Yaadannoo Asoosama Dheeraa Oromoo
Yaadannoo Asoosama Dheeraa Oromoo
Yaadannoo Asoosama Dheeraa Oromoo
Koorsiin kun, yaadrimeefi hiika bu’uura Asoosama dheeraa akka hubataniif kan qindaa’e, amala
seenaafi guddina asoosama dheeraa Oromoo xiinxala. Itti dabalees, gosootaafi caaculee
asoosama dheeraa, tooftaalee adda addaa, haalawwan barruufi ergaa asoosama dheeraa xiinxala.
Kanamalees, miseensota asoosamaa, malawwan barruufi ergaa asoosamaa, haala qeeqaafi
qaaccessa goorichaa irratti ibsa kenna. Haaluma kanaan, barattoonni maalummaa asoosama
dheeraafi amaloota gosoota ogbarruu kaanirraa adda isa taasisu hubachuun akka gosa og-barruu
tokkootti akka dinqisiifatan isaan taasisa. Kana malees, dandeettii asoosama barreessuu akka
horataniifi asoosama akka dubbisaniif isaan kakaasa. Dhumarratti, hojii barreessitoota Oromoo
beekamoo ta’anii filachuun gadi fageenyaan akka qoratan, qeeqaafi qaaccessan xiyyeeffannoon
nikennama.
Kaayyoo
1.1.2.Gosoota Asoosamaa
1
I. Asoosama Dheeraa(Novel)
4. Faayidaa Asoosamaa
7.4. Yoomessa
7.5. Waldiddaa
2
7.5.5. Barbaachisummaa Waldidaa
8. Malawwan Barruu
8.1. Addeessuu(description)
3
Bantii Oliiqaa. 1998. Yaadanii. Addis Ababa: Bole Printing Press.
Berhanu Matthews. 2009. Fundamentals of Literature. Addis Ababa: Alpha Printers PLC.
Brumfit, C.J. and R. A. Carter (1986). Literature and Language Teaching. Oxford: Oxford
University Press
Carter, R. and M.N.Long.1991). Teaching Literature. Essex: Longman Ltd.
Dhaabaa Wayyeessaa. 1992. Godaannisa. Finfinnee: Berhanena Selam Printing Press.
_________________ . 2005. Gurraacha Abbayaa. Finfinnee: Artistic Printing Press
Ellis, J.M. (1977). The Theory of Literary Criticism: A Logical Analysis. USA: University
of California press
Gaaddisaa Birruu. 1983. Kuusaa Gadoo. Addis Ababa: Commercial Printing Press.
Geetaachoo Rabbirraa. 2010. Ichima Jaalalaa. Finfinnee: n.p.
Gordon, J.B. and K.Kuehner (1999). Fiction: An Introduction to the Short Story. Illinois:
NTC/Contemporary Publishing Group.
Hawthorn, Jeremy. 1992. Studying the Novel: An Introduction. London: Edward Arnold.
Hinseenee Makuriyaa. 2010. Sii-Magan. (Kitaabaa Sidinii Sheldon kan Afaan Oromootti
jijjiirame)
Hinsennee Makuriyaa. 2008. Faandhoofticha Gadoofi Asoosamoota Gaggabaaboo. Finfinne:
Commercial Printing Enterprise.
Isaayyas Hordofaa. 2008. Hawwii. Addis Ababa: Mega Printing Press. 64
Jemal Kedir. 2010. Yaada. Addis Ababa: n.p.
Kennedy, X. and Gioia, D. 2007. Literature: An Introduction to Fiction, Poetry, Drama, and
Writing. New York: Longman.
Kumsaa Burraayyuu. 1993. Suuraa Abdii. Addis Ababa: Bole Printing Press.
Lodge, David. 1992. The Art of Fiction. London: Penguin Books.
Melakneh Mengistu. 1999. Fundamentals of Literature for Colleges. Addis Ababa: Commercial
Printing Enterprise.
Quinn, K. 1992. How Literature Works. London: The Macmillan Press Ltd.
Raban, Jonathan. 1968. The Techniques of Modern Fiction. London: Edward Arnold.
Smith, Elliott & Hart, Adrew.1981. The Short Story: New York: Random House.
Steven Bowkett (2009). Countdown to Creative Writing step by step approach to Writing
Techniques for 7-12 years. USA: Taylor & Francis Group
Tafarii Nugusee. 2008. Fundamentals of Literature.Ambo: Ambo university. ( unpublished
Module ) Takilee Qinaaxxi. 1995. Dirmammuu. Addis Ababa: Bole Printing Press.
Toleeraa Fiqruu. 2007. Imimmaan Haadhaa. N.l. Oliiqaa Foundation.
Toolan, M.J. (1988). NARRATIVE: A Critical Linguistic Introduction. London: Routledge .
W.B.Yaadatee. 2009. Qara Eeboo. Finfinnee: n.p.
Wasanee Bashaa. 2010. Jabala Jaalalaa. Finfinnee.
Wilbur, Lucius. 2001. The Seven Key Elements of Fiction. London: Robert Hale.
Zerihun Asfaw. 2007. Yesinetsihuf Meseretawian. Addis Ababa: Commercial Printing Enterprise.
4
1. Yaadrimee Asoosamaa
1.1. Maalummaa Asoosamaa
Maalummaa asoosama osoo hinkaasiin dura maalummaa ogumaa (literature) yaada waliigalaa
kaasuun barbaachisaa ta’a. Gaaffiin “Ogumni maali?” jedhu durii kaasee hanga har’aatti
falmisiisaa kan tureefi kan jirudha.
Ogumni waa’ee uummataa waan ta’eef hiika isaa laachuurratti hayyoota dirree qo’annoo adda
addaatu keessatti hirmaata. Namoonni dirree qo’annaa adda addaa keessa jiran kunniin immoo
gama dirree qo’annaa isaanitti daangessuun ogumaaf hiika kennu. Hayyoonni ogumaas karaa
isaaniif ta’uufi bifa hojii isaaniin walqabatuun ogumaaf hiika kennu. Sababoota kanneen irraa
kan ka’e ogumni bifa adda addaatiin hiikamaa tureera; hiikamaas jira. Kanaaf, hiika ogumaa
namoota hunda waliif galchu kennuun rakkisaadha. Garuu, hiikawwan adda addaa ogumaaf
kennaman irratti hundaa’uun hamma tokko maalummaa ogumaa hubachuun nidanda’ama.
Asoosamaafis hiika hayyoonni irratti waliigalan tokko kennuun hindanda’amu. Erga asoosamni
dheeraan hojiirra oolee jaarraa 19ffaarraa eegalee hayyoonni oog-barruu hiika adda addaa
kennaa turaniiru. Hiikni isaan kennanis, gosa asoosamaa isaan qorataniin, dhimma ibsuu
barbaadan, kaayyoo qorannoo isaanii, amalaafi kallattii qorannoo isaaniirratti waan hundaa’eef
garaagarummaa qaba. Akka Filiippi steeriik ibsutti, hiikni asoosamaaf kennaman hedduun
dhimma barreessan ibsurratti hundaa’a.
5
Hiika asoosamaa hayyoonni hog-barruu marti irratti walii galan kennuun rakkisaa yoo ta’eyyuu,
muraasa isaanii haala armaan gadiitiin ilaaluun nidanda’ama.
Hiika hayyoonni adda addaa kennanirraa qabxilee armaan gadii hubachuun nidanda’ama.
Isaanis:
- Asoosamni hojii seenessamaati.
- Sammuu barreessaatiin kan kalaqamuudha.
- Amalaafi gochaalee dhalli namaa raawwatu bu’uura gochuun waan qophaa’uuf haqa fakkaata .
- Amalliifi gochaaleen namfakkiiwwan raawwatan hawaasa keessatti kan raawwataman
ta’anillee namfakkiiwwan asoosama keessatti argaman qaamaan hawaasa keessaa
barbaadanii argachuun hindanda’amu.
Barreessaan asoosam keessatti gochaaleefi haqawwan hawaasaa bara murtaa’aa jiraatu keessatti
raawwataman yookiin raawwatamuu malu jedhee amanu dhiheessa. Kanaan walqabatees, aadaa
haqaafi afaan hawaasa bara barreessaan asoosamicha barreessee keessa jiraatuu nutti agarsiisa.
6
1.2. Garaagarummaa Asoosamaafi Ogumaa Biroo
Asoosamni amaloota gosoota oguma biroorraa adda taasisu niqaba.Fakkeenyaaf, asoosamni
sheekkoo miti. Sheekkoofi asoosama gidduu garaagarummaan bu’uuraa ni jira.
Sheekoo Asoosama
- Sheekkoo kan uumu hawaasa waan ta’eef, - Hawaasaan osoo hinta’iin nama dhuunfaan
qabeenyummaan isaa kan hawaasaati malee waan uumamuuf qabeenya dhuunfaati.
kan nama dhuunfaa miti. -Asoosamni seenessama kalaqaa
- Sheekkoon yeroo hedduu himamsa barreessadhaan qindaa’ee barreeffamaan
afaanitiin dhaggeeffatootaaf dhihaata. dubbistootaaf dhihaatudha
-Namni sheekoo himuufi dhaggeeffattoonni - Asoosaafi dubbistoonni walirraa fagaatanii
bakka murtaa’aa ta’e tokkotti argamu. bakka adda addaatti argamu.
-Ta’insoonni sheekoo keessatti - Asoosama keessatti garuu tartiiba yerootiin
raawwataman tartiiba yerootiin dhihaatu. dhiheessuun dirqama miti. Sababni isaas
hirmaattonni asoosamaa fafacca’anii waan
mul’ataniif gochaalee isaan raawwatan
tartiiba yerootiin dhiheessuun rakkisaa waan
ta’eef.
Asoosama Seenaa
Wanti dhugaafi argi yaadaa walmakuun dhihaata Waan dhugaa ta’etu seeneffama.
Abbaan qabatamaan hinjiru. Abbaan seenaa qabatamaan kan jiruudha.
Baay’inaan falaasama ofkeessaa qaba. Falaasama ofkeessaa hinqabu
Dhageettii asoosichaarratti kan hundaa’uudha. Yaadni jiru haqa waan ta’eef karaa adda
Jechoota filata addaa hiika itti kennuun hindanda’amu.
Jechoota filachuuf hindirqamu
7
1.3. Gosoota Asoosamaa
Asoosama bakka gurguddaa saditti qooduun ni danda’ama. Isaanis:
1.3.1. Asoosama Gabaabaa
Akkuma asoosamaaf akka waliigalaatti, hiika tokko kennuun hindanda’amne, asoosama
gabaabaafis hiika namoonni hundi irratti waliigalan kennuun rakkisaadha. Sababni isaas
hayyoonni adda addaa hiika garagaraa kennaniiru. Hiika isaan kennan keessaa muraasni haala
armaan gadiin dhihaataniiru.
- Asoosamni gabaabaan hojii kalaqaa daqiiqaa soddomaa hanga sa’aatii lamaatti dubbisanii
xummuruu danda’anidha.( H.J.Wells)
- Jechoota kuma kudhanii gadi ta’aniin barreeffamee kaayyoo bu’uuraa tokko irra gahuuf
kan qophaa’u seeneffama gabaabaadha. Asoosama gabaabaan yoomessa murtaa’aa
keessatti namfakkiiwwan muraasa of keessaa kan qabuudha.(Galmee jechootaa Hariishoo)
- Asoosama gabaabaan bifa hololootiin kan barreeffame, jechoota kuma kudhan (10,000)
hincaalleen kan barreeffamu seenessama kalaqaati. (Readoutfi Stiwart )
Gabaabumatti, asoosama gabaabaan bifaafi qabiyyee mataa isaa kan qabu, amaloota gosoota
ogbarruu biroorraa adda taasisu kan qabu ogummaan addaa kan keessatti calaqqisuufi akkuma
bal’ina isaatti haala jireenya hawaasaa kan ibsuu danda’uudha.
1.3.2. Asoosama giddu galeessa
Asoosamni giddugaleessaa asoosama gabaabaa kan caaluufi asoosama dheeraan gadi kan
ta’eedha. Bal’inni qabiyyee asoosama giddu galeessaa jechoota kuma kudha torbaafi dhibba shan
(17,500) hanga kuma afurtamaa (40,000) qabata.
Asoosamni giddugaleessaa walitti bu’insa muraasa kan asoosama dheeraa gadi ta’e qaba. Garuu
kan asoosama gabaabaa nicaala. Akka asoosama dheeraas boqonnaa boqonnaatti hinqoodamu.
Bakka kanaa bakka duwwaa hambisuun kutaalee isaa adda qooduu danda’a. Akkuma asoosama
gabaabaa taa’umsa tokkoon dubbifama.
1.3.3. Asoosama Dheeraa
Akkuma asoosamaaf akka waliigalaatti hiika tokko kennuun ulfaatu, hiia asoosama dheeraa
hayyota walii galchu kennuun rakkisaadha. Kanaafuu, hayyoonni asoosama kanaafis hiikaawwan
adda addaa kennaniiru. Hiikaawwan kanneen keessaa muraasa isaanii akka armaan gadiitti
ilaaluun nidanda’ama.
8
Asoosama dheeraaf hayyoonni adda addaa hiika garagaraa kennaniiru. Hiika isaan kennan
keessaa muraasni isaanii armaan gaditti dhihaataniiru.
Walumaagalatti, asoosamni dheeraan hojii kalaqaa ta’ee jiruufi jireenya dhala namaa bal’inaan
kan namatti agarsiisu. Akkasumas, asoosama seenassama dheeraa hololootiin dhihaatudha. Kana
jechuun immoo hojiin kalaqaa hololoodhaan dhihaatu marti asoosama jechuu miti.
