Seera Qube

Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 66
At a glance
Powered by AI
The document discusses the writing system of the Afaan Oromo language. It categorizes vowels and consonants, explains rules for doubling consonants, and represents long and short vowels.

Vowels are categorized as 'qube dubbachiiftuu' which includes A, E, I, O, U for capital letters and a, e, i, o, u for small letters. Consonants are categorized as 'qube dubbifamtuu'. Some consonants can be doubled called 'qube cimdii'.

Consonants are doubled to represent long vowels. For example, baaduu becomes badu with the doubled d to indicate a long a vowel. Some examples of doubled and single consonants are provided.

1

Seera Qubee Seera Dubii


Seera Haasawa
Seera Qube Seera Dubii Seera
Haasawa
Seera Qube Afaan Oromo

1. Seera Qube Afaan Oromo

1.1. Qube Afaan Oromo


Qube jechuun barumsa afaan Oromo
keessatti mallattoo adda addaa yoo
sagaleewwan barreessinu kan bakke
tokko dhaabbatu jechu dha.

2
Jecha ( Ingl: word) jechuun immoo
namnni tokko yeroo dubbatu yookaan
barreessu namnni biraa dhagayee
(dubbisee) yaada tokko kan ittiin
qalbeefachuu danda'u jechu dha.
Afaan Oromo qube "Laatini"
digdamii-ja fi qube "cimdii" shan itti
fayyadama. Qube cimdii kan jennu
quboota lama addaan ba'u kan hin
dandeenye, sagalee biraa kennuu dhaaf
akka qube tokkotitti kan
lakkaawwamani dha.
Quboonni afaan Oromo akkaataa
lamaan, jechuun qube guddaa fi qube
xiqaa, dhan bareeffamu.
3
QUBE GUDDAA: A B C D E F
GHIJKLMNOPQRSTU
VWXYZ
● CIMDII: Ch, Dh, Ny, Ph, Sh
Qube xiqqaa: a b c d e f g h i j k l
mnopqrstuvwxyz
cimdii: ch, dh, ny, ph, sh
Jara kana keessa, qubeen laatini sadi,
jechuun P (p), V (v) fi Z (z) sagalee
afaan Oromo isa qulqullu keessatti hin
mul'atani.

1.2. Seera Barressa Sagalee


Afaan Oromo
4
Akkuma kanaa ol ilaalu dandeenyu,
qubeen afaan Oromo bakka sadiitti
hiramee ilaalamu danda'a.
a. Qube dubbachiiftuu (Ing: vowels)
Qube dubbachiiftuu kan jedhaman:
A, E, I, O, U (qube gurguddaa)
a, e, i, o, u (qube xixiqqaa)
b. Qube dubbifamtuu (Ing:
Consonants)
Qube dubbifamtuun, quboota
dubbachiftuu hin taane hundumaa
dha.
Fkf: B C D F .......

5
c. Qube cimdii (double consonants) -
-- akka kanaa ol caqasame
Cimdii: Ch, Dh, Ny, Ph, Sh

1.2.1. Seera dheerinaa fi gabaabbina


qube dubbachiftu
Afaan Oromo kessatti sagaloota
dheeressu fi gabaabsuf qube
dubbachiftutti fayyadamna. Yeroo
qube dubbachiiftun tokko lama taate
walitti dhaantee katabamtu,
dubbachiiftun suni dheertu taati. Yoo
dubbachiiftun suni tokko duwwa tate
garuu, sagalee sana keessatti

6
dubbachiiftun suni gababa tatee
dubbifatmti.
Fkf: Dheeraa: baaduu, laafaa,
baala, gaadii, gaara
Gababaa: badu, lafa, balbala,
gadi, gara.

1.2.2. Seera jabeenyaa fi laafina


sagalee
Afaan Oromo keessatti sagalee tokko
jabeessu fi laaffisu kan danda'amu
qube dubbifamaa itti fayyadamu
dhaani. Sagalee tokko jabeessuf qube
7
dubbifamaa Gosa tokko naqa lama
wallitti dhaansine katabna.
Fkf: Laafaa: bobaa, lolu, hatu,
dhowe
Jabaa: bobba, lollu, hattu,
dhowwe

1.2.3. Hudhaa ( ' )


Sagalee afaan Oromo keessatti
dubbachiiftuun lamaa ol walitti
aananii hin barreeffamani. Haata'u
malee garuu, bakkee afuurri cite
dubbifamaan hafutti ykn bakkee
dubbifamaan hin jirretti

