haadhoo duraan ture adda
Aperiysem baafachuun ni danda’ama. Hanga xumuraatti of-eeggannoodhaan hordofuun
jaarsoliin Haalli akkanaa akka hin uumamneef hojjechuutu irraa eegama. Kanaafuu፡
A.aakkaataan dubbii Ifa Ta’uu

Jechoota bitaa namatti galan maqsuu (Fakkeenyaaf፡ saffisaan, akka rogummaa qabutti,
sababa- qabeessa) isaan kun namoota adda addaaf hiikoo adda addaa kennu. Qaamolee
lamaaniif hiika wal fakkaataa ta’e jecha kennu, ifa kan ta’ee fi guyyaa fayyadamuu dha.
Fakkeenyaaf gareen A jedhamee guyyoota 30 keessatti maallaqicha deebisuuf waliigaleera.
B. Daangaan Yeroo Ifa ta’uu

Yeroo hunda fi daangaawwan yeroo ifa taasisanii kaa’uu. Qaamoleen lamaan daangicha
waliigalaniiru.
C. Madaalawaa/Haqa ta’uu
Tokkoon tokkoon isaanii fayyadamoo ta’uutu irra jiraata waan gochuuf/gochuu dhiisuu
waliigaluutu irra jiraatan.
D. Wanta Qabatamaa Irratti Kan Hundaa’e ta’uu
Waliigalticha haasa’uu kan inni qabu kallattiidhaan waa’ee gareewwan walitti bu’anii fi
waa’ee walitti bu’iinsichaa ta’uu qaba
E. Ifaafi Salphaa Ta’uutuu
Tarreeffamni waliigaltee barbaachisaa ta’u illee, waliigaltichi daran kan wal xaxe taasisuun
irra caalmaan gara rakkoofuruutti osoo hin taane, gara walitti bu’iinsa haaraa uumuutti
qajeelchuu ni danda’a. kan biraa mitii afaanumaayyuu kan gareen walitti bu’e lamaan beeku
ta’uu qaba.
F. Karaa Itti Gaafatamummaa Agarsiisuun ta’uu qaba
Booda irra akka madaalamutti keessatti haa ammatamu ykn tooftaan/malli rakkoowwan gara
fuulduratti ka’uu dandaa’an hiikuuf adeemsota irratti waliigaluun barbaachisa.
G. Tokkoon Tokkoon Qaamolee Argamanii Mallatteessuu/ waadaa galuu

23
Dhimmichi erga xumuramee fi akka rogummaa qabutti erga barreeffameen booda
abbootii dhimmaaf (qaamolee) kanneeniif haa dubbifamuuf. Dhimmi Jijjiirama gara
fuulduraatti jiru ilaaluuf karoora dandeessisu irratti waliigaluu; isaan booda mallattoo fi
guyyaan irra haa kaa’amu jaarsoliinis, abbootiin dhimmaa fi taajjabdoonnis yoo ta’an
hundinuu haa mallatteessan/ waadaa haa galanii
2.3.3. Mana Murtii

Manni murtii yommuu walitti bu’iinsaafi yakkii adda addaa raawwatamanitti bu’uura tumaalee
seerota yakkaafi hariiroo hawaasaatiin namoota dhuunfaadhaan, wal-dhabdeewwan garee
keessa ykn gareewwan gidduu jiran sirna garee sadaffaadhaan hoogganamaniidha Odeeffannoo
abbootiin seeraa rogummaa qaba jedhanii itti amanan erga walitti qabanii, ragaa erga
fudhataniin booda adeemsa seerota caqasanii kanneen ittiin morkataniif murtii isa dhumaati kan
jedhan ittiin kennamuu dha Gareewwan walitti bu’iinsaaf saaxilaman ol’iyyannoodhaan
haalicha mormuufi manneetii murtii Qaama ol’aanoof dhiheessuun wanta caalu gochuu ni
dandaa’an. Hirmaannaan isaanii ofii isaaniitiin ykn bakka buutota/abukaatota isaaniitiin
dhimma isaanii dhiheessuun kan murteeffameedha. Mana murtiitti fedha nama hundaa guutuun
rakkisaadha. Gareewwan walitti bu’iinsa keessa jiran gama isaaniitiin yaada furmaataa
kennuu ykn maddisiisuu hin dandaa’an. yeroo hundas murtii abbaa seerummaa fudhachuuf ni
dirqisiifamu jechuu dha. Kana irraas kan ka’e gareewwan lamaan itti quufanii haqa arganne
kan jedhan hin jiru. Manni murtii akka karaa walitti bu’iinsi ittiin hiikamuutti ciminaa fi
dadhabina/hanqinna mataa isaas ni qabaata
Oromoo Views and classification of wrongs
(Ilaalcha Oromoon Waan sirrii hin taane/dogoggorarratti qabuufi qoqqoodinsasaa)
1.2. The Mystically Dangerous Acts versus Breach of Law
2.2.1. Oromo View of Wrong
Oromo view of wrong is based on the idea that the creator (waaqa) has given everything,
animate and inanimate in a well-balanced cosmic order. Everything has also a role to play
and a natural right to live. This takes us to the concept safuu. Safuu, as Bartels (1983:170)
defines, “implies that all things have a place of their own in the cosmic and social order, and
that they should keep this place. Their place is conditioned by the specific [ayyaana] each of
them received from the waaqa". Gemetchu (1993) presents similar view of safuu. He states