Asoosamni dheeraan seenaa namfakkootaa dhalootaa kaasee hanga du’aatti jiru kan agarsiisuu
ta’uu danda’a. Qabiyyeen isaas hanga asoosachi fedhe bal’achuu mala. Kanaaf, asoosama kana
keessatti wanti hundinuu bal’inaafi dheerinaan dhihaaa.
9
Seenaan dagaagina og-barruu ammayyaa seenaa dhalaa namaatiin kan walqabateedha.
Falaasamni hawaasaa, ilaalchiifi hubannoon hayyoota og-barruu, haalli siyaasaa, qaroominniifi
fedhiin uummataa akkuma jijjiiramaa deemeen biftiifi qabiyyee og-barruu jijjiirama dhufe.
Jijjiiramni og-barruu yeroo adda addaa mudatee keessatti asoosamni akka og-barruu tokkootti
uumamee yeroo gara yerootti jijjiiramaa hanga ammaatti tajaajilaa jira.Og-barruu kunis baroota
garaagaraa keessa seenaa adda addaa keessatti dagaagaa kan dhufedha. Seenaa dagaagina
ogbarruu kanas akka armaan gadiitti bakka adda addaatti qoodnee ilaaluu dandeenya.
Hayyoota ogbarruu bara durii keessaa kanneen akka Pilaatoo, Aristootil, Soofookiliisiifi
Yuruupiidis maqaa dhahuun nidanda’ama. Hayyoota kanneen keessaa ilaalcha Pilaatoofi
Aristootil ogbarruurratii qaban:
Pilaatoon bara 427-348 DH.K.D. kan jiraate yoo ta’u, dandeettii walaloo barreessuu kan kennu
Waaqayyoodha amantaa jedhu qaba ture. Akka ilaalcha hayyuu kanaatti, namni kennaa walaloo
barreessuu Waaqayyorraa hinkennamneef barreessuuf yaalii gochuu hinqabu. kennaa
Waaqayyoo malee walaloo barreesuuf yaaluunis beekumsa osoo hinta’in maraannaadha jedha.
Kanaafuu, namni walaloo barreessu tokko waan hawaasa keessaa hubate osoo hinta’in waan
Waaqayyo itti mul’ise barreessa amantaa jedhu qaba.
Aristootil immoo bara 384-322 keessa kan jiraate yoo ta’u, yaada Pilaatoo kana hinfudhatu.
Akka ilaalcha Aristootilitti, namni tokko dandeettii walaloo barreessuu kan argatu Waaqarraa
osoo hinta’in barreessaan waan hawaasa keessatti raawwatamu hubatee ibsa jedha.
10
Bara haaromsaa
Barri kun bara 1660-1780 yeroo hayyoonni ogbarruu dhiibbaa amantii jalaa bahanii ogummaa
isaanii haala duraatiin itti fufaniidha. Barichis yeroo haaromsaa (Renaissance) jedhama.
Ogeessonni ogbarruu bara haaromsaa kana keessa turan ogbarruufi ogeessota ogbarruu bara durii
(Classical literature)tiif kabaja guddaa qabu turan. Bara sana (bara haaromsaa)tti dandeettii
ogbarruu kitaabilee ogbarruu hedduu dubbisuudhaan horachuun nidanda’ama amantaa jedhu ture .
Waraabbii ogbarruu bara durii waanta’eef hammayyummaa hinqabu.
Roomaantiisizimii
Seenaa ogbarruu keessatti dhumni jaarraa 18ffaa bara sababaa ykn ifaa jedhama ture. Bara kana
keessa gosoonni ogbarruu bifa duriirraa adda ta’een barreeffamuu eegalan. Ogbarruun diddaa
ykn mormiis bara sana keessa barreessuun jalqabame. Xiyyeeffannaan ogbarruu yeroo sanaas
amala dhala namaa (gadda, gammachuu, aarii, jaalala, jibba) akkasumas, dhugaa jireenya
hawaasummaa keessatti mul’atu ibsuu ture. Ogbarruun dhimmoota kanneen ibsuurratti
xiyyeeffatus Roomaantisiizimii jedhama.
Qabatamummaa(Realism)
Riyaaliizimiin akka sochii ogbarruutti kan mul’ate bara 1830 oota keessa ture. Asoosama
dheeraanis yeroo kana keessa hojiirra oole. Riyaaliiziimii (dura bara Pilaatoo, Aristootil, bara
giddugaleessaafi bara haaromsaatti) xiyyeeffannoon asoosamaaf kennamaa hinturre. Hayyoonni
baroota kanneen keessa turan walaloofi diraamaaf xiyyeeffannoo guddaa kennaa turan.
Qabatamummaa hawaasummaa (Social realism)
Riyaaliizimiin hawaasummaa ilaalcha ofdanda’ee uumame miti. Riyaaliizimii kun riyaaliizimii durumaan
ture keessaa kan maddeedha. Haata’u malee, riyaaliizimiifi riyaaliizimii hawaasummaa jidduu
garaagarummaan nijira. Riyaaliiziimiin amala dhala namaafi gochaalee namoonni raawwatan akkuma
jirutti dubbistootaaf kan dhiyeessuudha. Kaayyoo isaa kana galmaan ga’uuf immoo jechoota gochaaleefi
amala dhala namaa ibsan saalfii tokko malee itti gargaarama.
Riyaaliizimiin hawaasummaa immoo amala dhala namaa akkaataa jireenya hawaasa darbees ta’e
kan ammaa ibsuun barbaachisaa ta’uu hinmormu. Hayyoonni yaada kana maddisiisan badii
hawaasa keessatti dalagamu saaxila baasuun gahee ogbarruu ta’uu isaa ni’amanu. Haata’u malee,
gochaaleefi amala dhala namaa safuu hawaasaa kabajuudhaan ibsuun barbaachisaadha jedhu.
11
Dagaagina asoosamaa
Qabatamummaa (Realism)fi Asoosama Dheeraa
Seenaan asoosama seenaa jijjiirama ilaalchaa addunyaa keessatti yeroo adda addaa mul’ataniin
kan walqabateedha. Asoosamni dheeraan kan eegalame ardii Awurooppaa biyya Faransaay
keessatti yoo ta’u, kitaabni jalqabaas mata duree “Doon Kiishoot” jedhama. Barreessaan kitaaba
kanaas Maguelde Ervantes jedhama. Hata’u malee, akka gosa ogbarruu tokkootti bu’uura
asoosamaa kan kaa’an hayyoota biyya Ingilizii turan. Barreessitoonni jalqabaa jaarraa 19 ffaa
keessa turan Daani’eel Dafoo, Saamu’eel Riichaadsoniifi Henerii Fiilding jedhamu. Hojiin
isaaniis guddina asoosama Ingiliziitiif bu’uura guddaa buuseera. Hojiin barreessitoota kanneenii
biyya isaanii keessatti fudhatama argachuurra darbee gara biyyoota birootti ce’uun jaarraa 19 ffaa
keessa asoosama dheeraan Faransaay, Raashiyaafi Ameerikaa keessatti akka jalqabamuuf sababa
ta’uu danda’eera.
Fudhatama kitaabolee kannneeniif wanti sababa guddaa kan ta’e baay’ina fuula isaaniiti.
Kanneen fuula baayyee qaban muuxannoo dhala namaa bal’inaan ibsuu danda’u amantaan jedhu
yoo ta’u, kanneen fuula muraasa qaban garuu bal’inaan ibsuu hindanda’an yaada jedhutu ture.
Qooddattoonni kitaabilee ogbarruu bara 1850oota dura barreeffaman keessatti mul’atan keessattuu
kan Giriikota durii maatii bebbeekamoofi kanneen maatii moototaa keessaa maddan yommuu
ta’an, kanneen asoosama dheeraa bara qabatamummaa keessatti mul’atan garuu uummata
jireenya gadadoo jiraatan keessaa kan maddan turan.
Xiyyeeffannoon barnoota inni dabarsuu barbaadus jireenya gammachuu dabarsan ykn abdii borii
osoo hinta’in haala hawaasa yeroo sana keessatti mul’atu kan ibsuudha. Kunis asoosamni
dheeraan bal’inaan fudhatama akaa argatuuf sababa ta’eera. Kana malees, haala siyaasa biyya
Ingilizii keessa tureen galmawwan doyii cufamuu, lakkoobsi namoota baratanii baayyachuufi
dhaabbileen maxxansaa banamuun dagaagina asoosama dheeraatiif sababoota gurguddoo
ta’aniiru.
Yeroo sanaa kaasee xiyyeeffannoon asoosama dheeraa haala qabatamaa hawaasa keessatti guyya
guyyaatti mul’atu sirriitti ibsuu ta’e. Gochaan kunis riyaaliizimii jedhame. Barreessitoonni haala
qabatamaa yeroo hawaasa keessatti mul’atu asoosamaan ibsamuu qaba jedhan immoo
riyaalistoota jedhamu.
12
Riyaaliizimiin akka sochii ogbarruutti kan mul’ate bara 1830 oota keessa ture. Sochii kana
maddisiisuudhaan gahee guddaa kan taphatan Faransaayota turan. Kanneen yaadicha maddisiisan
immoo hayyoota haala naannoo isaaniif bakka guddaa kennan turan.
Akka ilaalcha riyaalistootaatti ogeessi ogbarruu bara jireenya isaa haala hawaasaafi naannoo isaa
keessatti calqqisu irratti xiyyeeffachuu qaba. Ilaalchi ammayyaas kanumarratti kan
hundaa’uudha. Sochii riyaaliizimii booda dubbistoonni asoosama bashannanaaf osoo hinta’iin
haala jireenya hawaasaa hubachuuf fedhiin isaan qaban dabalaa dhufe. Kana jechuun garuu
ogbarruun haala jireenya hawaasaa hunda akka suuraatti agarsiisa jechuu miti.
Akka ilaalcha hayyoota riyyaaliizimiitti barreessaan asoosamaa haalawwan jireenya adda addaa
keessaa kan baay’ee barbaachisaa ta’e filatee akka hubatetti dubbistoota isaa hubachiisuuf gahee
isaa bahuu qaba.
Qunnamtiin addunyaa dhugaafi addunyaa asoosamaa jidduu jiru cimaa ta’uyyuu haala tokkoon
ilaaluun hindanda’amu. Sababni isaas, namoonni jireenya dhugaa keessa jiraataniifi
qooddattoonni arga yaada barreessaatiin uumaman gidduu garaagarummaan waan jiruuf. Sababni
isaas qooddattoonni arga yaada barreessaatiin uumamu; namoonni addunyaa dhugaa immoo
Waaqaan uumamu.
Yaada kana hubachuuf fakkeenya kitaaba asoosamaa Oromoo keessaa kan Dhaabaa Wayyeessaa
mataduree ‘Godaannisa’ jedhu barreesse ilaaluun nidanda’ama. Qooddatoota asoosaan kun
sammuu isaatiin kalaqe keessaa Abdiisaa yoo fudhanne, bakka inni itti dhalatee guddate Biilaa
deemnee Abdiisaa Soolan eenyu? jennee yoo gaafanne argachuu hindandeenyu.
Og-barruun Afaan Oromoo bifa asoosamaatiin kan eegalee bara 1969 booda jechuun
nidanda’ama. Kitaabni asoosamaa bara kana dura bifa kitaabaatiin maxanfamee yookiin
barreeffama harkaatiin qophaa’ee argame hinjiru.
Haata’u malee kitaabni haala asoosamummaa qabu kan mata dureen isaa Huursaa jedhamu ture.
Barreessaan isaas Luba Dafaa Jamoo yemmuu ta’u, kitaabichi bara 1969 (A. L. A)
maxxanfame. Ergaan ijoo kitaabichaas dhiiraafi dhalaadhaan hojiif ka’uudhaan biyya guddisuun
13
barbaachisaa ta’uu, fuudhaafi heeruma keessatti qarshiin tirimaaf kafalamu waan uummata
miidhuuf fooyya’uu akka qabu gorsa. Kitaabni kuniyyuu tooftaa hog-barruutti bal’inaan
gargaaramuun kan qophaa’e miti.
Asoosamni gaggabaaboon adda addaa kanneen sirna mootummaa dargii keessaa namoota
garagaraatiin qophaa’anii Raadiyoo Afaan Oromoo sagantaa Dilbata ganamaatiin seenessamaa
turan keessaa kanneen tooftaalee og-barruu ammayyaatti bal’inaan gargaaramuun qophaa’an
armaan gaditti kan tarreeffamaniidha.
A. Utuu Hin Se’iin: Asoosama gabaabaa kana kan barreesse Dhaabaa Wayyeessati. Asoosamni
kun kan hundaa’e jaalalarratti yoo ta’u, ergaa ijoon inni dabarsu seer-malee taayitaatti
fayyadamuu kanneen aadaa godhatan qeequdha. Asoosamni gabaabaan kun seera asoosama
hammayyaatiin kan guutame, jechoota filatamootti kan fayyadame hojii miidhagaa ta’uu
hayyoonni hedduun mirkaneessaniiru. Ijaarsi isaa sababaafi bu’aan walqabatee kan dhihaatedha.
B.Gaaddidduu Farraa: Barreessaan asoosama kanaas Dhaabaa Wayyeessaa yemmuu ta’u bara
1982 Raadiyoo Afaan Oromoo sagantaa Dilbata ganamaatiin seenessamaa ture. Ergaan isaa inni
ijoon namni shira hojachuudhaan nama ajjeesuufi namatti hinaafuun gammadu nama farra
dalagu qofa ta’uu ibsa.