8
dubbachiiftuun lamaa ol yoo walitti
aananii dhufan, bakkee kanatti hudhaa
( ' ) galchuun barreessama.
Fkf:
•Bakkee afuurri cite dubbifamaan
hafu:
ta'uu (dubbachiiftuu 3)
taa'uu (dubbachiiftuu 4)
• Bakkee dubbifamaan hin jirre:
oo'u (dubbachiiftuu 3)
bu'uu (dubbachiiftuu 3)
danda'uu (dubbachiiftuu 3)
ka'uu (dubbachiiftuu 3)
kaa'uu (dubbachiiftuu 4)
9
Jalqaba

1.2.4. Qube Cimdii


Sagalee Afaan Oromo keessatti
quboonni cimdii lama walitti aananii
hin bareeffaman. Jabeenyi fi laafinni
quboota kanaa haasawa keessatti
beekkamu.
Fkf.
Jabaa Laafaa
● Mudhii ● Hidhii
● Dachaa ● Kophee
● Dachii ● Riphuu
● Funyaan

10
● Jabaa Laafaa
● Mudhii Hidhii
● Dachaa Kophee
● Dachii Riphuu
● Funyaan

1.2.5. Seera jalqaba sagalee


Afaan Oromo keessatti jalqabni
sagalee tokkoo dubbifamaa lamaan hin
bareefamu.
Fkf. ddaddaba, ccaba, ffoon, kkf sirri
miti.

11
1.2.6. Seera barreessa Qube guddaa
fi Qube xiqqaa
Afaan Oromo kessatti
● - jalqabni sagalee: maqaa namaa,
maqaa ummattaa, maqaa biyyaa,
maqaa lafaa, maqaa baatii, maqaa
guyyaa fi akkasumas
- Jalqabni dhaabii dubbii - kan tuqa
(.) booddee dhufu hundumtuu qube
guddaadhaan bareefamu.
Kan kana irraa hafan hunduu qube
xiqaa dhaan bareefamu.
Fkf

12
1. Maqaa namaa: - Gammachu,
Hirkoosa, Abdata, Caaltu k.k.f.
2. Maqaa ummattaa: - Booranaa ,
Karrayuu, Meecca k.k.f.
3. Maqaa biyyaa: - Oromiya,
Angoola, Amerika, Jarman k.k.f.
4. Maqaa lafaa:
a) maqaa tulluu: - Baattuu, Gaaraa
Mul'ataa, Cilaaloo k.k.f.
b) maqaa lagaa: - Haawaash,
Gannaalee, Gibee, Dhidheessa
k.k.f.

13
c) maqaa magaalaa: - Adaamaa,
Bushooftuu, Finfinnee, Ambo,
Dirre Dawwa k.k.f.
d) maqaa gandaa: - Guduru,
Jiddaa, Hoolota, Salaalee k.k.f.
5. Maqaa baatii (ji'a)
1. Amajjii (January)
2. Guraandhala (Feb)
3. Bitootessa (March)
4. Caamsaa (April)
5. Ebla (May)
6. Waxabajjii (June)

14
7. Adoolessa (July)
8. Hagayya (Aug)
9. Birraa (Serpt.)
10. Onkoloolessa (Oct.)
11. Sadaasa (Nov)
12. Arfaasaa /Afraasaa (Dec.)

6. Maqaa guyyaa (maqaa guyyaa


torbanii):

Jalqaba
1. Wixata (Dafinoo, Hojjaduree,
Isinina)
15
2. Kibxata (Facaasaa, Lammaffo,
Balloo, Salaasa)
3. Roobii (Arbii)
4. Kamisa
5. Jimaata
6. Sambata (Sambat'xinaa,
Sambataduraa, Sabtii)
7. Dilbata (Sambata-guddaa,
Aalaada)a

Jalqaba
Seera Dubbii
2. Dubbii (Ing. Sentence)
16
2.1. Ibsa Dubbii
Dubbii jechuun yeroo tokko keessatti
namni tokko akka waan tokko godhu
yookaan wanni tokko akka godhamuu
fi akka maal ta'u kan nutti himu walitti
qabama jechootati. Walitti qabamni
jechoota (dubbin) kunis hiika kan
qabaatu ta'ee dubbisaa fi dhagayaa
dhaaf rakko malee qajeelootti kan galu
ta'uutu isa irra jira.
Fkf. Wallistun booru dhufa. Caaltun
dhufaa jirtti. Bartuun suni kitaaba
diima qaba

2.2. Dhaaba Dubbii


17
Dubbiin walitti qabama jechoota
haata'u malee, jechootni kun garuu
hiika qajeelaa kennuu dhaaf bakke
qajeelaa qabatanii argamuutu isaan irra
jira.
Fkf: Wallistun booru dhufa.
Booru Wallistun dhufa.
Dhufa Wallistun booru.
Fakkeenya kana keessa dubbii
lammaffaa yoo laalle, akka jiru kanattii
dubbatamuu akka danda'uu fi hiika
qajeelaas akka qabu dha. Dubbiin
sadaffaa akka jiru kanatti hiika
qabaachuu danda'uus, afaan Oromo
keessatti garuu akkanatti dubbatamuu
18
hin danda'u. As irratti wanni yaaduu
dandeenyu, jechi kan wanna godhamu
yookaan hojjetamuu fi waan ta'u kan
agarsiisu (Ing: verb) sun dhaabii dubbii
keessatti gara jalqabaarratti akka hin
galle dha.