24
that safuu is a moral category that shapes Oromo view of wrong and right, and distance and
respect.
Any act that disturbs the cosmic and social order is against the law of the creator.
Consequently, an Oromo view of cosmic order and the law of the creator provide many
checks and balances on their interactions with their surroundings. They think that it is unjust
to let the grass be overgrazed, the spring to be dried up, the land remain forestless. They have
a category of trees to be cut and categories of wild animals to be killed including how to kill
and when to kill. For instance, it is a taboo to cut a young junipers procera ( gattira) for it will
never revive, but eucalyptus (bargamoo). Similarly, they believe that night is for the wild,
while day is for the human beings. Thus, anyone who comes across, for instance, a hyena
during the night time should respect it. Any attempt to attack such a wild animal with no
reason is believed to have two consequences. The creator whose law is breached will release
sickness, calamity or other misfortune against the offender. Secondly, the Oromo believe and
have experienced that wild animals such as hyena, snake, rat and crow avenge in-group any
unjust act of human beings against them. A killer of a hyena often faces and confronts hyenas
for the latter hunt the former for revenge. The hyenas may retaliate by attacking the animals
of the killer. Crows take revenge by destroying the thatch of a hat. As a solution, the Oromo,
therefore, have a mechanism of resolving such conflicts between wild animals and human
beings.
Yaadni armaan olii gabaabaatti: safuun dhimma bakkaafi hariiroo wantootaa waliin qabnu
tiksudha. Wanti kamuu bakkasaatti ayyaanaan eegama. Safuun waan sirrii ta’eefi sirrii hin taane
adda baasee nutti hima. Akkasumas dhimma namummaa, hariiroo naannoofi kabajaarratti
nuqajeelchudha. Kanaaf haala hin taaneen bakka wantootaa/lubbu qabeeyyii jeequun faallaa
seera waaqaa ta’a jechuudha. Seerri waaqaa hariiroo nannoo keenyaa waliin qabaannu to’ata.
Akka Ilaalcha Oromootti mukni muramuufi hin muramne, akkamitti akka muramu, yoom akka
muramu adda bahanii jiru. Fkn. Mukeen iccitii jedhamanii akka muurraa of qusannu kanneen
taa’an: odaa, birbirsa, qilxuu, ooggdaa fa’i. Muka ol adeemaafi qajeelaa hin muran. Namni ol
adeemu ol adeemaa hin muru jedhu.
Bineensillee callifamee hin ajjeefamu. Kan ajjeesan, hin ajjeefamneefi akkamitti akkai ajjeesan
jira. Yoo qorichummaafi nyaataaf ajjeesan illee haadhoo, ol adeemaa bineensaa, bineensa ciisu,

25
ilmoorratti haadha, gaanarratti korma fa’i hin ajjeesan. Kanaaf, Oromoo biratti naannoo keenya
waliin hariiroo eeggannee jiraachuu dhiisuun sirrii miti.
Oromo Classification of Wrongs (Qoodiinsa Wantoota Sirrii hin taanee/dogoggora
ta’anii)
As opposed to modern legal law, the Oromo do not make explicit distinction between wrongs,
which injure the entire community, and those that injure individuals. They believe that every wrong
that threatens individual’s right is also harmful to the society at large and vice-versa. However, it is
noticeable that among the Oromo wrongs are of two types: the mystically dangerous acts and those
acts that are mere violation of law. For instance, homicide whether accidental or intentional and
incest are serious offences against the law of waaqa. They require ritual reparation, in addition to
the jurial procedures to redress the breach of peace. On the other hand, wrongs such as theft, insult,
and minor bodily injuries do not involve ritual reparation. They are simply followed by reference to
jurial institutions.
GosootaBalleessaa akka Oromoo Booranaaatti
Types of offences in Borana
Generally defined, offence is a violation or breach of a law, custom, rule or something that is wrong
or improper like a criminal act. Accordingly, Qakee, Caphana, Gatii and Karaa Mataa are the
major types of offences in Borana.
a. Qakee: Are serious breach of law which may be roughly translated /equivalent to ‘Gumaa’
which encompasses homicide, rape of unmarried girl, mishandling of horse/bull and serious bodily
injuries. Offending leaders like Qaalluu, Hayyuu, Gadaa… also is regarded as qakee. The
punishment ranges from 5-60 head of cattle.
b. Caphana: is the crime of premarital sexual intercourse and marriage within one clan (Sabbo and
Sabbo/Goona and Goona). In Borana spinster girl is considered as male; due to this reason,
premarital sexual intercourse is regarded as gay. The girl accused of such wrongdoing is called
‘cabana’ and individuals engaged in this offense are totally marginalized from the entire
community. They are completely excluded from society including social gatherings or mandatory
rituals like naming ritual (gubbisaa). They are forced to immediately marry each other and they
cannot be mixed with the society since the act is lifelong impurity. Making an unmarried girl
pregnant is one of the gravest offences in Borana society, one that is taken to the highest court (the
Abbaa Gadaa with the Raaba). In the past, if found guilty, the man would be put in a termite hill