D. Waa Lama Dhabuu: Barreessaan kitaaba kanaa Gaaddisaa Birruu yemmuu ta’u, bara 1982,
Ebla 22 hanga Hagayya 29tti Dilbata kudha sagaliif Sagantaa Raadiyoo Afaan Oromotiin
seenessamaa ture. Yaadni ijoo isaas seeraan ala taayitaatti gargaaramuu kan saaxila baasudha.
Kana malees, namni barate abbaa beekumsaa ta’uu qaba malee dirqama abbaa qabeenyaa
ta’uu akka hinqabne ibsa.Asoosamni kunis akkuma kan Dhaabaa Wayyeessaa haala barreeffama
hog-barruu hammayyaatiin kan qophaa’eedha. Jechoota filatamootti gargaaramuun looga adda
14
addaa walitti dhiheessuun, afoola bal’inaan beekamutti fayyadamuun, asoosamicha miidhagina
goonfachiisera. Bilchinni yaada isaafi qulqullini barreeffama isaa beektota Raadiyoofi xalayaan
yaada kennaniin mirkanaa’eera.
Walumaagalatti bara Mootummaa Dargiitiin dura asoosama gabaabaas ta’ee dheeraan haala
hammayyaatiin maxxanfame yookiin barreeffamee osoo hinmaxxanfamiin hafe akka hinturre
mirkanaa’eera. Bara mootummaa dargiis asoosamni dheeraan tooftaalee hammayyaatiin qophaa’e
hinturre. Asoosamni dheeraan haala hammayyaatiin qophaa’ee maxxanfamuu kan eegale kufaatii
mootummaa Dargiitiin boodadha.
Mootummaan Dargii erga aangoorraa bu’een booda asoosama dheeraan inni jalqabaa bara 1984 tti
maxxanfame Kuusaa Gadoo yemmuu ta’u barreessaan isaa Gaaddisaa Birruuti. Asoosamni kun
tooftaalee og-barruu hammayyaatti kan gargaarame yemmuu ta’u ergaan ijoo isaa haccuuccaa
namoonni mootummaa Dargii keessa aangoorra turan ummata oromoorraan ga’aa turan ibsa.
Kitaabni kun seenaa og-barruu Oromoo keessatti bakka guddaa qaba.Sababni isaas:
15
Dungoo Halkan Sanaa , Fuul-dura-Of-duuba-Fuul-dura, Mooraa Maraattotaa, mata
dureewwan jedhamaniin barruulee adda adda maxxnsiiseera.
Kitaabileen asoosamaa bara 1983 ( A.L.I ) booda maxxanfaman kanneen olitti ibsaman qofaa
miti. Bara 1993 ( A.L.A.) qofa kitaabilee saditu maxxanfaman. Kitaabileen kunniinis :
Kanamalees, Taklee Qinaaxii mata duree Dirmammuu jedhuun bara 1995 ( A.L A) , Bantii
Oliiqaa mata duree Yaadanii jedhuun bara 1998,kitaabileen asoosamaa maxxanfamaniiru.
Kitaabileen asoosama dheeraas ta’ee asoosama gaggabaaboon kana booda maxxansuun gidduutti
dhaabbatee tureera. Kun ammoo dagaaginni asoosama Oromoo haala jalqabameen kan itti
hinfufne ta’uu agarsiisa. Haata’u malee, yeroo ammaa kana hamma tokko lubbuu horataa jira.
Hawaasa bira gahee faayidaa ogbarruun (asoosamni) tokko hawaasaa kennuu qabu kennaa jiraa?
Kan jedhu ammas gaaffii jala jira.
16
5. Booree Booranaa 1993 Abarraa Hambisaa
17
18. Iccima Jaalalaa 2010 Getaachoo Rabbirraa
Itti fufa...
18
- Fuula hedduu qaba
- Seenaa namfakkiiwwanii jalqabaa hanga dhumaatti ibsuu danda’a
- Yoomessa bal’aa keessatti gochaalee raawwataman ibsa.
- Dubbisuuf yeroo dheeraa fudhata
4. Faayidaa Asoosamaa
Faayidaan Asoosamaa hedduudha. Faayidaawwan kanneen keessaa bu’uura ta’an armaan gaditti
dhihaataniiru..
4.1. Miliqqeef (escape): Dhiibbaaa aadaafi barsiifanni adda addaa irra buuse / danbiilee
gara garaa jalaa asoosamatti fayyadamuun miliqa. Aadaa ykn safuu tuqamuu hinqabne/ofiisaafis
cabsuuf kan hinyaalle/ namoonni biroonis yoo tuqan arguu kan hinbarbaanne asoosamatti
fayyadamuun addunyaa gammachuu (kolfaafi qoosaa) keessa burraaqa. Dhiibbaa abbootiin
aangoo sababa adda addaatiin irraan gahanu, kan fuulaan mormuu hindandeenye asoosamatti
fayyadamee morma ykn ibsa.
19
ogbarruun siyaasa biyyatti tokkoo keessatti haala gaariifi badaa ta’een tajaajila qabaachuu
danda’a.
4.5. Odeeffannoo gabaasuf (Reportage): Bu’aa bayii jiruu fi jireenyaa hawaasa
tokkoo akka daawwitiitti mul’isa. Kanaaf, asoosamni calaqqee jiruu fi jireenyaatii jedhama. haqa
hawaasa tokko keessa jiru keessa hamma tokko fudhachuudaan haala jireenya hawaasichaa,
ilaalcha addunyaa tanaaf qabu, qaroominaa fi kan kana fakkaatan akka asoosessaan hubatetti
deebisee kan hawaasichatti mul’isuudha.
4.6. Hubannoo gabbifachuuf (agent of change in language and thought):
Aadaafi seenaa hawaasaa beekuuf, dandeettii afaanii cimsachuuf, akkasumas ilaalcha ofii
bal’ifachuuf gargaara.
20
5. Gosoota/Qooddii Asoosama Dheeraa
Asoosamni dheeraan waan inni ibsuuf kaayyeeffamerratti hundaa’uun gosoota adda addaatti
qoodama.
Asoosama seenaa kan jennu bal’inaan waan aartii kan of keessatti hin qabneedha. Garuu, dhugaa
qabatamaan ta’ee turerratti kan xiyyeeffatuufi akkaataa miira namaa tuqutti kan dhihaatudha.
Kaayyoon isaa bu’aa argamurratti.Asoosamni kun ta’insooota seenaarratti kan hundaa’u yoo
ta’u, asoosamichaaf meeshaa kan ta’u seenaa yeroo darbeeti. Miseensonni asoosama kanaa
kanneen akka, namfakkootaa, haala, waldiddaafi ijaargochaa seenaarraa fudhatamu jechuudha.
Fkn. Akaakuu asoosama seenaatiif fakkeenya gaarii kan ta’u asoosama ‘Yoomii Laata? Jedhu
fudhachuun ni danda’ama. Akkasumas, Asoosama ‘Destoviksy “namni Raashiyaa barreesse
Kan inni baa’yee barbaachisaa ta’u dhageettii namfakkii bifa walitti odeessuutiin yookiin ofitti
odeessutiin uumuufi.
Fkn. Asoosamni dheeraan nama Henery James jedhamuun barreeffame fakkeenya asoosama
saayikooloojiiti.
21
- Asoosamni Kun waa’ee hawaasaa fakkeenyaaf, dhugamuu aadaa, murtii, jaalachuufi
k.k.f hinilaalu. Kaayyoon Asoosama dhalli namaa waan tokko dursee akka
ilaalu taasisuudha.
Fakkeenyaaf dhalli namaa gadaamessaan alatti ‘qodaa /birciqqoo ‘keessatti uumamuu akka
danda’u dursee asoosamaan bahee akka ture hayyoonni nidubbatu.
3. Asoosama Basaasaa (spy fiction) asoosamni kun xiyyeeffannoon isaa wanti dhokate tokko
karaa inni ittiin bahuu danda’uu agarsiisudha. Yakka uumame tokko qotanii baasuu kan
ilaallatuudha. Asoosamni basaastuu kun icciitii biyya tokkoo biyya biraaf ykn diinaf
kennuufi dogoggora namoota angoorra jiranii saaxiluudha. Mootummootni biyya bulchan,
ajajaawwan loltootaa, eegduuwwan nageenyaa/security, dhaabbileen daldalaafi kkf asoosama
kana keessatti akka qooddattootaatti gargaaru
Fakkeenyaaf Kitaaba ‘Agataa Kiristii’ barreessiteen yakki dur raawwate bahuu danda’eera.
Asoosamni kun yeroo baay’ee waan hinjirre akka jirutti dhiheessuun , dinqisiifachuun beekaama.
Kunis,wanta ta’uu hindandeenye garuu nita’a jedhamee amanamu,kan dhiheessu yogguu ta’u,
dhugaan as keessa jiru hawwi dhala namaati. Yeroo baay’ee namoonni kana barreessan akka
amanamammufif jecha gara amantaatti siikfatu.
Asoosama yeroon itti darbee jiruudha. Asoosama seenaan akkaataa xalayaatiin ittiin darbuudha.
Namfakkiin inni tokko isa tokkoof xalayaa yoo barreessu akkasuma inni sunis deebisee
barreessuudhaan asoosama dhihaatudha.
22
- Namfakkii seenessaan /character narrater hinjiru.
- Seenaa /story kan himamu hinjiru
Gosti asoosama kanaa yeroo baay’ee irra keessi isaa jaalala yogguu ta’u hiika dhokataas kan
qabuudha. Yeroo baay’ee jaalalaa namfakkiiwwan lama gidduutti uumamurratti kan xiyyeeffatu
ta’ee, rakkooleefi danqaawwan adda addaa jaalala isaanii diiguu danda’u agarsiisaa deemee
dhumarratti garuu haala nama gammachiisuun kan xumuramuudha. Dhumti asoosama kanaa
yeroo hedduu gammachiisaa (comedy) ta’uutu irra jiraata. Qooddataan giddu galeessaa
(jaalalleewwan lameen keessa tokko ykn lameenii fi kan isaan mormu/antagonist/ injifannoo
qoddataa giddu galeessaa kanaan xumuramuu qaba. Asoosamni Romeo fi Juliet asoosama
jaalalaa ta’ee qabiyyee gaddisiisaan kan xumurameedha.
- Asoosamni kun rakkoolee amma mul’atan kan ilaallatuudha. Kana jechuun waan amma asitti
ta’u. waan darbeefi waan dhufurraa gatii hinqabu
Akka kitaabonni adda addaa kaasanitti asoosamoota barreeffaman keessaa harki sagaltamni gosa
asoosama kanaati.
- Fkn. “The Arrow of God “, fi “ The Beautifull Once Can Not Yet Born “
Asoosamni kun kan garaa nama hurgufu, rukkuttaa onnee kan dhaabachiisu, dhiphuu (suspense)
guddaan kan barraa’uudha. Asoosamni kun yeroo tokko tokko asoosama qalbi rarraasaa
(suspense) jedhamuunis beekama. Asoosama kana keessatti ulfina qabiyyee isaarra, haala inni
ittiin himamutu adda isa godha. Yaa’aan yaadaa isaa finiinatti siquun eegala. Kanaaf asoosamni
dhiphisaa qalbi nama hatuufi rifaasisuun beekama.
23
10.Asoosama sodaachisaa (Horror Fiction)
Sodaachuun amala ilmi namaa uumamaan qabu keessa isa turaalessaafi gad fagoodha.
Asoosamni sodaachisaas yoomessa sodaachisaa keessatti kan raawwatamuudha. Fakkeenyaaf,
mana dukkanaa’aa, bosona gawweenaa kan namniifi manni naannoo sana hinjirre, boolla
jawween itti galu, mana onaa namni keessaa godaane, lafa bofti, raammoon, cilalluun,
buuqqataafi ilbiisonni irra guutan kan lafti irra ejjetan/deeman hinjirrerra osoo deemtee akka
baay’ee si sodaachisu beekamaadha. Yoomessa akkanaarratti asoosamni hojjetamu asoosama
sodaachisa jedhama. Asoosama kana dubbistoonni yoo dubbisan miirri isaanii ni dhiphata,
qaamni ni hollata.
Jechi ‘gothic’ jedhu yeroo adda addaa waan adda addaa bakka bu’aa tureera. Jaarraa 18ffaa
eegalee garuu bara giddugaleessa /medieval/ kan jedhu bakka bu’e. Bara kanas ijaarsota
dudulloomoo, hambaalee duriifi kkf ibsuuf dhaabbate. Jecha kana akka jecha ogbarruutti yeroo
duraaf kan fayyadame namicha Walpole jedhamu kanadha.
Jecha ‘gothic’ jedhu kana jechoota Afaan Oromoo keessaa bakka bu’uu kan danda’u kallattiin
argachuu baannus akka filannootti jecha Caattoo jedhu bakka buufneerra. Caattoo jechuun
sagalee bosona keessaa, mukkeen gurguddaarraa, tulluuwwanirraa, lafa namni hin jiraanne/lafa
onaa/ sagalee dhaga’amuudha. Wantootni kun Sagalee uumamaan dhageessisuu hindandeenye
dhageessisu. Caattoon nama waama, ni haasa’a, ijaan hin mul’atu malee amala namaa qaba.
Beekaadha waan fuulduratti ta’u namootatti hima.