2.3. Kutaa Dubbii


Dubbiin tokko kutaa sadii, jechuun
gootuu, godhamtuu fi gochaa san
agarsiiftuu (gara fulduraatitti "goosii"
jenaan), qabaachuu danda'us yeroo
hundumaa kutaa sadeen kanaan turuu
hin danda'u. Dubbiin tokko tokko kan
godhamtuu hin qabne yookaan hin
mul'ifne jiru. Kanaaf dubbii kutaa
19
saditti otuu hin ta'in kutaa lamatti
baafnee laaluun baayee barbaachisaa
dha. Kutaa tokkofaan nama tokko,
wanna tokko yookaan bakke tokko kan
dhaabii dubbii tokko keessatti waayee
tokko jedhamuufi dha (afaan
Engliziitiin "subject" jedhama). Kuniis
sagalee tokko yookaaniis sagaloota
baayee ta'u nidanda'u.
Kutaa lammafaani ammoo wanna
tokko dhaabii dubbii tokko keessatti
waan kutaa tokkofaan godhu yookaan
ta'u kan ibsu (Ing: "predicate").
Kutaan kun goosii fi godhamtuu walitti
qaba jechaa dha.
20
Fkf. Ijooleen ni taphatu.
Ijooleen karaa irratti taphatu.
Abaaboon kun urgooftuu dha.
Ijooleen ganda kanaa karaa irratti
taphatu.
Jimmaan magaala bareedu dha.

Fakkeenya kana keessa ijoolee,


Jimmaa, fi abaaboon kun kutaa
tokkofaa (sabjektti) dha. Kan hafan
garuu kutaa lammafaa (predikaatii)
dha. Amma erga baranne booda gara
funduraatitti kutaa dubbii kana
"sabjektti" fi "predikaatii" yoo jennee
dubbanne rakko fida miti.
21
2.4. Dubbii Garagaraa
Barnoota afaanii keessati dubbiin gara
gurguddaa afuritti hirama.
1. Dubbii himsaa
Dubbiin kun wanna godhamu,
hojjetamu fi ta'u kan agarsiisu jechaa
dha. Dubbiin kun dubbii "ganuu" fi
"eeyinaa" ta'u nidanda'a. Fkf.
Gammadaan nama gaarii dha. (eeyina)
Adureen hantuuta qabde. (eeyina) Inni
boru hin dhufu. (ganuu) Ishiin bareedu
miti. (ganuu)

22
2. Dubbii gaaffii
Dubbii gaaffii jechuun dubbii kan
gaafii agarsiisu jechaa dha
Fkf. Afaan Oromo dandeesa? Yoom
dhufta? Eenyu inni?
3. Dubbii ajaja yookaan gorsaa. Fkf.
Jabaadhu! Afaan Oromo baradhu!
Biyya keetiif hojjedhu!
4. Dubbii raajii
Dubbiin kun jechaa jajuu, rifachuu fi
kan kana fakaatu kan agarsiisu dha.
Fkf. Bareeduu intallaa! Maal aboo
gamachisaa dha! Baddanii badaa!
Haata'u malee dubbii akka xineenya,
23
guddinaa fi ulfina isaatitti yookaan
akka baayyina kutaa isaatitti
(predikaatii) gara saditti hiruus
nidandeenya.
1. Dubbii xiqaa (gabaabaa) Dubbiin
kun yookaan dubbii xiqaa (gabaabaa)
kan jennu dubbii predikaatii tokko
kophaa qabu. Fkf. Ijooleen nitaphatu.
Ijooleen karaarra deemu. Ijooleen
ganda kanaa karaa mana barumsaa
deeman.
2. Dubbii guddaa (dheeraa) Dubbii
guddaa (dheeraa) kan jennu dubbii
lama yookaan dubbii lamaa oli
sagaloota biraatiin walitti finee akka
24
dubbii tokko goonee yoo dubbanu
yokaaniis bareessinu jechaa dha.
Sagaloonni walittifidduun kun
fakkeenyaaf kan akka "garuu",
"haata'u malee" fi kan kana fakkaatani
Fkf. Gammadaan deemee ture.
Gammadaan deebi'uu hin dhiisu.
Dubbiin kun lamaan dubbii garagaraa
ti. Dubbii kana lamaan walitti finee
dubbi tokko yoo goone "dubbii
guddaa" ta'a.
Fkf. Gammadaan deemee ture, garuu
deebi'uu hin dhiisu. Gammadaan
deemee ture, haata'u malee deebi'uu
hin dhiisu.
25
3. Dubbii ulfaataa Dubbii ulfaataa
kan jennu moo dubbii predikaatii lama
yookaan lamaa ol qabu dha. Dubbiin
kun dubbii of hin dandeenye (kutama
dubbii) fi dubbii of danda'aa of keesaa
qaba.
Fkf.
a) Ani ishii harra argeen ture. (dubbii
of danda'aa)
b) Ishii kan kaleesa dhuftee turte,
(dubbii of hin dandeenye,
kutamadubbii)
c) Ishiin afaan Oromo sirriitti dubbatti.
(dubbii of danda'aa) Dubbii kana
sadeen walitti finee dubbii tokko yoo
26
dhaabne, dubbii kanaan dubbii ulfaataa
jenaani.
Fkf. Ani ishii, kan kaleesa dhuftee
turte, kan afaan Oromo sirriitti dubbatu
san, harr'a argeen ture. (dubbii
ulfaataa)