26
(boolla kuyyisaa), very often he was killed inside. Or he would be beaten to death. Now days, they
are just outcast, ostracized and ignored. Cabana also refers to other seriously illicit sexual
relationships and the guilty parties. It is acceptable for a man to be the lover of another man’s wife;
but if the lover then marries her sister, it is cabana. If a man has sex with the wife of his brother, it
is cabana. Less serious illicit sexual relationships are categorized as haraamuu, having sex with
someone with whom one is related.
c. Gatii: are medium level offences like bodily injuries, stealing etc. it is the lowest set of fine,
usually 1-2 animals.
d. Karaa Mataa: are minor offences including disrespect of one’s wife/husband/parents,
mistreating one’s wife/husband, insult, undermining/underestimating persons.

Boqonnaa Sadi: Heddummina Seeraa(Legal pluralism)

Seera jechuun maali?

Seera jechuun dhalli namaa jiruufi jireenya isaa keessatti ittiin bulmaata mataa ofii
baafachuudhaan kan ittiin jiraatu jechuudha. Heddummina seeraa jechuun immoo, haala jiruufi
jireenya isaa keessatti karaalee adda addaatiin dhimma bahuuf kan itti fayyadamu jechuudha.

Yeroo ammaa seeronni biyyattii hojii irra oolan hangam? ( maal fa’a)

 Seera jaarsummaa
 Seera mana murtii
 Seera sirna gadaa
 Seera sirna gumaa jechuun qooduu dandeeyna.

Seera jechuun, kan dhuunfaa, garee, hawaasaa, biyyaa addunyaa fikkf ittiin bulmaataa
mataasaanii kan qaban jechuudha.

Heddummina seeraa jechuun immoo, seera hedduu hawaasni, biyyi, addunyaan akkaataa aadaafi
seera hawaasa sanaatiin ittiin bulan jechuudha. Akkasumas, hawaasaa-addunyaatti seerota gara
garaa qabaachuudha.

Biyya keenya keessatti seeronni jiran sadi. Isaanis

27
 Seera mootummaa
 Seera aadaa
 Seera amantaa

Kanaafuu biyyi keenya biyya seera hedduu keessummeessituudha. Kan ummata Oromootis
kanaan addaa miti. Seeronni kan heddummaatan biyya guddatan keessatti osoo hin taane
biyyoota hin guddanne keessattiidha. Fkn. Ameerikaa yoo ilaalle seera mootummaa qofa qabdi.