12. Asoosama Amalootaa ( The Novel of Manners) :Asoosama xiyyeeffannaan isaa amala
dhala namaa, duudhaafi barmaatilee hawaasa gosa hawaasaa tokkoo ta’e. Kan waa’ee ykn amala
garee murtaa’oo ibsuurratti xiyyeeffatuudha.
24
13. Asoosama Tikiffattee (Pastoral): Jireenyaafi gochaalee uummata baadiyaa irra
ragaaleefudhatamanii barreeffamaniidha. Fkn. Asoosama Laawuraansi- Rainbow (Sabbata
Waaqaa)
14. Asoosama Dafqaan Bulaa: Kanneen odeeffannoon isaanii jireenya hojjattootaa fi
misneesota hawaasa gadaanaa irraa argamaniidha. Fkn. Asoosama Diikeen- Yeroo Hamtuu-
(Hard Times).
16. Asoosama Yakkaa (Crime fiction): Asoosamni yakkaa akaakuu asoosama dheeraa keessaa
tokko ta’ee kan waa’ee yakka raawwachuu bu’uureffachuun barraa’uudha. Qooddattoonni
asoosama kanaa kan yakka raawwatan, kan yakki irratti raawwatu, namoota yakki akka hin
raawwatamne dhorkan (poolisii, manguddoota, hawaasa bal’aa, mootummaafi kkf) ta’uu
danda’u. Caasaa asoosama kanaa keessatti akka qooddataa giddu galeessaatti nama/namoota
yakka raawwatan keessaayyuu kan nama ajjeesu/ajjeesantu gochoota asoosama kanaa
hedduminaan raawwata. Namootni biroo ammoo yakkamaa kana qabuuf, hidhuuf, ajjeesuuf,
booree/ijaa ba’uuf barbaadu .
7.1. Seenaa
Seenaan miseensota asoosamaa keessaa asoosamaaf isa bu’uuraati. Seenaan asoosama tokkoo
ammoo gaddisiisaa, gammachiisaa, yookiin walmakaa ta’uu danda’a.
Dubbisaan asoosama tokko keessatti” jalqaba maaltu ta’e? “ “itti aanee hoo ?” “sana booda
hoo?” “xumurarratti maaltu ta’e ?” jechaa akka dubbisu taasisa.
Seenaan tokko jalqabee adeemee adeemee bakka nama dhiphisu yookiin fiixa (guutmiira ) irra
gahee hamma xumuramutti seenaa tokkorraa kan biraatti darbaa deema.Kanaafi seenaan hojii
asoosamaa keessatti utubaadha kan jedhamu.
25
Seenaan ta’insoota tartiibaan dhiheessa.Ta’insoota walduraa duuba dhufan tokko lamaan kaasee
buusa. Dubbisaan asoosama tokkoo/ ta’insa garfuuldaraa jiru baruuf gaaffii “sana booda hoo?”
jedhu of gaafachuu qaba.
Jaargochi ijaarsa gochaa kanneen sababaafi bu’aa qabaniiti. Seenessama keessatti ta’insoonniifi
gochoonni akkasumaan walitti hindabalaman. Isa duubaafi isa fuulduraa akkaataa walitti hidhuu
danda’utti dhufa. Kana jechuun inni tokko kan biroof sababa ta’ee seenaan dabalaa deema.
Jaargocha asoosama tokkoo addaan baasanii kaa’uuf qabxileen bu’uura ta’an nijiru.Isaanis:
I.sababaafi bu’aa,
III. yaadachuudha.
I.Sababaafi bu’aa
Jaargocha keessatti sababni bakka olaanaa qaba. Fakkeenyaaf, hima “dhirsi du’ee booda niitinis
gaddarraa kan ka’e duute.” Yoom? Boodarra. Maaliif? Gaddarraa-dhalannoodha. Duuti niitii
daafii du’a dhirsa ishee ta’uun amma baramutti maaliif akka duute hinbeekamu ture.
Ta’insichaafi bu’aa ta’insichaa gidduutti yeroon nijira.Yeroo hunda jaargocha asoosama tokkoo
baruuf gaaffii “maaliif?” jedhu gaafachuu qabna. Akka asoosamaa gaaffii “sana booda hoo?”
jedhu gaafachuu hinqabnu. “Maaliifii” booda sababatu jira.”sana boodahoo? booda seenuma
qofa himuutu jira.
Jaargochi dhalannoo/ sababa qofaa osoo hinta’iin hubannaafi yaadachuu /qalbiitti qabannaa
nibarbaada.
26
II.hubannoo ( qalbi qabeessummaa)
Asoosamni baay’ee qindaa’e ijaargochi isaa baay’ee walqabataadha.inni dhumaa isa duraa, inni
duraa isa dhumaa akkasumas isa giddduu malee hinhubatamu waanta’eef, namni jarjarsuudhaan
dubbisu hinhubatu. Kana jechuun waa’ee isa duraa sirriitti hubachuudhaaf gara isa dhumaarra
taa’anii asii gadi ilaaluutu namatti jiraata. Kanaafuu, yogguu jalqabnu sana wanti nuti fuulduratti
arginu, hiccitiin/ dhoksaan jira jechuudha. Kan nama dinqisiisu dhoksaan kun ammoo kan
argamu tartiiba yeroo dheeraa keessaa akka hubannutti.
Fkn. Niitiin maaliif duute ? kun icitiidha jechuudha. Kan booda hicitii kana beekuudhaaf
qorannoon nigaggeeffama. Dhumarra garuu deebiin isaa gadda ta’a. Icitiin kun ammoo gariin
isaa himameera gariin ammoo hinhimamiin jira. Kanaafuu icitiin jaargocha keessatti baay’ee
barbaachisaa ta’uusaa hubanna jechuudha. Waan kana ammoo hubannaa malee ajaaybsiifachuu
hin dandeenyu.
III. yaadachuu
Fakkeenyaaf, Abbaan manaa erga du’ee booda haati manaa gaddarraa kan ka’e duute. Hima kana
keessatti yoo du’aatii abbaa manaa irraanfatte Haati manaa sababa maaliin akka duute
hinhubattu.Sababa du’aatii haadha manaa sirriitti hubachuuf du’aatii abbaa manaa irraanfachuu
hinqabdu.
27
Asoosaan ta’insoota jaargocha ijaaran siif dhiheessuun akka ati yaadattu sirraa eega.atimmoo
ta’nsoota jalqabe sana tokko isiillee osoo bira hindarbiin bu’aa isaanii akka siif saaxil baasu
eeggachaa dubbista. Haala kanaan asoosihiifi ati walquunnamtu jechuudha.
Walumaagalatti:
- Jaargocha keessatti gaaffii “maaliif? Jedhutu deebi’a. Kunimmoo sababni jiraachuu agarsiisa.
Sababni ammoo jaargocha hubachuuf ijoodha.
- Hubannoodhaan dubbisan malee akkaataa itti jaargochi tokko qindaa’e beekuun dhibsiisaadha.
Seenaa asoosama tokkoo dubbisanii akkas ta’e akkasitti xumurame jechuun nama
hindhibu. Garuu jaargocha asoosama tokkoo hubatanii hamma kana jedhanii himuun
salphaa miti.
Namfakkiin namoota asoosama keessatti maqaan moggaafamee , foon uffatanii amala adda
addaa goonfatanii akkuma nama isa dhugumatti adunyaa kanrra lubbuudhaan jiruu, kan dubbatan
, kan gaddan , kan dhukkubsatan kan rakkatan, kan gammadan, kan nyaatan, kan dhugan, kan
kolfaniifi kan boo’aan ta’anii namoota addunyaa asoosamaati. Kana jechuunis namfakkiiwwan
akka keenya addunyaa dhugaa kana keessatti kan argaman osoo hinta’iin dandeettii argannoofi
arga yaadaa ( imagination ) barreessaan asoosmichaa qabuun kan kalaqaman ykn uumaman
ta’anii jiruufi jireenya namoota bara sanaa keessa dhuguma lubbuudhaan turan yookiin jiranii
kan muul’san fakkaattii namaati.
28
7.3.1 . Namfakkeessuu ( Characterization )
Gochi namfakkiin tokko dalagu ,haasaan afaan isaatii bahu, yaadni namfakkiin sun dhiheessu
martinuu umurii isaa waliin kan deemu , bakkaafi yeroo keessa jiraatu kan calaqqisiisu ,sadarkaa
jireenya isaa kan bu’uureeffateefi haala naannoosaatti mul’atu wajjiin kan walsimatu ta’uu qaba.
Barreessaan yoo ulaagaalee armaan olitti ibsaman hordofee namfakkiiwwan uume dubbistoonni
kitaabichaa namfakkiiwwan sanneeniin dhuguma amala namaa qabu, namoota fakkaatu,
fakkaattii namaati yookiin nama jedhanii fudhatu.
29
Dubbistoonni amantaa kana akka qabaataniif ammoo eenyummaafi sansakaan namfakkiiwwan
ifatti mul’achuun beekamuu qaba. Kana jechuunis namfakkiiwwan kunneen:
I. Amala Turaalessaa
Amala turaalessaa jechuun amala ykn sansaka woggootii baay’eedhaaf nama tokkorratti mul’tu
jechuudha. Amalli turaalessi kunis, amala isaanitiin,gocha isaanitiin yaadaafi fedhii
isaanitiin,dimshaashumatti amala isaanii isa keessoofi isa alaarratti mul’achuu qaba. Barreessaan
amalaafi gocha namfakkiiwwan sababa quubsaafi amansiisaa ta’e malee jijjiiruu hinqabu.
Namfakkiin tokko amalaafi sansaka isaatiin gonkumaa kan mudaa hinqabne ta’ee kalaqmuu ykn
uumamuu hinqabu . Sababni isaas :
- (a) Namni inni dhuguma addunyaa dhugaa kana keessa jiraatu amala tokko qofa
hinqabu .sansakaan isaas gosa tokko qofaa miti. Kana jechuun isaa sansakaan nama
tokkoo ciminas dadhabinas kan qabu ta’ee amala walmakaatu irratti mul’ata. Gochaafi
amala isaa keessatti gaarummaanis gadhummaanis ni’argama.
30
- (b) Walitti dhufeenyi namoota gidduutti mul’atus namni tokko isa tokkoof garaa laafaa isa
birootti garaa jabaachuu danda’a. Isa tokko gargaaree isa tokko dhiisuu danda’a. isa
tokkoof bareedduu kan taate isa biroof jibbisiistuu ta’uu dandeessi.
Namni addunyaa dhugaa keessa akkuma kophaa isaa jiraachuu hindandeenye namoonni
asoosama keessatti argamanis, sababoota adda addaatiin walitti dhufu. Walitti dhufeenyi gidduu
isaaniitti mul’atu kunis,gaarii yookiin gadhee ta’uu danda’a. Walumaagalatti walitti dhufeenya
gosa addaatu gidduu isaaniitti mul’ata. Fakkeenyaaf,firaafi diina,barsiisaafi barataa,
obboleessaafi obboleettii …Seenaan asoosamaas babal’achaa itti fufaa kan deemu,sababa walitti
dhufeenyaarraa kan ka’eedha.
IV. Sababa
- Sareen waa malee hinduttu Mammaaksi kun gochi dalagamu tokko Mucaan
waa malee hinboossu sababa qabaachuu ibsa
31
7.3.2. Akaakuu Namfakkii
1). Kan jireenyi isaanii kalattii garagaraatiin kalaqame ta’ee amala walxaxaa kan qabaniidha.
2). Kan bu’aa ba’ii jireenyaa walxaxaa ta’een takaalaman ta’anii kaayyoo isaanii galmaan
ga’achuudhaaf yogguu tattaafatan gufuu/ rakkinni hedduun kan isaan muudatuudha.
3). Waa’ee ilma namaa, waa’ee jireenyaa, waa’ee uumamaa kan xiinxalan, kan raagaan ta’anii
bifa jireenyaa adda addaa wajjiin walquunnamtii kan qabaniifi haala salphaa ta’een eenyummaafi
maalummaa isaanii baruun kan hin danda’amneedha.
4). Haala / ta’iinsa keessa seenaniifi hariiroo/ namfakkii kanneen biro wajjiin qabanirratti
hundaa’anii yaadasaanitiin, ilaalchasaanitiin dimshaashumatti gocha isaanitiin amala adda addaa
kan calaqqisiisaniidha.
5). Kan akka fixeensa barii yeroo muraasaaf mul’atanii battalumaan kan badan miti. Kana
jechuunis boqonnaalee adda addaa seenaan asoosamichaa itti seeneffame keessaa
namfakkiiwwan marsaan boqonnalee hedduu keessatti nimul’atu.
Gochi namfakkiiwwan kunneen hojjatanis ta’ee haalli isaan keessa seenan yeroo dheeraaf tura.
Asoosama keessatti seenaan seeneffamu irra caalaan isaa jireenya namfakkii marsaa waliin
walqabata. Namfakkiiwwan seenaa asoosamaa keessatti boqonnalee hedduu keessatti argaman
kunneen namfakkii olaanaa, kootamaa jedhamuunis niwaamamu. Akkas jechuun namfakkii
kootamaafi marsaan yeroo hundaa walgitu jechuu miti.
Namfakkii marsaan yeroo hundaa namfakkii kootamaa ta’uu nidanda’a. Namfakkii kootamaan
garuu yeroo hundaa namfakkii marsaa ta’ee argamuu dhiisuu nidanda’a. Kana jechuunis,
32
namfakkii kootamni asoosama keessatti argamu seenaa asoosamichaa irratti boqonnaalee hedduu
keessatti kan argamu ta’ee akkaataan uumama isaa namfakkii diriiraa ta’uu nidanda’a.