2.5. Kutama dubbii (Ing.


Subbordinate clause)
Kutama dubbii (dubbii of hin
dandeenye) kan jennu dubbii waan
tokko akka godhamu yookaan akka
ta'u sirriitti qajeelchee nutti himuu kan
hin dandeenye jechaa dha. Dubbiin
27
kun goosii of keesaa qabaachuu yoo
danda'es akka dhaabii isaatitti hiika
guutuu kennuu kan hin dandeenye dha.
Akkana jechuun dubbii kana keessatti
wanni tokko godhamuu fi ta'uun isaa
mullatus wanni sun godhamee yookaan
ta'e akka hin argamin hubanna jechuu
dha.
Fkf. Ishiin Caaltuu jedhamti. (dubbii
of danda'aa) Ishiin bareedun
sun,...(dubbii of hin dandeenye) Ishiin
kan afaan Oromo sirriitti dubbatu
sun,... (dubbii of hin dandeenye)
Dubbii of hin dandeenye
(kutamadubbii) fi dubbii of danda'aa
28
walitti finee dubbii tokko yoo goone,
dubbiin dhaabbatu sun dubbii ulfaataa
ta'a jechaa dha.
Fkf. Ishiin, kan afaan Oromo sirriitti
dubbatu bareeduun sun, Caaltuu
jedhamtti. (dubbii ulfaataa)
Fakkeenya gara biraa kutama
dubbiidhaaf: Inni kan barsiisu sun,.....
Otuu akka nu barbaanu ta'e,.... Yoo
yeroo qabaate,.... Yoo boru kan dhuftu
ta'e,... fi k.k.f
Fkf. Ani sin eega. (dubbii ofdanda'aa)
Yoo daftee kan deebitu ta'e,....(kutama
dubbii) Yoo daftee kan deebitu ta'e, sin
eega. Ani sin eega, yoo daftee kan
29
deebitu ta'e. Dubbiin lamaan gara
dhumarraa dhaabii dubbii ulfaataa ti.
Hiikasaa yoo laale wulii agarsiisa.
Waayee wulii gara funduraatitti laala.
Jalqaba

Hirmaata Haasawa
3. Hirmaata Haasawa (Ing.
Grammer)
Barnoota afaanii keessatti hirmaata
haasawaa gara saddeetitti hirama.
Isaaniis akka kanaa gadii ti:
1. Maqaa (N)
2. Bakka maqaa (Pron)
30
3. Maqaa mul'iftuu (Adj.)
4. Goosii (V)
5. Dabalgoosii (Adv.)
6. Naanoo (Prep)
7. Walittifidduu (Conj.)
8. Raajii (Exc.)
Maqaan jecha nuti namaaf, bakkeef,
yaadaaf, gochaaf kkf.kenninu dha.
Fkf. Caala, Finfinne, Tullu Cilaalo fi
kkf.
Bakkamaqaani immoo akkuma
jedhamni isaa agarsiisu, jecha kan nuti