3.2. Walfalmii Yaada Heddummina Seeraa Irratti Jiru.

Yaanni tokko karaalee hedduun hawaasni rakkoo uumameef, qqama rakkoo uume irratti adabbii
ittiin fudhatu kaa’a. Akka yaada kanaatti hawaasni tokko seera heddu kan ittiin bulu qaba
jechuudha. Kunis, kan biyyoolessaa, kan addunyaa, kan aadaa kan amntaati.
Yaanni biroommoo, seerri tokko qofti akka biyyaatti bahee waan kamuu osoo hin hammaanne,
kan olii gadhufe sanaan bulu yaada jechuutu jira. Yaanni inni lammaffaan, seerri kan
barbaachisu, biyya qofaaf akka ta’etti ilaal. kan hawaasni tumatee qabu seeraa miti jechuudha.
Wanti raawwatamu kamuu seeraan qaama seera raawwachiisuun qofa ta’uu qaba yaada jedhu
ogkeessaa qaba. Fkn, sirni fuudhaafi heerumaa qaama dhimmi ilaallatu qofaan ta’uu qaba jedha.
Kunis, abbootii amantaafi jaasrota gurguddoo( abbootii Gadaa)jechuu dandeenya. Innis, seera
maatii jedhama.
3.3. Seenaa Heddummina Seeraa.
Heddumminni seeraa koloneeffattoota Awurooppaa faanaa dhufe. Koloniin dura hawaasni seeraa
duudhaatiin bulaa ture. ( customary low)
Hojiirra oolmaa heddummina seeraa Itoophiyaa
Jiijjiiramoonni karaa biyyaatiin jiran seera ummanni Oromoo ittiin bulaa ture irratti dhiibbaa
geessiseera. Sababani isaas ummanni Oromoo sirna duudhaa mataa isaa kan ittiin bulu waan
qabuuf. Itoophiyaan seera biyya alaatiin kan wal barte
 Yeroo Minilik II
 Hayila sillaaseen aangoo qabachuun walqabateeti.
Biyya tokko keessatti seerri yoo tumamu, karaa lamaan ta’uu danda’a. isaanis,
1. Kan duudhaa hawaasaa of keessatti hammatu
2. Kan duudhaa hawaasaa kufaa taasisu ta’uu danda’a. fknf,

28
Seerri amantiin muslimaa qabu Gumaan lubbbuu Gaala dhibbaan akka dhumatu ajaja kun
immoo, seera ummanni Oromoo ittiin buluun walitti dhiyaata.
 Faayidaa Seera Duudhaa
Yakkoota uumaman seecca’ee /qotee/ bira gahuun dhugaa hawaasaa ifa baasa.
 Malaammaltummaan ni xiqqaata
 Murtoo sobaatiif hin saaxilamu
 Baasii akka maleetiif hin saaxilamu
 Dhiheenyatti waan argatuuf salphatti argachuu danda’a.
Ummanni Oromoo akkas jedha.
 Gaaddis nyaaphaatiin nah in dhaqin
 Gaaddisa yaa’aatiin na dhaqi
 Mana gombisoo nah in fidin
 Miidhaa Seera Duudhaa
Namni dubbatee waa amansiisuu keessatti waa miidhuu danda’a. fkn dubartoota

Jaarsummaa keessatti dubartiin jilba hin guuttu jedhu. Jaarsummaa keessatti hin hirmaattu jedhu.

Hariiroo Seera Duudhaafi Seera Mootummaa

Hariiroo cimaa waliin qabu. seerri duudhaa Oromoo biyya keenyaaf mitii addunyaafuu
gumaacha baay’ee godheera . seerri hardha addunyaan mirga dimokraasii jettee ittiin bultu kun
maddi isaa kan ummata Oromooti. Srra mootummaa biyya keenyaa keessattillee walitti hidhata
hedduu qabu. fkn. Mootummaan nama nama ajjeeseef adabbii barbaachisaa kan fudhatu yoo
ta’e karaa duudhaa hawaasichaatiin gumaan xumuramnaan wanti gama seeraatiin irra deebi’amu
hin jiru. Akksuma, namoonni lama (haadha warraafi abbaa warraa) wal lolanii gama seeraatti
yoodhaqan himata isaanii erga galmeessanii booda dubbii jaarsa hawaasaa( gosaatti) gad
deebbisan. Kanaafuu seerri mootummaafi duudhaan hawaasaa hidhata cimaa qabu.

 Cimina seera duudhaa


 Baasii diqqaa gaafata
 Afaan dhalootaatiin( akkaataa hawaasni ittiin waliigaluun) dubbatama
 Qaama barateefi kan hin baratinis, ni hirmaachisa.
 Murtii kennamutti gammaduun ni heddummaata

29
 Qixa hirmaachisa
 Miidhaa seera mana murtii
 Baasiif nama saaxila
 Rakkoon afaanii nama mudachuu
 Rakkoo siyaasaa
 Qaamni hin baranne waa barreessuufi dubbisuu irratti rakkachuu
 Qaama hunda hirmaachisuu dhabuu

BOQONNAA AFUR

Dhaabbilee Aadaa Ummanni Oromoo Waldhabdee Ittiin Too’atu

5.1. Tooftaa Jaarsa araaraa. Yaanni jaarsa araaraa jedhu jecha lama hiika mataa isaanii qaban
irraa dhufe. Kunis,

1. Jaarsa: nama dubbii dubbatu


2. Araara: fala/ furmaata/ argamu sana

Jaarsi araaraa nama rakkoo uumameef furmaata laachuuf taa’uudha. kanaafu tooftaan jaarsa
araaraa kun akka dhaabbilee rakkoo furuuf dhaabbataniitti ilaalamuun karaa nagaatiin rakkoo
furuudha. Adeemsa Jaarsummaa keesstti jaarsa jechuun nama umriin guddaa osoo hintaane nama
kennaa / dandeettii/ waa araarsuu qabu jechuudha.