Namfakkiiwwan kunniin jireenyi isaanii kallattii garagaraatiin kan kalaqame miti. Bataluma
seenicha keessatti hirmaachuu eegalaniin eenyummaafi amalli isaanii barama. Haala salphaan
yaadatamu, amala murtaa’aa irra deddeebi’amee mul’atu tokko qabu. Haala yookiin ta’insa adda
addaa keessa yoo seenanis hinjijjiiraman. Jireenyi isaanii walxaxaa kan hintaane yeroo hedduu
amala beekamaa tokko yookiin lama kan qaban ta’anii maalummaafi eenyummaan isaanii hima
tokkoon ibsamuu kan danda’amuudha.
Namfakkiiwwan diriiraan yeroo hundaa wanti isaan qabatanii dhihaatan dhimma qeenxee
tokkorratti kan xiyyeeffatu waanta’eef dubbistoota hinajaayibsiisu ,dhimmichis kan irra
deddeebi’amee mul’atu waan ta’eef kan nama nuffisiisu ta’a. Kanaafuu yogguu namfakkiin kun
seenicha keessatti hirmaachuu eegalu dubbistoonni “ muu ! “ itti ka’e immoo !” akka jedhan
taasisa, malee hawwiidhaan qalbii isaanii rarraasee amma immoo maal fida laata? Kan jechisiisu
miti. Fedhiifi kaayyoon namfakkii kanaa yoo bakka ga’eefis, yoo gufates dhimma dubbisaa miti.
Namfakkiiwwan kunniin yeroo hedduu kan kalaqaman namfakkiiwwan kootamaa ibsuufidha.
7. 4. Yoomessa
Yoomeessi bakkaafi yeroo seenaan asoosama tokkoo itti raawwatuudha. Kana jechuunis,
bakkaafi yeroo namfakkiiwwan keessa jiraataniidha. Akkasumas jireenya naannoo qooddattootaa
wajjiin wantoota walqabatan taatewwan bakka sanatti mul’atan hunda of keessatti hammata.
Bakki seenaan asoosama tokkoo itti raawwatame naannoo magaalaa yoo ta’e magaalicha
keessatti kan mul’atan kanneen akka teessuma lafaa, manneen barnootaa, mana jireenyaa,
waajjiraalee adda addaa, bakka bashananaa, meeshaalee namoonni itti fayyadaman daandiifi kkf
ofkeessatti hammata.
Yeroon ammo baraafi yeroo namfakkiiwwan asoosama tokkoo itti kalaqamanirratti hundaa’ee
seenaan hawaasichaa, bifni siyaasaa,sadarkaan diinagdee, akkaataan jireenya hawaasummaa,
godaansa ummataa, balaa uumamaa, waraana, aadaa hawaasaa, akkaataa uffannaa, haala
qilleensaa, galgala, aduu, roobaafi kkf. ofkeessatti hammata.
33
Wantoonniifi dameewwan yoomessa keessatti hamataman kanneen keessaa filannoo
asoosaarratti hundaa’uun , asoosama keessatti hammatamu. Kanaaf filannoo asoosaa kaayyoo
isaatu isa daangessa malee seerri biraa hin jiru. Fakkeenyaaf safuu tokko kabachiisuu yoo
barbaaade bakka safuun itti kabajamu yookiin itti cabe kaasuun hubachiisa.
Keessumaayyuu birkiiwwan yoomessaa keessaa filachuuf wantoonni murteessaan, seenaa
asoosichi seenessu barbaadeefi jireenya hawaasummaa agarsiisuu fedhe yookiin dhaamsa inni
dabarsuu barbaadedha. Asoosaan tokko yemmuu seenaa asoosama isaa kurfeessu, jireenya
hawaasaa ibsuu barbaadefi jireenya hawaassummaa agarsiisuu fedhe yookiin dhaaamsa dabarsuu
fedhe yeroo murteeffatu yoomeessa asoosamichaas ni murteessa. Kanaafuu
yoomessi ,namfakkiiwwan seenaafi dhaamsa asoosamaarraa adda hinbahu.
7.4.1. Faayidaafi Tooftaalee Dhiheessa Yoomeessaa
Seenaan asoosama tokkoo eessatti akka dalagame namfakkiiwwan asoosama keessatti argaman
eessa akka jiraatan yookiin seenaan isaanii eessatti jalqabamee eessatti akka xummurame
agarsiisuun asoosamichi dhugummaa akka qabaatu taasisa. Akkaataan haasa’aa aadaan uffannaa
dimshaashumatti haaalli jiruufi jireenyaa, namfakkiiwwanii, asxaa bakka keessa jiraataniifi
yeroo itti jiraatanii waliin kan walsimate ta’ee yoo kalaqame namfakkiiwwan yoomessa waliin
walitti dhufeenya cimaa qabaatu.
Barreessitoonni asoosama barreessan tokkoof yoomessi isaan filatan bakka ofii isaaniif sirriitti
beekaan ta’a. Sababni isaas waa’ee bakka ofii hin beekne tokkoo haasa’uun mudaa waan
qaabaatuuf. Kunis yaadawwan waliin dhahamaniif haalawwan dogoggorsiisaa ta’an uumuurra
darbee ogummaa ogbarruu fiduu danda’a. Kanaafuu asoosaan bakka ofii sirriitti beeku yoo filate
rakkina tokko malee haala teessuma lafa isaa aadaa naannoo sanaa , jiruufi jireenya hawaasa
naannoo keessa jiraatuu ibsuu danda’a.
1 ) Bakka seenaan asoosama tokkoo itti raawwatame himuudhaaf mala barreessitoonni itti
fayyadaman bakka lamatti qooduu dandeenya.
- a) Barreessitoonni tokko tokko bakka seenaan asoosama tokkoo itti raawwatame
kallattiidhaan kan himan yoo ta’u,
- b) kanneen biroon ammo karaa alkallattiidhaan asxaa, mallattoo wantoota naannoo
sanaatti mul’atan, hojjataman agarsiisudhaan ibsan .
Ibsi yoomessaa bakkuma ibsuuf qofaaf kan oolu osoo hintaane haala yoomessa sanaarratti
hundaa’ee jireenya namfakkiiwwanii ibsuufis nifayyada. Eenyummaan namfakkiiwwan
34
yoomessa sana keessa jiraataniifi maalummaan gocha ta’ee ija sammuutiin akka ilaallu nutaasisa.
Kanaafuu gochi, fedhiin, yaadni, hawwiin maalummaafi eenyummaan namfakkiiwwanii
yoomessa keessa jiraatan sanarraa hubatama.
2 ) Birkiin yoomessaa inni biroon yeroo yommuu ta’u, yeroon seenaan asoosamaa itti
raawwatamu bakka saditti qoodama.
I) Inni duraa bara seenaa namfakkiiwwan asoosamicha keessatti argamanii itti jiraatan ,bara
seenaan asoosamichaa itti dalagameefi jireenya hawaasa asoosamichaan ibsameefi itti
mul’atuudha.
II) Inni lammaffaan ammo waqtilee seenaan asoosamichaaa itti dalagameefi namfakkiiwwan
keessa jiraataniidha.
III) Inni sadaffaan guyyaa ,halkan ,sa’aatii ( waaree duraafi waaree booda ) , ganama, galgala,
gochawwan seenichaa itti dalagaman hunda hammata.
Kanneen sadan keessaa barri seenawaa ni ulfaata. Sababni isaas bara beekuu yookiin
odeeffannoo waa’ee bara asoosamni sun keessa raawwataman beekuu barbaachisa.
Gosoota yeroon ittiin ibsaman keessaa karaa alkallattii ta’een ibsamee dubbistoota adda baasuun
kan rakkisu bara seenawaadha. Akkas jechuun garuu barri seenawaa tasumaa baramuu
hindanda’u jechuu miti.
Bara seenawaa adda baasanii baruuf tooftaalee adda addaa armaan gaditti fayyadamuun
barbaachisaadha.
Barreeffamicha keessatti jireenya hawaasa ibsame bara isa kam keessatti kan dalagame
yookiin dalagamuu danda’uu ta’uu qalbeeffachuu
Namfakkiiwwan asoosamicha keessatti argaman
a) ilaalchaafi yaada isaan calaqisiisan
b) meeshaalee isaan itti fayyadaman
c) akkaataa uffannaa isaanii
d) Haala jiruufi jireenya isaanii xiinxaluun namoota bara kamii akka ta’an adda baasuudha.
35
Waldiddaan wal’aansoo humnoota faallaa ta’an lama gidduutti adeemsifamu ta’ee jargoocha
asoosama tokko keessatti kan argamuudha. Addunyaa dhugaa keessatti namoonni, bineensonnii
fi k.k.fn fedhiisaanii guuttachuuf, galma ga’uuf, kaayyoo saanii fiixaan baafachuuf yeroo
waldhaanan, walarrabsanii fi walrukutan argina. Yaadni kun hojii asoosamaa keessattis
dhugaadha. Namfakkoonni fedhiisaanii, kaayyoo isaanii guuttachuuf yoo deeman gufuun isaan
mudata. Gufuun kunis nama, sammuusaa, haalota kan biroofi k.k.f ta’uu danda’u. yeroo kana
waldiddaan uumama jechuudha.
Gosoota waldiddaa ilaalchisee hayyoonni akkaataa gara garaan qoodanii jiru. Isaanis , Amaaree.
(1986:43) gosoota waldiddaa yoo kaa’u, namni uumaa waliin waldida; nama waliin waldida;
hawaasa waliin waldida; naannoo waliin waldida; ofi’isaa waliin waldida jechuun qooda.
Melakneh (1990:69) immoo ,namni namaan, nannoon, humnoota alaan, umamaan , hawaasaanii
fi ofii isan waldida jechuun bakka ja’atti qooda. Edumand . (2005). gosoota walididdaa afuritti
hira. Candy. dred) 1981:704) waldiddaa iddoo gurgudaa lamatti qooda. Isaanis: waldiddaa ala
namaafi nama gidduu, hawaasa, hiree(fate) fi inni lammaffaan immoo namaa fi sammuusaa
giduutti waldiddaa raawatudha.
Walumaa galatti qoodiinsaa waldiddaa ilaalchisee yaadni hayyootaan kaa’ame garaagara ta’us
tokkummaa ni qabu. kanaafuu qoodiinsa kenname bu’uura gadhachudhaan waldiddaa iddoo
gurguddaa lamatti qoodna.
Waldiddaa alaa jechuun qabsoo humnoota alaa faallaa ta’an waliin namfakkiin raawwatudha.
Gosti waldiddaa kun dameewwan xixiqqoo of jalaa qabu. Isaanis:
Waldiddaan kun gosa walididda alaa ta’ee garaagarummaa ilaalchaa amantaa, kaayyoo, ejjennoo
yookiin eenyummaa namfakkoonni qabanirraa madda. Gosti waldiddaa kun gosa waldiddaa isa
baay’ee beekamaa ta’ee namfakkiin tokko namfakkii biroo waliin yaadaan, fedhiidhaan
kaayyoon ga’a /hingeessu jechuun, waldhaansoo qaamaa taasisuufi k.k.f kan mul’atuudha.
36
Walumaa galatti namfakkiin kootamni tokko kaayyoosaa galmaan ga’uuf osoo tattaafatuu
namfakkiin masaanuun tokko kaayyoo sana gufachiisuuf yoo deemu waldiddaa namaafi nama
gidduutti raawwate jedhama.
Gosti waldiddaa kun yeroo baay’ee ta’uu baatus darbee darbee nimul’ata. Namfakkiin uumama
lafarraa fkn, namoota yeroo jibbu, humnoota uumamaa to’annoo namaan ol ta’an waliin
walmorma; uumama waliin wal’aansoo walqabata. Uumamaan loluuf ofirraa
faccisuuf ,baqachuuf adeemsa godhu keessatti wantoota hedduu keessa seena. Kiyyoowwan
hedduu keessa seena. Yaada kanarraa namfakkiin tokko uumama waaqaa kana faallessuu ykn
gocha uumaa humnasaan ol ta’aniin waldiduu akka danda’u hubanna. Haala kanaan walitti
bu’iinsi godhamu waldiddaa namaafi uumamaa gidduutti ta’uudha.
Waldiddaan kun hojii ogbarruu keessatti kan mul’atu ta’ee yeroo namfakkiin tokko hawaasa
waliin waldhaansoo taasisu kan uumamuudha. Kunis, yeroo namni tokko aadaa, duudhaa, garee
hawaasa tokkoon mormuudha. Gareen namoota aadaa, duudhaa ilaalchaa fi amantii walfakkaatu
qabaatanii , namfakkiin tokko qofaasaa isaan faallessuun yoo waldide, akkasumas,
namfakkoonni waan haara’a ta’e qabatanii yeroo deeman waan durii achi osoo isaan
hintarkaanfachiisiin fuuldura dhaabbata. Waan durii sana namfakkoonni kutanii ce’uuf tole
jedhee fudhachuu dhiisuun wal’aansoon ni uumama. Hawaasnis, waan durii san bukkee
dhaabbachuudhaan waan haaraa san mormii balaaleffannaa, jibbinsa isaa agarsiisa.
Walumaagalatti namfakkiin tokko bifa kanaan hawaasa waliin waldhaansoo yoo taasisu
waldiddaa namaa fi hawaasa gidduutu uumama jechuudha.