31
dhaabii dubbii keessatti bakke maqaa
galchinu dha.
Fkf. Caalan Caaltu wajjin jira.
Inni ishee wajjin jira.
Fakkeenya kana keessatti Caala fi
Caaltuun maqaa dha. Inni fi isheen
bakkee jara kanaa wanna dhaabbataniif
isaan immoo bakkamaqootadha.
Maqamul'iftuu kan jennu jecha
dhaabii dubbii keessatti maqaatti
dabalamee hiika isaa kan ibsu dha.
Fkf. Intalli xiqqoon sun bareeddu dha.
Gurbaa dheeraan kun afaan Oromoo
dubbata.
Fakkeenya kana keessa "xiqqoo" fi
32
"dheeraa"n maqamul'iftoota. Intalli fi
gurbaan sun nama akkamii akka ta'aan
hiika isaanii ibsu.
Goosiin jecha waan tokko akka
godhamu, godhame, ta'u fi ta'e
yookaaniis akka namni tokko waan
tokko godhu kan nutti himu.
Fkf. deemu, hojjechu, argu, dubbisu,
nyaachu fi kkf.
Dabalgoosiini immoo akkuma maqaan
isaa ibsu, jecha kan hiika goosii, hiika
maqamul'iftuu fi akkasumas hiika
jechoota biraa agarsiisuudhaaf galani
dha.
Fkf. Inni afaan Oromoo gaaritti
33
dubbata. Isheen intala heddu bareeddu
dha.
Fakkeenya kana keessa "gaaritti" fi "
heddu"n dabalgoosota.
Naanoo kan jennuu jecha kan jechoota
biraatti naana'ee yookaan maxxanee
dhaabii dubbii keessatti walittifirooma
isaanii kan agarsiisu.
Fkf. Badhaasan gara Finfinee deeme.
Inni biyya alaatti barate.
Fakkeenya kana keessa "gara" fi "-tii"n
naanoota.
Walittifiduun jecha kan jechoota biraa,
kutamadubbii akkasumas dubbii
garagaraa walitti fidu dha.
34
Fkf. Atii fi ani wajjin jiraanna.
Inni gara Finfinee deeme, garuu iftaan
deebi'uun isa hin oolu.
Isheen biyya alaa jirti, haata'u malee
dhufuun ishee hin haafu.
Fakkeenya kana keessatti "fi", "garuu"
fi "haata'u malee"n walittifiddota.
Raajii kan jennu jecha nuti waan tokko
waan nutti dhagayame san gammaduu
yookaaniis rifachuu fi kkf. kan ittin
beeksifnnu jechaa dha.
Fkf.. Ishoo! Maaloo...! Dhiisiboo...! fi
kkf
Jalqaba

35
3.1. Maqaa
3.1.1. Maqaa Garagaraa
Maqaa jechuun waan namni ittiin
waamamu, jedhamu yookaan wanna
nuy namaaf, bakkeef, yaadaaf,
gochaaaf fi kan kana fakkaatuuf
kenninu dha.
Maqa akka hiikasaatitti bakkee shanitti
hiruu ni dandeenya
1. Maqaa waamsaa
2. Maqaa hundagayii
36
3. Maqaa walittiqabamaa
4. Maqaa mi'aa
5. Maqaa kan warra hin qabamnee
• Maqaa Waamsaa
Maqaa waamsaa kan jennu maqaa
namaa yookaan maqaa waan
beekkamaa tokkoo kan akka biyya,
gaaraa, lagaa fi kan kana fakkaatan
dha.
Fakk. Jimmaan magaala bareedu dha.
Gibeen laga guddaa dha.
Badhaasaan barataa dha.
Cilaaloon gaara guddaa dha.
• Maqaa Hundagayii
37
Maqaa hundagayiin maqaa nuy
namoota sanyiin isaanii tokko ta'e
yookaan kan firooma waliraa qaban
akkasumas wanna gara biraa bifaa fi
jireenyaan kan walfakkaatan hundaaf
kan kenninu dha.
Fakk. Faranjii, Oromoo, Guraagee,
Loon, Habaaboo, Mana fi k.k.f.
• Maqaa Walitti qabamaa
Maqaa walitti qabamaa kan jedhamu
maqaa walgayii namaa fi walgayii
waan biraa bakke tokkotti laalamuu
dha. Asirratti walgayii yoo jennu yeroo
tokko keessa kophaa walitti dhufamee
kan bakke tokko taa'u otuu hin ta'in,
38
jireenyumti isaatuu walgayii kan ta'e
jechaa dha.
Fakk. Horii, Saba, Polisii fi k.k.f.
3.1.1.4. Maqaa Mi'aa
Maqaa mi'aa kan jennu maqaa mi'a
garagaraa ti. Miini kan namni waan
tokko
ittin hojjetu yookaan waan biraa irraa
hojechuu kan danda'u dha.
Fakk. Bishaan
Aannan
Foon
Kafana fi k.k.f.
39
3.1.1.5. Maqaa Warra hin
Qabamnee
Warrii hin qabamne kan jennu warra
ta'asaanii yookaan gochaa- fi
godhamasaanii kan arguu dandeenyu,
garuu isaan harka keenyaan qabu kan
hin
dandeenye dha. Maqaa isaanii
kennamuun maqaa warra hin
qabamnee jenaan.
Maqoonni akkanaa kun hirmaata
dubbii keessatti bakkee guddaa qabu.
Maqoota

40
kana sagaloota biraarraayis uumuu
nidandeenya.