5.1.1. filannoo tuuta jaarsolii araaraa

Tuutni jaarsolii dubbii ollaa irraa kaasee hanga gosaatti rakkoo uumamuuf furmaata barbaaduuf
sadarkaa sadarkaan filamanii hawaasa keessa jiraatu. Kunis, Ollaatti namoota 2-6, ulaagaan
filannoommoo umrii osoo hintaane,

nama jiruuf jireenya hawaasaa beeku


nama akka sirni gadaa jedhutti seera beeku
nama amanamaa
Namoota filachuuf immoo, tooftaalee itti aanu kana hordofu
1. jaarsa walii ta’anii filachuu garee heddduu lama ta’anii filachuu

30
2. waliin ta’anii garee ofiitiif filachuu, kan garee tokko qeequ
3. kophaa kophaa ta’anii filachuu: inni kun jaarsa bitaaf mirgaa/ jaarsa gareen biro fidate
qeequun hin danda’amu
4. qaamni biroo jaarsa filachuu: qaammni sadaffaan kan rakkoo keessa hin jirre jaarsa
namootaaf ta’u filuudha.
5.1.2. Adeemsaafi Bakka /iddoo/ waldhabdeen itti furamu
Yeroo hedduu Oromoon araaraaf/ jaarsummaaf/ bakka gaaddisaa filata. Sababni isaas gaaddisni
qabbanaafi qilleensa gaarii waan qabuuf. Akkasumas, gaaddisni safuu qaba. Yeroo jalqabu
immoo eebbaan jalqaba. Dubbii isaanii keessattis dhugaa barbaaduufi dhugaa baasuuf kana
miidhame haqa isaa argatee kan miidhe waan isarraa eeggamu akka godhuufiidha. Dhugaan
ilmoo waaqaati
5.2. DHaabbata Qaalluu
Wirtuun qaalluu iddoo rakkoon itti furamu keessaa isa tokkoodha. Adeemsaafi iddoo qaalluun
rakkoo furuuf filatu. Yeroo hedduu galma mataa isaanii waan qabaniif, achi filatu.
Haata’uumalee, yeroo tokko tokko bakka gaaddisaas nifayyadamu. Yeroo kanas, bakka tokko
tokkotti maallaqaan hojjetu, bilisaan/ tolaan/ kan hojjetanis nijiru.
5.2.1. Gosootaafi Qabiyyee DH.Q
Yeroo baay’ee waan dhokataa ta’eefi shakkametu mana qaalluutti dhihaata. Sababni isaas,
qaalluun mala waa raaguufi tilmaamuu waan qabduuf akkasumas, kallattiin waaqa wajjiin
walargu jedhanii waan amananiif. Fakkeenyaaf waan namni humna namaa tuffatee namatti
roorrise /dirqiin/ nama jalaa fudhate ittiin argachuuf, waan waakkatame amansiisuufi kkf dha.
5.2.2. Tooftaa Qaalluun dhimmoota ittiin too’atu.
Sodaachisuu, gaachana ofii ibsuu. Waan akkanaa qabattee jirtaa achi kaa’i jedhuufi kkf. Kana
malees, osoo ayyaanni sin himin ofumaan of himi jechuu fa’aadha.
Tooftaa kabaja yaada qaalluu.
Ilaalchi hawaasa keessa jiru qaalluun raatuu hin qabu jedhanii amanu. Qaalluun yoo rifate
numiidha jedhanii sodaatu, daa’immantu miidhama, loontu miidhama, midhaan facaafannetu
nujalaa miidhama jedhanii sodaatu. Kanaafuu qaalluun hawaasa biratti yaadota akkanaa waan
qabuuf waldhabdee furuufis dhimma itti bahu.
5.3. Gumaa