Walididdaan kunis hojii ogbarruu keessatti ni argama. waldiddaan namfakkii fi hiree gidduu
wal’aansoo namfakkkiin tokko carraa hamaa isa mudatu waliin tasisuudha. Kanarraa kan
hubannu, hiree hamaa keessaa ba’uun kan baay’ee ulfaatu ta’ee namfakkiin tokko keessaa
ba’uuf yaalii yoo godhu kan uumamudha . Fakkeenyaaf, namni tokko kaayyoo cimaa galmaan
ga’achuuf deemu tokko osoo hin xumuriin carraan dhukkuubaa isaa mudata; yeroo kana carraa
37
isa mudate kanatti aaruu eegala . waldiddaa hireefi namfakkii kan jedhamus isuma kana
jechuudha.
Waldiddaan kun hojii ogbarruu keessatti yeroo namfakkiin yaadota faallaa lama sammuusaa
keessaa qabaatu kan uumamudha. Yeroo kana sammuunsaa dhageetti lama keessummeessaa
waan jiruuf waldiddaan sammuusaa keessatti uumama. Namfakkiin tokko kaayyolee
barbaachisoo ta’an lama sammuusaa keessatti yaadee kamtu akka dursu wallaalee yeroo
dhiphatu argina.
Walumaagalatti waldiddaan keessaa kan namfakkiin tokko sammuusaa keessatti taasisu yoota’u,
sammuusaa keessatti yaadonni fallaan ilaalchonni , jaalachuufi jibbuu, fedhii’ sodaafi
gootummaan Waldhaansoo yoo taasisan kan uumamudha . Namfakkiin tokko yaadota
sammuusaa keessatti waldidan sanneen keessaa kanatti ykn sanattin gora osoo jedhuu ejjennoo
tokkorra ga’uuf yoo dhiphatu waldiddaan uumamu waldiddaa keessaa jedhama.
waldiddaan keessaas akkuma isa alaa gosoota garaagaraa qaba. isaanis akka hayyuun
xiinsammuu Margon, [1996:300) ibsutti, waldiddaa faayidaa-faayidaa (approach –approach
conflict) , miidhaa-miidhaa (avoidance-avoidance conflict), faayidaa –miidhaa (approach –
avoidanceconflict ) fi waldiddaa faayida baay’ee –miidhaa baay’ee (multiple approach-
avoidance conflict) jechuun iddoo afuritti qooda:
38
Waldiddaan kun gosoota waldidaa keessaa isa tokko ta’ee , yeroo namfakkiin wantoota faayidaa
qaban lama keessaa tokko raawwachuuf murteessuu dadhabee sammusaa waliin qabsoo taasisu
kan uumamudha. Margon . (1996:300) yaada kan yooibsu, ‘’ Approch- approach conflict is
aconflict between two positive goals, that are equally attractive at same time’’. yaada kanarraa
kan hubannu, namfakkiin tokko kaayyoo lama sammuusaa keessatti yeroo walfakkaataatti
yaadee isa kam akka galmaan ga’u murteessuu dadhabee yoo dhiphatu gosti waldidaa keessaa
faayiddaa- faayidaa jedhamu uumamuusaati.
Waldiddaan kun gosoota waldidda keessaa kanneen biro caalaa salphaatti furmaata argachuu
danda’a . Innis fknf. namni tokko beela’ee nyaata barbaada; yeruma sanatti rafuus barbaada yoo
ta’e dursee nyaata nyaachuun furmaata argachuu danda’a jechuudha .
Gosa waldiddaa kana keessattimmoo waldiddaan jiru faallaa isa jalqaabaati. Innis namfakkiin
tokko wantoota miidhaa fidan lama keessaa tokkotti goruuf dhiphata, kana ilaalchisee Margon
(1996:301). yoo ibsu ‘’Avoidance -avoidance conflict involves two negative goals and it is
fairly common experience’’.yaada kanarraa kan hubannu yeroo namfakkiin tokko wanta
dirqamaan midhamuu qabu lama sammuusa keessatti dhiphatu waldiddaa uumanamu ta’uu saati.
Gosti waldiddaa kanaas furmaataa argachuu danda’a. Innis, namfakkichi miidhaa salphaa ta’een
midhamuuf yeroo murteessudha.
Waldiddaan akkasii yeroo namfakkiin tokko waan faayidaa qabu raawwachuuf yaadee miidhaan
inni qabus sammuusaa keessatti dhaga’amu kan uumamudha. Kana ilaalchisee;
Approach avoidance conflict is often most difficult to resolve . Because in this type of
conflict aperson is both attracted and repelled by the same goal object. Because of the
positive valence of the goal, the person approaches it but as it is approached the negative
becomes stronger. If at some point during the approaches to the goal, its repellent aspects
become stronger than its positive aspects the person will stop before reachings the goal.
Because the goal is not reached the individual is frustrated ( Margon, 1996:302) .
39
Akka yaada olii kanatti gosti waldiddaa kun yeroo namfakkiin waan faayidaa qabu tokko
raawwachuuf deemu miidhaansaammoo cimaa deemuun sammuu nam fakkiichaa keessatti
dhiphina uumammudha. Gosti waldiddaa kanaa furmaata argachuuf baay’ee ulfaata. Sababni
isaas, namni tokko kaayyoo qabu `tokko galmaan ga’uuf yoo yaadu kaayyoonsaa sun faayidaa
qofa osoo hin taane miidhaas waan qabuuf osoo kaayyoosaa galmaan hinga’iin hafuu danda’a
jechuudha. Gaarummasaa cinaan miidhaansaas jabaachaa deema, yeroo kana waan goonu
wallallee sammuu keessatti dhiphanna.
Walumaagalatti namfakkiin tokko waan baay’ee isa hawwate raawwachuuf jedhee sammuusaa
keessatti miidhaa wantichi qabu yaadee yoo dhiphate, yoo sodaateef raawwadhu moo dhisu?
jedhee yoo yaadda’e waldiddaa faayid- miidhaatu uumame jedhama
Waldiddaan kun immoo yeroo namfakkiin tokko waan faayidaa baay’ee qabu yaadee miidhaa
faayidaa sana duukaa jirus yaaduun dhiphatu kan uumamudha. Margon (1996:303).gosa
waldiddaa kana yoo ibsu “ in multiple appraach-avoidance conflict several gools with negative
and positive are involved ” jedha.
Yaada olii kana irraa kan hubannu namfakkiin tokko faayidaa hedduu argachuuf miidhaa hedduu
keessa galuun dirqama waan itti ta’uuf gara itti goru wallaalee yoo sammuunsaa dhiphatu
waldiddaan keessaa uumamu waldiddaa faayidaa baay’ee miidhaa baay’ee ta’uusaati. fkn,
dubartiin tokko heeruma barbaaddi yoo ta’e, faayidaalee heerumaa , (nama jaallatte waliin
jiraachuu, of danda’uu fi k,k,f) yaaddi. Gama tokkoon immoo miidhaa saa (dhiphuu yeroo
da’umsaa, barumsa dhiisuu, daa’ima guddisusufi k,k,f) yaaddi. yeroo kana sammuun namattii
yaada bu’aa baay’ee qabuu fi miidhama bay’ee tu’uumame jechuu dha
40
namfakkoota irratti mullataniidha. Sadarkaalee kanas Zarihun (1992:173), Rozakis,(1997:198)
yoo qoodan, ka’umsa waldhabbii (exposition), olka’iinsa (complication) , fiixee gubbarra ga’uu
(climax) fi furmaata (resolution) jechuun qoodu. Asoosama keessatti sadarkaaleen kun walduraa
duubaan galuun asoosamichi miidhaginaafi qalbii rarraasuu akka goonfatuuf gargaaru.
Walumaa galatti ka’umsi waldiddaa bakka sababni namfakkoota walitti buusu itti uumamu yoo
ta’u, sababni kun addunyaa dhugaa keessatti kan beekamuufi itti amanamu ta’uu qaba. Yoo kana
hin ta’in asoosamni sun dubbistoota biratti fudhatama argachuu dhiisuu danda’a.
Sadarkaan kun ka’umsa waldiddaatti aanee kan dhufuudha. As keessatti waldiddaan walgitee
deemuudhaan, humnoota faallaa gidduutti waldiddaan uumamu bal’achaa, waldhabbii kan biroo
dhalaa. waldiddaa biroo dabalachaa gara fuulduraatti deema jechuudha.
Namfakkoota gidduutti waldiddaan uumame itti caalaa fi jabaachaa deemee sadarkaa olaanaa fi
dhumarra yoo ga’u fiixee waldiddaa jedhama. Sadarkaa kana keessatti namfakkoonni humnoota
isaan morman mo’uuf ykn mo’amuuf yeroo carraaqan argamu. Sadarkaan kun dubbistoota
qalbiirarraasa. Sababnisaas namfakkiin tokko furmaata argachuuf Sadarkaa dhumaarra waan
ga’uuf nimoo’amoo? Nimo’ama? Kan jedhu qalbii dubbistootaa rarraasa jechuudha. Wal
morkiin humnoota lamaan gidduu jiru itti caalaa hammaachaa fi cimaa deemee fiixeerra yeroo
ga’u ni ho’a. Fiixee gubbaarra ga’uu waldiddaa kan jedhamus isuma kana.
Waldiddaan furmaata argate kan jedhamu, humnoonni wal mormaa turan wal fixanii,
walmorkatanii, mo’anii ykn mo’amanii yeroo itti sadarkaa dhumaarra ga’aniidha.Waldiddaan
41
hammaate laafaa, kan hidhame hiikamaa, kan cufame banamaa deemuudhaan waldhabbiichi
furmaata goolabaa fi bu’aa tokko argata.
Waldhabbiin yoo furmaata argatu namfakkootarratti mallatooleen garaa garaa nimul’atu. Innis,
jijjiirama yoo ta’u, jijjiiramni kun akkaataa seenaa asoosamichaa, akkaataa eenyumaa
namfakkootaa, akkaataa namfakkoonni sunniin jireenya ibsuuf namfakkeeffaman irraatti
hundaa’uun jijjiiramooni akka ilaalchaa, dhaabbi/ ejjennoo, amalaa fi k,k,fn dhumarratti ni
raawwatu ; yeroo kana waldiddaan furmata argate jedhama.
Uumama waldiddaa kan jedhamu haala waldiddan tokko hojii ogbarruu tokko keessatti uumamu
jechuudha. Barreessaan tokko waldiddaa yoo uumu bifa dubbistoota biratti amanamuun ta’uu
qaba. Dubbistoonni namfakkii kootama ykn amala namfakkichaa kan jaallatan kan deeggeranii
fi jireenya namfakkiichaa jireenyasaanii waliin walitti fidanii ilaalan yoo ta’an dhuma
namfakkichaa arguuf sardamu keessattuu namafakkii kootamni waan barbaade akka hin arganne
raakkoofi kiyyoo isa muudatan jalaa akkamiin /mala kamiin ba’a? tarkaanfii akkamii fudhata?
Kan jedhu onnee dubbistootaa raasa.
Gamabiraan immoo waldiddaan tokko fudhatama akka argatuuf asoosaan humnoota wal marman
wal gichisiisuu qaba. Walgitni kun umurii, kaayyoo, fedhii namfakkootaa fi k.k.f ta’uu danda’a.
Asoosama keessatti wal diddaan haala kanaan wal hingitne taanaan dubbistoonni waan ta’uuf
deemu salphaatti tilmaamuu waan danda’aniif seenichi qalbii isaan hin rararraasu. Waldiddichi
seenicha sochoosuu fi lubbuu akka horatu gochuuf ga’aa kan ta’u humnoonni wal morman
walgituun qabsoo taasisan keessatti kufanii yoo ka’an mo’adhe, naaf milkaa’e osoo jedhanii
abdatanii rakkoo kan biraan isaan mudatee isa keessaa ba’uuf immoo yeroo tattafatan yoo
argamee fi wal morkichi cimee dhumasaarraatti jijjiiramni tokko yoo raawwatedha.
42
7.5.5. Barbaachisummaa Waldidaa
Dubbistoonni yeroo jaargochi asoosama tokko walqabatee deemu waan ta’aa deemu
dinqisiifachaa, namfakkiin ta’insa isa mudatuuf akkamiin furmaata akka argatu yaadaa dubbisu.
Dubbistoonni baay’ee immoo dhumarratti waan ta’uuf deemu tilmaamuu jalqabu.
Ijji kalattii barreessaan seenaa asoosama sanaa ittiin dhiheessudha. Kallattii seenaan asoosama
tokkoo itti seeneffamu kan ilaallatuudha.
1) Ija nama waa hunda beekuu 2) Ija nama waa hunda beekuu murtaa’aa
Gosti ijaa kun kan ramaddii sadaffaan ( isaan, ishee, isa ) akkas godhan , goote,jechuun kan
seeneffamuudha. As keessatti asoosaan seenaa asoosama tokko keessatti seeneffamu hunda
beeka.
. Bakka hundattiyeroo kamiyyuu gocha dalagameefi dalagamuuf yaadame hunda seenessuu danda’a
43
Seenessaan yaada mataa ofii kennuuf ceepha’uuf, amantiifi falaasama mataasaa odeessuuf carraa
bal’aa qaba.
Seenessaan ija kanaa gocha namfakkiiwwan hojjatan, firii akkamii akka argamsiise,
walquunnamtii namfakkiiwwan gidduutti mul’atu hunda dubbistootatti waan himuuf
dubbistoonni odeeffannoo barbaachisaa ta’e hunda argatu.
Gosti ijaa kunis ramaddii 3ffaa kan seeneffamu ta’ee seenessaan fedhii yaadaafi ilaalcha
qooddattootaa hunda guutumaaguututti hinbeeku yoo beekeyyuu waa’ee gocha seenicha
keessatti dalagamus ta’ee waa’ee namfakkiiwwanii beekumsi seenessaan qabu murtaadha.