Fakk. adii addeenya


hamaa hameenya
jabaa jabeenya
fago fageenya
dheeraa dheerina fi k.k.f
3.1.2. Uumama Maqaa
3.1.2.1. Waayee dhalchaa fi dhaltuu
(saalaa)

41
Maqaan akkatti uumamu otuu hin
ibsin, duraan dursinee wanna tokko
hubachuun, barnoota kanaaf baayee
nugargaara. Ilmaan namota yookaan
wanni biraa kan
lubbu qabaatanii jiraatan akka lamatti
jiraachuu danda'an. Kuniis akka
dhalchaa yookaan akka dhaltuu ti.
Ilmaan namootaatiin garuu "dhiiraa"
fi"dubartii" yoo jennu warra kaaniin
kormaa fi dhaltuu jechuus
nidandeenya.
Warra kanaraa hafan afaan Oromoo
keessatti akka dhalchaa yookaan akka
dhaltuu
42
goonee dubbachuu nidandeenya.

Fakk. Badhaasaan dhufe. (dhiira)


Caaltuun mana jirtti. (dubartii)
Leencii ni bookkisa (dhalchaa)
Aduun ba'e. (akka dhalchaa)
Aduun baate. (akka dhaltuu)
Fakkeenya kana keessa dubbii lamaan
gara dhumarraa kana yoo laale,
akkuma
kanaa olitti ibssametti "aduu" akka
lachittuu laaluu akka dandeenyu dha.

43
3.1.2.2. Uumama Maqaa
Maqamul'iftuu
Maqaa warra hin qabamnee
maqamul'iftu irratti "-eenya", "-ina",
"-ummaa","-uma" yookaan "-ooma"
dabalee uumuu ni dandeenya.
Fakk. maqamul'iftuu maqaa warra hin
qabamnee
adii addeenya
fago fageenya
hamaa hammeenya
dheeraa dheerina
bayeessa bayeesummaa
44
walaala walaaluma
gamna gamnuma fi k.k.f.

3.1.2.3. Uumama Maqaa Goosii fi


Maqaarraa
Maqaan warra hin qabamnee goosi
irraa akkaataa garagaraatitti uumamuu
ni danda'a. Akkaataa garagaraa kana
keessaa akkaataa beekkamaan uumama
dhalchaa fi dhaltuu ti.
Fakk. 1. akkaataa uumama dhalchaa fi
dhaltuu goosii dhalchaa dhaltuu

45
arg- agarsiisaa agarsiiftuu
ibs- ibsaa ibsituu
mul'is- mul'isaa mul'iftuu fi k.k.f.
As irratti wanni qalbeefachuu nu
barbaachisu maqoonni asitti kennaman
kun akka hojjaa isaan agarsiisanitti
namaafiis dhaabbachuu yoo danda'anis
akka maqaa warra hin qabamnee ti.
2. Akkaataa biraa goosii maqaa kan
warra hinqabamnee
deem- deemsa
abaar- abaarsa
ijaar- ijaarsa fi k.k.f.
46
3. uumama maqaa warra hin
qabamnee maqaa hundagayii irraa
maqaa hundagayii maqaa warra hin
qabamnee Oromoo Oromummaa
Ijoolee Ijoolummaa fi k.k.f

3.1.3. Lakkoofsa Maqaa


Maqaa lakkaawamu kan jennu maqaa
waan tokkoo kan tokko, lama, yookaan
baayeedha jennee meeqa akka ta'e
agarsiisuudhaaf kan dubbanu jechaa
dha. Haata'u malee maqaa lakkaawamu
tokko, lama, kudhan jenne yeroo
hundaa akka baayina isaatitti otuu hin
ta'in barnoota afaanii keessatti gara
47
gurguddaa lamatti hirra. Isaan lamaan
kun - tokkee fi
- baayee dha.
Afaan Oromoo keessatti maqaa baayee
lakkaawamaan maqaa tokkeerraa akka
kanaa gadiititti uumama.
1. dhuma maqaa tokkeerra
dubbachiiftuu gatanii bakkee kanatt "-
ota" yookaan"-oota" daabalanii kan
uumaman
Fakk. tokkee baayee hoolaa hoolota
harree haroota
nama namoota

48
saree saroota fi k.k.f.
Haata'u malee seerii kun yeroo hundaa
maqaa hundumaafuu hin hojjeta jechuu
hin dandeenyu.
Fakk. obboleessa obbolaa
(obboloota)dargaggeessa dargaggoota
(dargaggoo)
2. Akkasumas "-olii" yookaan "-olee"
tokkeetti dabalanii kan uumamanis jiru

Fakk. ilmoo ilmoolee gooftaa


gooftolee (gooftolii)
Afaan Oromoo keessatti seerii
uumama maqaa baayee seera kana
49
lamaan kophaa miti. Akaataan
biraatiis jiraachuu hin danda'a.