31
Gumaan lubbuu namaa qaama namaa, akkasumas beeyiladootaafi biqilootaafis kan
raawwatamuudha. Kallattii lubbuu badeefi nama lubbuu sana balleesse irraa beenyaa ittiin
fuudhaniidha. Balaan/ gumaan kallattii adda addaatii dhiibbaa geessisa. Kunis, qaamota sadi
miidha,
1, Miidhaa/ ajjeessaa/, 2. Garee/ gosa/ ajjeesaa, 3. Warra miidhamaa.
Akka waliigalaatti dhiibbaa gumaan dhaqqabsiisu karaa lamaan ilaaluu dandeenya.
1. Warra ajjeessaa
2. Firoota dhiigaa
1, Warra ajjeesaa:- kan ajjeese ni dhokata, godatti gala, qe’een isaa ni udumata /qofaa ta’a/
gumicha jedhamee waamama, guyyaa bada.
2, firoota dhiigaa:- warra gumaa baasuufi baafatu jechuu dandeenya. Gumaan firoottan dhiigaa
ilaallata. Firri ajjeesaafi ajjeeffamaa waliif warra gumaati. Hanga fixatanitti jechuudha.
5.3.1. Hamma kafaltii gumaa
Hammi kafaltii gumaa ummata Oromoo biratti naannoo naannotti garagara. Gara kafaltii osoo
hin dhufin dura gosoota gumaa adda haa baafnuu.
Ummata Arsii biratti gosoonni gumaa shan. Isaanis,
1. Gumaa adii
2. Gumaa gurraattii
3. Gumaa Barruu
4. Gumaa daalattii
5. Gumaa aantee dha.
1, Gumaa adii:- kan ajjeesaan malatee, dhahatee ajjeese. Kunis, yoo dhiira ajjeesan Loon
dhibba, dubartii yoo ta’e Loon shantamaan baha.
2, Gumaa gurraattii/ gumaa dikkaa/:- namni tokko bakka inni dhufee osoo hin beekin/ nama
ajjeese osoo hin beekin lubbu dabartu jechuudha. Nama bira dhufee yoo ta’e gosa inni bira dhufe
sanaaf kafalama/ isatu kafala.
3, Gumaa Barruu:- fafee/ osoo hin beekin. Loon 50-60 tiin baha.
4, Daalattii/ danuu/ osoo itti hin yaadin lubbuu nama harkatti tasa baatu jechuudha. Loon 25niin
5, Gumaa aantee /gumaa firaa/:- nama firaa, gosaa yoo ajjeesan. Fkn abbaan ilma, abbaan
manaa haadha manaa, fi firoota kanneen biros ta’uu danda’u.

32
Kana keessatti, haati manaa abbaa manaa yoo ajjeesteefi gosti lamaa yoo wal ajjeeste gumaa hin
qabdu. Laga shan ceesisanii achumaan gatu.
5.3.2. Sirna Raawwii Fixiinsa Gumaa

Fixiinsi gumaa adeemsa walxaxaa qaba. Haata’uu malee dhumarratti araarri bu’uun hin hafu.
Tokko tokkoon raawwii gumaafi fakkoommiiwwan achi keessatti argamanhundi hiika mataa
isaanii qabu. Gumaa fixuuf Jalqaba jaarsotatu dubbii fudhata. Jaarsota kan ergatu warra
ajjeesaati. Yeroo kanas warroota raawwii kanaaf barbaachisantu filatama. Yeroo warra
miidhamaa bira deemanis, wantoota qabatanii deeman:- qotiyyoo waanjoodhaan akka waan
qonnaaf deemuutti

-farda kooraadhaan

-buqqee duudaafi kkf

5.3.3. Tooftaa lukkoofi sirna kakuu gumaa

Warroonni dhamaa lamaan walarguu hin qaban waan ta’eef lukoo bakka buufatu. Lukoo jechuun
Namoota gidduu deemuun dubbicha adeemsisaniidha. Kakuun immoo yoo kan waakkatan
ta’eedha kan adeemsifamu. Yeroo kanattis, sibiila qabatanii, daa’imman duudaa qabatanii,
kakatu.

5.3.3. Sirna Harka dhiqaa

Harka dhiqaan xumura dubbiiti. Loon dhiigsuun, naannoo namaafi loon hin geenyetti taasifama.
harki kan dhiqamu, dhiigaani, yeroo kanas Hoolaa ykn loon biraa ta’uu danda’a. kunis naannoo
naannotti maqaa gara garaan waamama. Arsiin Fiicaa jedhaani. Walisotti Hoolaa Gonfoo
jedhama. Hanga sirni kun gaggeeffamutti namni lubbuu baase uffata hin dhiqatu, qaamas hin
dhiqatu, rifeensa hin sirreeffatu, qeensa hin qoratu. Gaafa harka dhiqaa kun hundi ni
raawwatama.

5.3.4. Uluu, aadaa Oromoo namni bineeldota ajjeese ittiin gumaa baasu

Jechi uluu jedhu wanta ulmaa ba’uu ykn wantootaa cubbuu ta’aniirraa dhiqachuu kan jedhu
irraa akka madde himu ogeessi kun. Aadaa Oromoo keessatti beeylada lubbuun bade tokkoof
maallaqa kaffaluun alatti sirna itti gumaa baasu qaba.