Akkasumas, ilaalcha, amantaafi falaasama mataasaatii odeessuuf carraan inni qabu
murtaawaadha.
Seenessaan kun namfakkii kootamaa bu’uura taasifatee odeessa. Kana jechuunis, seenessaan
namfakkii kootamaa dawoo godhatee gochawwan seenicha keessatti dalagaman akkaataa
ilaalchaafi hubannoo namfakkii kanaatiin dhiheessa. Kanaafuu wanta namfakkii kootamaan kun
beekuun alatti gocha seeneffamu himuu hindanda’u.
- Dubbistootaafi namfakkii walitti dhiheessa. Kana jechuunis, gaheen seenessaa murtaa’aa waan
ta’eef eenyummaa namfakkiiwwanii guutumaaguututti waan hinbeekneef dubbistoonni
maalummaa namfakkiiwwanii akka hubatan taasisa
Gosa ijaa kana keessatti seenessaan ani akkanan dalage., ani akkanan jedhe, jaaladhe, abaluufi
abalu waljaalatan , wallolan jechuun seenessa
Namichi ‘ani’ jedhee wanta ofii dalage, wanta isarra gahe,gocha namoonni biro hojjatan
seenessu kunhaala seenaa asoosamichaafi filannoo barreessichaarratti hundaa’ee namfakkii
kootamaa( main character) ykn namfakkii xiqqaa (minor character ) ta’uu danda’a.
Namfakkiin seenaa asoosamichaa dhiheessu kun gocha ofiisaatii raawwate ykn kan
namfakkiiwwan biro raawwatan , haala namfakkiiwwan biro keessatti argaman hordofee kan
seenessu seenaa sana keessatti kan hinhirmaanne ta’uu danda’a.
- Seenaan haala kanaan seeneffamu ilaalcha barreessaatiif bakka hinkennu kana jechuunis
barreessaan ilaalcha hiika jireenyaaf qabu gidduu gidduutti odeessuu hindanda’u.
- Seenessaan ani akkanan godhe akkanan ture jedhee seenicha seenessu sun waan tokko
tokko hoo’isee, gurra guddisee seenessuu danda’a.
- Seenaessaan gochawwan bakka namfakkii seenessaan sun itti argamu qofa seenessa waan
ta’eef murtaa’ina qaba.
4. Ija akdiraamaa (dramatic point of view)
45
Gosti ijaa kun irra caalaa asoosama hammayyaa keessatti muul’ata. Kunis faallaa ija nama waa
hunda beekaati. Kana jechuun gosa ijaa kana keessatti eenyummaafi maalummaan, yaadaafi
fedhiin namfakkiiwwanii namatu namatti hima osoo hinta’iin dubbistootatu gocha isaan
dalaganiifi haasaa afaan isaanitii bahu hubatee xiinxala.
Gosa ija kanaa keessatti seenessaan gochawwan namfakkiiwwan dalagan irratti yaada
mataasaatii kennuu hindanda’u. Gaheen seenessaa ija kanaa wanta fuullee fuuletti mul’atu
yookiin gocha namfakkiiwwan ifaa ifatti dalagan qofa ilaalcha mataasaanii osoo itti hindabaliin
akkuma jirutti dhiheessa.
Gochi asoosamicha keessatti ta’eefi haalli namfakkiiwwan keessa jiraatan akka waan Diraamaa
yookiin Dooyii waltajjiirratti ilaalamuu ta’ee dubbistootaaf dhihaata.
Bu’aa ak-diraamaa
Seenessaan osoo ilaalcha mataasaa itti hindabaliin gochaalee namfakkiiwwanii akka jiranitti
dhiheessuu isaati. Kun ammoo dubbistoonni gochaafi haasaa namfakkiiwwaniirraa maalummaa ,
amalaafi eenyummaa isaanii akka xiinxalan taasisa. Namfakkiiwwaniifi dubbistoota walitti dhiheessa .
Mudaa ak-diraamaa
Seenessaan gidduu gidduutti haalawwan tokko tokkorratti ibsa kennuu hindanda’u. kanaafuu
dubbistoonni muuxannoo gahaa hinqabne seenaa sana akka salphaatti hubachuu dhiisuu danda’u.
Seenaa asoosama tokkoo dhiheessuuf gosti ijaa mijaawadha jedhamee itti amanamu seenaa
asoosama biroof mijaawaa ta’uu dhiisuu danda’a. kunis, kan isa tokkoof ta’u isa biroof hinta’u
jechuudha.
Barreessaan filannoo isaa yemmuu adeemsisu of eegannoo cimaa waan godhuuf rakkinni
hedduun hinmul’atu.
46
B ) kaayyoo gooroo bakkaan gahuuf karoorfate.
Barreessitoonni tokko tokko barreeffama isaanii keessatti gosa ija tokkoo qofa kan fayyadaman
yoo ta’u, kanneen biro ammoo gosa ijaa lama fayyadamu. Jarreen kun asoosama tokko keessatti
boqonnaalee argaman keessaa hamma tokko gosa ijaa tokkoon yoo seenessan boqonnaalee hafan
ammoo gosa ija birootiin seenessu. Kanneen gosa ija lamaan seenessan yaadni isaan dhiheessan
barreessaan tokko gosa ijaa tokkotti gargaaramaa turee yemmuu kan birootti jijjiiru sababa
amansiisaa ta’e qabaachuu qaba.
Gosa ijaa tokkotti gargaaramaa turanii kan biro jijjiiruun bu’aa yookiin dhiibbaa seenaa
asoosamichaarraan gahu waan qabuuf of eeggannoon hojjatamuu qaba. Yoo kun ta’uu baate
walta’iinsaafi tokkummaa asoosamichaa diiguu danda’a.
Dhaamsi ergaa dimshaashaa kan asoosaan namoota dubbisaniif dabarsuudha. Kana jechuun
kaayyoo asoosaati jechuun ni danda’ama.
Asoosamni hundi ergaa ifaa ifatti qabaachuu hin danda’u. sababni isaas ergaa asoosamaa namni
kan hiikatu, hubannoo, muuxannoo, beekumsa duraan qaban hundaa’uun hiiku. Namni hundi
gargar waan ta’eef ergaa asoosamaa kallattii adda addaan hubachuu danda’a.
47
seenaa, jaargochaa, ta’insa,namfakkiiwwanii,keessa seenuudhaan yaada asoosichaa kan
agarsiisudha.
Ergaa asoosama tokkoo addatti baasanii kana jechuun rakkisaadha. Sababni isaas ergaa
dimshaashaa hojii asoosama tokkoo bira gahuuf sakatta’iinsa gadi fagoo ta’e, wantoota
walxaxaa ta’an hedduu diiguu waan barbaachisuufi. Akkasumas, asoosamichaan ala bahuun
wantoota addunyaa dhugaa nannoo keessatti argamaniin walqabsiisuun barbaachisaadha.
Walumaagalatti asoosama keessatti wantoota dhihaatan irraa waa’ee ergaa asoosama tokkoo
argachuun nidanda’ama. Fakkeenyaaf, gaafilee seenicha keessatti maaltu dhihaate ? gama
siyaasaa, gama diinagdee, loogummaafi k.k.f
8. Malawwan Barruu
48
Jechootaa sammuu namaa keessatti suuraa kaasanitti dhimma bahuudha. Asoosonni namfakkoota
beekamoo ta’an keessumattuu namfakkoota olaanaa niaddeessu -qaama isaanii jechuudha.
fakkeenyaaf Godaannisa (1992:2 ) irratti haala asoosichi Taliilee qaama ishee addeesse ilaali.
Yoo isheen gara kootti garagartu ijji keenya walirra bu’e ijawwan gurguddoo akka
bakkalcha barii ifan!...naannoon isaanii akka isa kuulamee gurraacha’eera. Garuu
baay’ee ilaaluuf carraa hinarganne. Daftee deebifte akkuma ta’etti of jajjabeesseen
altokko fuula ishee ilaale. Funyaan qalloo qimixxee hidhiiwwan hahaphiin afaan
dhiphoo walitti qabaniiru…tuullaa rifeensaa daddabaa gad bu’ee yeroo qoleesheerra
jaf jedhu bifa ishee goraa diimate fakkaatu waliin walgargaaranii sinboo bareedaa
uumu !
Haala kanaan namfakkoota qaama isaanii isa alaatiin addeessuun namni dubbisu waa’ee
namfakkichaa suuraa tokko sammuu isaatti qabatee akka deemuuf isa gargaara. Kanamalees,
asoosaan tokko namfakkoota isaa dhaabbii, akkaataa uffannaa, dhageettii isaanitiin
addeessuu nidanda’a. Naannoo irratti xiyyeeffates akka isaan calaqqisiisan gochuu
nidanda’a. kun ammoo asoosamicha qabatamaa taasisa. Karaa biraammoo hojii asoosamaa
tokko keessatti asoosaan bakkeewwan gochootaafi meeshaalee addeessuu nidanda’a.
8.2. Duub-deebii/Yaadachiisa (flash back) Duubatti deebi’uun gocha darbe mul’isuuf kan
dhufuudha. Asoosama gabaabaa keessatti seenaa namfakkiiwwanii gabaabinaan gabaabinaan
ibsuuf gargaara. Faayidaan isaa hundee seenaa namfakkiiwwaniifi waldiddaa cimsuudha.
Waan garfuulduraatti asoosamicha keessatti dhufu tokko jalqaba agarsiisuu . karaa biraammoo
waa’ee isa dhumaarra jiru jalqaba waa jechuudha. Faayidaan isaa akkaataafi karaa jaargochi
ittiin adeemu agarsiisuuf kunis waa’ee waldiddaafi qooddattootaa waan garfuulduraatti isaan
muudatu dursee himuun yaada dubbistootaa rarraasuuf tajaajila.
8.4.1. Waliin haasaan - haasa’a dhimma tokkorratti namoonni lama waliin dubbatani.
Faayidaan isaa miirri namfakkiiwwanii fedhiifi ilaalcha isaanii hubachuuf gargaara. Kunis
walquunnamtii qooddattoota gidduu jiru, dhimma irratti marii laatan, ilaalcha waliif qaban,
49
eenyummaa isaaniifi haala keessatti argaman waan ibsuuf seenaan asoosamichaa fuulduratti akka
tarkaanfatuuf gargaara. Miidhagina kenna.
8.4.2. Ofiin haasaan - ammoo waa’ee dhimma tokkoorratti mataa ofii wajjiin
dudubbachuudha. Faayidaan isaas yaada sammuu dubbisaa keessa naanna’u, icitii keessa isaa ifa
baasuuf gargaara. Akkasumas yeroo namfakkiin jireenya keessa ture duubatti deebi’ee yaadu
haala inni keessa ture hubanna.
Dubbiin qoolaa mala jechoota sammuu namaa keessatt fakkaattii uumuu danda’anitti
fayyadamuun waan ibsuun barbaadame tokko caalatti ifa taasisuuti. Kunis, wanta ibsamu
hoo’iseefi lubbuu itti horee akka arga yaadatiin waan sana hubachuun danda’amutti ergaa
dabarsuuf kan fayyaduudha.
1. Akkasaa (similie)
Akkasaa jechuun jechoota ‘fakkaata’fi ‘akka’ jedhanitti fayyadamuun waan lama walbira qabee
madaaludha. Wantoonni walbira qabaman adda adda ta’anii garaagarummaa isaaniirra
tokkummaan isaanii kan ittiin calaqqisiifamaniidha. Fakkeenyaaf,
Kanarra baay’annaa
50
2) Bakka buusa (iddeessaa)/metaphor)
Dubbiin qoolaa kunis akkuma isa jalqabaatti wantoota lamawaliin madaalaa kan ibsu ta’ee
guutumaa guututti amala waan tokkoo isa birootiin bakka buusuun waa’ee isa tokkoo ifa
taasisuuf kan fayyaduudha.
. Tolaan booyyeedha.
Sagaleen nu korrisaa
3) Nameessa (personification)
wanta amala namaa hinqabne amala namaa gonfachiisuudhaan yaada dabarsuun barbaadame
ibsuun nameessa jedhama. Nameessutti yogguu fayyadamnu lafti, mukti, bineensi, beeyladniifi
kkf akka namaa ta’u; nihaasa’u; wallolu; yaada dhiheessu; wanta namni hojjatu hojjatu; gocha
adda addaa raawwatu gocha isaanii kanaanis ergaan darba. Fkn.
51
Hongeen ija baasetu dhufe.
Kumnis elmamu kan koo qiraacitti jette adurreen.
Lafti dheeboteera.
Dukkanni isaa ija baasee nama ilaala
Gurra guddisuun dhugaa jiru tokko hoo’isanii hanga wanti sun ga’urraa olkaasuun ija
sammuutiin akka ilaallamuu danda’utti dhiheessudha. Fkn.
Habalaka jechuun dimshaashumatti yoo ilaallame haala dhalli namaa keessatti of arguudha.
Karaabiraammoo, habalakni akkaataa dubbii wanti jedhamuu barbaadame kallattiin osoo
hintaane jechoota faallaan ibsuudha. Kanaafuu habalakni : habalaka dubbiifi habalaka
amalaa/haala jedhamuun qoodama.
Habalakni dubbii – akkaataa dubbii wanti jedhamuu barbaadame faallaa jechoota ittiin
jedhameeti. Fkn.
Habalaka amalaa (situational Irony )- Wanta ta’uu hawwan ,barbaadan ,fedhan ta’uu dhabanii
wanta ta’uu hinfeene jibban keessatti of arguu jechuudha.