Fakk. korma korommii


sa'a saawaa fi k.k.f.
Maqaa hin lakkaawamne kan jennu
moo maqoota baayina isaanii ammam
amma ta'an
lakkoofsaan tokko, lama, yookaan
dhibba jenne agarsiisu kan hin
dandeenye dha.
Fakk. ● Bishaan
● Aannan
50
● Okaa
maqaa warra hin qabamnee fi k.k.f
3.1.4. Hojjaa Maqaa
Maqaan dhaabii dubbii keessatti
bakkee garagaraa qabaachuu yookaan
hojjaa
garagaraa agarsiisu nidanda'a.
1. Maqaa akka gootuutitti (sabjektti)
Fakk. Badhaasaan gara Finfinee
deeme.
Cilaaloon gaara guddaa dha.
Manni isaani bareedaa dha.

51
Horrin bobba'ani jiru.
Bishaan malee namni hin jiraatu.
Hammeenyi gaarii miti.
Fakkeenya kana keessatti maqoonni
kun gochaa yookaan ta'umsa waan
tokkoo
agarsiisun. Isaan sabjekti dhaabii
dubbii ti jechaa dha.
2. Maqaa akka godhamtuutitti

Fakk. Ani Badhaasaa wajjinan ture.


Inni gaara Cilaaloo arguu barbaada.
Ishiin mana gaarii qabdi.
52
Gurbaan horii bobaase.
Gaali bishaan baayee dhuga.
Nuy hammeenya hin jaalannu.
3. Maqaa akka maqa mul'iftuutitti
galee qabeenya kan agarsiisu

Fakk. mana - nama mana namaa


qaawwa - balbala qaawwa balbalaa
ilma - nama ilma namaa
kottee - bineensa kottee bineensaa fi
k.k.f.
Qabeenya jechuun fakkeenyaaf mana
namaa, qaawwa balbalaa yookaan
53
kottee bineensaa yoo jennu manni kan
namaa, qaawwi kan balbalaa fi kotteen
kan bineensaa ta'uun isaanii waan
beekkamuuf jechaa dha.
Gaafii eenyu tu kan eenyu ti? maal tu
kan maalii ti? yookaanis maal tu kan
eenyu ti? kan jedhuuf deebisa kenna.
Fakk. 1) Inni mana namaa baleese.
2) Mana namaa guddaarra kan ofii
xiqaa wayya
Dubbii kana laman yoo laale "mana
namaa" dhaabii dubbii duraa keessatti
akka

54
godhamtuu kan lammata keessatti akka
gootuu (sabjektti) ta'u isaa nihubanna.
Hiikasaa qajeelootti ibsuudhaaf,
dubbii lammaffaa akkaataa biraatiinis
bareesuu nidandeenya.
Fakk. 3) Mana namaa guddaa irra kan
ofii xiqaa tu gaarii dha.
Asirratti "mana namaa" yoo jennu
namni qabaa yookaan abboomaa,
manni moo
qabamaa ta'u isaanii hubbachuu
nidandeenya. Afaan Oromoo keessatti
maqaa qabaan isa qabamaa booda
dhufa.
55
mana namaa(qabamaa) (qabaa,
abboomaa)
Akka kanaa olitti laalametti "mana
namaa" dhaabii dubbii sadeen
keessatti otuu of hin jijjirin gale.
Gootuu yookaan godhamtuu ta'usaa
beekuu kan
dandeenyu hiika dubbii kana irraa dha.
Haata'u malee maqoonni akka gootuu
yookaan godhamtuu ta'anii dhaabii
dubbii keessatti galan, maal akka ta'an
beekuu kan dandeenyu jijjirama
yookaan uumama isaani irra dha. Seera

56
jijjirama yookaan uumama akkanaa
kanaa armaan gaditti laala.
3.1.4.1. Maqaa akka Gootuu
Gootuun dhaabii dubbii keessatti
eenyu yookaan maaltu maal akka
godhu fi akka ta'u nutti hima. Kanaaf
maqoonni akka gootuu ta'ani yoo galan
akka seera kanaa gadiititti jijjiramu.
1. maqoota kan dhuma isaanititti "-
n" dabalanii jijjiraman
Fakk. saree sareen
bultii bultiin
garbuu garbuun

57
Finfinee Finfineen
ijoolee ijooleen
Badhaasaa Badhaasaan fi k.k.f.
2. maqoonni tokko tokko
dubbachiiftuu dhumarraa gatani "-
ni"fudhatan
Fakk. lafa lafni
mana manni
nama namni
muka mukni
quba qubni fi k.k.f.