33
Aadaa Oromoo keessatti lubbuu namaaf qofaaf osoo hin taane, lubbuu bineensaa,
beeyladaa fi mukaafillee kabajaa olaanaatu kennama.

Namni tokkoo yoo lubbuu dhala namaa tokko balleesse akka aadaa Oromootti gumaa akkuma
baasu, waan nama hin ta’iniifillee gumaa baasa. Fakkeenyaaf namni tokko beekaas ta’e tasa
yoo farda ajjeese, garbuu fi sogidda walitti daakee fardeen walitti qabee nyaachisee ''gumaa
keessaan narraa fudhadhaa, gumaa na baasaa nan kuffisiinaa. Bakka barbaadeen na ga’aa, ari’ee
qabuudhaafis baqadhee jalaa ba’uufis gaachana naaf ta’aa,'' jedhee farda gumaa baasa.

Namni saree ajjeese, saroota hunda walitti qabee marqaa marqee dhadhaa irra godhee ittilee ykn
gabatee bal’aa irratti nyaachiisa.Sarootni kunneen yeroo dhadhaa kana nyaatanii hooqqisan, “nan
ciniininaa, haaloo na hin ba’iinaa, nan haalinaa'' jechuun sareen hiikkatteetti haaloo hin baatu
jedhamuun gumaan akka ba’anitti ilaalalama.

Adurreef ammoo gumaa yeroo baasaan, sanyii ishee walitti qabanii sombaa fi aannan kennu.
“Akka tasaan fira keessan ajjeeseetii na hin haalinaa, natti hin mufatinaa, akkuma duraa waliin
jiraanna,'' jechuun adurreef gumaa baasu. Yeroo adurreen duutu aadaa Oromoo keessatti hin
gatamtu, ija isheetti jirbii godhaniitu awwaalu. Aadaa Oromoo keessatti adurreen haadha icciitiiti
jedhamte waan amanamtuuf ni jaallatamti.

Gumaa Loonii

Gama looniitiin ammoo namni lubbuu dabarse, keessumaa korma namni ajjeese hidda addaan
kute waan jedhamuuf gumaan baafamuu qaba jedhu Filee Jaallataa.

Kunis kan taasifamu “kormi naaf haa moo’uu, gumaa keessan fudhadhaa, akka tasaa harka kootti
du’e” jechuun qiixxaa xaafii diimaa ykn daagujjaa qiixxanii sogiddaan makanii horii walitti
qabanii nyaachisuun gumaa baasu. Bakka tokko tokkotti keessumaa naannoo Wallaggaatti
marqaallee marqanii ni nyaachisu. Beeylada akka harreef yeroo gumaan ba’uu waanta isheen
jaallattuu waan akka daaraa, garbuu fi sogiddaan makuun ni kennamaafi. Falaasama Oromoo
keessatti Gaangeen abaaramtuu jedhamtee waan ilaalamtuuf, beeyladoota keessaa namni
gaangee ajjeese, abbaa qabeenyaaf gatii kaffaluun alatti gumaa hin baasu.

Uluun yeroo taasisamu lubbuu ba’eef gumaa baasuuf qofa osoo hin taane, boodarra beeylanni
lubbuun hafan ni horu jedhamee waan amanamuufi.

34
5.3.4.1. GUMAA BINEENSOTAA

Sirni Uluu beeyladoota mana keessaaf qofa osoo hin taane, bineensota bosonaafis ga’ee olaanaa
qaba jedhu. Kun Oromoon falaasama addunyaaf gummaache keessaatti ga’ee guddaa qaba
jechuun ni danda’ama. Bineensota bosonaa kanneen akka leencaa, gafarsaa fi waraabessaallee
namni ajjeesse gumaan ni baasa. Fakkeenyaaf namni gafarsa ajjeese callisee gara manaatti hin
deebi’u. Guyyaa shan ala bulee muka si’a sagal yaabee si’a laga sagal ce’ee booda manatti
debi’a.

Namni adamoo yookaan ajjeessaaf jechallee bineensa ajjeese gumaa baasuu qaba. Sababni inni
jalqabaa beekkamtiif jechallee yoo namni tokko bineensa ajjeese, lubbuu waan baaseef cubbuu
irraa harka isaa dhiqachuuf gumaa ni baasa. Itti yaadellee yoo ajjeese waaqa biratti lubbuun
namaafi bineensaa tokkoodha jedhee amana Oromoon. Kun bineensotaaf iddoo guddaa laachuufi
lubbuu baasuun dogoggora ta’uu isaa kan barsiisudha.