52
Kanamalees, habalakni ak-diraama jedhamu nijira. Gosni habalaka kanaa namfakkiin asoosama
tokkoo wanta isarratti hojjatameeru osoo hinbeekiin akka isarratti hinhojjatamne ta’ee yoo
dhihaate , garuu namni asoosamicha dubbisu ammoo yoo kan beeku ta’e habalaka ak-diraamaa
jedhama.
Yaada ibsuun barbaadame tokko wanta faallaa walii ta’e lamaan ibsuudha. Garaagarummaa
wantoota faallaa ta’an sanaatiinis dhaamsi dabarsuun barbaadame sun ifatti baha.
Keessi tatarsa’ee
Of keessatti dhiigaa
7. Anyaarsee/Qishina (sataire)
Amala badaa hawaasa keessatti mul’atu ittiin ceepha’uuf kan tajaajiluudha. Kunis, dogoggora
miseensi hawaasaa qabu tokko ittiin sirreessuuf kan gargaaru, haara’uufi sirraa’uu amala
gadheeti. Fkn. Aadaa liqimsame, seera dabe,safuu hawaasa keessatti dagatame ifa baasuuf
hawaasicha ciiga.
Fkn.…yoo dubbatanis seera hinqaban. Safuu hinqaban, sagaleen isaanii adaba hinqabu.
Nihalaaku, akka itti dhufe dubbatu.Ni sirbu ni weeddisu.qaanin hinjiru.Dhaabaa (1992:121)
53
Olkaa’an malee olkaataan hinfuudhaan.
Atee keessatti barreessaan/ dubbataan waan nama hintaanetti akka namaatti itti haasa’a/dubbata.
Nama hinjirre/ du’ettillee akka waan bira jiruutti itti dubbachuudha.
9. Alleegoorii (aligory)
Gosa dubbii qoolaa seenessama hiika ifaafi dhokataa ta’e qabu ibsuuf gargaarudha. Waa’ee
seenaa tokkoo kan himan fakkeessanii waa’ee seenaa (ergaa) dhokataa tokkoo himuu jechuudha.
Aleegooriin bakka lamatti qoodamuu danda’a. Isaanis: aleegoorii siyaasaa fi haamilee ( political
& moral aligory) ti. Allleegooriin siyaasaa siyaasa gadhee kan hawaasa keessa jiru ittiin
mormaniidha. Aliigooriin haamilee ammoo kuufaatilee kabajaa, haamilee, safuufi kkf agarsiisuuf
kan barreeffamuudha.
54
nama hinrakkisu. Fakkeenyaaf,adaan birraa- jaalala, dubaree, miidhagina bakka bu’a; gugiin –
nageenya bakka buuti; biiftuun /aduun bahuun: jijjiirraa,waan haara’a deebi’anii dhalachuu
bakka bu’a.
Asoosaan wanti amma jiru ifa akka ta’uuf hogbarruu kan biroorraa wanta fudhatame, kitaabilee
hafuuraarraa kan fudhatame akkasumas,seenaarraa kan fudhatame waliin walqabsiisee
barreessuu kan ilaallatuudha. Kana hiikuuf waan seenaa keessatti ta’e tokko yoo beekne malee
rakkisaadha.
Fkn1.kitaaba qulqulluu keessatti‘Raaheel waa’ee ijoolleeshee baay’ee boosse.” Er.31:15, Lu. 2:3
55
Jilba nu gahe jedhee
9. QEEQA ASOOSAMAA
YAA’A YAADAA (PLOT)- Yaa’a yaadaa kan jedhamu qindaa’ina ta’iinsota seenessoo tokko
keessatti argamaniiti. Yaa’aan yaadaa seenessoo yeroo hedduu walduraa duuba gochoota
raawwatamanii irratti hundaa’uun dhiyaata. Dubbisaan asoosama xiinxaluuf deemu tokkos dursa
ta’iinsota seenessicha keessatti dhiyaatan haala duraa duuba isaatiin hubachuu qaba. Kunis
jalqaba maaltu ta’e? Itti aansee hoo? Ammas itti aansee hoo? Xumurri hoo maal ture? kan jedhu
akka nama biraaf himuu danda’utti hubachuu qaba. Kana booda yaa’aa yaadaa irratti hundaa’uun
gaaffiiwwan itti aanan deebisuuf yaaluu dha.
56
Asoosamichi waa’ee maalii seenessa? Ta’iinsonni gurguddoon seenessichaa maal fa’i?
Akkamiin walitti hidhatan?
Ta’iinsonni seenessichaa haala duraa duubaatiin qindaa’an moo haala biraatiini?
Tokkummaa qabuu?
Ta’iinsota seenessoo kanaa keessatti, ta’iinsa/ raawwi kamtu saaxila ta’uu mala?
Tarkaanfii olka’iinsaa hoo?
Yaa’a yaadaa seenessichaa keessatti waldiddaa akkamiitu jira? Gosoota waldidda baratte
keessa barbaaduun baasuudha.
Finiinni seenessoo maal ture? Bakka kam kamitti uumame?
Waldiddaan seenessoo keessa ture furameera? Haala kamiin?
Xumurri seenessoo maal fakkaata? Gammachiisaamoo gaddisiisa? k.k.f.
YOOMESSA – yoomessi bakkaafi yeroo seenessoon tokko keessatti dalagame kan nutti
agarsiisuudha. Qabxii kana gubbaa dhaabbattee yemmuu asoosama xiinxaltu gaaffilee itti aanaan
deebisuu yaalta.
57
Qooddattoonni giddugaleessiif dureen waarra aanteef ilaalcha akkamii qabu? Warri
aanteen hoo isaaniif?
Qooddattoota rakkoo akkamiitu isaan mudate? Haala kamiin? Keessaa bahuuf yaalii
akkamii taasisu? Milkaaniiruu? Maaliif?
Sochiiwwan qooddattoonni taasisan walitti qabaatti waa’ee diinagdee, siyaasaafi
hawaasummaa maal agarsiisu?
Qooddattoonni haala kamiin qoodni kennameef? , Himuun, agarsiisuun moo kan
birootiin? K.k.f
SUURESSA- Malleen barreessaan suuraa ta’iinsota seenessoo keessa jiranii sammuu keenya
keessatti uumuuf taasisuudha.
Barreessaan suuraa seenessoo isaa sammuu keenya keessatti kaasuuf yaalii akkamii
godhe? Mala kamitti fayyadame? Haala kamiin?
Jechootni ykn gaaleewwan ykn himootni itti fayyadamee suuraa kaase maal fakkaatu?
Ga’aadhaa?
Suuraan barreessichi sammuu keenya keessatti kaase gammachiisaa moo gaddisiisaa?
Ergaa seenesichaa hangam takka tumsa? K.k.f
AKBARRUU - Akkaataa barruu barreessaan itti fayyadame kan agarsiisuu dha. Kunis barruu
salphaa, xaxamaa, filannoo jechoota, ijaarsa himootaa, seerluga afaanichaa, dubbii qoolaafi k.k.k
fa’a hammata. Qabxiiwwan kunis seenessoo keessatti maal fakkaatu jennee ilalla jechuudha.
58
- Faayidaan inni hawaasaaf qabu maali? Rakkoolee hawaasa keessatti mul’atan akka
furaman taasisa moo beekumsa haaraya babal’isa? kanneen jidhanirratti xiyyeeffata
Kanamalees, tooftaan barreessuu asoosichi itti fayyadame kan isaatimoo kan namoota birooti?
Walumaagalatti, qeequun dogoggora barbaaduu miti.Garuu karaa dogoggora isaa itti himaniidha.
Ciminas karaa itti agarsiisaniidha.
1) Mata dureen isaa maal akeeka ? Barreessitoonni tokko tokko ergaa waliigala hojii saanii
mataduree hojichaan kaa’uu barbaadu. Haata’u malee hayyoonni hog-barruu haala kana ni
mormu.Sababni isaas,mata durichi ergaa hojichaa erga agarsiisee maaliif dubbisuun barbaachisa?
gaaffii jedhu kaasa.
59
- walitti bu’iinsicha kan cimse maali? , - firiin isaa hoo ?
7) Ergaa olaanaan maali? Ergichi barbaachisaadhaa? Walitti hidhaminsi yoomessi ergaa faana
qabu maalfakkaata?
11) Seenicha keessatti waa’ee waan darbee isa ammaafi fuulduraa maaltu ibsame?
EenyummaaAsoosessaa
Asoosessaan aadaa, haqaa, safuufi afaan hawaasa barasana jiraatu keessatti mul’atu asoosama
eessatti nutti agarsiisa. Akkama beekamu asoosamni fedhii, aadaa fi beekumsa dhalli namaa
irratti xiyyeeffatu ibsuuf nu ajaajila. Barreessaanis kanuma,bu’uureffachuudhan waan arreessuuf
dubbistoonnis waan dhiyaaturratti of-sirreessuu, of-qeequu fi of- bashanansiiuu ni danda’u.
Barreessaan ykn asoosessaan egaa: nama hawaasaafi yeroo hawaasichi keessa jiraatu sirriitti kan
beeku ta’uu qaba. Kana jechuun:
60
2. Hawaasichi keessa jiraatu, sochii uummata yeroo sanii fi kkf.beekuun
3. Yoo uummanni gadde wajjin kan gadduu fi yoo hawaasni gammade kan wajjiin gammadu
ta’uu.
4. Nama dandeettii afaaniifi seera afaan ittiin barreessu sana sirriitti hubatu ta’uu mala.
5. Filannoo jechootaa, qindoomina barreeffamaa fi miidhagina afaaniif bakka guddaa kennuu.
6. Yaada ifa ta’e,haqaafi miira namaatti kan dhaga’amufi dubbistoota qirqiduu kan danda’u
gochuuf afaan inni itti fayyadamu murteessaadha.
7. Nama kalaquu ykn sammuusaa cuunfee waa uumuu danda’u ta’uu qaba.
9. Haqniifi asoosamni yoomiyyuu yoo ta’e garaagarummaa niqabu. Haqni haala qabatamaa
keessatti mul’ata. Asoosamni garuu, kan barreessaan sammuusaa cuunfee, miidhagsee,
malleen dubbiifi afaanitti fayyadamee kan kalaquudha.
11. Barreeffama isaan kan hacuuccaa balaalleffatu; kan garbuummaan mormuu kkf. Mee ati
immoo kan biroo itti dabaluu dandeessaa?
12. Nama cimee hojjachuu danda’u; sammuusaa cuunfee muuxannoosaafi waan hawaasa keessa
jiruun wal simsiisee waa uumuu danda’u; kan naamusa gaarii qabuufi nama ofiin-of-
sisi’eessu ta’uu mala.
13. Barreessaan dubbisaa ta’uu mala; waan barreessu maraafuu waan dubbisuu qabuuf.
14. Asoosessaan nama adeemsa fi teeknika (ogummaa) barreessuu beekuu ta’uu mala.
15. Barreessitoonni waan isaanitti tolu kan barreessaniidha- seenaa dhugaas ta’e seenaa uumame.
17. Nama muuxannoo qabu; nama waa isa mudate ta’uu mala.
61
kanneen gadii shaakaluun barbaachisaa ta’uu gorsa.
3. Sirriitti yaaduufi hubachuun bu’aa qaba (write thinking will be rewarded) Fknf. Haati kee
shaayii danfisti, ati immoo, teessee wajjin odeessita. Kana sammuutti qabattee irraa
deebi’uun addeessuu,
4. Barreessuu shaakaluu dhiisuuf sababa hin qabaatin; barreessi (force yourself to write)- ofii
keetiin of ajaji. Bakka hundaatti waan agarteefi dhageesse mara barreeffamaan ibsi.
5. Ganama yemmuu irribaa kaatu, osoo homaa hindalagin waan sammuutti si dhufu
daqiiqaa shaniif barreessi.
7. Istaayilii (adeemsa ittiin barreessitu kan ofii kee) hin tuffatin. Kanumatti fayyadamuun
walaloo, faarfannaa, dorgaa-dorgee( dialogue ), dhugaa/haqa, asoosamaa fi kkf. Barreessi.
8. Akka nama waan gaarii dalagaa jiruutti of galateeffadhu (of-jaji) (sincerest flattery) -
kitaaba tokko sheelfii irraa kaasii keeyyata tokko galagalchi- osoo barreessaa jirtuu mee
jechoota barreessaa jirtu hubadhu-of hin tuffatin – waan gochaa jirturraa waa barattaa.
9. Argannoo kiyya arguu feetaa? (You want see my invention?)Yemmuu teessuu-seenaa tokko
keessa gochaalee jiran yaadaan walitti suphi.Waa’ee namfakkootaa, yoomessaa, bu’aa ba’ii
jiruufi jireenyaafi kkf.yaadadhu.Asirra dhaabbadhuu gara fuula duraatti barreeffama keessatti
maal fooyyeessuu akka qabdu xiinxali.
10. Barreessuun kaayyoodha (It’s a goal ). Yemmuu barreessitu kaayyoo qabaachun dirqama.
62
Guyyaa-guyyaatti, torbanitti hagam akka barreessitu fi yoom jalqabdee yoom akka xumurtu
irratti of madaalu qabda.
7. Dogoggora isaanii kan fudhataniif maammiltoota isaan qeeqan ykn dogoggora isaanii
isaanitti sodaa malee himaniif kabaja guddaa warra qabaniidha (humility and gratitude)...
7. Kanneen barreeffamoota isaaniirratti yoo yaanni biroo dhiyaateef yaadicha fudhatanii of-
sirreessaniidha.
63