58
3. maqoonni tokko tokko ammoo
dhumasaanii jijjirani kan "-
ti"fudhatus jiru
Fakk. haadha haati
fuudha fuuti fi k.k.f
4. Maqoonni dhumarraa
dubbachiiftuu gatani bakkee kanatti
"-i" kan fudhatan
Fakk. harka harki
ilma ilmii
harma harmi
adda addi fi k.k.f.

59
5. maqoonni dhumnisaanii "-n" ta'an
otuu hin jijjiramin akkuma jiranitti
galu
Fakk. bishaan
ilkaan
funyaan
afaan fi k.k.f.
Seera kan kanaa olitti kennaman
walittiqabnee ibsuudhaaf-
Maqoonni yoo akka gootuutitti dhaabii
dubbii keessatti galan dhuma
saanirratti

60
-n, -ni, -ti, -i fudhatu. Dhumnisaanii -
n yoo ta'e ammoo akkuma jiranitti
galan jechaa dha.
6. Seera gara biraa
a. Maqamul'iftuun yoo maqaa wajjin
dhufte, akkasumas beeksiisa gootuu
fudhatti
Fakk. mana guddaa manni guddaan
nama gaarii namni gaariin fi k.k.f.
b. Maqoonni lama walitti qabamanii
walfaana yoo dhufan, maqaa qabamaa
tu beeksiisa gootuu fudhata
Fakk. mana namaa manni namaa
qaawwa balbalaa qaawwi balbalaa
61
kottee bineensaa kotteen bineensaa fi
k.k.f.

3.1.4.2. Maqaa akka Godhamtuu


Dhaabii dubbii keessatti godhamtuun
gara gurguddaa lamatti addaan baafnee
laala. Isaanis
●- godhamtuu sirrii fi
●- godhamtuu sirrii hin taane dha.
Godhamtuu sirrii kan jennu godhamtuu
ofdanda'ee dhaabii dubbii keessa kan
jiraatu yookaan kan ifatti mul'atu
jechaa dha. Gochaa gootuurraa dhufu
san sirritti fudhatee waan ta'u yookaan
62
waan godhamu san ifatti mul'isa.
Gaafii maal tu maal ta'e? maal tu maal
godhe? maal tu maal godhame?
yookaanis ammoo eenyu tu maal ta'e?
... maal godhe? kan jedhuuf deebisa
sirrii kan kennu dha.
Fakk. Badhaasaan farda bite.
Gammadaan hoolaa qale.
Inni gaazexaa dubbise.
Fakkeenya kana keessa "fardi",
"hoolaa" fi "gaazexaa"n godhamtuu
sirrii ti.

63
Gochaa ta'e sana jechuun asitti
"bitama", "qalama" fi "dubifama"
gootuu isaaniitirraa sirritti fudhatan.
Godhamtuu sirri hin taane dhaabii
dubbii keessatti ofdanda'e hiika guutuu
hin kennu.
Dhaabii dubbii keessatti hojjaan inni
agarsiisu
■- waan tokkotti waa akka godhamu
■- - waan tokkoof waa akka godhamu
■- - waan tokkoon waa akka godhamu
dha.

64
Godhamtuu sirri hin taane, kan hojjaa
sadeen kanaa olii kana agarssisan
godhamtuu naanoo jedhamu.
Fakk. Badhaasaan okaa fe'e
(godhamtuu sirrii)
Badhaasaan harreetti okaa fe'e.
(godhamtuu naanoo)
Asirratti "Badhaasaan harreetti fe'e."
jenne yoo dubbanne, dubbiin kun Of
danda'e hiika guutuu hin kennu. Wanni
tokko harreetti akka fe'amu hima
malee wanni fe'ame sun sirritti ifatti
baye hin mul'ane. Harreen godhamtuu
taatuus dhaabii dubbii kana keessatti
godhamtuu sirrii miti. Godhamtuun
65
sirrii okaa dha yookaan "Badhaasaan
harreetti fe'e" yoo jenne godhamtuun
sirrii harree otuu hinta'in isa waan
harreetti fe'ame sana.

Hin xumuramne

66

You might also like

pFad - Phonifier reborn

Pfad - The Proxy pFad of © 2024 Garber Painting. All rights reserved.

Note: This service is not intended for secure transactions such as banking, social media, email, or purchasing. Use at your own risk. We assume no liability whatsoever for broken pages.


Alternative Proxies:

Alternative Proxy

pFad Proxy

pFad v3 Proxy

pFad v4 Proxy