Sababni gumaa baasuu kanaa inni lammataa ammoo bineensi akka Gafarsaa fi Leencaa
sanyiikoo irratti akka haaloo hin baaneef amantaa jedhuuni. Kana goochuu yoo baate safuudha,
qaamni isaa ni miidhama ykn innis ta’e ilmi isaa yoo deebi’ee gara daggalaa deeme gafarsi ykn
leenci isa ajjeesuu danda’a jedhame waan yaadamuufidha.

Kanaaf utuu ajjeesaan tokko manatti deebi’ee hin geerariin ykn hin sirbin dura gumaa baase
deebi’uu qaba. Bineensota daggalaaf yeroo gumaa baasu akka saree fi kan fardaa ‘hoodhu
nyaadhu’ hin jedhu. Qaamaan waan hin argamneef muka yaabe bu’uun laga ce’uun gumaa
baasa. Warabeessi yoo horii jalaa nyaate jennaan namni tokko isa ajjeese, waraabeessa
kanaafillee gumaa ni baasa. Kana kan taasisus soogidda fuudhee deemee mana qaallutti
galchuuni. Kunis kan filatameef harreen sogidda jaallatti, waraabeessi ammoo harree waan
jaallatuufidha. Bineensa akka jawweefi bofaafis gumaan ni baafama. Jawween hammeenya qaba
jedhame amanamus gumaan ni baafamaafi. Kunis kan taasifamu dhiigaani. ''Na hin ciniiniin na
hin hiddiin. Naaf araarami, ilkeekee natti hin baasiin,” jechuun Oromoon lagatti dhiiga facaasee
gumaa baasa

5.4. Naga waaqaa lafaa

35
“Naga jechuun kan waaqaa naga jechuun kan lafaa” jedha Oromoon. Nageenyi kan hundaati.
Waaqaa lafti naga dhabnaan namni nagaan hin jiraatu. Kan naga kana jeequs, dhala namaati.
Erga nageenyi dhabamee hoo akkamiin waaqa araarfatu? Yaadota armaan gadii kana haa
ilaalluu.

5.4.1. Aagii Baafachuu

Aagii baafachuu/ tufsiifachuu/ kan jedhamu namni tokko yoo namatti rifate ykn abaare aagii
baafata. Fakkeenyaaf hangafa, haadaa abbaa, miseensota maatiifi manguddoo ollaafi kan gosaa
ta’uu danda’a. haati ilma ishee yoo abaarte akka baarsa san waaqni dhiisuuf, Marga jiidhaa
ciniintee tu tu jettee tuftiifi. Sababni isaas akka ilmi sun hin miidhamneefiidha. Walumaa galatti
aagii baafachuun karaa ittiin nama abaarame tokko waaqa dhiifama ittiin gaafataniidha.

5.4.2. Jila jilachuu

Akkuma beekamu ummanni Oromoo jiloota hedduu qaba. Kana keessaa naga waaqaa lafaa
eeguuf jilli ni jilatama. Jila jechuun sirna waan tokko sababeeffachuun hawaasni naannoo tokkoo
bakka beekkamaa wayii/ ardaa jilaatti/ walgahan jechuudha. Kanaanis, hawaasa keessatti
waldhabdeen garagaraa yoo uumame, jila bahanii araarsu. Keessattuu namni gaafa safuu
hawaasaa cabsu waaqni ni dheekkama jedhanii amanu. Kanaafuu, jila jilachuun karaa ittiin naga
waaqaa lafaa eeggataniin keessaa isa tokko.

5.4.3. Shanan Baasuu

Shanan baasuun sirna deessuuti. Haata’uu malee naga waaqaa lafaa eegsisuu keessattis gahee
qaba. Inni dubartiin gaafa deessu du’aaf jiruu gidduu jiraatti jedhama. Isa kana baga nagaan nuuf
hiikte jechuun galateeffachuus ofkeessaa qaba, mucaan dhalate akka guddatuuf hawwii
ibsachuufis ni raawwatama. Sirna kana keessatti dhabduufis/nama dhala dhabeef/, nikadhatama.
Rakkoon wayii yoo jiraate jechuun namni rakkoo tokko malee dhala hin dhabu rakkichammoo
waaqni dhiifama nuuf godhee ilmoo akka kennuuf jechuun kadhatamaaf. Kanaafiidha shanan
baasuun naga waaqaa lafaa wajjiin wanti walqabatuuf.

36

You might also like

pFad - Phonifier reborn

Pfad - The Proxy pFad of © 2024 Garber Painting. All rights reserved.

Note: This service is not intended for secure transactions such as banking, social media, email, or purchasing. Use at your own risk. We assume no liability whatsoever for broken pages.


Alternative Proxies:

Alternative Proxy

pFad Proxy

pFad v3 Proxy

pFad v4 Proxy